Oduu Haaraya

Seenaa gabaabaa Sooreessa Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa

 

 

 

Walakkaa bara 1876a, gaafa Ibroo Shaxaa lola
Cirrachaatti waraana Misraa kan Ra’uuf
Baashaa tiin hoogganamuun odoo loluu
wareegame, ilmi isaa Haamid Ibroo dardara ture.
Lola Calanqoo booda, baruma 1887 keessa,
gaafa Minilik summii buna keessatti naqeen Haamid Ibroo galaafatu, ilmi isaa Ibraahim
Haamid joolle. Bara 1936, gaafa Ibraahim
Haamid, nafxanyoota hawaasa Oromiyaa Bahaa
sirna gabrummaa hoonga hin-qabneen
araraasaa bahan adamuun hijaa bahaa ture,
Abdukariim Ibraahim (Jaarraa Abbaa Gadaa) hoggaas dhalata. Ilmi Haaji Ibraahim Haamid
Ibroo Shaxaa fii Aadde Moominaa Eeboo,
Jaarraa Abbaa Gadaa, akka Xaaliyaan biyya
teenya seeneen, bara 1936 keessa-tti, Baha
Oromiyaa, Konyaa Gaara Mul’ataa, Baadaa
Kurfaa Callee, Araddaa Waldaya Raammis, Ganda Mudiir Gorrootti, nama dhalate. Jaarraa Abbaa Gadaa, daa’imummaa-rraa
kaasee, mana barnootaa tii fii saniin alattiis,
nama naamusa cimaa qabaachuun beekkame.
Haalaa fii amala badoo kaa’imman harkisan
irraa walaba tahuu malees, jiruu sadoo tan
keessatti dhalate hordofuu caalaa, rakkataa fii dadhabaaf annaannachuu fii gargaaruun, nama
joollummaan qoma fudhatte. Lakkuma umriin ol
siyxuun ummata naannoo isaa jiran keessaa,
qabaataa fii dhabaan, jabaa fii dadhabaan,
rakkisaa fii rakkataan, eenyu fii eenyu akka
tahan adda bare. Ummata ganamaa fii galgala garaan isaa mararfatuuf, kan jallina hiree mude,
talisummaa fii khash-labbummaa odoo hin-
taane, sirna gabrummaa taachaa fii inni
jireenyaan haala wayyaa keessa jiruus
isaanirraa tokko tahuu hubate. Lammiin inni irraa tokkoo kuni, araraafama
malees, qe’uma isaanii keessatti, mirga abbaa
biyyuummaa dhabanii, warra naannawa san jiran
hundaan, namaa gaditti laalamuu arkaa fii
dhageeytii jibbe. Haala kana dura dhaabbachuu
dhiisanii, warra hawaasa biraa keessatti baquun jalaa miliquuf tattaafatan balaaleeffate. Gama
isaa tiin, bakka deemu hundatti maalummaa
isaa haalota adda addaa-tiin, mul’isuu jalqabe.
Mana barnootaa keessatti afaan isaa
dubbachuun, aadaa isaa agarsiisuun eenyu
akka tahe ifa if baase. Guyyaa barnoota hin- qabne otobuusaan olii gad daddeemuun, warra yaroo makiinaa keessa seenan ummanni balfee
biraa fagaatu-tti maxxanuun, kursii irraa ka’ee-fii
teeysisuun, ba’aa gargaaruun, mataa ol
qabatanii akka deeman onnachiisuu hujii
godhate. Biyyoo Adareetti, barnoota sadarkaa kutaa
lamadaa lakkuma ol qaqqabachaa deemuun,
anaannaanni saba isaatiif qabu caalaa sammuu
fudhachaa deeme. Jaarraa Abbaa Gadaa,
barnoota yaroo sanitti biyya keessa-tti kennamu
rakkoo takka malee xumuree, yo itti fufuullee fedhe, biyya alaa deemee barachuuf hiree gaarii
nama qabu. Gama biraa tiin, ammaas, barnoota
yaroo dheeraa tiin odoo if hin rakkine, kanuma
biyya keessaa tiinuu, caasaa warraa keessaan,
hujii mootummaa bareedduu argachuun isaaf
salphaa ture. Garuu, yaaddoon dhibdee ummataa, hegeree isaa caalaa, sammuu
fudhattee barnoota waakkattee, lafa warri isaanii
Asaboot keessaa qaban irra qubachiifte. Iddoo haaraya qubatettiis, Jaarraa Abbaa Gadaa
hawaasa keessa qubate waliin wal fudhachuuf
yaroo dheertuu irraa hin fuune. Akkuma
naannoo Gooroo Gadiitti, olittiis, lammii isaatiif
hadooduunn guyyuma guyyaan sammuu
