Oduu Haaraya

Dhalootni Qubee bu’aa QBO ti malee kan polotikaan gosaa dhalchee miti

 

Abdii Boruutiin

 

Yeroo hunda, dhimmi uummata Oromoo ykn waayeen qabsoo bilisummaa isaa yoo ka’u, Habashootni, waan kana busheessuuf jedhanii siyaasaa ykn polotikaa gosaa wajjin walqabsiisanii fedhii isaanii guuttachuuf carraaqqii akka godhan hubatama. Dhiyoo kana waayee Maastar Plaanii Finfinnee (MPF) ilaalchisee marii VOA sagantaa Afaan Amaaraa irratti godhame tokko akka tasaa dhaggeeffadheen ture. Habashootni, maqaa Oromootti yookaanis namoota Oromoo jedhamanitti fayyadamuudhaan kaayyoo dhokataa isaanii hojiirra oolchuuf shira dalagaa akka turani fi ammas itti jiran waan haaraa miti. Dhaggeeffattoota raadiyoonii isaanii afaanfaajjessuuf; dhimma kanas marii dhugaa fakkeessanii garuu isa kana keessatti dhaamsa qaban tokko dabarfachuuf jedhanii tooftaalee adda addaatti fayyadamu. Tooftaalee kana keessaa inni tokko, namoota Oromoo jedhaman garuu dhimma uummata Oromoo dhiisanii kan fedhii Habashootaa guutuuf carraaqan barbaadanii mariitti dhiyeessuu dha.

 

Dhimma MPF ilaalchisee, marii VOA irratti godhame sanarratti namoota Oromoo saditu dhiyaatan. Isaanis Dr. Bulcha Ta’a, Dr. Demissie Oluma fi Dr. Gizachew Tesso kan jedhaman turan. Akkan sabaa-himaalee adda addaarratti dhaggeeffadhetti, Dr Gizaachoon beekumsa fi ogummaa isaaniitti fayyadamuudhaan waayee dhimma MPF sirriitti ibsanii jiru. Jarreen lamaan hafan garuu, waanuma dhiyaataniif sanaayyuu yookaan hin hubanne ta’a yookaanis ammoo sababa kanaan dhiyaatanii dhaamsa biraa dabarfachuuf waan qophaa’an fakkaatu malee ibsi isaan lamaanuu kennan, akka hubannoo kiyyaatti, quubsaa ykn gahaa hin turre. Sirumaa, dhimma yaamamaniif dhiisanii waan biraa haasawuu keessa galanii turan. Ijoollee teenya, ijoollee Dhaloota Qubee, kan qabsoo kana keessatti dhalatanii guddatani fi dhimma saba isaanii hubatanii; mirga uummata isaaniitiif falmii gochaa, kuun ajjeefamaa, kuun dararamaa, kuun ammoo kan lakkoofsi isaani hin beekamne mana hidhaatti guuramaa otuu jiranuu; waayee kanarratti marii akka godhan kan affeeraman keessaa namootni lamaan qabsoo kana keessatti dhalachuu ijoollee teenyaatuu waan balaaleffatan fakkaatu. Kan nama dinqu, ijoolleen kun bu’aa polotikaa gosaa ti jechuudhaan dubbii gabaabsuu yaalanii turan.

 

Warra jara kana mariif affeeranis yoo ilaalle, akkuma yeroo adda addaa hubatamaa turetti, keessumaayuu gaazexeessituun Tizita Belachew jedhamtu, dhimmoota gara garaatti fayyadamuudhaan kaayyoo dhoksaa hojiirra oolchuuf tattaaffii godhaa akka turte waan beekamuu dha. Oromoota keessaa dhimma MPF sirriitti ibsuuf beekumsa, dandeettii fi ogummaa warri qaban otuu jiranuu; isaan kana dhiisanii warra fedhii Habashootaa calaqqisan barbaadanii mariitti dhiyeessuun, jarri kun kaayyoo maal akka qaban hubachuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu. Asirratti wanti hubatamuu qabu garuu, hammuma fedhan shira xaxuudhaan; warra fuudha fi heerumsaan yookaanis ammaao amantiidhaan Habashoota wajjin walitti-hidhannoo qaban; akkasumas warra ayidoolojiidhaan mataan isaanii naannaye barbaadanii akka meeshaatti itti fayyadamanii qabsoo keenyarratti duula godhuun, qabsoo kana dhaabuu ykn duubatti deebisuu akka hin dandeenye dha. Fuudha fi heerumsaan walittimakamuun Oromootaa fi Habashootaa akkasumas waliin hordofuun amantii Ortodooksii mirga hiree ofii murteeffachuu uummata keenyaa dhaabuu gonkumaa hin danda’u. Dhugaan kun firaafis ta’ee diina QBOtiif ifa ta’uu qaba.

 

Asirratti, olola oofuuf otuu hin taane, waan hubadhe tokkon ibsuu barbaada. Yeroo sochiin barattoota keenyaa biyya keessatti qabsiisamee akka ibiddaa boba’aa jirutti; yeroo sababa kanaan ijoolleen teenya irbaata rasaasaa ta’anitti; yeroo uummatni Oromoo biyya ambaa jiranillee yoomiyyuu caalaa tokkummaadhaan walbira dhaabbatanii sochii ijoollee teenyaa deeggaraa jiranitti; yeroo bakka-bu’ootni hordoftoota amantii hundaa walbira dhaabbatanii sagalee tokko dhageessisaa jiranitti, kan nama dinqu bakka-bu’ootni hordoftoota amantii Ortodooksii mul’achuu dhiisuu isaanii ti. Kun maal agarsiisa? Dhugaan lafarra jiru, amantiin Ortodooksii kun akka amnatii tokkootti qulqulluu ta’ee miidhaa ilma namaarra gahaa jiru balaaleffachuun silaa karaa Waaqayyo jaalatu ta’ullee; garuu har’as akkuma dur, amantiin kun kan Habshootni fedhii isaanii guuttachuuf akka meeshaatti itti fayyadaman ta’ee mul’ata. Kanaaf, Oromootni tokko tokko kan amantii kana hordofan, eenyummaa ofiitiif (Oromummaadhaaf) quuqamuu dhiisanii eenyummaa amantiitiif (religious identity) dursa kennuudhaan Habashootaaf meeshaa ta’anii argamu. Jiraachuu Oromiyaarra tokkummaa Itoophiyaatiif falmatu jechuu dha.

 

Ani walumaagalatti wantin jechuu barbaadu, Oromoo ta’anii dhalachuun qofaa gahaa hin ta’u. Yookaanis ammoo maqaa Oromoo qabaataniif Oromoodhaaf ykn dhimma saba keenyaatiif quuqamu jechuun nama rakkisa. Warri marii kanaa olitti tuqame sana keessatti affeeramanii dhiyaatanis, tokkoffaa, Oromoo qulqulluu ta’uun isaaniituu shakkisiisaa ta’uu mala. Lammaffaa, jarri kun akkuman armaan olitti ibsuu yaale, warra fuudhaa fi heerumsaan Habashoota wajjin maatii horatan ta’uus danda’u yookaanis warra karaa amantii Habshootaatiin (Ortodooksiitiin) eenyummaa kanaaf dursa kennanii fi dhimmi saba isaanii kan isaan hin quuqne ta’uullee malu. Sadaffaa, warra karaa ilaalcha siyaasaatiin ayidoolojiin tokkummaa impaayarittii sammuu isaanii guutee; sababa kanaan mirga hiree murteeffannaa sabootaatti hin amanne ta’uus danda’u. Kan ta’es ta’u, Habashoonni, keessumaayuu qopheessitootni VOA sagantaa Amaaraa, eenyummaa fi waayee jara lamaan sanaa sirriitti waan beekaniif; ejjannoon isaaniis maal akka ta’e waan hubataniif, isaan kana barbaadanii mariitti dhiyeessan. Shira dalaguuf yoo ta’e malee, beektotni fi kan ogummaa qaban hawaasa Oromoo keessaa dhabamaniitii miti jechuu kooti.

 

Dhumarratti, Habashoonni keessumaayyuu warri sirna durii dulloomaa sana deebisuuf carraaqan Nafxanyootni moofaan, waayee sirna Federaalisimii karaa danda’amu hundaan waan busheessuu yaalaniif, gaafiin mirga sabootaa, keessumaayyuu kan saba Oromoo yoo ka’u, kan dursanii lallaban waayee polotikaa gosaa, akka Afaan isaaniitiin jedhamu “Ya gosaa polotikaa” ti. Kanaaf, ijoollee keenya kan mirga uummata keenyaatiif wareegamaa jiran, isaaniif mararsiifachuun hafee siriidhaa isaan komachuudhaan, ijoolleen kun kan bara 1991 as dhalatan ykn Qubeedhaan baratan, bu’oota polotikaa gosaa ti jedhanii dhimma hin gaafatamneef deebii kennuu yaalu. Jarreen Oromoota jedhaman kunis ta’ee keessummeessitootni isaanii, otuu akka hawwii fi ilaalcha isaanii ta’ee, dhalootni Qubee kan har’a diina hamma funyaaniitti hidhate, faashistii Wayyaanee, dura dhaabbatanii mirga saba isaaniitiif falmatan kun, eenyummaa ofii dagatanii tokkummaa Itoophiyaa fi olaantummaa saba Amaaraaf kan dubbatan ta’ee, bu’oota polotikaa gosaa otuu hin taane, dhaloota biyya boonsisanii dha jedhanii ol ka’anii dubbatu turan. Haa ta’u malee, dhugaan hubatamuu qabu, Dhalootni Qubee, bu’aa qabsoo keenyaa ti malee, bu’aa polotikaa gosaa akka hin taane dha.

 

Galatoomaa!

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …