Oduu Haaraya

Galmee seenaa irraa..

BAANDIRAA OROMO`OO

Gaafa maqdashoo dhaqee { 1965 } dhaaba soomaalee habasha`attin ida`-ame itti gaafatama dardaggeessafii bar-moota na godhan duuba ka`eetan afa-an oromo`oo raadiyoona maqda-sho`oo akka seensisuu barbaanu dhaa-bbarra fide finnaan maqaa maalin seen-sifna gariin oromoo takkaa gaallaa haa jennuu gariin qottuu haa jennuu gariin akki je`e yoo oromoo takkaa gaallaa jettanii raaiyoo seensiftan manca`aan wal fin`a je`e odoo dubbii hin fixin boru galgala haa nuu taatuu jennee na-muu tumsa barbaadatu`uuf adda yaane haatayuu warra afaan qottu`uu haa je-nnuu je`eetu irra heddommaate goreen akkas jettugoree adare`eeti .akkanatti adareen yaada keenya dura dhaabb-attee afaan qottu`uu jecha`uun raadi-yoo maqdasha`oo seensifne ammas wannin an tolche baandiraa dachii oromo`oo himtu gurraatii , adii diimaa manchaa lama taw al dabru kan mukni bunaa jidduu dhaabbatee kan buna gubbaa urjiin roga shan qabdu tanb odaa shaman akeektu jirtu kun hundinuu adii kana keessa jira akkanatti baandiraa soomaale galbeed taate ma`naan soomaali galbeed { ona gaalla`aa } jechu wanni jechi kun irraa dhufe warra arabaatitu kan biyya sooma-ale`ee seene gara dhiyaa kana eenyu taa`a jennaan ona gaallan teessu { ona } jechuun mana namni keessaa baye jennaan namichi arabaa ona wanni itti hiikke bayti wanni taye { gaal beyt } duuba dubbiin akki taate{ gaalbayd } akka soomaalen{ T } { D } gootutti .

Duuba adareen kaatee baandiraa manchaa qabdu nuun taatu nuti manchaa kan hin feenu ilmaan keenya fite ka`anii baandiraa kopa`aa godhan

{ ta moggaalleneen diimtu`uu ta magariinsan jiddu`uu ta handhurtii isi`ii urji`ii hoggaa san oromoonni lolee baandiraa biyya teenya mul`iftu sheekh mahammed rashaad tolche malee ta biraa hin feenu duuba hoggaa san dhaabni soomaali galbeed bakka lamatti qoodamte gamin tokko maqaa baandiraa sheekh mahammed rashaadin bakka dhaabaa bane gamin tokko dhaaba baandiraa adare`etti hafe warri dhaaba kan keessa jiru hundi ala yaa`an namni baandiraa manca`aa tana tumsu haaji ishaaq daadhii tarre`ee fa`a .

Hoggaa dhaabni baandiraa tiyyaa baname haaji ishaaq dubbii dheertuu dubbatee namni dhaaba sanitti mata`aa shugutii dardaratti baaffatee dhayu`uuf argate je`ee dubbii isaa keessatti mangistii soomaale`erra akka jara dhaaba sanii ummata keenyarraa dhoowwitee duuba dhaabni lamaanuu maquma tokkoon kan baandiraa lamaa deemu ture duuba warri araba baye xalayaa as erganii wanni je`an orma arabatitu ziyaaraa maqdashoo dhufaa dhaaba lama yoo argan yaanni isaanii ni jirjiiraamanuti dhaabni kheenya tokkoo jenneeni dhaaba lamaan tokko godhaa odoo isaan hin dhufne dhaaba lamaan tokko godhaa akkasitti dhaaba baandiraa orom-o`ootifii dhaaba baandiraa adara`ee akka goone akki takka itti goone mataan dhaaba baandiraa oromo`oo itti aanaa tayee dhaabni baandiraa adare`ee mataa tayee baandiraa manca`aa ta mangistii tayee ta adara`ee ta ashkara tayee akkanatti dhaaba lamaan tokko goone baandiraa dhaaba khaanin wanni himtu gaafa adareen keesse hunoo akkana jetti :

Moggeen lameen diimtu`uu

*

Magariisaan jiddu`uu

Handhurtii sii urji`ii

*

Madanni isii heddu`uu

Namni walaloo tana je`e shantam shubbisaa wanni bifti lamaan himtu adawwii lamaan soomaale`eetifii amaarati magariinsan dachii oromo`ootin urjiin jiddu`uu alaamaa soomaale`eeti .

Haa tayuu walaloo tana jirjiira`aatu itti argame kan maal je`u :

Moggeen lameen diimtu`uu

*

Magariisaan jiddu`uu

Handhurtii sii oda`aa

*

Madanni isii heddu`uu

Dr : Mohammed rashaad kabiir abdullee

Check Also

dhaloota qubee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree …