Sammuu ofii gurguranii, garaa ofii qofa guttachaa yeroof jiraachuun ni
dhanda’ama ta’a. Lammii koo, biyyakoo isa jedhu dhiisanii anaaf ana
qofaaf jechuunis akkasuma ni danda’ama. Kanneen haala kanaan
jiratanis danuudha. Iddoo hedduuttis muldhachaa jira. Fakkeenya biraaa
dhiifnee garaaf bultoota miseensoota OPDO ergamtoota Wayyaanee yoo
kaafne gongumaa of malee nama biraa hin beekan. Garaan gunnaan
isaanibara sammuun hin jiru. Warreen kun yoo Oromoon waraana
Agaa’aazii amma funyaanitti hidhateen dhumu isaaniif homaayyuu miti.
Hidhamuun, qayee fi qabeenyarraa buqqa’uun Oromoo dantaa isaanitii
miti. Horii wayyaaneerraa argataniins akkuma beekamu Oromoo
ficcisiisaa jiru.Miseensota OPDO fi fakkaattoota isaanii bira garaan
gunnaan ummataaf, biyyaaf wanti jedhamu hin jiru. hin turres.
Funduraafis OPDOrraa waa eeguun buuphaa bofaarraa makoodii eeguudha.
Akkuma miseensoota OPDO kanneen sababa adda addaa himachuun ajjeechaa,
dararaa fi saamicha saba isaanii callisanii ilaalan, kan ammoo maqaaf
Oromoo himatan hedduudha. Warreen kun xiqqatus abbaa qabeenyaa ykn
namoota karaa akkaadaamii, ogummaa Artii, ykn Atleetoota
aadunyaarratti beekaman ta’uu danda’u. Isaan kun hundas ta’uu
baatan muraasni Wayyaaneetti hiiquun gurshaa bubuutuu argataniin ykn
horii Wayyaaneen Oromoorraa saamtee isaanif qunxurtuun gurrii fi ijji
isaanii cufamee dhumaatii saba isaanii gurraa fi ija cufachuun yoo
callisan argina. Bahanii mormuuf yoo sababoota bishaan hin kaafne
tarrisan muldhata. Sanis ta’ee kanas garuu namni bara kana hin
damqane yoomuu hin dammaqu. Ani Oromoodha jedhee himachuunis
saalfachiisadha. Inni ykn ishiin antummaa oromoorraa qabdu kamuu
himachuun qaaneessaadha ta’a.
Namni kamuu ani nama ofiin jechuu danda’a, dhugaadha namni namrraa
dhalate hunduu namuma. Dheeraa gabaabaa, dimaa gurraacha, dhiiraa
dubartii,beekaa wallaalaas ta’uu danda’a. Haata’uutii eenyuyyuu ani
namaa bar ofiin jechuuf sadarkaa samuun namaa yaaduu danda’utti
yaaduun dirqama. Hamaaf -tolaa adda baaftee isa yaraa jibbee ykn
sirreessee, isa gaarii ammoo jaalatee fi jajjabeessee jireenya isaa
bareechee fi akka namaatti jiraatee darbuu qaba. kan samuu namaa
gammachiisu ummata ofii saamanii fi saamsisanii nyaatanii buluu osoo
hin taane ofitummaarra firaa fi biyya ofii yoo dursan nama
gammachiisa, namatti tola, nama kabachiisa, nama boonsa waan ta’eef.
Akka dhugaa addunyaa kanarratti argaa jiruutti kuun hiyyeessa kuun
dureessa, kun quufa dhokkubsatee hospitaala bula, kuun kan nyaatee
dhugu dhabee karaarra taa’ee Dunbulloo kadhata. Keessumaa impaayeera
itiyophiyaa keessatti erga wayyaaneen haangoo qabttee asii miseensoota
ishii dhalattoota Tigraay malee kuun saamamee keessumaa ummanni
Oromoo(economic genocide) Jenoosaayidii diinagdeetinis rokutamee
rakkoolee hedduuf saaxilameera. Haa ta’uutii Oromoon jireenya
akkamiituu jiraatu ergamtoota muraasarraa kan hafe hiyyummaa sammuu
hin qabu. Akkuma argaa jirru kan qabu qabeenyaan, kuun humnaan, kuun
beekmsaan qabsoo saba isaarratti wareegama kaffalaa jira. Seenaa
dhaloota dhufuuf darbu dalgaa jira. Kan nama nama jechiisiisuus
kanuma waan ta’eef.
Dhugaadha addunyaa har’a keessatti of ittummaan hammaatee jira. Inni
tokko yoo lammii fi biyya kootiif jedhu inni biraa ammoo garaa isaaf
jecha yoo lammii fi biyya isaa gurguru muldhata. Inni tokko biyyaaf
lammiif dhiphata, inni biraa ammoo samuun isaa ofitummaa guutamee
lammii isaarra garaaf maqaa isaaf dhiphata. Dhugaa akkasii kana
ragaan deeggaruuf ammoo fageenya osoo hin deemne miseensoota dhaaba
wayyaaneen bixxiltee ergachaa jirtu OPDO fi kanneen biyya keessaa fi
alatti maqaa diyaaspooraa jedhuun socho’an kaasutu danada’ama. Warreen
kun garaa ofii, dantaa isaanii malee Oromoo quba hin qaban. Akkuma
argaa fi dhagahaa jirru dhiiga ummata Oromoo dhangalahaa jirurra
ejjetanii horii Wayyaaneen ummata Oromoorraa saamtee qunxurteef
lakkaawaa jiru. namoota akkasitin nama jedhanii nama keessatti
ramaduun nama rakkisa.
Wanti gaarii fi nama gammachiisu ammoo haati Oromoo gotota dachaa..
dachaan dahaa jiraachuu ishiiti. Hattuu fi gantuun , saba Ofii
gurgurtu, inkirdaanni lammii asif achiin ummata Oromoo saamaa fi
saamsisaa turtus, kunoo gootonni Oromoo taankii fi matrayyasii dura
dhaabbatanii dhakaan lolaa jiru. Oromoo gootoota kumaa kitila garaa
isaanirra lammii isaanii filatan, hedduu qaba. hojii gotummaa
hojjechaa jiraniins bonsaa jiru. baddaa gammoojjitti, baadiyyaa
magaalaatti , muziqaan, dirree olompikiitti gotummaa argisiisaa jiru.
Gootota kanneen keessaa goonni seenaan hin daganne kan dhiiga ilmaan
Oromoo dhugaa malee waraana wayyaanee aga’aaziin dhanagalahe kabjaa ol
aanu itti hore Goticha Atleet Fayyisaa Leellisaati. Fayyisaa
Leellisaa atleeta Oromoo Atleetii seenaan yoomiyyuu hindaganneedha.
Fayyisaa Leelisaa qabsaawaa bara rakkooti, qabsaawaa ummata isaaf
maqaa isaa, kabaja isaa, qabeenya isaa, dabarsee kenneedha. Fayyisaa
leellisaa dhugaa Oromoon qabu, dhiittaa mirgaa, ajjeechaa fi hidhaa,
saamichaa fi godaansa ummata Oromoorra wayyaaneedhaan gahu nama
Addunyaaf saaxileedha. Nama saba isaaf umame, gota safartuu hin
qabneedha.
Fayyisaan mootummaa faashstii wayyaanee waggoota 25n dabaniif yakka
ummata Oromoorratti raawachaa turtee fi jirtu mataa gadi qabachiise,
buquu gadi cabseedha. Addunyaa duratti sirna abbaa irree kana
qaaneesseedha. Walumaa galatti fayyisaan goota, fayyisaan fakkeenya
waan hundaati, qabeenyi isa mogsine, qarshiin wayyaaneen ummata Oromoo
saamtee isa badhaaftu isa hin hawwanne.
Gaafii guddaan goota kanarraa barnoonni fudhatamuu qabu maali kan
jedhuudha.? Keessumaa warreen maqaa OPDOtin wayyaanee jala fiigdan,
kanneen maqaa diyaaspooratin mootummaa shiftaa Tigraayitti
irkattanii alaa-manatti ummata Oromoo qayee fi qabeenyarraa buqqisaa
turtanii fi jirtan akkuma Oromoon “Barri hin darbaa maqaan hin darbu”
jedhu bara darbaa jiruuf yakka Oromoorratti hin dalaginaa, karaatti
deebi’aa. Maqaa keessan akka Atleet Fayyisaa Leellisaa halluu hin
haqamneen katabsiisaa. Qabsoo Oromoo cinaa dhaabbadhaa. Diinni
namatti fayyadamee akka harree dadhabdee nama gata. Osoo hin gatamin
kan daandii ofii sirreeffatu ammoo abbaadha. Daddaffin daandii
sirreeffatuun lammiitti deebi’uun dubbii fardiidha jenna. Goota keenya
Atleet Fayyisaa Leellisaa Oromoon eenyu akka ta’e dirreetti
ibseera. Goota keenya kanaan galaganni kee bilisummaadha jechaa hundii
keenyaa karaa dandeenyu maraan akka faana isaa dhofnuun jedha!!!
Check Also
A Runner In Exile
After his dramatic protest at the Rio Olympics, Ethiopian marathoner Feyisa Lilesa didn’t feel safe …