Oduu Haaraya

Sodaa Injifadhaa


Injifadhaa sodaa, sodaan sabaan tolu.
Sabni sodaan bulu, bilisummaan helu.
Kan sodaa moo’ate, bilisoomun oolu.
Sodaa yo moo’anne, duunee bilisoomna, bilisoomne duuna.
Takkaa diina ajjeefnee, jiruun bilisoomna.
Yookin aarsaa taanee, du’aan bilisoomna.
Sabni sodaan qabne, takkaa du’e moo’a.
Yookin moo’ee du’a.
Du’a sodaa taa’ee, boyeen mankaraaru.
Ibiddaan of waadee, sabaaf aarsaa ta’u.
Akka ilma Bouazizi, goota Tunisia.
Magaalaa xinnitti, Sidi Bouzid keeysa.
Gubaa gabrummarra, ta ibiddaa wayyaaf.
Diddaa gabrummaadha, fincila lallabee.
Lubbuu saa dabarse, sabaaf fakkii godhe.
Ibiddaan of gubuun, lammii bilisomse.
Akka warra kaabaa, Masri fi Libya.
Bahraini Yaman, Palestine Syria.
Du’a sodaa malee, dhalaa dhiiraan ka’ee.
Dhagaaf mukaan loluun, taanki booji’ate.
Warri waliif nahu, kan waliif hadoodu.
Du’a saba tokkoo, ija gamtaan laalu.
Diinni jabaa tahee, jabaan gargaaramus.
Meeshaalee ammayya, qawweef taankiin lolus.
Du’a sodaaf taa’ee, roorro waliin laalu.

Kuno gamtaan ka’e, sodaa injifate.
Dictaatora turaa, lafarraa buqqisee.
Fer’oona zabanaa, Mubaarak gaashiree.
Saalah fuula gubee, Ali biyyaa baase.
akka lukkuu rifee, Qadafi ajjeese.
Harqoota gabrummaa, gamtaan firra cabse.
Nu namaa gad jirraa, ilmaan abbaa Gada.
Du’a sodaa teenye, bonyee mankaraarra ?
Akka abbotii teenyaa, ka du’an sodaanne.
Du’a nama tokkoo, ija sabaan laallee.
Nu waliif hadoodnee, waliif tumsa taanee.
Leenci qomo leenca, sabni sodaan qabne.
Gamtaan lafaa kaane, sodaa injifanna.
Sodaa injifannee, duune bilisoomna, bilisoomne duuna.
Takkaa diina ajjeefne jiruun bilisoomna.
Yokin aarsaa taanee, du’an bilisoomna.
Sabni sodaan qabne, takkaa du’e moo’a
Yokin moo’ee du’a.
Barataaf barattuu, leenci qomo leenca.
Harqoota gabrumma, warri cabsuuf kaatan.
Bahaa dhihaa kaanee, isin faana jirra.
Warri kaabaa kibbaas, tumsa keeysan lollaa.
Sodaa taankiif boonbi, manattin galina.
Gamtaan lafaa kaanee, wama qabnuun lollaan.
Sodaa injifanne, sabaaf tola oolla.
Waayyaannee buqqifnee, waan yaadde hanqifna.

               Olyad B.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …