Oduu Haaraya

DHIIRA DHIIRKOOLEE YKN FIINXEE DHIIRAA /ALPHA MEN/ KAN JADHAMU DHIIRA AKKAMIITI??

Gadaa Dirribaatiin

Qoraasuma Jaalalaa

Afaan ingiliffaan ‘alpha men’ jadhama. Afaan oromootiif akka mijjaahutti yoon hiikuuf yaalu fiinxee dhiira/dhiira dhirkoolee/ ja’een moggaase. Dhiira dhiirkoolee jachuun gosa warra dhiiraa keessaa kan mataa dhiirootaa tahanii fi kan dhiirri addunyaa marti tahuuf hamiltuu dhiira dhiiraati. Dhiira dhiirkoolee tahuun carraa fiinxa bahiinsaa hunda nama gonfachiisa. Dhiirti dhiirkoolee dhimma dubartii booji’uu qofarratti kan daangeeffamu osoon taane, dhiira jireenyi gaariin, beekumsi, milkaa’inni, ciminni, naamusni, bilchinni, falaasamni, haalaaf amalli marti guutumaa guututti amaloomeefii gad fageenyaa fi bal’ina guddaa kan qaban yoo tahu abbaa gahuumsa danuu dhiira taate dha.

Dhiira dhiirkoolee tahuun roguma hundaanuu sadarkaa duraa irratti ramadama. Dhiirti hundi rushii dhiira dhiirkoole isaan taasisuu dandeessu waliin waan dhalataniif, carraa dhiira dhiirkoolee tahuu ni qaban. Garuu, rushii sanitti fayyadamuun sadarkaa dhiirkoolummaa irraan kan gahatan muraasa. Irra caalaan warra dhiiraa akka waan carraa kana hin qabneetti warreen sadarkaa dhiirkoolaa irra gahan dinqisiifachuu qofa irratti daangawanii hafan. Dhiirti dhiirkoolee, dhiira hundaan dinqiaiifamuu qofa osoon taane, dubartoonni marti gosa dhiiraa argachuu hawwanii fi jilbiibbataniifi.
Dhiirti dhiirkoolee kan jannuun dhiira akkamiti? Ulaagaan dandeettii fi gahuumsa isaanii maal fa’a dha? kan jadhuuf qaphxiilee 33 filaman kanneen armaan gadiiti.

1). Abdii hin kutatu. Karoora jalqabe osoo galmaan hin geenye karatti hin muru. Laaftutti harka hin kennu.

2). Mataa isaatiis tahee maatii isaa kunuunsuuf eeguu sirritti dandaha.

3). Uunkaa fi fayyummaa qaama isaa sochii jabeenya qaamaatiin eeggata. Kanaaf, dhaabbina qaamaa bareedaa waan qabuuf laaftumatti ija dubartootaa booji’uu dandaha.

4). Kaayyoo isaa milkeessuuf ija jabinaa fi ciminaan hojjata. Kanaaf ni milkaawa.

5). Bashaashummaa qaba. Haasawa bareedaa daran mi’eessee haasawuu waan itti beekuuf namuu gurra dhaabee dhageeffata.

6). Imalaa fi haala adda addaa keessatti seenaa baayyee horata. Seenaa gaarii qalbii namootaa hedduu booji’u qaba.

7). Ifumaaf ifitti qoosa. Ifiif namuu dursee waan ifitti qoosuuf namni isatti qoosuuf ni rakkata.

8). Na arka, na arkaa hin ja’u. Ani hayyuudha, beekaadha, ani jabaadha, ani beekkamaa dha… ja’ee ifiin dhaadu. Ifirran dhawu. Nama kabaja, yaada namaa ni fudhata. Nama tasgabbaawaa dha.

9). Beekumsa hedduu jaalata. Yeroo hunda barataa dha. Ni dubbisa, ni barreessa, ni dhageeffata, ni hordofa. Beekumsa waliigalaa qaba. Dhimma hunda irratti xiqqaa hanga guddaa, dhiiraa hanga dhalaa, sheekaa hanga qeesii, qotee bulaa hanga profeeseraa kutaa hawaasaa jiran hundaa waliin dandeettii haasawuu fi waliigaluuti qaba.

10). Namni kamiyyuu yeroo isa waliin dabarsuu, waliin taphachuu fi isaan haasawuu hedduu jaalata.

11). Hedduu hin haasawu, sagalee isaa dhageessisuuf hin haasawu. Jechootaaf kabajaa qaba. Jechoota ni qusata. Maalayaanii hin haasawu. Haasawuun barbaachisaa tahuu sababa gahaa yoo qabaate qofa haasawa. Lallqbee/sagalee ol qabee haasawuu hin jaalatu. Suuta ja’ee waan haasawuuf haasawni isaa dandeettii dhuha nama seenuu qaba. Osoo haasawuus ni dhageeffata.

12). Nama kaayyooti. Kaayyoo isaa galmaan gahuuf yeroo isaa sirnaan itti fayyadama. Addunyaa tanarra maaliif akka jiraatu sirritti hubatee waan uumameef san fiinxa baasuuf ciniinnatee hojjata. Waan itti amanee fi nama kaayyoo isaatiif dhaabbatu waan taheef hojjataa cimaa dha.

13). Hin hadheeyfatu, ifin jibbu, ifiin hin citu. Waa hundi to’annoo isaa jala akka hin taane waan beekuuf, waan dandahu qofa hojjata. Waan hin dandeenye ni yaala garuu itti ifin dhiphissu. Guyyaa keessa jiru sirnaan itti fayyadamuun waan qabamuuf boruuf hin yaadda’u.

14). Birxee nama barbaadee jeequmsa hin uumu. Nama waliin walitti hin utaalu. Na qaba, na gad dhiisaa hin baayyisu. Yoo namni dubbii isa barbaade obsaan dabruuf yaala. Mataa isaa ittisuu qofaaf nama nama waliin harkaan wal gahuuf dirqama.

15). Haalli uffannaa isaa adda. Uffata isarraa bareedu ni beeka. Namni akka isa dinqisiifataniif ykn dubartii booji’uuf osoon taane if gammachiisuu qofaaf uffata. Garuu, namni hedduun akkaataa uffannaa isaa ni dinqisiifata. Ni hordofaniisi.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

OMN:Sirna Eebbaa fi Saaqiinsaa FIB (Amajji 26, 2020)

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *