ODUU HO’AA 02/05/2014
Akkuma Beekamu Yeroo ammaa Ummanni Oromoo fi Barattootni Oromoo Fincila Diddaa Gabrummaa fi Dachee Jiituu Oromiyaa irratti mormii dhageessisuun sagalee isaanii kennachaa jiru. Haa ta’u malee hanga ammaatti sagalee isaanii dhaga’uuf kan yeroo argate hin jiru. Deebiin wayyaanee biraa argamu yoo jiraate rasaasaaf boombiitiin uummata Oromoo guddaaf xinnaasaa, dhiiraaf dhalaasaa ajjeesuu dha. Haaluma kanaan Barattootniif jiraattotni godina addaa naannawaa finfinnee magaalaa Buraayyuu mirga isaanii falmachuuf yeroo ba’anitti humni bineensa irraa madde kan Wayyaanee (Waa hin yaannee)TPLF’n hoogganamu kan dhala Oromoo soorata godhatee nyaatu Magaalaa Buraayyuu irratti bobba’uun uummata keenya nagaa haala gadii kanaan nu jalaa miidhuu irratti argamu.
Kanaaf kan afaan qabduufi kan dubbachuu dandeessu Mootummaa addunyaatti akka nuuf iyyitan cimsinee isin beeksisna.
Wayyoo Harmeeko Madaankee Siif Haa Fayyu!!!
Lammiinkeef Dhallikee Bilisummaa haa Gonfatu!!!
Check Also
Murtiilee Konferensi Gurmuu Hayyoota Oromoo (GHO) 15.08.2020
Nuti, kanneen yaa’ii guyyaa hardhaa 15.08.2020 mataduree “Beekumsa hidhachuudhaan Oromoo fi Oromiyaa roorroo diinaa irraa …