dhunfachutti seente. Haala Nafxanyootaa fii Mootummaan Habashaa lammii isaa itti laalan
onneen fudhachuu didaa dhufte. Sammuun isaa
halkanii fii guyyaa jiruu mataa isaa tiif yaaduu
caalaa, warra akka Haamidoo fii Habiib,
kanneen jiruu nagayaa jibbanii mootummaa
Habashaa tiin loluuf daggala Carcar mana godhatan, tan xiinxaltu taate. Lakkuma seenaa
finciltoota qoratuun, “yo namni murate tokko
habashoota dilana shororkeesse, laata kan
jaarame hoo akkami?” gaaffii ja’ttu if gaafachutti
seene. Maqaa fii durooma warraa gubbaan
naamusaa fii soora qabeenya isaa-tirraa, shamarran shashaqachaa bakkayutti jala
sissiqan keessaa takka fuudhee, jiruu sadoo
jiraachuu yaaduun surrii keessa sokke. Diinni
saba isaa qawween if jalatti oggolchee, lubbuu
fii qabeenya isaanii irratti abboomaa odoo jiruu,
hamashaa dubartii bareedduu boraafatee, sirnaaf ilmaan horuu maganfate. Waan
dandayuun ummata isaa gargaaruun fakkeenya
sab-boonaa tahuu-rra, akka Umar Muktaar kan
biyya Liibiyaa faatti, loltuu bilisummaa tahee
lammii isaa gabrummaa jalaa baasuu filate.
Fedhii isaa kana hujiirra oolchuuf, jiruu sadoo tiin “imaanata” je’ee, dardarummaan qabsoo
hidhannoo tiif if qaadhimee, “Boruuyyee boruuyyee Boruu abbaa bariisooyyee Galgala abbaa galgalooyyee Galgalli naan dubbatee Boruun naan marihatee Roorroo hamtuu agarraan Kan Oromoo saba kootii Kiyya garaan hammatee Hadhaa du’aa filate” jechaa geeraraa, namoota yaada akka isaa
qaban waliin daggala seenuuf, jalqaba bara
1966a, manaa bahe. Barbaanni jaalaa, Jaarraa Abbaa Gadaa, qe’ee-
rraa fageeysee Gaaleeytii geeyse. Gaaleeytii-tti
Sheekha yaada akka isaa qabuun wal-arkatan.
Sheekhni, inumaa, dhibdee ummata isaanii tiif
furmaata waaraa barbaaduu dhabuun, Rabbi
birattillee dirqama irraa gaafatamuuf jiraatan taachaa, Jaarraa Abbaa Gadaaa tiif
mirkaneesse. Akkasiin, Jaarraa Abbaa Gadaa
Sheekhtichaa fii darasoota isaa waliin, qawwee
hamma arkataniin qabsoo hidhannoo
bilisummaa jalqabuuf, gandaa sossoohan.
Isaanii haalaa fii lafa tarsimoo tottolfachaa jiru, akkuma naannoo Miicataa dhaqaniin, daldaloota
Roobee fii Miicata jidduu daddeebi’an irraa,
Fincila Oromoota Baalee dhagayan. Oduun
gurra seente daranuu mirqaansitee, warra duruu
diinarratti lola jalqaban waliin qabsoo itti fufuuf,
karaa Baalee qaceelan. Garuu, akka lafa hamma tokko deemaniin, daadarkaan amnaa,
Sheekha keessaa hamilee if dura deemuu
xuuxxee, darasoota isaa waliin if-duuba deebi’uu
murteeffachiifte. Jaarraa Abbaa Gadaa garuu,
wadala miyaa fii galaa irratti fe’atu qofa akka
dhiisaniif kadhatee, yaada manaa baheef hujiirra oolchuuf, amna isaa kophaa itti fufe. Lafaa fii hawaasa hin beeyne keessa, harree
fe’atanii bilisummaa barbaada deemuuf, gaafasii
mitii arrallee, murannoo fii gootummaa ajaa’ibaa
qabaachu nama barbaachisa. Jaarraa Abbaa
Gadaa karaa takkaa irra deemee hin beeyne,
hawaasa nama eenyummaa hin beeynee hanqatee, kan beekanittuu waan inni
iyyaafachaa deemu in himne keessa
qaxxaamuree, bakka garaa gaye. Kana booda, seenaan imaltuu tan Jaarraa
Abbaa Gadaa qabsoo bilisummaa tiif godhe,
bahara daakanii keessaa bahuu hin dandeenye
keessa nama cuupha. Loltoota barbaadee itti
dhaqe waliin lola adda addaa keessa naqee,
Laga Dhaaree-tti gootummaa qixa hin-qabne daawwachiisee, karaa Gindhiiriin Soomaalee
nama geessa. Achirraa ammaas, miyaa fii
kaameeraa baadhachiisee Fincila Baaletti ol
