Oduu Haaraya

Bu’uura Qabsoo Oromoo Haaraa

Dargaggoon Oromoo, bu’uuraa qabsoo gurguddoota qofatt hin dangahamne, kan guutummaatt ummati qooda keessatt fudhatu uumteettii. Bulula waan taheef gufuu karaatt itt dhufu hunda liqimsuu dandaha. Baroota Oromoon guutummaatt gadi qabaa halagaa jala oolanii, mirga waan jedhamu hunda mulqaman, nammi mooraa koloneeffataa keessaa bahe afaanumaaf illee “maaloo hilaafii” jedhe hin turre. Hacuuccaa daangaa hin qabne keessaa gara itt bahan yoo dhabanitt, dargaggoon saanii jaatamoota keessa kahan karaa saaqanii, bilisoomuun akka dandahamu abdachiisan. Sana fiixaan baasuuf sagantaa malbulchaa baafatanii, utuu Republik Oromiyaa demokratoftuu walaba hin dhaabin akka duubatt hin deebine irbuu seenanii. Yeroo kana argan, Itophiyaanoti golee hundaa tuffii fi arrabsoon itt bobbahani. Hardhas isaan keessaa dhugaa qabu, badiin ummaticha irratt addan tolfamaa jiraa, imaammata keenya sirreeffannee furmaata waaraa haa soqnu kan jedhan hin jiran. Waa’ee tokkummaa hedduu hodeessuu, garuu tokkumichi gidduu saaniitt malee qabeen saa Itophiyamitoota hin dabalatu. Isaan keessaa nammi tokko, barataan Walalliny Mokonin jedhamu, jaatamootaa keessa waa’ee mirga sabi hiree ofii ofiin murteeffachuu barreesuu saaf hardhallee abaaranii jiruu.

Gaaffii sabichi abbaa biyyummaaf qabu gara dabarsuuf ummatooti Itophiyaa hundi rakkina waan qabaniif miiddhaan Oromoo irra gahe waan addaa miti, qabsoo gitaan irra haanama jedhan. Dargaggoon Oromoo kanaan sobaman lola saanii loluufiitt duudanii turanii. Boda ganamanii rukutamanii. Kan irraa hafan hangi tokko, jara gaaffii saani bilisummaa fi walabummaatt cichanitt dabalamanii jiru. Kanneen jalqaban keessaa qabsoo itt fufuu, dhiibbaa hin beekamneen danqamanii kan harca’an haajiraatan malee, kan qabsoo walabummaati dabalamaa jiraan kumaa fi kitila. Halagaan hardhas galtuu hawwachuun hiriirsuuf itt fufuu yaala jira. Garuu hanga kan aggaamamef harka hin gahin duubatt deebi’uun hin jiru. Dargaggoo angafoota saanii dabarsanii fi eenyummaa saaniitt caalaa boonantu as bahaa jiru. Gaaffichi gaaffii Wayyaaneen ukkaamsuu dandeessu utuu hin tahin, jireenyuma seetiifuu ni sodaachisa. Hirreen ummataa akka ulee Agaaziin hin dachane beektii; kanaaf qabsichi iseef miixuu isa dhumaa fi bala’amaa tahuutt fudhattee wacca’aa jirti.

Warraaqxoti Oromoo Demokratik Republik Oromiyaa keessatt, ulfina fi mirga namoomaa Oromiyoo nambiyyaa tahan hundaaf akka dhugoomu kakuu seenan. Akkasumas mirgi ilmaan nama bakkallee biyya itt kabajamu malee akka Empayera Itophiyaa kan itt ukkaafamuu fi salphifamu akka hin taane abbooliin qabsichatt jaarmaa ijaaran, iggitii seeraa itt tolchaniiru. Oromiyaan mirgoota kana kabachiifachuuf eenyu irraayyuu hayyama haa tahuu yaada hin eeggattu. Mirgi sabootaa hiree ofii ofiin murteeffachuu mirga uumaa malee kan nammi nama badhaasu akka hin taane dargaggoon hubachiisaa jirtii. Sabootii fi sabwooti itt firoomuu barbaadan kana fudhachuu qabu. Oromiyaan biyya of dandeesse malee lata eenyuu miti. Seenaan, halagaa ofitt fudhatee seera ofiin walqixummaan bulchuu malee nama ofirraa dhiibuuttt hin beekamu. Oromoo biratt nama hafee, uumaa kamu tuquun seeraa ala, safuu dhas.

Kanneen sana beekaa Oromiyoo wal dhabsiisuuf fullisan jiru. Kana ofirraa faccisuun dirqama Oromiyoo, dhalootaan Oromoo tahanii fi Oromoomitii nambiyyaa tahan hundaati. Kun seera ofii kabachiisuuf malee eenyuu sodaatamee miti. Oromoo biratt kan seeraan hin bulle hundi walqixxee itt gaafatama. Oromoon akka ummata walaba tokkoott eenyummaan saa fi Oromiyaa irratt abbaa biyyummaan saa beekamuu baannaan jiraachuun maljecha akka hin qabne murteeffateera. Yartuu fi gantuun gad qabamanii, jireenya demokraatawaa akaakilee saanii mulqamaa lamuu hin jiraatanii. Kutannoo kana sirinyaatt fudhatanii kan of sirreessuu eegalan jiru. Kun injifannoo ilmaan Oromootii.

Gurguddoon Itophiya tokko tokko waliin jiroo ofii of duuba hiriirsuu jedhanii, biyyoota yeroo Empayera diriirfatan of jala galchan, ammayyuu “qabeenya handhuuraa keessaniiti” jedhanii abbooliin saanii kan itt buufan irra deebi’aa jiru. Kanaaf qabsoo kolonooti eenyummaa saanii kabajchiifachuuf godhan, “qabsoo eenymmaan biyyi hin uumamu” jedhanii gadoodu. Kun eenyummaan wallaalchifne se’an gad bahuun akka rifachiise agarsiisa. Oromoon Oromummaa mirkaneeffachuu caalaa kan lolatuuf hin jiru. Oromummaa jechuun walitt qabaa, lafa, seenaa, afaan, aadaa, namooma, fi qabeenya saanii jechuu dha. Kanneeniif kan hin lolannee maaliif akka lolatu eegama laata? Akka eenyummaan Oromoo Oromiyaan uumamtu, eenyummaan Itophiyaas, Itophiyaan uumamti. Eenyummaa Oromoo macalaqsitee Itophiyaa uumamuu feetu garuu, Oromoon fudhataniis hin beekanii hin fudhatanis. Kolonoti hidhaa kutataniiru. Oromoo “damboobaan”, si’achi isaan gargaaree Oromoo hidhatt oofuf dandeettii qabu hin jiru sun Goobanaan raawwate.

Amma bu’uurri qabsicha isa qabaa jalqabaa irraa jijjiiramuu agarsiisa. Mamiin tokkummaa Oromoo Badii gidduutt dhalachuutt kahe, dargaggoon Oromoo salleesitee, jabaa akka sibiilaa tahu mirkaneessiteettii. Oromoon waanti qabsaawaniif tokkicha tahu, abbaa biyyummaa fi mirga badde kan hiree ofii ofiin murteeffachuu hanga walabummaatt , deebisanii gonfachuu tahuu gad jebeessuun ifaa tolchiteettii. Dargaggoon Oromoo waa’ee walabummaa malee waa’ee “fottoquu” hodeesitee hin beektu, maal jechuu akka tahes hin qayyabatu. Balleessaa salphisaa Obbo Goobana Daaccii sirreessuuf malee deebisanii qooda saa taphachuuf miti. Sun isaafuu hin tolle, ni galaafateen.

Halagaan qabsaawota Oromoo haala 1998 fakkaatuun “karisootaa” fi “dambooboo” jedhani gargar hiraa jiru. Isa Oromoon sabboona fi galtuu jedhu tahuu saati. Yeros qabsaawoti Oromoo wal gidduutt sana otoo hin hubatin malbeekoo halagaa irraa dhagahame. Isaan taheera jennaan tahe. Hin turree ni babanka’anii. Kanaaf utuu hin tuffatin, harka halagaa karaa galtuun dhufuu dandahu, ofirraa ittisuuf qophaawuu dha. Oromoon, kan of irratt eeggatu Wayyaanee qofa kan jedhaniifis gurra qeensuu miti. Kan mirga Oromoon walaboomuuf qabuun mormanis nammi Oromoo hundi lagachuu qaba. Hanga hoggansi qabsoo Oromoo waloon gadi bahee imaammata hariiroo halagaa waliin ummatichi qabaatu ifsutt eenyuu yaada Oromoo walii galaa akka bakka hin buune beekuu qaba. Kanneen olhantummaa Itophiyaa deebisanii diriirsuu barbaadan yoo hin tahin, ummatooti cunqurfamoo hundi, biyya ofii akka itt cunqursaa jalaa baasaniif yaadda’uu qabu. Sanaaf itt gaafatammi sadarkaa jalqabaa kan ofiitii. Hundu gara saatiin tattaafannaan naannaa nagaa, walqixxummaa, jaalalaa fi gammachuun itt dagaagu uumuun hin dhibu.

Itophiyummaa dirqiin ummatoota irratt fe’ame hardhas kan keessa deebi’uu yaadan, yoo buukumsan ni dhagahamu. Oromoon bara dheeraaf madda angoo roorrisaa fi duubatt harkiftuu tahee tajaajilaa ture. Amma garuu Oromoo harki caalaan aangoo saanii bilisummaa ofii argamsiisuuf oolchuutt dacha’aniiru. Kan hafte yoo jiraatte, isee daagii waan taatuuf, ba’aa malee halagaaf humna hin taatuu. Kanaaf Oromoon akka bu’uura qabsoo malbulchaa haaraa baafate beekamuu qaba. Itophiyaan akka walqixxeett malee akka cunqursaa fi cunqurfamaatt walitt dhihaachuun ni hafe. Mootummaan aangoo irra jiru meeshaa inni hin tuullanne hin jiru. Garuu sun aangoo ummata kutatee hin dabsatu. Sich ummatoota godinicha akka Afrikaanotati, ollaa gaarii tahanii nagaa fi araaraan itt jiraatan mijjeesuutu baasaa. Hariiroo Oromoo waliin qaban akkuma duriitt deebisuu yaalu taanaan ummata ofii irratt balaa buusuu dandaha. Oromiyaa deebsnee yaabbanna jedhanii waan hin dandahamnett rakkachuu manna, tooftaa fi tarsimoo sanii sirreeffachuu isaanii wayya.

Dargaggoon yooma itt yaaddee hin tahin, bakka lallaafaa mootummoota Dhihaa tuttuquun gaaffii Oromoof xiyyeeffannoo argamsiisteettii. Murtoon Parlaamaa Awuropaan dhiheenya darbe Minilikii fi Haala Sillaasee isin irratt fe’uu keenyaaf gaabbine kan jedhan fakkaata. Ameerikaanis imaammata saanii “fedhi saba ofii hunda dursa” kan jedhuun xaxamanii, akeeka safuu qaban cinaatt dhiibuun deggersa Itophiyaaf qabnu itt fufna haa jedhan malee, haalli Oromiyaa keessaa akka isaan quuqaa jiru hin dhossine. Bulee, isaanis tarkaanfii kan Awurophaa fakkaatu fudhachu haalli sanaan dhalatu ni dirqisiisa jennee abdanna. Lachanuu waaan deemaa jiru kan ilaalan fedha ofii irraa kahaniitu.

Ummati Oromoo balaan itt bu’aa jira. Wayyaanee goolii keessa facaaftee halkaniif guyyaa birdhataa jiraataa. Manni haadha Oromoo hundi mana gaddaa ta’eeraa. Laalaa madaa bakka da’atett fi hidhaa keessatt guraarama irra gahuun, weeraraa fi gadoodaa jira. Warraa fi maatiin hidhamaa, beelaa fi dheebuun gidiraa argaa jiru. Sirni barumsaa jeeqamee Oromiyaa dhaloota tokko duubatt deebisaa jira. Sabboonaan kamuu rakkinoota kanaaf kkf furmaata itt soquu durfannoo akka godhatu eegamaa. Wal qabatanii ka’uun saanii abdachiisaa tahullee, humna waligituun yoo ofirraa qolachuu hin jalqabnee yeroo malee qabsoo irraa dheessuun ni mala. Yeroo kana kan barbaachisu cinaa dhaabbatee jabaadhu kan jedhuu fi waliin mala dhahuuf malee halaalaa isa itt jeekkaru miti. Hobbaatiin turu dandaha, injfannoon garuu isa dhugaa qabuuf akka tahu waan hin oolee.

Dhaaboti malbulchaa Oromo ammayyu isuma duriitt jiru. Ummata biyyaa tokkummaan lolachaa jiru isaan asii haa tokkomnu jedhanii reef dibbee rukutaa jiru. Sun haa tahu malee tokko tokkoon saanii yabboo hundaa irratt sooresa tahanii mullachuu waan barbaadaniif ofiffummaan saanii tokkummaa dhaaba bososaa jiru keessatt liqinfamuu hin barbaaduu, walitt dhufi jedhamu kan garaa irraa ka’e hin tahu. Rakkina barsiifata waggoolii darbanii keessaa of baasuutu irraa mullata. Isaan keessaa kaasaa dhaabbanneef jedhaniif dirree qabsoott kan walitt bu’an hin jirani. “Foon lafa jiru allaattiin waaqa irratt wal haati” isa jedhan fakkaata. Waliin yaadu qabsichi fedhu dhiisanii mata mataan yoo yaadan agarraa. Maaliif ABO keessaa yaa’anii Odaa bubbucuu dhaabatanii ofumaa biyya alaa jiraachuu isaan feesisee? ABOn demokratummaa fi garaa namaa nahuu mudata kan jedhan jiru. Sun amma eenyuunuu yaaddessuu hin qabu; haala biyya keessatt dhalateen seenaa tahee jira. Amma gaaffiin dhihaachuu qabu biyyatt deebi’anii gahee ofii taphachuu yk malbulcha irraa fagaachuu dha. ABOf yaadda’uu mitii, barbaannaan jara biyyaa irratt gudata. Yeroo saanii gara caaluu hirpha funaanuu irratt dabarsaa waan turaniif yoo bu’aa harcaatuu sabichaafis ni argamsiisa tahe sana itt fufuu ni dandahu taha.

Yeroo ammaa, Oromoon battala kan roorroo baqatu itt simatu qabaachuutu irra ture. Waggaa waggaan loltuu diinaa ajjeesnee malee lafa qabanne hin jedhamu. Iyyaatiin dhihaatus yeroon soba tahu jira. Fakkeenyaaf, bar tokko qabsaawota nyaataaf gaala qalatanii nutt agarsiisanii turani. Gaalli sun qabsoo fayyisuuf duute jennee amanne. Edaa iseen baalcha kadhachuuf waan daldalaaf uumamte turte. Garuu sana booda maaltu tahee? Qawwee ummati hidhachiise fudhatanii toora galuun diinaf hirkisuuf yoo yaa’anis nu agarsiisanii. Ergasii wanti qabsoo bilisummaan wal hin fakkaanne hedduutu tahe. Mootiin Jimmaa Abbaan Jifar akka karoorfameefitt Abbaa Joobir xiqishuun galaalche walgahii dhufnaan, “Noor Abbaa Jobir ulfinni manaa ka’aa” jedhe ol ka’ee teessise jedhamaa. Inni kan ka’e nammi taa’ee ilaalu akka hin jirre hubadha. Hoggansi kanneen itt dhihoo akka itt qaban hin beeknee fi ulfina tahuuf hin kennineef, waamich tokkummaa kanneen fagoof godhan dhugaa dha jedhanii fudhachuun waan hin fakkaanne. Tokkummaanis jaallummaanis yoo mana ka’u amansiisa.

Waan hanga yoonaa tahe hundaaf ummatatt bahee kan abbaawummaa fi itt gaafatama fudhate hin jiru. Dhaabi malbulchaa naamusa cimaa fi keesaanlaalummaa gaafata. Naannaa seera ofiin bulan yoo hin jirre miseensa taraa haa tahu kan hoggansaa tolaafis hamaafis akki itt gaafatan rakkisaa dha. Kanaaf yoo seera cabsan wanti namarra gahuu dandahu dhibuun, kaasaa caccabaa keessaa tokko. Yoo “walitt baqanis” asumatti gad jabeessanii hololaan gurra nurraa ciruuf malee, biyyaaf waan hanga hardhaa hin buufne buusu jechuun ummata sobuu fi daguu taha. Hooggansi biyyaa biyya kan jiraatu, yoo dandahan achitt deebi’anii of dhaabuu dha.

Akka amma jirutt jarmota Itophiyaa fi jaarmota Oromoo Badii gidduu garaagarummaan ilaalchaa hin muldhatu. Jarmotis, gurguddoon Oromoos garee Habashaan hidhata ummachuuf wal oo’saa jiru. Sochiin baratootaa fi qoteebulaa, carraa itt Wayyaanee bakka bu’uun empayera jabeessan kan kennuufitt fudhataa jiru. Silaa sirna empayeraa diiguuf yeroo nyaapha fagoott qaban ture. Dhiigaa fi dafqi ilmaan Oromoo eenyuu kan ittiin dhoofsisu tahuu hin qabu. Oromoon Oromiyaa irratt abbaa biyyummaa saa dursanii kan beekaniif qofaan haasa’uu dandaha.

Dhaaboti maqaa Oromoon mormituu tahanii hojjetaa jiran Itophiyummaan saanii haalamee Oromummaan gidiraa argaa jiru. Roorroo guyyuu ummata Oromoo irra gahaa jiru isaantu dhandhamataa jira. Isaantu barbaadeen malee Itophiyaan akka miiltoo walqixxeett Oromoo kamiinuu hin barbaanne agarsiisaa jirtii. Miseensota jaarmaa seera iseen baafteen galmeeffaman namooti akka Baqqala Garbaa, Dajanee Xafa, Baqqala Nagaa, Addisuu Bullala, Dasta Dinqaa, Darajjee Margaa, Gurmessaa Ayaana Oromummaa saaniif tarree hidhamtoota durii irrati dabalamuun himamaa jira. Baqqalaa Garbaa qabsoo nagaan gaggeessa jedhee walakeessa 2015 addunyaa dura dhaabbatee irbuu seenee galee. Shororkeesituu akka Wayyaanee waliin ejjaajjee heera hojii irra oolchuuf yaale. Qabsoo ummati Oromoo gaggeessu kakaaste jette fakkaataa, hiitee amma du’aa fi jireenya gidduu jira. Ilma Oromoo jagnummaan saa hin haalamnee; imaammata dogoggore jedhamaa malee saba saa gane hin jedhamu. Yero Oromummaan, tuffatamaa fi salphataa jiru kana akka sodaatamuu fi ulfaatu gochuu kan dandahan Oromiyoo dha. Ijoolleen Oromoo sanaaf wareegama isa dhumaa baasaa jirtii. Yeroon saa kan hamajaajii wal irratt dhiisan miti. Oromoo hundi Baqala fi jaallewwan saa guraara diinaan gidiraa argaa jiraniif birmachuu qabu. Isaanis akkuma hedduu keenyaa warraa fi maatiis, abjuus qabu. Kan isaa fi jaallewan saa irra gahu didhaa nu qabsiisutu irra jira.

Kaayyoo waggaa shantama dura sagantaa itt baafanne, manguddoon tokko tokko haa gufattu malee dargaggoon isumatt jirti. Yeroo ammaa kana qabsoo finiinaa jirtuuf adda addummaan ilaalcha warraaqtotaa hin mullatuu. Wayyaaneef haa galatuu kan mamanillee dhiibdee seexaa itt bulchaa jirtii. Faarri amma jiru yoo xinnaate yaadanmaliin akka waan waliigalanii sagantaa gajjallaa tokko baafatan fakkaataa. Maganuun waan hin baafneef hundi leeyuuf ofirraa diina qolachuun dirqii dha. Dhiigatu lola’ee, ummata guddaa kanatu salphatee, jaarsaa jaartii fi daa’immantu wal duukaa dhaaname, nafii Oromoon itt amanu hundatu caccabee. Halagaa safuu hin beeknetu qabateenii. Kanaaf du’a hin oolleef hin jilbeenfannu jedhanii kan sarmuu didanii.

Halagaan kaasaa fedheen mandhee nyaaphummaa Oromiyaa keessatt akka ijaarratuu gad dhiisuun harkaan of hudhuu taha. Humna Nyaaphaaf Oromiyoon meeshaa tahuu filatanis balaa irra gahuuf itt gaafatammi kan ofiitii. Oromoon dudhaan kan nagaan itti dhufee ni kabajaa eegumsa barbaachisus ni kennaaf. Oromoon eenyummaa nama tokkoof eenyuunuu faanfananii hin beekanii. Kanaaf ulfina fi bu’aa isaan kennaniif, kan of jalatt eegu abbaa dha. Oromummaan dhiiga mitii, walabummaa, walqixxummaa fi ilaalchaa Demokraatummaa Gadaatii. Kan hin beekne haa baratu, kan beekaa waliin dhahu, kan harka saa hin dhabu. Oromoon akka ummata moo’umaa sabaawaa qabuutt tokkummaa saanii caalaatt cimfachuun waan filmaata hin qabne. Oromoon Itophiyaa fi olloota see biroon sadarkaa itt tokkummaa uummattuu murteeffachuuf dura ofii bilisoomuu qabdi. Biyya walaba qofatu biyyoota biraan dhoofsisuu dandaha. Tokkummaan halagaa waliin fulduratt uumamu waldhaqiisa fedha bilisaan sirnaan kanneen qooda fudhataniin mallatteefamu irratt yoo hundaawe fiixaan baha. Tokkummaan Oromoo haa lalisu. Qabsoon injfannoo as hin dhaabbatu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Hurandhala 2016

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *