Baarentuu Gadaa Irraa//
………………………..~……………………
Dhiigni saba keenyaa dhanagalahee hin hafu, inni dhiiga ilmaan Oromoo
dhagalaasaa turee fi jiruus kan harka isaa argachuun hin oolu.
Eenyuyyuu jireenya isaa keessatti kan harka isaa, bu’aa hojii isaa
argachuun waan hin hafne ta’uu ifatti argaa jirra. Kan gaarii hojjete
akka gaarummaa isaatti, kan haangoon qaba, barri naaf kenne jedhee
yaraa ykn yakka dalages akkuma hojii isaatti adaba isaa malu,
dhumarratti salphina keessaa hin baane akka haguggatu shakkiin hin
jiru. Dhugaan addunyaa kanarratti muldhachaa turee fi jirus kanuma
raga nuuf baha. Hunduu bu’aa hojii isaa oolee haa bulu malee numa
sassaabbata.
Keessumaa warri abbootii irree, warri qawwee fi humna yeroof qabanitti
fayyadamanii oftulummaan yakka namarratti hojjetan, dhiiga ilma
namaatiin harka dhiqatan deebi’anii harka namaatti kufuun waan hin
oollee dha; dhugaan akkasii ammoo biyyoota gara garaa keessatti
muldhateera, muldhataas jira. Abbaan irree ummattoota biyya isaa
daangaa malee fixaa ture Saadaam Huseen, dhumarratti namootuma fixaa
tureen bollaa hantuutaa keessatti qabamee du’a hin taane du’e. Ardii
keessa jirru Afrikaa keessattis abbaa irree isa dhumaa ta’uun inni
ilma namaa akka tiitisaatti ilaalaa ture kan waggaa 40 ol biyya
Libiyaa dhiitee bitaa ture haaluma wal fakkatuun bo’oo bishaanii
keessatti reebamee karaarra butamee du’e. Pireezidaantii
Laayibeeriyaa kan ture abbaan irree nama fixuun beekamu Chaarlas
Teelaris kunoo yakka ummata Laayibeeriyaa irratti raawwachaa tureef
mana murtii idil addunyaan himatamee the heeg jira. Xumurri Wayyaanee
har’a haangoo fi qawween harkaa qaba jettee ummata Oromoo, akka
waliigalaatti ammoo sabaa fi sablammoota impaayera Itophiyaa keessaa
jumlaan fixaa jirtus kanumaaf deemti.
Wayyaaneen waggoota 25n darbaniif keessumaa ammo waggoota 2n darbaniif
FXG fiiniinaa jiruun wal qabatee yakki Oromoorrattii hin raawwatin hin
jiru. Haa ta’uutii yakka waggoottan 25n darbaniif raawwachaa turte
kana maraawuu akka itti gaafatamtu, xumurri ishiis akka Saadaam
Huseen, akka Chaarls Teeleer, akka Mahaammad Gaadaafii ta’uun ishee
shakkiin hin jiru. Kan yakka hojjete hunduu yeroof nama biraa
miidhaa itti fakkaatuus deebi’ee akka isa waraanu muldhachaa ture,
muldhachaa jiras waan ta’eef kan wayyaaneettis deemaa jiru kanuma.
Eenyuyyuu qabeenyaa fi haangoo abdatee, qawwee harkaa qabuun nama
miidhuu, ajjeesuu saamuu roorrisuu danda’a. Akkuma wayyaanee harraa
jechuudha. Wayyaaneen har’a Oromoo ajjeesaa fi saamaa jirti boru
garuu kan harka ishii, ummanni Oromoo ammoo dhiiga ilmaan isaa, isa
dhugaaf jigee fi jigaa jiru kanaan numa bilisummaa isaa gonfata.
Abbootiin irree yeroo qawwee harkaa qaban, yeroo nama ajjeesuu, hidhuu
fi dararuu danda’anitti aangoo isaaniitti aduun waan dhiitu itti hin
fakkaatu. Inni qawwee harkaa hin qabne nama isaanitti hin fakkaatu.
Daangaa malees yakkoota hedduu dalagu. Wayyaaneen waggoota 25n
darbaniif ummata Oromoo mankaraarsaa turte har’as maqaa labsii yeroo
atattamaatiin itti bobbaatee saamaa fi ajjeesaa jirti. Waraanni
wayyaanee nama nagahaa dhukaasee ajjeesuu, reebee qaama hirrisuun
alatti saamichaa fi dubartii abbaa qabdu humnaan qabee gudeeduu
baldhinaan gaggeessaa jira.
Wayyaaneen ofii ishiitiif dhukaaftee nama ajjeesuu, hiitee dararuu fi
saamuun alattis saboota biyyattii keessa jiran walitti buusuun
shiroota hedduu dalagaa turteetti. Ummattoota biyyattii keessumaa
ummata Oromoo mirga isaaf qabsoo geggeessu ammoo addatti irratti
xiyyeeffattee yakki ishiin waggoottan 25n darbaniif hin raawwatin hin
jiru. Yakkii fi shirri ishii kamuu garuu qabsoo ummattoota cunqurfamoo
keessumaa kan Oromoo laaffisuus ta’e dhaabuu hin dandeenye. Hin
danda’us. Oromoon kalees har’as qabsoorra jira. Qabsoon kunsi amma
Oromoon bilisummaa isaa argatutti kan dhaabbatuu miti. Wayyaaneen
jaallattees jibitees irree cunqurfamtootaatin akka boolla bu’uuf jirtu
haallii qabatamaan yeroo ammaa kana Oromiyaa akka waliigalaatti ammoo
impaayerattii keessa jiru ifatti muldhisa. Wayyaanee har’a haangoo fi
qawween harkaa qaba jettee yakkoota dalagamanii hin dhumne nurratti
dalagaa jirus haree akka boolla buusu shakkiin hin jiru. Hunduu kan
harka isaa numa argata waan ta’eef.
Ummanni Oromoo dhugaa isaa, mirga abbaa biyyummaa gaafii haqaa
gaafachaa tureef yeroon deebii itti argatu akka biiftuu ganamaa dhiiga
ilmaan isaatiin qarreerraan anga’aa jira. Goonni tokko yoo wareegamu
goonni kumaa kitilli biqilaa akkuma muldhachaa jiru, anatu ummata
kootiif dursee wareegama kan jedhee qabsoo bilisummaa Oromoo
finiinsaa jiru lakkoofsa hin qabu. Oromoon qabsoo ilmaan isaatiin
yeroon inni mirga abbaa biyyumaa isaa gonfatus fagoo miti.
Murni weeratuun gabroonfattuu fi saamtuun waggoottan 25 darbaniif
hidhaa, ajjeechaa, dararaa fi saamicha gaggeessaa, dhiiga ilmaan
Oromoo dhugaa malee dhangalaasaa turte Wayyaaneenis hojii ishii, isa
waggoottan 25n darbaniif facaasaa turte, haammachuu eegalteetti;
yeroon itti isa dhumaa haammattus fagoo hin jiru. Wanti yeroo ammaa
kana murna gabroonafattuu tana ofirraa buqqisuuf nu hafe waa xiqqoo
qofa; innis ibidda itti qabate, FXG gutummaa Oromiyaa keessatti
finiinaa jiru kana caalaatti afarsanii guyyaa xumuraashii
gabaabsuudhaan akka summii faacafatte yeroo dhumaaf haammattu godhuu
dha. Ummanni keenya akka gabrummaa jalaa dafee bahuuf qabsoo eegalle,
qabsoo hidhannoo, FXG, qabsoo dipiloomaasii keenya bakka jirrutti
jabeessinee itti fufuu dha. Hundi keenya sababa walirra barbaaduu
dhiifnee essattuu, haala kam keessattuu waliin dhaabbachuu, afaan
tokko haasa’uu dha. Dinnee didaa jechuun fincila jabeessuu dha.
Qabsoo keenya qabsoo haqaa, qabsoo bilisummaa dhiigaa fi lafee
gootoota meeqaa itti dhangalaafnee fi cabsine galmaan gahuuf
cichoominaa fi murannoon qabsaawuu dha! Haala kanaan caalaatti
sochoonaan nus sanyii dhiiga keenya gadi naqnee, lafee Kenya itti
cabsinee facaafne, bilisummaa fi mirga abbaa biyyummaa keenya ni
gonfanna. Kanaafuu qabsoo keenya haa finiinsinu! Harka wal qabannee
diinarrtti haa fulleeffannu. Abbaa irree qabsoo malee falli gateettii
ummataarraa buusu hin jiru waan ta’eef oduurra hojiin iddoo marattuu
haa cimu jenna.