nama deebisa. San booda, lola Gola Eela Roojii,
kan diinni qabsaawotatti samii gubbaa boombii
itti roobse faa irraa qooda nama fudhachiisa. Walii galatti, Baaletti, hamma Fincilli Oromootaa
humnaa fii tooftaa diinaa tiin akkaa-gara hin
dhabini-tti, lola godhaman hunda keessa nama
naqee, dhuma bara 1968, Soomaaletti nama
deebisa. Soomaalee keessatti, qabsoo ummanni keenya
eenyummaa isaanii beeysisuuf godhan, dhibdee
mudatan, injifannoo helanii fii seenaa Jaarraa
Abbaa Gadaa adda baasuun hin dandayamu.
Jaarraa Abbaa Gadaa, Soomaaletti akka
deebi’een, ilmaan lammii kanneen karaa adda addaa tiin seenanii Soomaaliyaa keessa jiran
babarbaadee walitti fide. Isaan keessaa, warra
qabsooo hidhannootiif fedhii qaban waliin,
Arfaasa 12, bara 1969, bu’ura Adda Bilisummaa
Oromoo lafa kaayan. Alaabaa, Faaruu Alaabaa
tii fii Faaruu Biyyaa baafatanii, leenjisa isaan barbaachisu fudhachuuf, ji’a jalqabaa tan bara
1970 Mootummaa Soomaalee jalaa mimmiliqaa,
tokkoo-lamaan Magalaa Adan seenan.
Mootummaan Soomaalee fedhii isaanii, tan
leenjii tooftaa lolaa tii fii hidhannoo, akka
bakkaan hin geenyeef yaroo hubate, kan mala armaa olii irratti hojjatee, imaltuu Adan
aanjeesse, Jaarraa Abbaa Gadaa ti. Seenaan Jaarraa Abbaa Gadaaa Amajjii 28,
bara 1970, Mogdishoo irraa baasee Adan nama
geeysa. San booda, Adan irraa fuudhee Iraaq,
Iraaq irraa gama Suuriyaa namaan barara.
Suuriyatti jab’haa Falasxiin waliin wal nama
barsiisee, mooraa leenjii waraana isaanii ifii waliin nama naqa. Leenjii booda, Waxabajjii 3,
bara 1970, Dimish’qii fuudhee, Misra geessee,
Baghdaad-tti nama deebisa. Achirraa miya
waraanaa baadhachiisee Adanitti nama deebisa.
San booda, Onkololeessaa 17, bara 1970,
hoogganummaa Qeeyroo Ganamaa tiin, Adanirraa dooniin karaa biyyaatti namaan ka’a.
Galii kanaa fiis, Bahara Hindii-rra oofee, qarqara
lafa Soomaalee tan Bulloo-har ja’amtu nama
geeysa. Achirraan odoo hin feene fuudhee mana
hidhaa, Mandheeraa-tti namaan deema. Iddooleen Jaarraa Abbaa Gadaa dhaqee fii
karaan irra deeme hundi seenaa dinqifamoo
keessatti hojjataman qabu. Seenaan mana
hidhaa, Mandheeraa, qofti himamee hin dhumu.
Manni hidhaa Mandheeraa, iddoo, Jaarraa
Abbaa Gadaa, dhibdee mataa isaa irra aanee, jaallan qaamaa fii sammuun rakkatan
jajjabeessuun, hogganummaa isaa hujiin itti
mirkaneesse keessaa tokko. Kana malees,
Jaarraa Abbaa Gadaa itti gaafatamaa Qeeyroo
Ganamaa tahee, fuula Ziyaad Barree dura
dhaabbatee, seenaa Oromoo nama barsiise. Hidhamaa ykn boojihamaa tahanii, qaallicha urjii
ifiin caanceesse ija keessa daawwachaa,
“seenaan ati deemtuun tan kijibaa ti. If dhibda
malee ittiin hin milkooytu,” jachuuniif
gootummaa gootummaa olii qabaachu nama
barbaachisa. Jaarraa Abbaa Gadaa jeeyna onnee akkasitiin faayame. Seenaan Jaarraa Abbaa Gadaaa, hidhaa bara
shanii fii guyyaa kudha-lamaa booda,
Mandheeraa keessaa baasee, odoo bitaa fii
mirga namaan hin-daddabne, akeeka
ganamaatti nama deebisa. Hidhannoo
barbaacha baheef, kan bahara qaxxaamuree dafka lubbuu xuruurseef malee, harka qullaa
onnuma ganamaa saniin, mudawwar adii,
kalooytaa adii fii imaamata adii uwwisee, akka
warri karaatti arkan ja’aniinitti, nuur bi nuur fakkeessee, gammoojjii Soomaalee keessaan,
miilaan karaa biyyaa namaan qaceela. Moggaa
dachii-rraa Hargeessa fidee, acii Wacaale
keessa tirachiisee, Hadraa Sheekh Husseen tan
Tulluu Guuleedi-tti hara nama baafachiisa.
Tulluu Guuleed irraa Gaara Qundhudhoo yaabbachiisee, Ganda Quraa gubbaan qilleensa
qabbanaawaa Oromiyaa somba unachiisaa,
Biyyoo Adaree halaalaa nama daawwachiisa.
San keessa nama oofaa fidee, amna dheeraa
biyyoota meeqa booda, Bitooteessa 14, bara
1976, Aaw-Wadaay duubaan Gobeelle nama fida. Achirraa Qabsoo Hidhannoo Bilisummaa
Oromiyaa tan Elemoo Qilxuu faan irraa
wareegaman itti nama deebisa. Yaroo Jaarraa Abbaa Gadaa, maqaa guutuu
Oromoo tiin qabsoo hidhannoo jalqabe, yaroo
tooftaan lammi adda qoqqooduu, kan diinni
baroota hedduuf irratti hojjachaa ture, karaa itti
qabateef ture. Gaafni san, gaafa, mootummaan
Habashaa Oromiyaa keessatti sirritti hidda gadi jabeeffatte. Gaafa nafxanyoonni “hadaraa Hayle
Sillaasee!” qofaan, hawaasa Oromiyaa
bobbaasanii galchaa turani. Kana malees,
yaroon san, yaroo Xophiyummaan onnee
Oromoota hedduu itti dhunfatte ture. San
malees, yaroo, gariin lammii eenyummaa isaanii gatani. Gariiniis if dhooysuuf ijibbaata cimaa
godhaa turani. Walii-galatti, yaroon san, yaroo
lammii Oromiyaa keessaa irra hedduun,
“harqoota mootummaa Habashaa jalaa bahuun
hin dandayamu,” jechuun, gabroomsaaf
oggolani. Jaarraa Abbaa Gadaa, haala akkasii keessatti,
gufuulee diinni eenyuummaa lammii
dhabamsiisuuf baroota hedduuf tarrisaa bahetti
qaataa harkise. Maqaalee adda addaa, kanneen
saba Oromoo gargar qoqqooduuf moggaafaman
macalaasee, Oromummaa du’arraa kaasee, sab-boonummaan faayee, qabsoo bilisummaa
ummata Oromiyaa tiif xurree baasuuf, daggala
gabrummaa-tti ibidda qabsiise. Kana malees,
Oromoota magaalaa keessatti maqaa Oromoo
tiin dhaaba dhaabbatan, kani sirritti hin beeyne,
ilmaan sabaa tahuu isaanii qofaanf amanee, aangoo isaan magaalaa keessatti wal muudan
gaaffii takka malee fudhachuu fiin, tokkummaa
sabaa hujiin mirkaneesse. Haaluma hundattuu, daandii haaraya saaquun
salphaa miti. Qarooma malees murannoo cimaa
barbaada. Hawaasa eenyummaa isaanii gatanii
diinaaf oggolaa jiran keessatti, qabsoo
hidhannoo adeemsisuuf ka’uun murannoo
murannoo olii ti. Jaarraa Abbaa Gadaa odoo sab-boononni hundi qabsoo hidhannoo jalqabuu
mamanii, ni dandayamtii itti amanee, kophaa
isaa gaara jiiysuuf dongoraa fudhatee itti seene. Jaarraa Abbaa Gadaa, qabsaawaa jaallan waliin
malee kophaa qorii harka hin keenye. Yo
nyaanni kan wal hin geenye itti fakkaate,
malaan jaallan nyaachisee ifii agabu, jeeyna
geeraree nama onnachiisu, duulee duulchisu,
kan lubbuu jaalaa baasuuf, tan isaa halaaka keessa naqu. Kana malees, Jaarraa Abbaa
Gadaa, hooggana duulatti nama ergee ifii
duubatti hafu odoo hin taane, kan duula
godhamu hundarraa, jaallan dirqitti if duubatti
hambisani. Gootummaan isaa qe’ee diinaa
keessatti-llee beekkamtu. Nafxanyoonni yaroo maqaa isaa dhagayan hin baarayne hin jiran.
Yaroo ija isaa, tan goobana gaggeessu namatti
dhaabu, dhanfoora keessa hulluuqee, sammuu
keessaa waan yaadan kan daawwatu faakkaata.
Sujuunni addarraa ifu qulqullina onnee fii qalbii
sirritii mirkaneessa. Kilaash dacha’aa fii zinnara isaa hidhatee hoggaa nama dura dhaabbatee
haasawu, haalli isaa daawwatamee – haasoyni
qoma isaa keessaa burqu dhageeffatamee, hin-
quufamu.

Check Also

dhaloota qubee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree …