Oduu Haaraya

Gaaddiidduu Jaaramayaa Farra Sabboonummaa Oromoo..kutaa duraa

Gaaddiidduu Jaaramayaa Farra Sabboonummaa Oromoo

(Xannacha Keeysaa Kan Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn Hogganamtu Quucarse)

 

1.    Seensa

Barreeffamaa kanaa maqaa dhaloota koo dhiisee akkan maqaa qalamaan katabu na dirqe keeysaa guruguddoon sadihii. Isaanis:

1) Yeroo amma  Oromoon biyya alaa gola heddutti waan wal qoodee jiruuf haala akkasii keeysatti eenyutu barreessee fi eenyutu dubbateetu gatii qaba malee qabiyyeen barreeffama tokko gatii waan hin qabneef,

2) Jaarmayaa tokko kan Jaarmayaa isa godhuu nama, akkasumas Hawaasa keessatti bu’uurri (Social unit)n nama. Kanaafuu yeroon waan hawaasa Oromoo ykn deemsaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo irra hasa’amu maqaa namootii qooda adda addaa xaphatan ka’uun hin hafu. Kana keessatti namootiin yaada isaanii mormamu ykn gochaa isaanii saxilamu akka uumamaan jibbamanitti fudhataamee akka ”personalized“ hin taneef,

3) Hubannoo fi muxxannoon jiru irraa Oromoo keessatti guyyaa injifatnoon jirtuu callissanii wal jalaa ya’uu, ammoo  gaafa haalli hadhooftuun dhalattu wal looguu, waliitti qubaa qabuu, tokko gafataa ka biroon nama gaffii maraa deeybisuu tahee mul’achun ni jira,

Qabiyyeen barreeffama kanaa hanga danda’ameetti nama samuu walaba tahee yaaduu tokkoof odeeffata ragaa qabuu tokko dhiheessuun  akka namuu hubtnoo wal qixxaataa horachuun qaama qabsicha ta’uf akeekame dha.

Barreeffama kana keeysatti dabree dabree afaan halagaa dhimmaa bahamee jira. Kuniis yaadicha afaan calqaba itti ibsameen ibsuun hubannoo daran waan namaaf kennuufi.

  1. Nagayaa fi Nagayaa yaaduu aadaa Oromoo keeysatti

Oromoon yeroo nagayaa wal gafaatuu nageenya maatii, gandaa, araddaa, uumamaa naannoo wal gaafata. Teessumaa ykn yaa’ii godhaatu maraa nageenyaa fi yaada qajeeltoo akka dhaleeffatuuf Waaqa isaa kadhata, walis eebbisa. Waliigala nagayaa fi nageenya yaaduun qaama aadaa Oromoo ti.

Oromoon dhuma jarraa 19ffaa irratti gaafa caabee biyya namaa deemee dangaa namaa cabsee nagaa booressuun kan inni godhe irraa madde uttu hin tahiin, warra humnaan eenyummaa Oromoo sarbee qabeenyaa isaa saamuu fi hawwutu daangaa itti cabsee mirga uumamaan qabu irraa sarbe. Har’a yeroo beektotni siyaasaa Oromoo tokko tokko ”pacifist” tahuun gaffiin Oromoo karaa nagaa qofaa tarkanfachiifamuu qaba jechuun akka ABO dirqiin waraana filatetti dhiyeessu. Kun dogoggora bu’uraati. Waan Oromoon hundi irra quba qabu tattaaffii karaa nagaa tahan wal yaadachiisuun barbaachisaa dha.

3.    Oromoon Mirga Isaa Sarbame Falmii Karaa Nagaan Deebisuuf Godhee

Oromoon Fincila Diddaa Gabrummaa gaggeesse keeysatti dhibde jirtu karaa nagayaa furachuuf yaalii godhee jira. Isaan kana keeysaa hanga tokko tarreessuuf:-

  1. Bara 1935tti moototi dhiha Oromiyaa mootummaa ofii tolfatanii gargaarsa mootummaa inglizitti barreeffatanii dhagayeetti dhabe. Karaa bahaas akkasuma yaalamee ture.
  2. Waldaan  Maccaa fi Tulamaa;  WMT bara 1963tti sochii Oromiyaa guutuu waliin gayuuf karaa nagaa fi of-qusannoon sochii jireenya Oromoo fooyyessuuf tattaafate. Akeeka Maccaa fi Tuulamaa irra guddaan siyasaa hin turre.  Akeekni dagaagina diinagdee fi hawaasummaa Oromoota baadiyyaa qubataniin gahuu irratti hundeeffame. Mana barnootaa naannoo Oromootti banu,  Kiliniika ijaaru,  Akkasumas daandi walquunnamti tolchu sagantaa isaa godhate ture. Sunuu warra sirna Impayera Itiyophiya gaggeeysanin akka jaarmayaa jireenya isaani waakkatutti hubatamee miseensoti hogganaa WMT hedduun du’aa fi hidhaan adabaman.
  3. Jalqaba Warraqsi Impayera biyya Ityophiyaa sana keeysatti ummatooti cunqurfamo biroo waliin akka ECAT-tti ijaraamuun sirna impayerichaa keeysatti danta ummatooti cunqurfamo tiksuuf yaale ture.
  4. Bara Mootummaa Cehumsaa  Jaarmayolee Oromoo(ABO, IFLO, Oromoo Abo, Tokichummaa…) chartara keeysatti karaa nagaa mul’ata siyaasaa qaban gaggeeysuuf hirmaatanii turan,
  5. ONC bara 1996 irraa eegale, OFDM bara 2004, akkasumaas Jarmooleen biroo maqaa Oromoo qabaatan saddeet (ONC, OLUF, OALF, OLNP, OPDU, GSAP, OFDM, OLP, OPC, AOPDPsirna mootumicha keessatti galma’anii hanga guyyaa har’atti akka mormituutti jiru.

Tattaafi tahan kana keeysatti yaaliin hundi deebi ykn xumurri isaanii abdii kutannaa fi ganiinsaan gara mootummoota  abysiniyatti godhamaniin gaga’amaa dhalchee furmaata uttu hin argatiin fashale hafe. Oromummaan kan Oromoo bira geesse fi mirgoottan hangii tokko har’aa Oromoon Impayeera Ityophiya keeysatti qabu kan argamte warreegama qaali ijoolleen Oromoo ABO/WBO jalaatti hiriirani baasani fi sochi fi fincila diddaa uummatni Oromoo gaggeyseen argamuun hiccitii miti.

Itti fufa…..

Check Also

toophiyaa31

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do …