Oduu Haaraya

Dhalachuun Adda Demokraatawaa Oromoo (ADO) Gaaffii Yerootiif Deebii Abdachiisaa dha!

(Kutaa Tokkoffaa)
Mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti gaaffiin irra deddeebi’ee ka’aa jiru maal akka tahe ifaa dha. Kunis qabsoon saba guddaa hagana gahu kanaa maaliif galii isaa gahuu hanqate? Yoo galii isaa gahuu hanqate illee yeroo dheeraa hagasii keessatti maaliif itti dhihaachuu dadhabe kan jedhu. Dhugaa dha, qabsichi waggoota afurtama haa lakkoofsisu malee, ammayyuu galii isaa gahuun hafnaan ittuu dhihaatee hin argamu. Oromoon hiree dhufaa dabru maratti dhimma bahuuf of qopheessuu irraa barayyuu akkuma fagaatetti jira. Arma dura hireeleen hedduun nu bahanii jiru. Ammas siyaasaa Itoophiyaa keessatti waan dhalachuu deemu keessatti Oromoon qooda guddaa hanga baay’ina isaatiin gitu taphatee kubbaa siyaasaa harkatti galfachuuf qophaayee hin jiru. Dhimma kana irrattuu mariin hawaasa siyaasaa Oromoo keessatti geggeeffamu hanga yeroo dhihootti hin mul’anne; yoo mul’ates dalagaatti hiikamuuf fedhiin hin agarsiifamne. Dhugaa kana fakkeenyota baay’eedhaan gabbisuun ni danda’ama. Ammaaf garuu fakkeenyuma yeroo dhihoo tokko kaafnee haa laallu.

Filmaata bara 2005 keessa tahe irratti wanni dhalachuuf ture maal akka ture namuu ni yaadata. Humni siyaasaa warra Afaan Amaaraa dubbatuu haala eegamee hin beekneen jaaramee sochii jabaa taasisuudhaan mootummaa aangoo irra jiru raasee buqqisuuf ture. Osoo mootummaan Wayyaanee humna abbaa irree tahuu baatee gaafas humni duraan aangoo irraa darbame sun aangootti deebi’a ture. Sirni Wayyaanee akka filmaataan moohame osoma beekuu humna qawweetiin aangoo gadhiisuu diduu waan murteeffateef sochiin humna Afaan Amaaraa sun fashale. Kana jechuun sirna abbaa irrummaa Wayyaaneef galata galchuu jechuu miti. Nuti akka Oromootti wayta sun hundi tahu eessa turre gaaffii jedhu yaadachiisuuf malee. Lakkoofsaan baay’ee tahuu keenya haa himannu malee Oromiyaa teenya irree diina kaleessaas tahee isa har’aa jalaa baafannee irratti abbaa tahuuf har’as humna amansiisaa akka hin qabne irra deddeebi’anii wal yaadachiisuun barbaachisaa dha. Har’as haalli wayii tokko yoo biyya sana keessatti dhalate osoma halaala teenyee laalluu humni aangoo irraa bu’ee fi aangoo irra jiru yoo wal jijjiiran arguu caalaa Oromoof wanni salphinaa hin jiru. Ammoo haalli amma keessa jirru jaalannus jibbinus osoma moggaa dhaabannee laalluu ammas sirnootni alagaa mataa keenya gubbaatti akka wal jijjiiran haala mijeessaa jira.

Salphina siyaasaa kana hambisuuf afaaniin lallabuu bira dabarree dalagaadhaan wanni jabaannee mul’isaa jirru hin mul’atu. Karaa waraanaan jaaramnee humna sodaatamaa hin taane. Waraana jaarrannee humna sirna aangoo irra jiruun gitee injifannoo galmeessu utubachuu hin dandeenye. Kana milkeessuuf yaaliin ABOdhaan waggoottan digdamman dabran keessatti tahan haa jiraatan malee gonkumaa galii hawwamu rukutuutti dhihaachaa hin jiru. Rakkoo karaa hidhannoo harkaa nu qabu kana irra aanuuf furmaatni biraa qabsoo karaa nagaa ti. Qabsoo karaa nagaatiinis warraaqsa geggeessinee biyya keenya deeffachuuf caasaa jaaramaa jabaa lafaa hin qabnu. Paartiileen mormituu Oromoo biyya keessa jiran hanga humna isaanii haa sosso’an malee sochii lakkoofsa wayyabummaa Oromootiin gitu agarsiisuun ulfaataa tahe. Duuba ummanni keenya hanga yoomitti haala itti bitaacha’e kanaan ala irraa qofa waa eegaa jiraata kan jedhu gaaffii belbeltuu yeroo kanaa ti.

Sochiin qabsoo Oromoo akka amma jiru kanatti bitaacha’ee itti fufuun yaaddessaa dha. Bitaanis haa tahuu mirgaan furmaata barbaada. ‘Qabbanaahu harka, gubu fal’aana’ jedhu abbootiin. Karaa qawweetiin milkaawaa jirra moo milkawaa hin jirru gaaffii jedhuuf deebiin olitti tuqame gahaa dha. Kanaafuu eega hidhannoodhaan of jabeessinee jaaramnee wayitti bahuu dadhabnee furmaata isa lammaffaa irratti of kitimnee wayitti bahuuf maaliif hin warraaqnu gaaffii jedhutu itti fufa. Gaaffiilee kana jabeessanii wal gaafachuun wanni barbaachisuuf, deebii argamu irratti hundaawanii dafanii gara namaaf tahu goranii qabsicha hadooddii keessaa baasanii of dura tarkaanfachiisuufi. Wal geenyee teenyee maa bilisoomuu dadhabne jechuun qofti bilisummaa keenya taakkuu takka illee as nutti butuu hin danda’u.

Har’a amannus, amanuu baannus, humnoonni siyaasaa aangoo irra jiranis tahee kan aangoo kaleessatti deebi’uuf hawwii qaban gama gama isaaniitiin qophii of jaariinsaa geggeeffachaa jiru. Kan aangoo irra jiru humna waraanaa, biirookraasii, tikaa fi hariiroo dippilomaasii jabeeffachuudhaan akka baruma baraan aangoo irra jiraatu irratti qophii wal irraa hin cinne geggeeffachuutti jira. Moyxannoo paartii waggaa 50 oliif biyya Chaaynaa bulchaa jiru (CCP) irraa dhaaluuf karaa hundumaa hojjechaa jira. Kanuma waliin ‘ani mootummaa misoomaa ti’ ofiin jechuun misooma xixiqqaadhaan ummata callisiisee (appeasement) mormii isa irratti ka’uu malu ofirraa cabsuuf hojii bal’aatti jira. Mootummaa humna siyaasaa Oromoo alatti moggeessee bifa kanaan hundee jabeeffachaa deemu of irraa darbanii biyya ofii irratti abbaa tahuun qabsoo salphaa tahuuf hin jiru. Kanaafi, kan asumaa achi haala qabsoon keenya keessa jiru gamaaggamnee tarkaanfii yeroon gaafatu fudhachuuf dirqamnu.

Gama biraan humni aangoo kaleessa irraa darbametti deebi’uuf socho’aa jiru ammatti labsatee as hin bahin malee, Waayyaanee bakkaa dhiibee buqqisuuf ammatti humna hin qabaatin malee, gufannoo Wayyaanee xiqqoo tokkotti dhimma bahee firoota dippilomaasiis dirmachiifatee sirna itti aanee dhufu harkatti galfachuuf toftaa adda addaatiin sochiitti jira. Karaa dippilomaasii, karaa ololaa, karaa caasaa sirnichaa keessa miliqanii seenuu (infiltration), karaa aartii fi kan kana fakkaatuun sochiin taasifamaa jiru kan tuffatamuu qabuu miti. Biyya ambaa keessatti mootummaa ceyumsaa (transitional government in exile) jaarratanii addunyaan wal beeksisuuf yaaliin taasifamaa jirus kanaaf ragaa tokko. Humni kaleessa aangoo irra turee Wayyaaneedhaan barcumni isaa fudhatame qabsoo Oromoo irraa yaaddoo guddaa waan qabuuf osoo hin dursamin dursuuf humna danda’ameef hundaan biyya keessaa fi alatti sochiitti jira.
Gama keessa keenyaatti yoo deebinu kun hundi waan xiinxalamaa jiru hin fakkaatu. Amaluma nutti tahee harka marannee teenyee diinota keenya tuffanna. Eega wanni tokko tahee booda iyyuun gatii hin qabaatu. Qophii gahaa lafaa qabaannee sochii diinota keenyaa fashalsinee Oromiyaa irratti akka itti abbaa taanu jabeeffachuutti hin jirru. Akka Oromootti jijjiirama hin tuffatamne lafa irra jirutti dhimma baanee ittiin seenaa hojjechuu kan silaa dandeenyu akkasumatti teenyee wal abaarra. Walitti quba qabna. Miilla wal jala keenyee wal kuffisuuf sardamna. Qabsoo siyaasaa saba guddaa hagas gahuu kana tapha joollee fakkeessaa jirra.

Biyya keessaa ammoo ummanni keenya maqaa qabsichaatiin yakkamee du’aa jira, madaawaa jira, hidhamaa jira, ukkaamfamaa jira, biyya irraa baqachiifamaa jira. Ummanni rakkoo kana fakkaatu keessa jiru har’a yookiin boru ABOn dhufee bilisa na baasa jedhee ala eega. Ala irraa ammoo qabsoo jabeessanii ummaticha rakkoo jalaa baasuun haa turuutii akka miseensa qabsaayotaattuu walii galanii afaan tokko dubbachuu, walirratti abdachuu fi wal jala yaa’uunuu hin danda’amne. Ala taa’anii remote control dhaan qabsoo biyya keessaa hogganna jechuun gonkumaa waan milkaawuu miti. Buddeen abjuu ummata nyaachisuun kana booda dhaabbachuu qaba. Haalli akkasii kun yoo akkasumatti itti fufe, deemee deemee ummata mirga isaaf falmachuuf jedhee dhaaba jabaa isa gurmeessee sochoosu dhabee fi humnoota siyaasaa ala jiran gidduutti waldhabbii hin araaramne dhalchuu danda’a. Sirna mootummaa kan jijjiirama xixiqqaadhaan ummata afaan qabee bituu barbaaduufis hiree bara baraan aangoo irra jiraachuu bal’isaaf.

Waggoottan digdamman dabran keessatti jijjiiramni hamilchaan Oromiyaa keessatti mul’ate yoo qaroominaan itti dhimma bahame, humnoota siyaasaa Itoophiyaa keessa jiran kamuu caalaa Oromoof hiree wayyaa uuma. Kana jechuun maal jechuu dha? Oromoon akka walii galaatti bakki kaleessa turee fi har’a jiru tokko miti. Karaa barnootaa, karaa dammaqiinsa siyaasaa, karaa afaanii, aadaa fi kan kana fakkaatanii jijjiirama jajjabeessaatu jira. Karaa barnootaa yoo laalle dhalachuu sabboonummaa Oromoo dura lammiin Oromoo yuniversiitii senee barate dhibba tokkoyyuu hin guutu ture. Har’a Oromoo yuniversiitii baratee dalagaatti bobba’e kuma kudhanootaan lakkaawamu qabna. Yuniversiitiilee fi koolejota biyyattii keessaas barattoota Oromoo kumoota kudhanootaan lakkaawamantu barataa jiru. Miiliyoonaan kan lakkaawamu ammoo manneen barnootaa sadarkaa adda addaa keessaa barachaa jira. Kun jijjiirama abdachiisaa kaleessaa fi har’a gidduu jiru isa guddaa tokko. Karaa dammaqiinsa siyaasaas hawaasa Oromoo keessatti kaleessaa fi har’a gidduu garaagarummaa hanga lafaa fi samii gahutu jira. Oromoon kaleessa Oromummaa isaayyuu himachuuf qaanfatu har’a sabummaa isaa beekuu bira dabree seenaa keessa dabree fi keessa jiru, dhaaba siyaasaa akkamii akka deeggaruu fi kamiin akka mormu ibsachuuf gahummaa abdachiisaa horatee jira.

