Oduu Haaraya

Ibraahim Mummee fi Samiyaa Usmaan hoggana Koree Yeroo irra raraafamani jiru.

 

Koreen Yeroo ABO kaayyoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo dandamachiisuf erga utubamee wagaa lama tahuuf  deemaa jira.  Adeemsa wagaa lamaa kana keessa koreen jaarmaya kana sadarkaa hundattuu sirnaa fi naamusa jaarmayaa irrati hundawe hojachaa ture.  Koreen Yeroo ABO akkuma imaammata isaa, jaarmayoota kaayyoo walabumma fi bilisummaa saba Oromooti amanan wajjiin tokkummaa dhugaa uumee qabsoon  saba Oromoo galma akka gahu taasisuu dha.  Hojii kanatilee hanga tokko milkaa’e jarmayoota Oromoo walin dhimma tokkumaa irratti marii fi wal-hubanoo gaarii godhee jira.
Adeemsa tokkummaa dhugaa ijaaru kana keessa jaallan tokko tokko amala jaala tokkorraa hin egamne calaqisuun fedhii mata isaani dursa godhachuu yeroo socho’a jiran arga ture.  Jaalan amala akkasi qaban adeemsa keessa ni siraahu jennee wali obsuu fi barumsa wali-kenuun akkasumas qeeqa jaalummaa gochuun akka off sireesan tataafin godhama ture.
Haa tahu garuu dhiheenya kana jaallan murtawan seeraa fi sirna jaarmayaa cabsuun naamusa jaallummaa irra off mogaasan fedhii isaani gutuf jecha marii fi wali-galtee dhaaba ala labsaa fi ibsa adda addaa godhuun ummata Oromoo afanfaajjeesuf  hojata jiru.
Miseenson Koree Yeroo haala kana ilaalchise walgahii hattatamaa guyyaa  har’a godheen namoota seeraa fi sirna jaarmaya ala socho’a turan irrati murti armaan gadii fudhatee jira.
Jaal Ibrahim Mummee Dura ta’a KY ABO kan ture Aangoo isaa kenname sirna jarmaya kenyaatin ala heera cabsuun fedhii mata isaa gutuf jecha waan dhimma itti baheef Aangoo isaa irra rarraafame jira.
Jaal Samiyaa Yusuf Aango isheef kename seera ala dhimma itti bahuun sirna jaarmayaa waan cabsitee argamteef miseenuma KHR irra raraafamte jirt.
Jaal Ahmad Yaasin osoo KHR ttin hin mogaafamin jila KY ABO tahe seera alaa socho’aa waan tureef miseensumaa KHR KY ABO irra raraafame jira.
Kanaaf  ummanii fi jaarmayooni Oromoo martu jaallan kun badii jaarmayaa isaani keessati godhanin adabbiin namuusaa  irrati fudhatamu beektani jaallan kana wajiin akka hoggana KY ABOtti hariroo tokkole akka wajjiin hin gone isin beeksifna.
Oromiyaan ni Bilisomtti
KHR KY- ABO.

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …