Oduu Haaraya
irreechaa 201609026

DHUMAATII GAAFA IRREECHAA

                                                                                 Taammanaa Bitimaa irraa
Seenaa saba Oromoo fi Oromiyaa keessatti waggalee 140-n dabran kanneen keessa, ajeechaan suukaneessaa fi dhumaatiin bineessummaa irratti hundaawe hedduun adeemsifamee jira. Ammoo, dhumaatiin gaafa 02. 10. 16 Ayyaana  Irreechaa irratti, magaalaa Bishoofuutti adeemsifame kun dhumaatii addaati. Eeyyee, gitoonni bittee Habashaa kanneen dhufaa dabran, dhumaatii jibbisiisaa kana caaalu uummata Oromoo fi uummatoota Kibbaa irratti oofanii jiru. Garuu, isaan sun mannneen dukkanaa keessa taa’anii, bara dukkanaa san dukkana uufatanii kanneen adeemsisani. Inni barana faashistoonni Wayyaanee jedhaman Bishooftuutti adeemsisan kun bara ifaa kana keessa, otoo ijjeen uummatoota addunyaa fagomuldhiftuun (tiibiin) isaan daawwachaa jiraniiti. Erga Olompiyaa Riiyoo irratti Fayyisaa Leellisaa Oromiyaa teenya ramaanii (kaartaa) addunyaa irra kaayee asii, ijji addunyaa gara keenyas ilaalatuma jira. Yeroo fi haala akkanaa keessatti, dhumaatii akkanaa Wayyaanonni adeemsisuu isaanitu adda isa taasise. Amma Oromoo fi uummatoota Toophiyaa mara qofaa miti kana Wayyaaneen: “muu badi! Akkuma ati dhiiga ilmoo namaa dhangalaafte kana, mee Waaqni dhiiga kee haa dhangalaasu!”, jechuun isa abaaraa jira.
Ayyaanni Irreechaa, ayyaana sonaan kabajamaa uummanni Oromoo nagaan yaa’ee, nagaan Waaqa ofii galateeffatu. Nagaan bayee ofii isaatiif, biyya isaatii fi biyyalafaa guutuuf: nagaa, walkabaja, waldandeettii, finnaa fi badhaadhina kadhata. Eekaa, coqorsa asxaa jireenyaa fi asxaa nagaa,daraaraa asxaa jaalalaa qabatee buqqaayee bawuun Waaqa Tokkichasan kan dabreef galateeffatee, kan dhufuuf kadhata. Malkaan Irreechaa malkaa waayyuu (“holy“) waan taheef, Oromoon eeboo fi shootala qabatee achitti hin bawu. Haatahu malee, Wayyaanonni nagaa fi safuu hin beekne, qawwee fi taankiin, helikoptaraa fi gaazii boochisaan Ayyaana Irreechaa-tti yaatee, uummata Oromoo coqorsaa fi daraaraa qabatee yaa’utti dhukaasisuun galaafatte. Wayyaaneen waan kana gooteef: uummata Oromoo mara, uummatoota Toophiyaa mara, uummatoota addunyaa maraa fi Waaqa dallansiisuun of abaarsiftee jirti. Amma nuti Oromoonni jara Waaqaa fi lafaan abaarameen, nama Waaqaa fi lafti jibbeen gonkumaa hin bitamnu! Waaqaa-lafti waan nu cinaa jiraniif, alaa-manaa olkaanee bineeyyii kanneen ofirraa darbachuun of-bilisoomsuu qabna!
As irratti waan jala harriqamee ka’uu qabu tokkotu jira. Abukaatonni, abbootiin seeraa fi ogeeyyiin seeraa kanneen Oromoo fi firoottan Oromoo tahan, manneen seera addunyaatti dureewwan TPLF dhiyeessuun daran barbaachisaa dha. Durreewwan Wayyaanee kun dhiiga uummata Oromoo akka lolaa Adoolessaatti dhangalaasanii, addunyaa keessa deddeemanii olola afuufuu fi bashannanuun dhaabachuu qaba. Bakka adeeman hundatti foolisoota biyyoota keessa deddeeman saniin adamsamanii qabamuun manneen seeraatti dhiyaachuu qabu. Kana Oromoonni waayee seeraa baratanii fi beekan hojii isaanii isa hangafa godhachuun duukaa-bu’uun dirqama Oromommaa ti. Irreechi Bishooftuu kun waan hayaata (“heritage“) ilmoo namaa tahuun dhaabbata UNO kan: “United Nations Educational, Scientific and Cultural Organization – UNESCO” jedhamuun galmeeffameef, hojii kana kan durattii irra amma abbootii seeraa kanneen Oromoo fi firoottan isaanitiif salphisuu dandaya. Egaa, akkumma Oromoon: “abbaan iyyu malee, ollaan namaa hin birmatu” jedhu san jabaannee, waljajjabeessaa irratti hojjachuun dirqama keenya.
Amma nuti: “ni turra“, “waa eegna“-llee jinnu Wayyaaneen waa nu hin tursiftu; waa nu hin eegsiftu. Karaa hundumaa nutti cuftee, lafa irraa nu duguugdee dachee teena jituu tana, Oromiyaa, kan dandeesse ofii dhaaltee kan dadhabde immoo yeeyyiiwwan addunyaa kanneen akka ishii kan maqaleen isaanii “inbastaroota” jedhamutti gurgurachuu feeti. Kun “ni feetii” otoo hin taane, qaata jalqabdee jirti. Kanaafi kan ishiin Irreecha Harsadii irratti guyyaa tokkicha keessatti Oromoota 700 ol galaafattee,  kanneen kumaatamaan lakkaawaman madeessitte. Kana oggaa jennu Oromoota ishiin baatiiwwan kurnan dabran keessa kanneen kuma-tokkoo-ol (1000 +) tahan galaafatte, otoo hin irraanfatini. Egaa, kana booda ishiif dhumeeraa, bilisummaan Oromoo fi walabummaan Oromiyaa dhiyaachaa jira. Kanas irra caalaa shaffisiisuuf, wanneen nuti Oromoonni dirqiin gochuu qabnutu jira. Nuti harka duwwaa baanee, hiriira akka hin goone, afaaniin mitii gocha ishii kan ifa jiruun akka meeshaa waraanaa qabanneetoo baanu nu gochaa jirti. Dureewwan ishii shiftoonni fi sammudhabeeyyiin kun dirqumaan gara qabsoo hidhannootti nu dhiibaa jiru. Eekaa, erga ishiin kana barbaaddee nuti bosonaa fi daggala Oromiyaa manneen keenya taasifachuu qabna. Laggeen, gaarran, bowwaalee fi sululawwan Biyya Gadaa qeyee nuuf tahu jechaa dha. Ammaan tana nuti leencota, qeerransoota fi gichilloota Biyya Haadha Siiqqee: jaalleewwanii fi koodeewwan taasifachuu malee, waa tokkollee filmaata biraa hin qabnu. Kana achuma gara seenaa keenyaatti deebinee, waa irraa waraabbachuutu nu baasa. Bara Xaaliyaanii oggaa dureewwan warra Habashaa kan Hayila Sillaaseen durfaman Oromiyaa kolonii isaanii fi biyya isaanii, Biyya Habashaa qarriffaa faashistoota Mosolonii keessatti dhiisuun gara Oroppaatti baqatan, Garasuu Dhukii kan uummata Oromootiin Qeerransa Dhukii jedhamu, namoota jaha wajjin (torba tahanii jechaa dha) bosona Baddaa Qeerroo lixee, booda waraanaa loltoota kuma shantamii lama (52 000) of-keessaa qabu horachuun, koloneeffattoota Faranjii uummata isaa irraa hariye. Galata Waaqa amma harmeen teenya, Oromiyaan, qeerrolee fi qarreewwan kumaatama hedduun lakkaawaman qabdi. Maarree, yaa qeerransoota Qeerroo fi yaa qeerrantiiwwan Qarree leenchonni, qeerransoonni fi gichilloonni: bowwaa Mogorii fi bowwaa Nyamar, bosona Jibaati fi bosona Ammayyaa, bowwaa Carcarii fi bowwaa Dalloo, laga Gibee fi laga Waabee, laga Gannaalee Dooriyaa fi laga Dhiddheessaa, laga Soorgabbaa fi laga Baaroo faa sagalee jaalalaatiin “mee koottaa nutuu jirraa!”, jechuun isin waamaa jiru!
Yaa Oromoo koo: “kun mishaa dhaa, qawweewoo hin qabnuu eessaayyi arganna?” naan jettu taha. Amma akka dubbiin nutti hin dheeranneefan, waanan kanaan dura jedhe tokko as irratti isiniif tuqa: “Qawween eessaayyi dhufa?“, naan hin jedhinaa, qawween Oromiyaa keessa ciisaa jiraa! Uummata bilisummaa ofiitii ijaaramee, tokkoomee ka’eef: qottoon, dongoraan, doomaan, cakiin, halbeen, haamtuun, maarashaan, cuubeen, eebboon, shootalli, shimalli, mancaan, gajaraan, manshiin, jaafgaan, hordaan faayyuu qawwee dha. Gabrichi abbaa-gabraa irraa hidhannoo isaa hiikkatee of-bilisoomsuun namaanis, Waaqaanis eebbifamaa dha!”* Eeyyee, Dhumaatii Gaafa Irreechaa kanaan booda, eebba namaa fieebba Waaqaa kanatu waanbadeewwanii fi bulguuwwan warra Wayyaanee irraa: qawwee fi taankii, boombii fi kanneen biroo mara akka irraa hikkannee of bilisoomsinuuf, hamilee fi seexaa nuuf keennuun ol nu kakaasa!
Armaan olitti akka meeshaa waraanaa isa Wayyaaneen Oromiyaa guutuu keessa tuullatte kana jalaa fudhannee, irraa hiikkannee of-bilisoomsinu kaaseen ture. As irratti wanna meeshaa waraanaa kam irrayyuu caalu, tokkon kaasuu fedha. Tukkummaan Oromoo meeshaa waraanaa isa kamuu akka caalu, irraanfachuu hin qabnu! Hardha galata Waaqaa tokkummaan keenya fi Oromummaan keenya hedduu nuuf cimee jira. Tahus irra cimsuu, san caalayyuu ciccimsuu nu feesisa! Kana irratti dabalamees sirriitti bakka hundaa fi akka hundaatti ijaaramnee wal-ijaaruun sonaan barbaachisaa dha. Uummata of-beeke, of-ijaare, tokkoome, hidhatee olka’e humni isarra aanuu hin argamu!
Dhumaatii Gaafa Irreechaa kana booda jiraa Oromoo dhiisatii du’aan Oromootu Wayyaaneen bitamee hin bulu. Barreeffama kiyya isa hardhaa kana waanan kanaan dura barreesse, tokko keessaan isiniif kaasee xumura. “Ammaan booda laftii fi namni, gaarranii fi laggeen Oromiyaa marti diina qawween nu irra taa’ee dhiiga ijoollee teenyaa dhangalaasu kanatti ni ka’u. Laggeen Oromiyaa diinni waraabbatee irraa dhugu dhiiga itti-tahu. Margii fi furri inni irra deemu qoree laaftoo itti-tahuun isa waraanu. Biyyee fi cirrachi inni irra ijjatu barbadaa tahuun isa waxalu. Qilleensi Oromiyaa inni fuunfatu summii isatti taha! Nama Oromoo dhiisitii horii fi bineeyyiin Oromiyaatuu tokko tahuun isa diru! Ammaan booda namaa fi lafa Oromiyaatu, Ayyaanaa fi Waaqa Oromootu ijoollee Oromootiif iyyee iyya dabarsa! Erga Waaqni fi Lafti nuuf iyyee iyya dabarsee, guyyaan bilisummaa fi walabummaa keenyaa dhiyaachaa jira jechaa dha!”**
==============    Hubachiisa Miiljalee   ==============
** Taammanaa Bitimaa: “AMMAAN BOODA JIRAA OROMOO DHIISITII DU’AAN OROMOOLLEE HARQOOTA GABRUMMAA HIN BAATU”,Ayyaantuu.com, 05. 01. 16

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …