Oduu Haaraya

Ee! Of jajjuu manni karaarra!

 

Obbo Jawar, haala warra ODF/EDF irratti xiinxala gooteef galatoomi. Mata dureen kee dhugaa dha. “Muka jallaa diriirsuun osoo qacaleeti.”
Duuba, warri silaa kuni itti himamuun male keessaa irra hedduun arra lubbuun hin jiran. Dhuma bara 1973, gaafa Elemoo Qilxuu qabsoo bilisummaa Oromiyaa tiif muratee, jiruu sadoo tan keessa ture dhiisee, biyya seene, kanneen arra “Mul’ataa Haaraya” qabna ja’an kuni, dhaabbii isaanii gatanii, tan inni itti fide jala hiriiran.
Jaarraa Abbaa Gadaa tiis, hidhaa bara shanii booda, bara 1976 keessa, qabsoo bilisummaa Oromiyaa tan bara 1966 manaa baheef itti fufuu gaafa biyya seene, “warra yaada akka keetii qaban tu jira” ja’amee waan itti himameef, barbaacha Shaggar bahee ture. Garuu, warra itti dhaqe keessaa kan waliin bosona seenu fedhe tokkollee hin arkanne. Akkasumaa waliin, kani hamilee hin caphin, qawwee takkaan dirree qabsoo bilisummaa Oromiyaa, tan booda jara kanaaf dahoo tahuuf jiraattu saaqe.
Ammaan, maalif kana natti hima jachuun kee ni mala. Sababaan qaba. Yaroon viidiyoorratti si daawwadhu nama xiqqaa natti fakkaatta. Umrii keetirraa, ati kana mara quba hin qabdu je’ee waaniin yaaduufi. San qofaa miti. Akkuma warra daaddaa keetiitti, “Bu’ureessitoota” ja’anii if dhaadhessuu jara kanaa, dhugatti yo kan fudhattu tahe, dogoggorummaa isaa sitti mul’isuufi.
Waa xiinxalu narraa siitu takka gayaa, mee laali: Elemoo Qilxuu kan jiruu sadoo biyya alaa dhiisee, bara 1973itti hidhatee biyya seenee, Sagantaa siyaasaa tiifii alaabaa Shaggaitti itti erge – moo – isaan, warra gaafas qalbii takkaan mana isaanii jaarrachaa turee tu Bu’ureessa. San haa hafu. Jaarraa Abbaa Gadaa, kan bara 1969ti Soomaalee keessatti Oromoota gurmeessee, Adan geessee leenjii waraanaa fudhachiisee, alaabaa, faaruu alaabaa tiifii tan biyyaa baase – moo – isaan kanneen gaafas, akkuma kiyatti Oromummaa isaanii tuu hin beeynee tu Bu’ureessa. Duuba, warra mana taa’anii waan in hojjatiniin if saaduu – moo – si kan labsa maqaa Oromoo tiin bahe, kan si laalu, irratti yaada kennatee tu “Of jajjuu manni karaarra” ja’ama.
Mee xiinxala kanaa siif dhiisee, gama dubbii harkaa nu qabdutti haa deebi’u. Ee! “Muka jallaa diriirsuun osoo qacaleeti.” Duuba, gaafni silaa sirraawu ture. Kan duraa, gaafa Elemoo fii Jaarraa jalaa Shaggaritti hafanii hoogganummaa falmatani. Kan lamadaa, yaaduma akka arra “Mul’ataa Haaraya” ja’aniiniin, maqaa ICAT-iin, Shaggar keessaa aangoof wixxifata bahanii, Dargiin injifatamanii, eegee kofa kaayatanii, harka lulaa, Dirree Qabsootti, dheefa dhufani. Jaarraa Abbaa Gadaa tiifii qabsaawonni shira isaan deemaniif ganamaan hubatan, akka beekanitti diriirsuuf tattaafatanii ture. Garuu, warri akka kiyyaa dura dhaabbachuu bira kunnee, irratti duulle. Gaafa ammoo dubbii hubannetti, warri ODF/EDF qaata adda nu bittinneessanii mataarratti nu bahan.
Yaa Jawar keenya, mee waanuma isaan ja’an kana daawwu:
“Ejjennaa Keenya:
1. Itophiyaan akka Federeshanitti Caaseffamuu Irratti
Ejjennaan irraa kaanu, tarkaanfiin bara 1991 booda Itophiyaa akka federeshana sabootaatti caasessuudhaaf fudhatame qajeelaa ta’uu dha. Fudhatamuun tarkaanfiin kanaa hammeenya ykn arjummaa . Mootummaan Wayyaanee keessaa hin maddine, jabaachaa adeemuu qabsoo Oromoon sabootni cunqurfamoon biraa mirga hiree murteeffannaa isaaniitiif gochaa turantu dirqii taasise malee.”
Dhaabbii kana, yoom akka qabaatan, eenyu waliin akka murteessan ani hin beeku. Dhaabni isaan hoogganaa bahaniis heeraan jachuun Walgayii Idilee tiin gaafa murteesse dhagayee hin beeku. Sha’ibiyaan, tan Mootummaa Ceehumsaa akka dhaabuuf dirqamni itti kenname, mirga Xophiyaa waliin jiraachuu kan murteessu ummata keenya malee nuu miti, murtii jattuun mootummaa gaafasiirraa if iggitan. “Bu’ureessitoonni” keenya garuu, Faranjummaan isaan waliin haasoyteef jecha, gaaffii sabaa, odoo sabaan hin-gayin, ifumaa murteessan. Mootummaa gabroomfattuu Habashaa tan jigaa jirtuuf irkoo tahanii, Mallasaa fii waraana isaa ummata Oromoo-rratti muudanii, hoggaa tan lubbuu isaanii dhufte, akkuma aadaa isaaniitti, keessaa alatti baqatan.
Arra duuba, irree qabsaawota bilisummaa adda bittineessuu fii WBO mooratti galchuun qabsoo bilisummaa ajjeesuu dadhabnaan, Jilli Bergen wahuu taruuf dhabnaan, AFDn harkatti carqooynaan, yaaduma duratti qaban “Mul’ataa Haaraya” ja’anii as baasan. Mee xiinxala barruu Jila Bergen kana dubbisi:
“The paper concludes that if the Oromo want to convince others, both in Ethiopia and the international community, they need to offer a prospect of a genuinely bottom-up democratic alternative for Ethiopia and for the region. Yet, three major important imperatives confront Oromo’s efforts to bring the political resolution for their situation rather than other choices:”
Kaayoo AFD kanaas mee numa laali:
             “Chapter II – Aim of the Alliance
Article 1
The aim of the Alliance is to establish a working arrangement that:
 Ensures liberty, peace, justice, and the rule of law;
 Promotes peace in Ethiopia and the region, ensuring that the resulting peace dividend shall be enjoyed by all;
 Lays the foundation for a fully democratic system in Ethiopia that meets the aspirations of all and addresses their grievances by instituting a genuinely representative political order;”
Mee gaa, ati kan waa xiinxaluu beeku, sodaa malee, akeeka AFD kan armaa olii kanaa fii kan ADF adda naa baasi.
Gama biraatiin, labsa isaanii gama jalqabaatti:
“Tarkaanfiin fudhanne kun seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti boqonnaa haaraya saaqa. Kana qofa osoo hin taane, empayerummaa Itophiyaa hundeedhaan buqqisee sirna federalummaa demokraatawaadhaan bakka buusuu akeekkata.
Sochii Oromoo haaraya kana oggaa bu’uressinu hubannoota irraa kaanu qabna. Sunis, Itophiyaan eega gaafa dhalatte irraa kaaftee mana hidhaa sabootaa fi sablammootaa  ta’uu isee ti.” ja’an.
Gama gadiitti ammoo,
 “Ejjennaan nuti Itophiyaa akka fedireshena sab-daneessaa demokraatawaatti caasesuudhaan bulchiifamoota ambatti  jijjiiruudhaaf fudhanne kun ejjennaa (warra) mootummaa har’a saba keenya cunqursaa jiruu ni faalleessa. Akkasumas, ejjennaa (namootaa fi murnoota) warra  duraan saba keenya cunqursa turee ammas deebi’ee cunqursuudhaaf dharra’uu ni faallessa. Dabalees, ejjennaa humnoota mirga hiree murteeffannaatiif hiika biyya walaba dhugoomuu qofatti dhiphisan irraahis ni maqa.” Ja’u.
Kuni yaada olitti bara 1991 biyya Feedraalessine ja’uun wal hin faalleessu. Kanaas, yoon isaan gaafadhe, akkuma amala isaaniitti dubbii xaxuu, atummaan adda naa baasi. Waraqaa armaa gadii tan “Presdantii” Mul’ataa Haarayaa ittiin if dhaadheessaa ture mee naa dubbisi.
Leenco Lata Waqayyo
105-235 Erb Street West
Waterloo, Ontario
N2L 1V9
Canada
Tel/Fax: (519) 885-8320  e-mail: waagayyo@yahoo.com
Highlights of Qualifications
Education
Primary and Secondary Education in Ethiopia
B. Sc. in Chemical Engineering from the University of Rochester, Rochester, N.Y. in 1970
Employment
Worked as an engineer in Ethiopia from 1970-1978
Participated in the resistance against the Ethiopian Marxist regime from 1978-1991
Participated in forming and running the Transitional Government of Ethiopia when the Marxist regime was overthrown in May 1991
Left the Transitional Government in 1992 disappointed at the derailment of the plan to democratize the country
Left my own movement, the Oromo Liberation Front (OLF), in 1993, due to disagreements with my colleagues over policy matters
I have been working ever since as a freelance writer and consultant on issues pertaining to the horn of Africa
Activities
On-Going Activities
I am currently drafting a brief book on the role of the military in Ethiopia’s politics from 1900 to the present. Successive Ethiopian regimes have sought the backing of one external power or another basically to build up the military mostly for silencing internal dissent. The implications that this preoccupation with the military and foreign sponsorship had for political and economic development and thus for stability would be the focus of the research. An attempt would also be made to anticipate the various courses that the country’s development could take in order to explore ways of averting the recurrence of institutional break down that have been witnessed since 1900
I have just completed drafting a book entitled Self-determination in the Horn of Africa: A principal for Simultaneous Decentralization and Regional Integration? Which is being considered for publication by the Wilfred Laurie university press. This research was funded by a consortium of European humanitarian and development agencies with special interest in Ethiopia and the Horn of Africa.
I have submitted a draft chapter entitled “WHAT NEXT IN THE HORN OF AFRICA?”Re-considering the state and self determination” to appear in a book being edited by professor Asafa jalata of University of Tennessee.
Completed Works
Researched and wrote the following papers on the 1998-2000 War between Eritrea and Ethiopia with special emphasis on the causes and implications: 91)”The Ethiopia-Eritrea war and the Role of the UN and the OAU” is being published as a chapter in a book edited by Jane Boulden, professor at Queens University. (2) A variation of this paper will appear in the next issue of Review of African political Economy. (3) “Ethiopia: the path to war and the consequences of peace,” to appear in a book being edited by Martin Plaut.
Wrote the book, The Ethiopian State at the crossroads, (published by the Red Sea press in 1999), in which I argue that failure to respect human rights, as stipulated in the Charter that established the post-Mengistu transitional government, played a pivotal role in derailing the plan to democratize Ethiopia. I also argue that the only rule of law could end the continuation of armed strife and the possibility of a breakdown. The book has been well received by scholars, diplomats, and activists interested in Ethiopian politics.
 Contributed two chapters to Oromo nationalism and the Ethiopian Discourse, edited by professor Asafa Jalata of the University of Tennessee
Other On-Going Activities
I work with groups trying to promote dialogue between the Ethiopian government and various armed opponents on a continuous basis. At the same time, I attend conferences and present papers dealing with security issues in the Horn of Africa
Bu’ureessaan gaafa magaalaa keessaa itti bahe hin laalin. Qabxuma dhumaa mee sirritti xiinxali. Maal jechuu isaati? Akki san basaasumma moo fattaalumma. Mee adda naa baasi. Saba Oromoo keessaa balaaleffatamaan Goobanaa Daaceeti. Innilleen shira akkanaa irratti kan bobbahaa ture natti hin fakkaatu.
Preesdantiin kuni, “nama tokkoon hidhaa baasa jettee Shaggar dhaquu kee san akkamitti laalta?” ja’mee gaafa gaafatame tokko, “gaafa san niin maraadhe” je’ee, raadiyoona magaalaa teenyaa, tan Menisootaa, tiif ibsee ture. Duuba, obboleessoo, maraataan ni wayyaama malee in fayyaa? Maraataan hoo lammummaa biyya tokkoo qabaataa laata? Moo inninuu kan barbaade lammummaa odoo hin taane ambumma. Saniif mirga guutu qaba. Garuu “gaafa haftuun heerumtu galaanaa tu guuta” ja’an. Akkuma kitaaba isaa “Addiisu Raa’iyyi” “Mul’ataa Haaraya” –tti gara galfatanii waa mara sirreeffataniin, Mallasaan jalaa deeme. Tana hoo akkamitti laalta?
Obboleessoo, hujii sitti heddomeessee dhiifama. Garuu, dhumarratti, gaafa yaroo arkatte: OPDO Wayyaanee, OPDO Ginboot 7a tiifii OPDO Lutheran garaagarummaa adda naaf baasi.
Akkumaan gubbatti ibsetti, isaanilleen ja’anitti, jarri, Wayyaanee malee, warra isaan dura dhaabbatu mara, keessaa huu Oromoota, barbadeessuuf warra marxoo soqolatee, Waqayyoo Oromoo sirraa haa ittisu! San malees, ija hamtuu hundarra si haa eegu!
Arraaf nagayatti.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …