Oduu Haaraya

Garagarummaa Dhaabota Oromoo gidduu

By Ibsaa Guutamaa

Sabaawota Oromiyaan kan ijaaraman dhaabota hedduutu jira. Garuu akki isaan akeeka qabsoo Oromoo itt ilaalan adda addaa. Oromoo tahu taatotaa malee garagarummaa akeekaa fulduratt fidanii kan irratt mari’achiisan hin jirani. Kanaafii afaaniin haa tahu barruun yeroo namooti mooraan gargar bahanii walitt bu’an, “Diina dhiiftanii maaliif walitt bobbaatu?” gaaffiin qeeqa fakkaatu, kallattii hundaan ka’aa jiraate.

Kaasaa walitt bu’aa kanaaf kan dhimme jira hin fakkaatu. Oromoon mooraa walgaarreffatan adda addaa keessa jiran akka firaatt wal ilaaluu ni dandahu yk akka qabsaawota mooraa adda addaa keessa jiraniitt walii obsuu ni dandahuu? Garaa garummaa kana ifa godhanii furmaata barbaachuu irra, nammi gad qotee akka hin barrre gochuu kan yaalan jiru; kaan kana hubachuu kan hin dandeenye. Dhaabota walaba gidduu rakkinni oo’ifamee himamu hin jiru. Addaddummaa dhaabota maqaa saba tokkoon ijaaraman gidduu akka hinjirrett bira darbuun garaagarummaa sabicha keessa jiru fi saboota godinicha gidduu jiran furuun nama dhiba.

Duubatt deebineee qabsoo Oromoo dadhabsiisuuf dira’ina tolfamaa ture yoo laalle hamma yoonaa lubbuun jiraachuun saayyuu nu dinqisisuu hin hafu. Alaa manaa qabsoo walabummaa jibisiisuuf tooftaan hololaa dhimmi itt hin bahamne hin jiru. Dhaabi inni kallachaa, ABOn walabummaaf dhaabbate; “fokkummaa” saa raga hin qabneef sababooti himaman hundii jabina kaayyoo inni hordofuu irra tarkaanfatanii jigsuunii hin dandeenye. Surrii dadhabootaa, ayyaanlaallattootaa fi daddaaqotaa hedduutt huursaniiru. ABO akka dhaabaatt, taatota jiraniin addatt yoo ilaalan malee balaatu qabsoo walabummaa Oromoo eeggata. Kan kittillayyoo diinaa hin taane, duula Qabsoo Walabummaatt bobbahe irratt utuu hin yaadin diinaan gar tokko akka hin dhaabbanne eeggachuun egeree saba Oromoof wayyaa fakkaata. Gadaan tokko waraana, tokko rooba, tokko beela kkf beekamuun sirna gadaa sabicha hin lagachiifne. Haalli Qabsoon Oromo hardha keessa jirus akka sanatt ilaalamuu qaba. Gogeessi ni darba sirni gadaa garuu itt fufa dha.

Barreettiin kun garaa garummaa saba keessa jiraachuu dandahu akka gosootaa fi dhugeeffannoota gidduu hin kaasu. Akkasumas garagarummaa sabota godinaa keessa jiranii irratt hin akeekkatu. Sabi Oromoo mirga sarbame deeffachuuf qabsoon gaggeessu sababa addaddaatiin takaalamee hobbaatii hamilate bira gahuu hin dandeenye. Ummati Oromoo gaafa jaarmaa cimaan of jabeesse qofa dhageettii argata. Dhageettii yoo argate waan halle halagaan murteessuufii keessaa bahee ofiif murteeffata. Biyya abbaa ofii irratt inni gabbaarii halagaan malkanyaa hin tahu. Ummatichi yeroo jaatamoota keessa qabsoo eegale an ummata of dandahe walaban ture malee hirkattuu saba kamiiyyuu mit jedhee jalqabne. Bobbaatiin kamuu konkaa keessatt hin gaggeeffamu, hawaasa firaa fi nyaapha fedha irraa qabuu keessatt deema. Jaarmaa saa kan qilleensi hin galle gochu waan hin dandeenyeef qawwaa halleen kan fedhe itt seenee butucheenii.

Kanaaf dhaabota maqaa saaniin jiran kamtu isaan qofaa hojjetu, kamtu bakka jiru hundatt dantaa saanii hin irraanfanne, kamtu dimshashumatt galtuu tahee kan isaan diina muummicha jedhanii itt bobbahan ofii dubbatu caalaa kan isaaf dubbatu, qorachuu qabu. As irratt amma dubbataa kan jirru waa’ee akeeki sirrii taheef hin taanee malee waa’ee malbulchaa miti. Tooftaa fi tarsimoo irratt waligaltee sabaawaan jiraannaan hojiin malbulchaa toora hedduun gaggeeffamuu dandaha. Rakkoon dhufaa kan jiru akka itt Oromiyaa ilaalanii. Oromiyaan biyya of dandahee tahee jiraachuuf mirga qabumoo lata Itophiyaatii? Kan walabummaaf mirga qaba jedhanii fi kan lata jedhan walitt araarsuun akkamitt dandahama? Gad fageessanii yoo laalan eenyummaa sabicha maaljechisiisuuf irraa ka’a wal fakkaataa hin qabani. Qayabannoo adda addaatiin saba adda adda tahe mullachuuf deema. Kanaaf mooraa lamaan waliigalchuun akka dubbatamu salphaa hin tahu. Yaadi mormituu amanamtuu tahuuf gangalchamaa jiru yoo of eeggannoon qaban malee yaada hamaa Oromiyaa qabaa jalatt hambisu tahuu akka dandahu hubatamuutu irra jira. Namooti sana gangalchan bulanii yaada jijjiiirrachuu dandahu yaadichi garuu bakka kaa’anit hafa. Namooti sana keessatt qooda fudhatan akka abba tokkeett keessi saanii sabboonoo tahu ni dandahu akka murnatt garuu galtuu malee kan biraa tahuu hin dandahani. Dhaabota Heera Habashaa fudhatanii bobba’an hedduu dha jenneerra. Dhaabi ADO ofiin jedhu dhiheenya dhaabbatee isaanitt dabalamuuf yaala jira. Gidduu kana tasisi ADO hankaka aggammii jalqabaaf jedhamee mata duree bu’uratii, as irratt garu waa’een saa addaan hin dhihaanne. Mooraan qabsoo lamaa, tokko kan walabummaa Oromiyaati. Diinni mooraa kanaa finnaa Itophiyaa fi kan isaa tumsanii. Mooraan biraa empayera jalatt Heera Itophiyaa fudhatee akka mormituutt qabsoo nagaan gaggeessa Oromiyaaanis lata Itophiyaati isa jedhan kan fudhate. Mooraa kanaaf diinoti kanneen Heera itoophiyaatt hin bulle. Heerri Republik Itophiyaa Federaalawaa Demokraatawaa lakoofsi 1/1995 akka jedhutti: “Nambiyyaan kamuu, qaamoti mootummaa, dhaaboti malbulchaa, waldooti biraa akkasumas qondaaloti saanii Heericha kabachiisuu fi Heerichaaf bitamaa tahuf dirqama qabu.” Kanaaf abbaan Heericha kakatee fudhate ramaddii mootummaan kennuuf diduu hin dandahu; yoo qawween bobba’uu baate seera tumuu, bulcha adabaa koloneeffataa gaggeessuu, kkf fi galaa dhiheessuun ummata ofii, Oromoo nyaapha godhata jechuu dha. ABOn Oromiyaa walaaboomsuuf qabsoo malbulchaa fi hidhannoo akka gaggeessuu ijaarame. Isa irraa cite qabsoo nagaan gaggeesa kan jedhu yooyyefamuu qaba. Hamma walabummaa saba saa haalee heera Itophiyaa fi amanamaa tahuuf hin kakannett inni sabboona dha. Bilisummaa of ijaaruu, walgahuu, of ifsuu fi abbaa fe’e waliin waldaa dhaabbachuu Heerichanillee kan beekame. Sun gonka dhagaa walitt darbachuutt hin geessuu. Dubbii kana keessatt nageesso, of irratt hirkataa fi humna hidhate kam irraayyuu walaba. Kanaaf inni waan diinni jedhu karaa nagaan diduu malee dhagaa namatt waan hin darbbaneef lammooti saa waan itt darbataniif hin qabanii. Caalaattuu garri lachuu cunqurfamaaf waan hojjetaniif saganta gadjalaa wal qayyabannoo baafachuu dandahu. Kan gola dhaabbate hundi mormituu amanamtuu tahuu qaba jechuu miti. Garuu biyya sanatt gochi hundi gaagaa qaba, mormituu amanamtummaan illee. Akka onnee fi ilaalcha addunyaa ofiitt gara kan filatu abbaa dha. Bilisummaan yaadaa fi of ifsuu tuqaa muummicha qabsoo Oromootii.

Oromoon, diina roorroo fi goolii xaxatee itt bobbahe ofirra ittisuuf qabsoo hidhannoo akka filmaattota keessaa tokkoott fudhate. Nagaan waldhabdee jiru furuuf ijibbaati tolfame dhama’uu qofa ta’e. Garuu koloneeffatan yoomiyyuu caalaa Oromoott roorrisaa, tuffataa, ajjeesaa, hidhaa, guraaraa, achi buutee dhabsiisaa, biyyaa baasaa, saama fi buqqisaa jira. Kanaaf kun sirna shororkeessituu hammaa bahaa seeraa ulfeessu hin qabne. Sirna akkasii fi haala duree tokko malee amanamanii irbuu seenuun Oromoo kumaatamoota hidhaatt guramaa jiranii fi kurnan lamaa ol darban keessa daba loltuu Oromoo hidhaa keessatt irra gahaa jiru ooffalchuu dha. Qaccefixa ummata Sidaamaa, Mazangir, Anuakii fi saboota bicuu biraa ofkalchuu jechuu dha. Lafa ababilee saani irraa buqa’uu ummata Oomootik fi Nayilotikii akkasumas ummata Oromoo offalchuu jechuu dha. Qabiyyee kolonotaa saamuu fi ijoollee fi dubartii sabota isaaniin mormanii gudeeduu fi kkf; kan daba mootummaan Habashaa si’ana aangoo irra jiruu tarreessee fixuu dandahu hin jiru. “Taa’aa irraa hin qabduu mataatt aguggati” akka jedhamu da’oo tokko utuu hin qabaatiin tooftaa mootummoota of dandahan dhimmi itt bahan akkeessuu yaaluun ofis ummata ofiis ballaa hin caamneef qulleessuu taha. Kan Oromiyaan barbaaddu dhaaba “sayixaruuti abet, sayilikut wadeeti” (utuu hin waamamin owwaatu, utuu hin ergamin eessa dhaqii jettan) jedhu utuu hin ta’in ofirratt amantee cima kan qabu.

Qabsoo ummati ofii walabummaa fi qajeeltuuf godhu dhiisanii murna dutaa nama nyaata kan ummata Oromo likkii saanitt galchuuf murteeffatett galuun “nagaa” eenyuuf argamsiisuufii? Bakka ittisi lolaa barbaachisu dhiisanii madda lolaa bira goruun nagaa eenyuuf yaadameetu? Qabsoon “nagaa” sirnicha keessa taa’anii utuu hin tahin isa ala tahaniitu. Inni sirna koloneeffataatt galanii godhan dorgommee angoo seerawe jedhama. Akka Itophiyaatt waliigaltee murnoota sirna kolonii empayeritt fudhatanii wal gidduutt eeboo utuu hin mirmirsin jaallatee haa tahu dirqisiisanii irba ummati buusuun bakka waljijjiiruutii. Qabsoon adda walabummaa fi kan mormituuu akeekaanis kaayyoonis adda addaa. Mormituu tahuu jechuun dorgommee angoo walirraa hin citne keessa seenuu dha. Golli malbulchaa hundi riqa aangoott gaafa Waaq jedhe ol bahuuf darabee eeggataa jiraatu. Kan aangott ol bahu hundi qawwee fi sirna TPLF biyya ittiin gooluu fi hariiroo inni hamma yoonaa uume hunda dhaalaa. Kanaaf isatt galuun utuu hin turin dutaa tahanii akka miltolee saanii “Likkiin isin galchaa” jeekkaraa as bahuufii. Qabsoon walabummaaf godhamu sirna kolonii diiguuf malee kabeebsuuf miti. Qabsoon walabummaa angoo hacuccaa wal jijjiiruuf utuu hin tahin hacuuccaa jalaa birmadoomuufii.

Nagaan jiraachuuf dinnummaan dhabamuu qaba. Dinni Oromoon waliin qabu eenyu? Kan isa qabachuu fi raayyaa bobbaaasee fi itt roorrisaa jiru mitii? Eegaa haala akksii jalatt Oromoon isa waliin dhaabbatanii akka inni Oromiyaa irra diriirfatu tajaajila guutuu kennaniif akkamitt isaan addati ilaalamu? Kanaaf “Wal dhiisaa diina irratt fuulleffadhaa” gorsi jedhu eenyuu fi eenyu fa’iinii? Gorsi kun jara akeeka tokko qabaniif ni hojjeta taha. Kanneen kaayyoo ganama gad hin dhiisin booddana qalbii horatanii kan ilaalchaan wal fakkaatanin walitt dhufuu yaala jirachuun ni mullata. Mooraa tokko keessa taahanii dhagaa walitt darbachuun of ajjeesuu akka tahe hubatan fakkata. Yoo mooraa lamaan qabsoo Oromoo himatan herrega keessa hin galchine xumura dogoggoraatt geessuu dandaha. Qabsaawoti Oromoo kan akeekkatan sirna koloneeffataa kan mormituu amanamtuun qooda keessaa qabanittii. Dhaabi tokko dhaaba Oromoo jedhameef addatt baasanii qubaa itt hin qabanii. Kan Heerichaaf dhabbatee hundi mooraa walabummaa keessa kan jiraniif hamajaajii dha. Haa tahu malee namooti waa hubuuf humna hin qabne fi kan waan jedhan hojiitt furu hin sonoofne dhagaa darbachuu jalqabuu yk afaaniin eenyuunuu tuquun bu’aa saa irra, hamaa inni fidutu caala. “Mooraa addda addaa keessa jiraatanii wal hubachuun hin dandahamuu?” gaaffiin jedhu ka’uun ni mala. Kun dammaqinaa fi leelloo jaalbiyyummaa qaban irratt hundaawaa. Abboolii fi haadholiin yeroo nutt himan, nammoti Oromoo, dur keessa diina quwachuuf biyya halagaatt galanii isaan keessaa fuudhanii fi heerumanii isaan fakkaatanii jiraataa jireenya saanii guutuu saba ofiitii lafjala iyyaatii qaruutee dabarsaa turan jedhu. Yoo ofirrummaa fi buubi ofumaa dhoowu hin jiranne kun suukii sabboonummaan godhamuu dandaha. Haalli hawaasaa kantaraa miti; misa agarsiisaa deema. Kanaaf yeroo yeroon xiinxaluu dha. Malbulchesooti ogeeyyiin haala hamaatt akka dhimma bahuu dandahan beekutu abdatama. Sadarkaa sana gahuun ofbara qixa olhaanaa, of kenna, kaasaa saba ofii fi dudhama fi mataa fi garaa qulqulluu qabaaachuu irratt hundaawa. Qabsaawoti timjii darbuun waan eegalee Oromummaa fi nafii Oromoo akkasumas bu’uurota safuutt hedaman irratt qayyabannoo waloo uumuu dandahuu? Hanga sun tolfamutt qabee mooraa gamaa secca’anii baruu qabsaawaa walabummaa ni rakkisa. Silaa haalli dansi utuu Oromoon finnaa empayera Itophiyaa mallattoon saa faajjii bifsadee, magariisa, keelloo fi diimaa taheef amanamummaa kakachu hin baanne misha ture. Nammi surrii nagaa akka Oromoon walabummaa dhabe deebifachuuf mirga qabu hin haalu. Daayi Oromoo Itophiyessoota, nambiyyaa Itophiyaa jedhamanii gurguddoo Habashaan haammatamuu dha. Akka sana taanaan gara Oromoon yoo laalan isaaniif OPDO gidduu garagarummaa maqaa malee kan biraa hin jiru. OPDOnis lootuu Dargii boojuun TLF ijaaruun seenaa dha. Hardha miseensoti saanii hedduun kanneen sana as dhalatan loltuumitii dha. Mormitooti jiraachu kan hayyamte, “Akka hin komanne waamii akka hin nyaanne irraa dhiibi” isa jedhamu. Ulaagaa golli demokraasii tokko guutuun irra jira jedhamu TPLF akka argatuuf malee wayittt bahu jedhamee miti. Yoo akka tasaa qabsoo keessaan jijjiirrami ni dhufa tahe taatoti amma jiran taa’anii hin argani. Seenaan galtuu kanuma agarsiisa. Injifannoo sochii walabummaa qofatu akka ummata birmaduutt filannoo ballaa kennaafii. Garaa garummaan mooraa walabummaa waliin qaban empayerri diigamu malee waan walitt araaramu miti. Dhaaboti kaayyoo qabsoo Oromoo isa ganama fudhatan gar tokkott luucca’aa jiraachuun ummatichaaf abdii guddaa dha. Kanneen ADO irratt ilaallachuuf kan riphaan jiru taanaan isa qabatan of jalaa bacancarsuurra ejjennoo saanii keessa deebi’anii ilaaluu feesisa, takka isaan eegsisuun hin hafuu. Gabaabaatt Mooraa Walabummaa keessa kan jiranii fi kanneen Mooraa Itophesitoota keessa jiran walfakiin himatan yoo jiraate maqaa Oromoo dhahachuu qofa. Kanaaf malee lachanuu mooraa itt galli saanii adda adda tahe keessa jiru. Tokko mirgoott isa kaanii mirga tahuu dandaha, akka Bakar Waaree fi Mokonnin Guddisaa. Kanneen “Dhagaa walitt hin darbatinaa” jedhan garagarummaa dhaaabota Oromoo akkasitt ilaalaniiruu laataa? Yeroo mirgaa fi qajeeltuutt dhufu, Oromoo tahuu himachuu utuu hin tahin kabaja mirga ilmoo namaa fi Oromoon hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu qabu hojiirra oolchuu dha. Hiree murteefachuun mirga ummata Oromootii. Mirga hiree murteeffannaa murna haa tahu abbaan tokkollee dhoofsisaaf dhiheessuuf seera hin qabu, timjii irra hin darbamne. Gaaffii walbummaa yk ofiin bulummaa Oromiyaa fi bilisummaa Oromoo addatt kan laalu sammuu kalamsaawe. Sana dhoofsisaaf kan gargar baafatu ummata Oromoo qofa. Itophiyaa na tolchaa jedhee kan maganu, isaanuu gaafa rakkinaa maqaaf Itophiyaa ofiin haa jedhan malee, gaafa dhugaa Amaaraa fi Tigree dha; mooraan saanii lama caalaa hin qabu, akka sirna Ameerikaa faa; taasisa haaraa mirga walqixxee fedhu ofitt dabaluun anjaa hin qabuufii. Maal haa baasuuf dhama raasuree? Dhadhaawoo hin bahuu! Abba fedhe haatahu ilmaan namaa namummaa saaniif ulfoo dha. Yaada irra darbanii kan yaada burqisiisan tuquun addagummaa waan tahuuf safuu dha. Nammi tokko balleessaa yoo qabaate hardha yoo hin taane bor seeraan adabamuu dandaha. Yaada garuu biinxa’anii dogoggora sirrii irraa gargar baasanii mullisuun saaxiluun akka. Qabsaawota gidduutt wal qeequu fi of qeequun fedha irratt hundaawe misuu qaba. Kana malee guungummii fi of qofti miidhamaa akka tahett dhiheessuun barsiifata homishaawumaa hin qabne. Kan baraan wal hin fakkaanne akkasii of irraa gatuun bu’aa qaba. Hogganooti hamma nammi irraa eegu hobbaatii argamsiisuu hanqatu taha. Sun waan ittiin arabsaman yk abaaraman tahuu hin qabu. Hamma irba amanamummaatt fiduu danda’amutt kan jiran jajjabeessaa yabboo banaan yoo jirate irratt qeequu dha, yoo hin jirres tokko uumuu dha. Qabsaawoti sochiin bilisummaa Oromoo hamajaajii hundi balleessuuf irratt xiyyeeffatan dadhabina hoggansaa haa tahu talisummaan akka hin banne itt gaafatama dammaqanii eeguu qabu. Hogganootis burquqa maa qeeqmnee dhiisanii akkaataa dhaaba keessatt walamantee fi keessaanlaalummaa gad ijaaran faluu dha. Yoo xinnate heera dhaabaa kabajanii kabajchiisuu dha. Moora koloneeffataa keessa murnooti jiran hundi aangoo empayerittii qabachuuf dorgomu malee caasaa empayerittii diiguuf miti. Faallaa sanaatt kan amanan yoo jiraatan QBOf isaan waliin hidhata uummachuun ni dandahama. Sana yoo hin tahin qofoo golee afurii boolla martii keessatt qofa’uu yaaluu taha, walitt hin tahanii. Waanti goonu keessaanlaalii, wanti holollu soba golguuf irra diddibamee dhihaachuu hin qabu. “Gamna gowwoomsuun jibba barbaacha” isa jedhamu yaadachuu dhaa. Waan utuu oolee hin bulin ifa bahu huffisuun huffee nama jechisiisa. Kan kanaa olii ilaalcha mooraa walabummaatii. Mooraan kun yero amma faaraa warraaqsa gaggeessuuf barbaachisu agarsiisaa hin jiru. Tattaaffiin godhamu mooraa isa biraa irra cimaa fi shaffisaa yoo hin taane haalli too’achuu hin dandahamne uumamuu dandaha. Warri Abbaa Gadaa utuu bakka keenya tahanii maal godhu laata jedhanii of duuba mildhachuun barbaachisaa dha. Miseensi gogeessa gadaa sirna Gadaa demokrasiin marii irratt qooda fudhatee fala itt barbaada ture. Mee Oromummaan masakamuun mooraa diinaa yaanee, Odaa, moora keenya, da’oo keenya fi dhaalmaa keenya demokratawaa waloo, madda boona keenyaa, mallattoo walabummaa keenyaa jalatt wal haa geenyu. Mee waliin dhiichinee diina qalbii haa horachiifnu, yoos qofa kan nagaan karaa nagaa godinichaaf bu’u. Sun dandahamnaan walabummaan fagoo hin tahu. It gaafatammii fi keessaanlaalummaan haa dagaaguu.; ofirrummaa fi ofittumaan haa dhidhiman!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

April 2015

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …