Oduu Haaraya

Dorgommii Kubbaa Miilaa’OSFNA’ Barana, 2014 ‘Oromo United’ Moo’ee,Gareen Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Leenjiif Biraazil Jirti

OSFA,maqaa ispoortii Hawaasa Oromoo Amerikaa gama Kaabaa’ Oromo Soccer Tournament of North America’ jedhee irratti wal dorgomu.Baruma baraan wal dorgomanii tana waliin ganna 20essoo keessa jirti.

Yoo hedduu kilaboota Oromoo Amerikaa fi Kanaadaa dhufanitti wal dorgomaa barana Awustiraaliyaleen ya itti dabalamte.Walumattuu kilabii19 Hagayya 2 haga Hagayya 9,2014 istaadiyoomii MN, Central High School jedhan keessatti taphachaa bahe.

Dorgommii baranaa kilabii MN,Oromo United kilabii  MN, Utaa-Waayuu 4-2 moo’ee waancaa fudhate.Akkuma kanaan Oromo United badhaasa $3000 argatte,ta lammeessoo baate Utaa-Waayyuu ammoo  $2000 fi TTL)Ten Thousnad Lakesii sadeessoo baateef ammo $1000 kennan.

Kilabootii 19 taphatan Dire Dawa(MN),Abdi Saba(Denver), Qeeransa (Portland),TTL(MN),Uta Wayuu(MN), Burqituu(Denver),Ten Thousand  Lakes, TTL(MN),11 Stars(MN), Finfinnee(MN), Bilisummaa(MN). Calanqoo (Arizona), Siouxland (IOWA)Madda-walaabuu (Seattle), Oromia (Austiralia) Leenca (DC),Oromo United Gold(MN),Oromo United(MN), Risaa (MN),fi Oromia Toronto.

Nama tapha kana daawwate keessaa tokko Saladdiin Abdaati. “Qophiin baranaa baayyee bareeddi, takkuma ta akkana bareeddu argee hin beeku”nama Oromoo hedduu walti fidee,jaalala jabeessitee waan hedduu wal irraa baratan.”

Dorgommiin baranaa kubbaa harkaa dhiiraa fi dubraa,fiigicha maqaa Abbebee Biqilaatiin wal dorgoman,badhaasa ijoollee barnootaan jabaatani kennanii fi qophii hedduu.

Gama kaaniin ammoo taphattootii kubbaa miilaa Itoophiyaa leenjiif Biraazil jiran.Taphattoota tana dorgommii waancaa kubbaa miilaa Afrikaa ganna dhufu taphataniif muuxannoo fudhachuuf Biraazil geessan.Itoophiyaan dorgommii Waancaa Afrikaa Bara 2015 irratti Maalii,Maalaawwii fi Aljeeriyaa waliin taphatti.Itoophiyaan suniin duratti kilabii Biraazil ta AC Anapolina, Club Do Remo,Brasiliense fi  Itubiara waliin istaadiyoomii JK waliin taphatti.

Akka perezdaantiin Federeshiinii kubbaa miilaa Itoophiyaa obboo Juneddiin Bashaa jedhutti federeshiiniin isaanii kubbaa miilaa jalaa kaasee guddisuuf haga dandahutti hujiitti jira.

Yoo Biraazil deeman kilaboota Biraazil shan waliin tapha hariyummaa taphatan jedha.

Dider Diroogbaa kubbaa miilaa taphachuu ya dhaabe jedha

Taphataan kubbaa miilaa addunyaa ka dhalootaan Ivory Coast tahee amma kilabii Ingilish Piriimiyer Liigi, Chelsea taphatu, Dider Diroogbaa tapha ya dhiisaa jedhee labsate. Diroogbaan nama ganna 36 diqqaa asitti marroo  hedduu taphate.Tapha104 keessatti goolii 65 glafate. Diroogbaan kilabii Chelsea qofaa marroo 40 tapahtee goolii 16 galcheef.Dirgoobbaan abbaa ijoollee sadiitii lama dhiiraa takkatti dubra.

Atileetiksii:Dorogmmii Shaampiyoonaa dargagggoota Afrikaa Marakach, Morookootti itti jiran metirii 10,000 irratti gurbaa Eeritaa,Nguse Amlosomitti ittum ciniinnatee wmoo’ee warqiin galate.Amolomiin kun nama biyya isaatiif yoo jalqabatiif dorgommii akkanaa tana irratti warqii fuudhe ka qaraa tahe. Dorgommiin tun tana waliin 19essoo Hagayya 14,2014 dhumatti.

Check Also

lalisaa 2017

A Runner In Exile

After his dramatic protest at the Rio Olympics, Ethiopian marathoner Feyisa Lilesa didn’t feel safe …