Karaa afaanii fi aadaas akkasuma bakka kaleessaa irraa baay’ee fuulduratti deemamee jira. Afaan Oromoo kaleessa afaan ‘raadiyoo cabsu’ jedhamuu fi dhoksaatti dubbatamu ture. Har’a ofii isaafuu meeshaa qabsoo siyaasaa tokko tahee jira. Ilmaan Oromoo afaan ofiin barachuu fi hojjechuu mi’eeffatanii jiru waan taheef sadarkaa amma gahan irraa of duuba deebi’uu akka hin feene mirkanaawee jira. Guddinni Afaan Oromoo qubeedhaan deeggarame kun alagoota dammaqiinsa Oromoo arguu hin feene yaaddessuutti jira. Dagaagina aadaas yoo fudhanne Oromoon aadaa mallattoo isaa tahee fi kan alagaa addaan baafatee beekuun kan ofii isaa guddifachuutti bobba’uun bal’inaan mul’achaa jira. Aadaa sirna gadaa, Ayyaana Irreechaa, walleelee aadaa kutaa adda addaa, aadaa uffannaa kutaa adda addaa, nyaata aadaa, fi kan kana fakkaatan akka fakkeenyaatti tarrisuun ni danda’ama. Dhiibbaa sirna alagaa jalatti aadaan kun hanga barbaadamu guddachuudhaa baatus hangi eerame kun mataan isaa abdii guddaa dha.

Jijjiiramoonni tarrifaman kun arjoomina mootummaa Wayyaaneetiin kan argaman osoo hin taane firii qabsoo Oromooti. Firiilee argaman kana iggitii itti tolchanii sadarkaa itti aanutti tarkaanfachuu barbaachisa. Jijjiiramootni abdachiisoon kunniin sochii siyaasaa geggeessinee biyya ofii irratti abbaa tahuuf haala mijjaawaa uumu. Irree qabsichaa gabbisuuf gargaaru. Jijjiirama jiru kana irratti hojjetanii akka milkaawina qabsichaaf tolutti yoo dhimma bahan injifannoon Oromoo as dhihoo taha. Jijjiirama amma jiru kanaa fi isa kaleessaa akkuma tokkotti laallee ammas afaanuma waggoota soddoma duraa dubbanna yoo tahe garuu injifannoon hawwamu achuma fagaata. Gaafa qabsoon kun jaaramuu ABOtiin tokko jedhee lafaa ol ka’u haallan abdachiisoon akkasii lafa irra hin turre. Waan taheefis, Itoophiyaa keessatti akka saba bicuu, doofaa fi raatoftuu tokkotti laalamna turre. Kanaafuu siyaasaa keenya gaafasii yeroo qarru akka itti sabboonummaan Oromummaa of danda’ee miilla lamaan dhaabbatutti qaruutu dirqama ture. Jalqabbii gaafasii irra dhaabbannee yoo yaadnu akka oolee bulee sabboonummaan Oromoo sadarkaa jabaa har’a irra gahe kana dhaqqabuuf jiru ni beekama ture. Akka gaafasiitti garuu humnoota siyaasaa kaabaa waliin humnaa fi dammaqiinsa wal nu dorgoomsisu qabaachuu hin turre. Kanaafuu Itoophiyaan nuuf yaaddoo guddoo turte. Waan hundumaanuu warra impaayerattii irratti abbaa tahee gaditti laalamna waan taheef gabaa siyaasaa Itoophiyaa keessa dhaabbannee nagadnee buufachuu akka hin dandeenye amanna turre. Haa tahu malee har’a bakka san hin jirru waan taheef Itoophiyaa waan sodaannuuf hin qabnu. Itoophiyaan fedhii fi eehama Oromoo maleeyyuu akka jiraachuu hin dandeenye har’a mirkanaawee jira waan taheef qooda murteessitummaa keenya kana taphannee Oromoo biyya isaa irratti aangomsuuf yeroon haala nuu mijjeessitee jirti.

Leecalloolee (resources) dammaqiinsa siyaasaa, hawaasummaa, afaanii fi aadaa lafaa qabnu kanatti gatii goonee gara irree siyaasummaatti yoo jijjiirrane biyya keenya irratti abbaa tahuu bira dabarree warra kaaniifuu ni geenya. Haala dhalatu keessatti qooda fudhatanii Oromoof injifannoo siyaasaa galmeessuu dandeenya. Kana birayyuu tarree haaluma akka dhalatu hawwinu sanayyuu Oromoon ofii isaaf dhalchuuf humna itti qabaachuu danda’a. Humna godhachuu jechuun qawwee hidhachuu jechuu qofatti hiikamuu hin qabu. Keessumattuu haala addunyaa jijjiiramte har’aa kana keessattii fi akkaataa rakkoo ji’oo-polotikaa Oromiyaa keessatti qabsoon galii keenyatti nu dhiheessu qabsoo karaa nagaa bifa haarayatti qindaaween utubanii sochoosuu dha.

Akka hanga ammaatti mul’atutti garuu jijjiiramoota biyya keessaa kana sirriitti xiinxaluu dhabuu fi akkamitti akka injifannoo siyaasaaf oolfachuu dandeenyu irratti qorannoo gegeessuu hanqachuu irraa baruma baraan qabsoon keenya takkuu takka illee duratti deemuu hin dandeenye. Duuba haala kanaan hanga yoomiitti taa’ama? Hanga yoomiitti karaa hidhannoon yookiin karaa nagaan jabaannee bakka gahuu barbaannu akka hin geenyetti gaadi’amnee teenya? Hanga yoomitti ummata keenya biyya keessatti hiraarfamaa fi tuffatamaa jiru argaa qabsoo internetaa fi raadiyoo qofa geggeessaa buddeena abjuu nyaachifna? Hanga yoomitti osoma nu teenyee laalluu humni siyaasaa moofaa fi haarayni aangoo irratti wal jijjiiru? Hanga yoomitti Oromoon osoo namaa fi lafaan guddicha, dinagdeedhaan badhaadha tahee jiruu biyya isaa irratti akka amba lammaffaatti laalama? Hanga yoomitti qabeenyaan Oromiyaa guyyaa guyyaan saamamee Oromoo hiyyoomsee warra kaan duroomsa?…

Addi Demokraatawaa Oromoo(ADO) gaaffiilee yaaddessoo kanaaf deebisaa hamilchoo kennuuf dhalate. Hanqinoota keenya hanga har’aa qorannee xumura itti gochuudhaan qabsicha boqonnaa seena qabeessatti ceesisuuf hundeeffame. Injifannoolee qabsoon arganne kan olitti tarrifaman tikfachaa injifannoolee hafan harkaan gahachuuf qabsoo murteessituu finiinsuuf murteeffate. Kanaafuu dhaaba haaraa mul’ata kaayyoo bilisummaa Oromoo galiin gahu kana milkeessuuf tumsa lammii Oromoo maraatu barbaachisa. Ilmaan Oromoo biyya keessaa fi alatti yaaddoon harkifannaa qabsoo keennaa irriba isin dhowwe hundi furmaata ADOn akka mul’ataatti lafa kaaye milkeessuuf waamichi seenaa isiniif dhihaatee jira.

Karaa fedheenuu tahu qabsoo Oromoo ifatti baasuuf taasifamu keessatti murna tokko deeggaranii isa kaan irratti duuluun mallattoo bilchinna siyaasaa miti. Oromoo diiguuf malee jaaruuf hin gumaachu. Kanneen olola murni tokko dantaa dhunfaa irraa ka’uun dhaaba haaraa kana busheessuuf oofu duukaa bu’anii osoo dubbii hin hubatin waan itti fakkaate dubbatan dhaabbatanii of gamaaggamuu barbaachisa. ADOn dhalateera. Akka dhalatuuf haallan isa dirqan ammoo harkifachuu fi bakkoota adda addaatti caccabuu qabsoo ABOdhaan hogganamaa turee ti jenneerra. Duuba hanqina ABOn mudate guutuuf miseensonni gameeyyiin ABO dubbiin kun isaan yaaddesse yoo akka haaraatti gurmuu siyaasaa tolfatanii Oromoof furmaata lammaffaa dhiheessan badiin jiru eessa irratti?
Dhimma hammeenya ololaa humnoota siyaasaa Oromoo gidduutti deemuu kanaa fi rakkoo ABOn keessaa bahuu dadhabe irratti kutaan lammaffaan barruu kanaa waan jedhu ni qaba. Ammaaf nagayatti!
Kutaa 2ffaan itti fufa.

biqilaa2002@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

PP and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

By Dr. B. K. DERESSA Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *