Oduu Haaraya

Gaaddiidduu Jaaramayaa Farra Sabboonummaa Oromoo (kutaa afraffaa)

(Xannacha Keeysaa Kan Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn Hogganamtu Quucarse)

 

 

 1.            Mootumaa Cehumsaa booda Haallen turan

Haala Motummaa Cehumsaa booda turan utuun wa hin jeedhiin hin taru. Gootowwan Oromoo kan lubbuu isaani jijjirraa hin qabnee wareeganii akkasumas gaga’ama jireenya fi gadadoo maati isani irraa gahee hundaaf kabajaa fi mararfannoon isaaniif qaba. Haa ta’uu umurii dheerachuu qabsoo keessatti dogoggora siyaasa  isan godhaanif garuu gaafatamuun hin oolu. Seenaa isaanii kan wareegamaa qofaatti isaan hidhaanii dhiisuunis badii dha. Oromoon yeroo maamakuu ”ija lafeettiin firaaf ulfoofti” jedha.

Leenco Lataa  Kitaaba isa   jalqabaa maxansee ”The Ethiopian State at the Crossroads jedhu keessatti fuula 129 irratti mata duree ”The influence of the Dead on the Living” jedhu jalatti hagam seenaan dhibbaa nama irratti godhu gabaabsee xuqee jira. Nutis gootowwan Oromoo wareegamaan Ebla 15 isaan yaadanna. Warra lubbuun jiran miidhaa isaan irra  gahe ilaallee utuu isaan kabajnuu gaafa miidhaan isaan irraa maddu walitti kuufamee sadarkaa Oromummaa balleessu irra gahee jirutti, isaani fi hojii isaanii qeequun cubaama nama gochaa jira. Barreeffamaa kana keessattii gaggeessaa fi qindeessaa ”xannachootaa” Leencoo Lataa waan taheef maqaan isaa irra deddeebitee ka’uun hin hafu. Yeroon kana kaasu garuu, gidraa ijolleen isaa Hurriyyaa Leencoo, Roobalee Leencoo fi Goolii Leencoo abbaa fi hadhaa malee guddachuu keessatti argan  natti mul’achuu hanqatee miti. Amansiis  Mulugeeta kan Oromoo tahee dhalateef duwwaa haadha isaa Namaat Isaa fi abbaa isaa Mulugeeta  Mosisaa waliin mana hidhaa Dargii keessatti dabarsee.  Kan Baroo Tumsaa hadhaa fi abba malee guddatan. Kan garii isaanii dubartootni mana hidhaa hin seeniin cichoominaan guddisan. Walii galaa kan tokko tokkoo isaanii eenyuu caalaa waanaan beekuuf hedduu jeechuun danda’aa.  Har’as Oromoota miliyoonaan lakkaa’aman irratti gochaan kana fakkaatu ykn kan caalutu raawwatamaa jira. Hunda kana beekan Oromummaan, saboonummaan, dantaan nuti akka uummataatti waliin qabnutuu  wa hunda caalaa jedheen amanuuf akka nam tokkeetti waniin hubadhee ibsaa jira.

6.1 Motuumaa Cehumsaa booda Haasaa araaraa ABO fi TPLF  gidduu tahaan

Ergaa Mootuummaa Cehumsaa keessaa bahamee Mootummaa EPRDF waliin si’aa afur qaamaan jilli  wal arguun haasaan araaraa dubbatamee jira. Isaanis:

1) Asmaratti Sept. 14 bara 1992 bakka Mootummaan Eritrea, Ambasadaroonni UK, Germany, Sweden fi USA jiranitti

2)  Carter center Feb. 7-8 bara 1994

3) Congressional Task force kan Congress man Harry Johnston-n gaggeeffamuu Feb.7 bara 1995

4) February  24 and 25, 1997 Bonn- Germany yeroo tahuu

Dhaaba irra addattii Leencoo Lataa Mallassaan waliin yeroo sadihi wal argee jira.

  1. Oslotti yeroo Mallasaan badhaasa Yara  irra fudhaachuuf dhufee, walakkeessaa bara 2005-tti,
  2. Bonn-tti Onkolooleessaa bara 2005
  3. Washington DC bara Caamsaa bara 2012, yeroo Mallasaan G8f walga’ii deemee, qaaman wal argee ture.

Akkasumaa Dimaa Nagawoo bara 2011 fi 2012 keessaa ijaarsaa Doroobee jiruu kana dulluma keessa dhalchuuf yoo xiqqatee si’aa lama biyyatti deddeebi’e jira.

Isa Diimaa fi Leencoon akka dhunfaatti quunnamani kana dhiisnee, akka dhaabaatti ka tahee yoo ilaallee hasawaan araaraa kun hundi kan milka’uu dadhabeef, karaa Mallassaa fi gartuu isaa ABOn waan shan akka fudhatu akka haal dureettii wan dhiyeessaniif. Isaniis:-

1)      Gaaffiin Oromoo  Impayeeraa Itophiya dimokratessu keessatti ilaalamu qaba. Ykn Tokkummaa Itophiya akka dhimma dursa kennamuuf ta’etti fudhatamuu qaba.

2)      Qabsoo hidhatnoo lagachuu, kan hidhatee jiruu hikkachuu,

3)       Heera Itophiya fudhaachuu,

4)      Qaamoolee heera Itophiyaan uttubaman kabajuu fi fudhaachuu,

5)      Jaarmayaa sochii bilisummaa jeedhu irra gara Paartiitti of jijjiiruun akka Seera fi Heera Itophiyaatti galma’uu dha.

6.2 Qooda Leenco Lataa Dhimmoota Araaraa fi Qabsoo Hidhannoo Kolaasuu Keessatti:-

Mootummaa cehumsaa itti seenuu fi  waraana mooraatti galchuu keessatti qoodni Leencoo fi Diimaa kennan mul’ataa ture. Akkasumaas Mallassaan lamaan isaanii ofitti yaamee biyya gad lakkisaa  yeroo jeedhuu nageenya mata isaniif jeecha hunda dura murtee Mallasaa fudhatanii bahuuf murteeffatan isan turani. Diimaa fi Ahmed Husseniin dirree xiyyaaraa booleetti karaa VIP kan gaggeessee Kinfe Gebremedhin ture! Ergaa Mootummaa Cehumsaa keessaa bahamee jiruun Leencoo wa tokkichaa ture, kuniis dhimmaa araara nanneesuu, qabsoo hidhatnoo bisheessu fi innis waraana irraa fagaachuu dha. Isan kanaa hangaa tokko xuquuf:-

a)      Yaalii Biyyaa Sudan keessatti  tahe:- Akkummaa mootummaa cehumsaa keessaa bahameen Leencoon namoota muraasa Kahrtumitti erguun akka isan Maqaa ”Selamawii Oneg” jeedhuun socho’uuf waa yaalee ture, sunis tahuu didnaan ergamtootni isaa gara biyyaatti deebani.

b)      Paris conference:-  Leencoon mootummaa cehumsaa keessaa akka baheen qabsoo hidhatnoo jabeessuu fi ijaarsaa  itichuu irra ammas dhimma ”Paris conference” naannessuutti bobba’e. Dhimmi kunis Abiyyuu Galataa waliin wal hubannaa isa dhorke. Kanaafuu na gargaraa jedhee kan ofiitti qabate Ibsaa Gutamaa ture. Ibsa Gutamaa jila ABO kan ”peace and Reconciliation Conference”  irratti hirmaachuuf biyyatti ergamee gafa 14 Dec. 1993 TPLF qabdee hidhaa galchite. Leencoon ibsaa gafa 23 Dec. 1993 barreesseen akka bakka Ibsaa bu’ee isa hiiksisuuf biyyatti galee himate. Galasaaniis guyyadhumaa kanaa IHD irra isa dhaabee. Leencoon jarmayaaf abboomamuu dhiisuuf,  akka fedha isaatti waa dalaguuf yeroo duraaf dhaaba irraa waraaqa ragaa arkate. Kanaan booda Mallasaaf akka Qabsoo Hidhatnoo lagatuu fi lagsiisu Hanga dandeetti isaa ABO irratti hojjeetu mallasaaf waadaa seenee fi mallatteessee biyya alaatti deebi’e. Ibsaa Gutaamaa waliinis kanumaan gargar galan.

