Oduu Haaraya

DHUGAAN HAA IYYITU ,ABBAA LIIBAN,OBBO DABBASOO GUYYOO EENYUTU DHOKSE ISA JEDHUUF ?

Obbo Dabbasaa Guyyoo ykn Abbaa Liiban jedhamuun kan Beekkaman Lammii Biyya Keeniyaa kan ta’an nama Oromoo keessaa Gosa Booranaa kan ta’e Fulbaana 25/2015 Bakka jireenya isaanii Nairoobi Keniyaa Naanoo Mololongoo jedhamu irraa Namoon Lama Obbo Shaamil Aliyii kan jedhamuuf Obbo Gaadisaa kan jedhaman manaa yaamanii akka Deemaniin Oduun ‪#‎VOA_Afaan_Oromoo‬ irraa dhagahamee jira .
namin hin Dhageeffatin Dhageeffadhaa Ragaa bahaa>http://www.voaafaanoromoo.com/audio/2991283.html
Akka Oduun himtutti Guyyaa Lamaan Booda Guyyaa Fulbaana 27/2015 Ayyaana Irrechaa irratti Hirmaatanii Gorsaafii Yaada namoota Ayyaana irreechaa Naayiroobii Keenyaa irratti Argaman Wolii akkuma adeemsisanii irraa Bahaniin Soddaa isaa ykn nama Hintala isaa Uf jalaa qabu Obbo shaamiliif Koreedhan Ayyaana San Adeemsisan woliin Konkolaataa Qabachuun gara mana Obbo Shaamil akka Galan Dubbiin ifa .
Erga mana geleen Booda akka Obbo Shaamil Aliyii jedhan irraa yoo fudhane Dubbiin hedduu Garaa nama Nyaati Obbo Dabbasoo Guyyoo isaa Mana jiru manaa yeroo Bahan Ufata Aadaa jijjiiratanii yeroo ala Bahan Woraqaa Eenyummaa isaaniitiif Paaspoora isaanii manatti Diisanii Mana Duubaan natti Cufanii Deemana jedhja jechi isaa Sana Booda Daqiiqaa Kudhaniin Booda Hiriibni naan Kutee yeroo ka’u Soddaan isaa Obbo Dabbasoon hin jiru .
Mee Manguddoon kabajaa kun yoo Badu namni kun Torbee Tokkoon Booda Qaama Poolisaa Beeksise yoo jedhu maal irraa Hubatan , Darmiin Hintali Dabbasoo Guyyoo haati manaa Obbo Shaamil abbaan isii Dhabamuu kan dhageete guyyaa san ture Abbaan ishii dhabamee Guyyaa Sadi Boodee Abbaa ishii Barbaaduu gama haadhaa deemte jedhama kan Sanuu mana abbaa ishii Obbo Dabbasoo wojjiin mana Tokko keessa woliin jiraatu Hubatanii ilaalan Tafkiin ija Qabdi jedhuumi Ree.
Obbo Shaamil Aliyii itti Gaafatamaa Dhaaba ABO Shanee kan Diinagee yoo ta’u Obbo Gaaddisaan Koree Qunnamtii Dhaaba Shanee irraa yoo ta’u Dhaabdi ABO Shanee jetee Maqaa Moggaafate tun akka Manguddoon Booranaatii fi Hawaasni Naanoo irraa himaa jirutti akka Bara Dargii namoon nama Shaniin Kudhanii ta’anii nama Saamuun ykn Shiftaa jedhamun Beekaman isaaniis Lafa Booranaa naanoo Mixii jedhamuu fi hanga Soloolo keessatti namoottan Dirqiin ukkaamsuun ,Ajjeesuun ,Rasaasaan Rukutaa naanoo gadi Lakkisaa Baqachuun himama fakkeenyaaf baruma 2015 kana keessa nama Eden Waqoo jedhamu Rasaasa 13hin namni Rukute nama Boorani Beeku kan Dhaaba ABO Shanee akka ta’e hubatamee jira Eden Waaqoo hanga ammaati Hospitaala Nairobi Keenyaataa jedhamu keessatti Yaalama jira . Shiftaan Kibba naanoo Booranaa tun maqaa ABO qabaataa Yakki ishiin huju kun hedduu nu qaanyessee jira .
Shiftaadhan tun Oromoo ajjeesuuf adamsuu itti fuftee jirti Sila Dhiiroo Dhaabdi maqaa Shanee Moggaafate tun yoo Qabsoo godhuu fi Sochoosuu dadhabde as Deebtee maaf sabuma ufii ufratti nyaati .
Tan Obbo Dabbasoo Guyyoo tuna moo baasuma Koreen Dhaaba tana Naairoobi keessatti maqaa Muudan tun ammas Karoora Baafatee Jaarsa Ukkaamsuun Mootummaa Ethiopia Sababeeffachuun mala Galii ittiin Argatu Baafachuun isaanii irra gahamee jira .
wonti Hubatamuu Qabuu fi kan nama Gaddisiisu Obbo Dabbasoon nama Siyaasaa Tokko yoo jene dhuga waan irraa Shakkinu qabna Obbo Dabbasoo Guyyoo nama waa’ee Arga dhageetii, Dhimma Hulluuquu, Irreechaa kaniin irraa Dubbatu yoo ta’e malee attaa yeroo inni haasawa Godhu ijooleen Alaabaa ABO itti kenniti inni nama ufraa fuudhee Lafa kaahu Gareen Dhaaba Shanee Maqaa ABO Qofa Leellisaa imala gara Biyya Faranjii yaatu tun Obbo Dabbasoo Guyyoo nama Lammii Keeniyaa kan ta’an Siyaasaa Qancartuu ufiit Laaquuf wontoon isaan hin Goone hin jiru takka Alaabaa irra Qabuu takka itti ufsuu, kkf Bara Baraan Calanqisiisuu .
Akka Lammii Keeniyaati nama Siyaasaa kamuu keessa hin jire Tokko
Qabeenya qaba jechuuf Obbo Dabbasoon nama Qabeenyaa hin qabne Tokko .
kan kana jechuu barbaadeef namoottan Danqaa Sobaatiin Faaydaa adda adaa Barattan Madda Diinaggee dhabuu irraa kan ka’een waan Karoorfameedhaa.
Ooftanii Ooftanii Loon kana jaajjamiti Gatu akkuma jedhamu Gama Siyaasaatiin Mootummaa Ethiopia ykn Kenya itti fakkeesuu irraa Bilisa,akkuma Makimaakin jedhu Arba Dhaabbatu Faana maaf gaafata hin jedhamuu, Dubbiin ama ifa baatee jirti Faaydaa dhuunfaa mataa keessanii ykn Doolara Oromoo Biyya Faranjii jirtu irraa ittiin Guurachuuf Karoora baafame ta’uun akka Hawaasin hedduun irraa Dubataa jirutti Hubatame Obbo Dabbasoo Guyyoo amma kan Gosti itti wol gaafatu ta’e Eenyutu manaa Baasee fi mana Eenyuutii Dhabameen Ragaa nama hin feesiftu .
Baroottan as Dhihoo kana Oromoon ni Qaroomte natti fakkaataa Doolara Sobanii irraa fuudhuun jajjabaatee jirti natti fakkaata Jaarsa akkuma Suuqaa keetaniin Suuqaa keessaa gadi baasaa jaarsa mana keessatti Ol Suuqxanii waan Kiishaa qabdan hin fixatinaa nama Sobuun uf Sobu Obbo Shaamli .
Umman Keeniyaa keessa jiraatu jecha Tokko yeroo hedduu irraa kolfeetuma irra kuta jechi Sunsi itti Gaafatamaa Hawaasa Oromoo Obbo Shaggaa Aradoo (Tafaraa W/Maariyam) kan jedhamu namni kun nama Qubee Afaan Oromoo jecha Tokkoo fi Lama Barreessuu hin Beeknedha akka irraa Dubbatamutti Hawaasni Baqatoota Oromoo Keeniyaa keessa jiraatan yeroo dheeraaf Woldhabbii jidduu Hawaasaa jiru irraa kan ka’een Komintii ijaarachuu waan dhabaniif Obbo Tafarraan /Shaggaan/ fi gareen isaa namoota Muraasaan Aangoo Wol Muuduun Dura taa’umaa isaa akka kennan ni Dubatama.
Kan kana jedheef Dhabamiinsa Obbo Dabbasoo Guyyoo irratti Soba inni VOA Afaan Oromoo irratti Dubbate irraa ka’eeti Manguddoo Booranaa wolti qabnee kora yeroo Lama irratti teenye jedhe namoottan Qaama Mootummaa kan Booranaa tif Qaama Media Dubbisuuf jedhe waan nama Ajaa’ibu Dubbii inni VOA kenne fi Badiinsa Obbo Dabbasoo Guyyoo irraa Dubbatamee
Manguddoon Boorana hedduu irraa Dallansuun Kora Dhima Gavana Mootummaa keenyaa irratti Boorana naming Dhiba Jahaa ol Guyyaa 18/10/2015 irratti argaman irratti Manguddoon Sirnaa akka irratti hin argamni irraa Dubbatamee jira kan kanaan wol fakkaatuu Manguddoo Booranaa jedhamee VOA irraa kan himame Obbo Godaanaa Nuuraa Dardara gana 27 hin Caalu kan Haasawa VOA irratti kennate inuu Dhugaa hime Manguddoon Booranaa kan itti maataa hin ta’in hagni Xiqaan Tokko jedhee irraa Dubbate jira Godaanaa fi Galgaloo namoon jedhaman Lameen Tokko Ijoolee Boorana harkaa Luqaatee Baaluma Caatii kana nyaachuuf Tafarraa /Shaggaa/ fa’a wojjiin yaatu
wolumaa galati Gareen tun yeroo hundaa Badiidhan adda addaa Baqatoota keessatti dalaguun beekkamu Media irratti waan hin jire Ololuunis ni Beekamu
Dhabamiinsi Obbo Dabbasoo Guyyoo Wol dhabii fi Wol Shakkii Koree Dhaaba ABO Shanee Jedhamtu keessatti tan Kenyaa keessatti Uumamuun Hawaasa keessatti ni Dubatama !!!!!!!!!!!!!!!!!!!!
itti Fufa
By. Maaf Sobda

Check Also

roobee20160806

‪#‎Oromoprotests,‬ Hiriira mormii nagayaa Baalee Roobee yeroo ammaa

2 comments

  1. Sobaa fi Hamii funaana.Akka dhala namaa waan dhiiri hojjetuu utuu hin ta`een kan warri hojjaa hinqane buna irra teesee oddessaa oltu xibaraa. Yoo shittaa ta`e maaliif dhaqxee hinlolitu. Shanee, Shanee utuu jetuu Ummurii kee fixa.

    • Yaa oromoo sobni kun eessaahu nu hin geessu. Obbo Shamiy soda obbo Dabbasaa Guyyooti jachuun inta isaa of jalaa qaba. Maaliif akkanatti sobdu. Namoota Wayyaaneen barbaadu kan xalayaan wayyaanee keessaa bate garsiiftu keessaa Obbo Dabasaan isa durati. Akkasumas Obbo Shamil keessa jira.
      Wayyaaneen jabina qabsoo gartee oliifi gad basaasootaa fi warra maqaa namaa bobbaasuu isii beekkamaa dha. Kanaaf itti hin milkooftani adabadhaa oromoo fi Qabsoo oromoo irraa harka fudhadhaa.
      Dhaamsi kiyya kan biro media fi website Oromoo waan akkanatti Oromoo irratti oloola oofan kana waan isaan oofan kana maxxansuu irraa of qusachuun mallattoo saboonummaati. Abbaa fedhe jibbinu jaalannuu, Oromoo irratti nakoota jimlaan oloola oofna kana saaxiluu malee waan isaan oofan maxxansuun akkuma qaama sanitti lakkaawama. Amma obboo Shamil akkanaa kaan akkanaa jachuun wayyaanee dhaaf eergaa dabarsuu malee fa’idaa maali.
      Warra Oromoo fi Qabsoo oromoo irratti oloola oofan dhabama rabbi haa godhu. Kanneen kan rabbinuu kiyyaamiti ja’eeni.