Oduu Haaraya

Bilbila mobila yommu charge goonu fayyadamuun rakkoo maali fida?

Gorsa Tibbanaa, mobilli osoo nu hin beekin gara boonbiitti jijjiramuun balaa qaqqabsiisti.
Marsaale hawaasumma fi sabqunnamti gubbati yeroo heddu akeekachiisa cimaa balaa mobila fayyadamu yeroo charge godhaniin namarra gahu argitaniirtu ta’a,balaawwan kannin keesaa lubbuun darbu,qaama namaa hira’achu,madaahu fi qabeenyi barbaada’udha.dhimma jedhame kanaan wal qabatee ibsa bal’a akka itti aanutti isiniif dhihaata.

Bilbilli mobila meeshaale electroniksi yeroodha yerotti foyya’a fi hammaya’a jiran keessa isa ijoo tokko. Meeshaale mobilli of keessa qabu keessaa battiriin(battery) ijoo fi murteessadha mobiloonni baayeen isaani iphone fi Samsung dabalate batteri(battery) lithium ion jedhamu fayyadamu. Gama biraatin mobili tokko yeroo ommishamu batteriin isaan malu yookin mobila saniif jedhamee batterinis ni oommishama kanaafu batterii yommu bitannu originaala fi batterii mobilli jalqaba yeroo kubbaniyadha baatutiin wal fakaachu qaba. Gama biraatiin Chargerinis originaala ta’u fi kan kubbaniyaan mobila ommishe ajaju(recommend) tahu qaba sababni isaa yeroo heddu charjeeri(charger) gatiin isaa xiqqa tahe binna kun ammo rakko qaba chargerooni gatiin xiqqa kessattu kan biyya china tti ummishaman rakko qabu. Rakkoowwan charger kannini shiboon isaani uwwifama ittiso(insulation) gahaa hin qabu
Kun ammo akka humna ibsaatiin balaan nurra gahu godha(electric shok) akkasuma qamni electroniksi charjerrawwan kannini akka mobila silaa charge godhu saniin wal hin simatu kana jechuun anniisaa kuufamaa(Voltage) humnaa ol kan mobilaf kennu qabu(5V) caalu mobillati dabarsu ni mala. Ibsi teeknika akka arman olii yommu tahu walumaa galatti dhohiinsa batteri mobila yeroo charge goone itti fayyadamaa jirru dhooha ilaalchi jedhu dogongora. Dhohinsi kun kan uummaamuun sababa charger fi batteri kubbaniyaan nu ajaju(recommend) fi batterii originaala fayyadamu dhabuudhaani. Kanaafu qabxiile armaan gadi sirriti hubadhaa
1.battery originaala qofa fayyadamaa
2.charger originaala qofa fayyadamaa
3.battery fi charger shiboon ciccite walitti suphame akka hin fayyadamne
4.mobila charge yommuu gootan uffataan hin marinaa,bakka ciisicha irraa yoo xiqqaate metira tokko fageessaa
5.harki keesan jiidhinsa bishaani yoo qabaate mobila akka hin tuqne sababni bishaan ibsaa(electrik) ni dabarsa waan taheef
6.mobila charge irra keettani itti hin fayyadaminaa
Rakkoo kanaaf yeroo baayee kan saaxilamu warroota mobila battery awwalame(embedded) kan akka iphone fayyadamuudha. Kanaafu Gorsa kana warrooni bilbila battery awwaalame(embedded) tahe kan akka iphone fayyadamtan hojii irra oolchu qabdan

Check Also

kuusa afaan oromoo

Jechoota Koompitaraa Afaan Oromootti kan hiikame..

Abduljabbaar MohammedFölj 11 november 2017 Jechoota Koompitaraa Afaan Oromootti kan hiikame– warrii koompitar qabdan ykn …