c)      Karaa Jaarmayaa ”Ploughshares ”:- Erga xalayaa dirqama IHD irraa rarra’uu argteen booda Jaarmaa Disarmament irratti hojeetuu  ploughshares jeedhamuu keessatti hojii argatee hojechuutti ka’ee. Gabaasa jalqabaa Mata duree “ARMED REBELLION IN THE HORN OF AFRICA” jedhuu November 1996 fi September 1998 ABO fi Humnoota qabso hidhannoo gaggeessan, kan  gaanfa Afrikaa keeysatti sosso’an kan irraa beekuu fi odeessa walitti qabatee gabaasa guutuu dhi’eesse. Hundee ilaalchaa Jarmaa Ploughshare kana saaquun ilaaluu dandeessuu. http://www.ploughshares.ca/content/vision

Project Ploughshares takes its name and its vision from the ancient biblical vision in the Book of Isaiah in which the material and human wealth consumed by military preparations are transformed into resources for human development, thereby removing the roots of war itself.

“God shall judge between the nations, and shall decide for many peoples; and they shall beat their swords into ploughshares, and spears into pruning hooks; nation shall not lift up sword against nation; neither shall they learn war any more.” Isaiah 2:4

 

d)     Waajjira ABO Nayrobi cufsiisuu:- Leencoon April 1, bara 1996 Diimaa dabalatee namoota dhaabaa kan Keniyaa keeysa jiraatan akka Keniyaa irra bahan yeroo tahuu ofii isaa garuu otuu hin bahiin hafe.

e)      Leencoon guyyaa December 23 1993 irraa kaasee gaafatamummaa isaa itti Aanaa HD irraa xalayaan ka’e ture. Sana booda kan inni Itti gafatama dhaaba keessatti fudhachuu eegale konfransii Germany-tti September 1997-tti dha. Leencoon carra gafatamattii deebi’en dhimma bahuun Dr. Tadassatin akka inni Galaasaa bakka bu’e xalayaa gara world lutheran federetion barreessu ajaje. Qabiyyeen xalayaan gaafa Bitoteessaa 17, bara 1998 world lutheran federeshinif barreeffame kunsi haal duree araaraa ABUT akka ABOn fudhaatuu lafa kaawe akka ABOn fudhatu kan mirkaneessu ture. Gama biroon Galaasaan kan xalaya kana faalyeessuu April 22 bara 1998-tti  World Lutheran Federation-f barreessuun dubichaa cufee.

Ergaan  wa’ee  konferensi Germeny kaasee calaqqii konfrensichaa kaasuun barbaachisaa dha. Akeekni konfrensiin kanaa araara mootummaa ABUT fi ABO gidduu deemuu kan Ambaassadora Jarmanii kan biyya Itiyophiyaa turen, Dr. Horst Winkelmanin, gaggeeffamuuf haala aanjjessuu dha. Gargaarsi Walgahi kanaa kan argamaa ture karaa Green Partii Jarmanii ti. Hirmaattoonni isaas Miseensoolii Koree Gidduu ABO, Qondaalota, Bakka bu’oota Ijaarsa Uummataa fi Caasa ABO biyya alaa irra ture. Walgahii kana irratti wan  sadihii ifaatti mul’atan. Isaniis:

1) Leencoo Lataa Bakkatti deebisuu fi gartuun isaa  kan akka Leencoo Baatii jalqabaaf wal ijaaranii walgahii olaana ABO irratti argaamuu.

2) Diimaa Nagawoo Sagantaa siyaasa akka jijjiramuu akka bu’uraatti qabsiiffachuu

3) Garaagarummaan ilaalchaa siyaasa kan Galaas Dilboo qabuu fi Leencoo Lataa qaban ammayyuu ajandaa hin dhumaatiin jiruu tahuu addeesse.

f)       Maadheen Leencoo namoota deemsa Leencoof danqaa tahuu jettee yaadde, biyya keessatti maadhee  Galaasa waliin hojeetaan jiran namoota Waldaa Macaa fi tulaama, gaggesitoota Waldaa gargarsaa Oromo (WGO), Gazexisitoota, Hojjeetaa mootummaa fi kan kana fakkatan namoota 31 maqaa shororkeessummaan akka yakkamanii manaa hidhaatti darbaman saaxilte. Namoota 31 kanaa keessaa kan biyya keessa jirataniis, tahee kan biyyaa ambaatti bahee hundi isaani gariin deeggartuu QC – ABO ka biroon manaatti galaanii taa’an. Namoota kun hundii qaroo fi ijo kan tahani dha. Maqaa namoota 31 keessaa hanga tokko irra xuquuf  Bayan Abdii, Gabbisa Lammeessaa, Tilahun Hirphaasa, Hussein Abdii, Hajii Sahilu Kaftee, Beyene Belissaa, Addisuu Bayana, Solomon Namara, Mooti Biyyaa, Gaaroomaa Baqqalaa, Tesfayee Dhereessa, Gadissaa Bultoosa, Fayeeraa Abdiisaa, Mohammed Wayyuu, Adam Hassan, Adunyaa Fixee, Zewude Camada  fi  kkf (AI Index:AFR25/20/97 ilaala). Isaan kanaa keessaa Namootni akka Garoomaa Baqqalaa fi Tesfayee Dhereessaa duwwatuu dhimmaa Mirgaa dhalaa namaa falmuu irratti itti cichanii hafaan.

Sochii magalaa keessaa TPLF bifaa kanaan yeroo dhaamsuu yaaltuu badiyyaa keessaa lafa WBOn socho’aa jettee shakkitu uummata qabuun akka WBO hin deeggarre kaksiisuu eegaltee. Haata’uu kun hundi qabsichaa dhaamsuu hin dandeenye.

g)      Yeroo haalli akkasii dhalatu Galasaa Dilboo Germany, Holland, Egypt, Yemen achi Somalia deemuun Korrii ABO hatattamaa Caamsa bara 1998 Moqadishooti qopheeysuun Leencoo, Diimaa, Tadassaa fi Xahaa of irraa gaggeesse. Yeroo booda, Leencoon carraa argateen OLF Agenda for Peace to resolve the conflict in Ethiopia Feb 3, 2000 as bahee. Kanaa fanaas  wantii namaa sukkaneessuu lama uumamee: 1) Yeroon kunii yeroo Hogganii ABO wayyabnii Moqadishoo irraa gara biyyaa Eritrea-tti  godaane ture. Yeroo kanaatti humna ABO Somali keessa jiru humneessee kan biyyatti deebsee bobbaasuuf  itti gafataama Olaana kan fudhaatee jiruu J/Mul’is A/Gadaa ture. Namnii kunii hojiitti ciimaa fi haala Somalia keessaa nama keessaatti dhalaatee caala kan beekuu waan taheef akkasumas kaayyoo dhaabaa irratti murataa wan taheef lukkeeleen diinaa Kan madhee Leencoo Lataa fi Leencoo Batiin qabamee jiru karaa Abba Nagaa Jaarraa gaafa Feb. 8, 2000 J/Mul’siin dhiiga dhaglaasani. 2) Dhibdeen biroo jiran irratti dablatee ajendaan peace jedhamu kun foxoqiinsa QCf sababa ta’uun waraana WBO dirree kibbaa jiru wal dura dhaabsise.

Ittii fufa…..

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Barruu Bilsiginnaa waayee dabarsauu filannoo laalchisee

Seensa Hiikoo heera mootummaa fi adeemsa itti aanu2.1 yaada ka’umsaa2.2 Aangoo qabachuu gumii Calaltuu2.3 Adeemsa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *