Oduu Haaraya

GAREE UMMATA OROMOOTIIN SHORORKEESSAA JEDHAMUU QABU!

Garee farra tokkummaa ummata oromoo tahe,dhukkuba daranyoo sombaa wayyaaneen ummata oromootii raabsite!
Yoo oromoo dhugaa taate osoo hin hifatin dubbisi!!
Akkam jirtu kabajamaa fi jaallatamaa ummata oromoo garee kanaa? Jidduu kana wanni fb irratti argaa jirru,Muktaar kadiirii fi Asteer Maammoo oromiyaa keessatti dhalatan malee oromoo miti yaada jedhuu dha.Anis raga isaan oromoo dha ykn oromoo miti jedhu hin qabu.haatahu malee akka seera gadaatti ulaagaan nama tokko oromoo godhuu dandeettu maali? Jennee yoo of gaafanne dogoggora hamaa keessaa akka jirru of hubanna. 
Ummanni oromoo lafa amma irra qubate kana jaarraa 16ffaa keessa akka tahee fi wayta lafa kanniin weeraree qabatetti lafaa fi ummata orom-dura lafa san qubatellee moggaasaan oromeessuun baay’ina amma qabnu fi lafa baldhoo kanarraa qubannee akka jiraannu taasisaniiru.haatahu malee garee tokko jira.garee ofiin oromoo qulqulluu jechuun oromoota biraatii sartafikeetii akka armaan gadii kanatti kennu.
1-yoo oromoo kiristaanaa ortodoksii tahe amaara
2-yoo oromoo islaamaa gara bahaa tahe somaalee
3-yoo oromoo protestaantii tahe sidaama ykn walaayittaa ykn…
Asirratti gareen kun garee amantaawaaqeffataa jechuu akka hin taane akka naaf hubattan. Ummanni waaqeffataa oromoon tokko amantaa fedhe hordofee ilma oromoo ta’uun isaa qoftuu gahaadha ijjennoo jedhu qabu. 
Namoota isaan oromummaa irraa mulqan keessaa muraasni
1-weellisaa kabajamaa jaallatamaa fi sabboonaa UMAR SULEEYMAN( oromoo mitii somaalee jedhaanii maqaa isaa xureessaa turan )
2-juneeydii saaddoo-prezdaantii mootummaa naannoo oromiyaa wayta turetti :
a-seera hojjetaan mootummaa naannoo oromiyaa kamuu ijoollee isaa mana barumsaa afaan oromoo keessatti qofa barsiisuu qaba
b- seera biiroolee mootummaa n/oromiyaa keessatti afaan oromoo malee afaan amaaraa dubbachuun dhooggaa jedhu
c-seera taappellaa fi dhaabbilee daldalaa irratti jalqaba afaan oromootiin ifa tahee barraahu qaba jedhu
d-Dhabbata Raadiyoo fi Telebijiinii Oromiyaa kan ijaarsisee abbaan duulaa eebbise
e-galma abbaa gadaa adaamatti ijaarsisee Dr alii birraa kabajaan alaa waamee kan eebbisiisee fi bu’aa ali oromoo buuseef warqii 15kg badhaaase
f-gaafa Jeneraal Waaqoo guutuu du’an reeffi isaanii kabajaan keeniyaa dhufee akka mootii biyya tokkotti akka awwaalamu nama taasise fi kkf hojiiwwan gurguddoo juneeydii tahee osoo jiruu ,karoora woyyaaneen magaala guddoo oromiyaa adaamaa godhuun ummata oromoo finfinnee keessaa baasuu karoorfatte dura dhaabbachuu dhabe,isatu barattoota oromoo ficcisiise fikkf jechuudhan oromumaa isaa irraa mulqan.Opdo tahuun waan biraa ,ilaalcha keenna qofa deeggaruu dhbuun oromummaa irraa mulqan.
3-abbaa duulaa gammadaa-oromoo miti,tigreedha,minaasee w/goorgis jedhama….. abbaan duulaa wayta pirezdaantii turetti bu’uuraalee misoomaa heddu hojjechiisuu bira dabree,ijjennoo daangaa oromomiyaa sirreesuu jedhuun ummata oromoo naannoo kibbaa jala ture rifreendamiin gara oromiyaattideebisuun iddoo bashannanaa wandoo gannatillee isaa oromiyaa jalatti deebi’uu qabdi jedhee sochii eegale woyyaneen angoo irraa kaaftee bakka amma jiru kana keette.abbaan duulaa wayta san finfinnee keessatti galmi abbaa gadaa fi manniin barumsaa afaan oromoo Finfinnee keessatti ijaaramuu qaba jechuun kutaalee bulchiinsa magaalaa finfinnee hundarraa lafa fudhachuun dallayamee hojii jalqabuuf isaa jedhe bakka sanii kaasan.walumaa galatti namni Opdo keessaa ummata oromoo biratti haga Abbaa duulaa jaalatamuu fi kabaja qabu hin jiru.Garuu gareen kun Oromoo miti jechuun duula irratti banaa ture.
4-kumaa dammaqsaa-kan dhalate dhiha ormiyaatti yoo tahuu innis oromoo miti jedhaniinii duula irratti banaa turan
5-asteer maammoo-kan dhalatte dhiha oromiyaa taatus hintala oromootii miti jedhuun.
6-abdul aziiz muhaammad –kan dhalate baha oromiyaa keessatti tahus somaaleedha malee ormoo miti jedhaanii jiru.
ALAMAAYYOO ATOOMSAA-OPdo keessaa namni garee kana irraa sartafikeetii ormoo qulqulluu argate alamaayyoon ATOOMSAA qofa. Anilleen oromoo tahuu isaa hin mormu.garuu alamaayyoon oromoo qulqulluu tahuun isaa ummata oromootii maalbuusee? Alamaayyoon nama 1990moota keessa wayta ABO dhiya oromiyaa keessaa sochii cimaa godhaa jirutti miseensa opdo tahuun ummata wallaggaa hiraarsaa dararaa turee fi osoo hin turin itti gaafatamaa tika nageenyaa naannoo oromiyaa tahuun nama adda durummaan daba dura ummata wallaggaa irratti raawwataa ture gara guutuu oromiyaatti olguddifatee oromoota hedduu maqaa ABOtiin hidhaa fi ajjeesisiisaa tureedha.wayta itti gaafatamaa dhaabbata raadiyoonii fi telebijiinii Itoophiyaa turettis nama osoo ummanni oromoo sa’aatii sagantaa afaan oromoo nuu haa dabalamu jedhee gaafatu,sagantaa afaan atigriffaa guyyatti wiixata-jimaataa sa’aa tokko qofa ture gara sa’aa lamaatti olguddisee a/oromootiin walqixxeesse fi nama gaafa prezdaantii tahe baajata caffeef dhiyeessee keessatti artii oromoo kan Hinseenee mokriyaa (barreessaa jechiika ELELLEEti)pizedaanti tahuun hojjechaa ture guddisuuf baajata qara ramadamaa ture”nuti nama sirbuu miti nama misoomaa barbaanna” jechuun dhooggate,nama Aramaa ABO wallagga keessaa balleessuu fi malaammatummaa oromiyaa keessaaballeessuu kaayyoo godhatee hojitti seenee fi nama inni caffee keessa taa’ee”ummata oromoo muslimaattu qarshii baankii kaayuun dhala nyaachuu dideetu misooma oromiyaa miidhaa jira” jennaan miseensonni caffee akka jiraniin “namni kun dhuguma ilma oromoo wallaggaatii?” jedhanii akka shakkan taasiseedha. Maarree oromoo qulqulluu tahuun isaa ummata oromoo ni miidhe moo ni fayyaderee?
Amma ammo muktaar kadiir ormoo miti jedhaa jiru.wanni inni oromoof hojjete jiraachuu baatullee Obaamaa abbaan isaa lammii keeniyaa ,sanuu Gurraacha tahuu osoo beekan warri adiin sagalee keennaniifi ameerikaa qofa osoo hin tahin addunyaa bulchaa akka jiru quba qabduulaata? Maarree muktaar kadiir haga oromoo tahuu fi dhabuusaarratti yeroo findhu maaliif maal ummata oromootii dalagaa jira jennee hinqorannee?
Kana qofaa miti gareen kun qabsoo dhoonbir qabsoo ummanni baalee diddaa gabrummaa godhuun oromoonni booranaa,gujii,hargee ,arsii fi sabni sidaamaa fa’a qooda fudhachuun baleen waggaa 7 nafxanyaa jalaa bilisa baasan,”qabsoo ganda tokkooti,qabsoo amantaa islaamaati, jeneraal waaqo somaaleedha malee oromoo miti fikkf…..” jedhaanii turan.mee laalaakaa!.jeneraal waaqo nama qawwee argachuuf jecha somaalee dhaqanii nu oromoo hin beeynuu maqaa somaalee aabbootiin socho’aa isaaniin jennaan waraana dhoonbir keessaa namni tokko “ee dhugaa jedheen gaafa oromoon ummamtu somaaleen lafarra hin jirtuu ” jedhechuun “lakki nu maqaa oromootiin malee maqaa somaalee jedhu kana hin fudhnnuu ” jedhanii dinna ,hoggantoonni somaalee yeroo sanii guddoomii /angoo/ fi qulfii biiroo irraa fuudhanii nama abbaan oromoo haadhaan somaalee tahe tokkoof kenninaan ijoolleen oromoo aartee dhagaadhaan biiroo fi guddoomii jeneral waaqoo deeffatan.haatahu malee maqaa somaalee aabboo jedhu fudhachuu diduu isaanii tiif qawwee waan dhooggataniif waraanni dhoonbir achi jiru mariyatee “soqidda baattaa jennaan deega caala ulfataa ” jedhee oromoon ” isii oromummaa dhiigaan arganne malee ergisaan hin argannee maqaan somaalee jedhu nutti hin maxxanuu,eega maqaa oromootiin qawwee nu dhooggatan ,maqaa dhiisii qawweeyyuu isaanirraa fudhataa jirraa yeroof maqaa somaalee aabboo jedhu kana fudhannee ummataa fi lafa teennaa yoo ittiin bilisa baafanne maal rakkoo qaba” jedhanii faaydaa fi miidhaa wal-bira qabanii laaluun itti seenan.(namoota yeroo ammaa lubbuun jiran kangaafa san dhagaadhaan somaalotaan wallolaa turan kan qabsoo dhoonbir keessatti baddaa harannaatii haga gaarreen baaleetitti hogganaa waraanaa tahuun lolaa ture vidiyoo isaa haarawa yeroo dhiyoo keessatti isinii gadi dhiisuu yaala).jeneraal waaqo baale calla bilisa baasuuf yaalaa hin turre,oromoon tuulamaallee shawaa keessatti falmataa akka jiranii fi jeneeraalli oromoo tokkos qabsoo oromoo tanatti makamuu akka barbaadan dhagayuu qabsoo oromoo baalee gara guutuu oromiyaatti guddisuuf xalayaa fuula 14 haaji aadam saaddootiin gara Jeneraal TaaddeeBirruutti erguun “koottuu ogummaa qabduun nu hogganii ummati oromoo bililisa baasi jedhaniinii “turan. Qabsoo hagana geettu gareen kun qabsoo GANDA tokkooti jedhaanii turan.bara xaaliyaaniin liibiyaa weerarte ummanni gand beengaazii umar muktaariin hogganamu waggaa 20 oliif waraanaa turee booda hinjifataman,ummata liibiyaa biratti akka qabsoo ulfinaatti laalama.asuma dhiyoo kanas qabsoon gaadafii angoo irraa buuse ganduma/magaalama beengaaziitii ka’ee ummata liibiyaa bilisa baase.QABSOO GANDA TOKKOO!!! Maarree isin garee kanaan maal jettuuuuuuuuuuuuu??????
FARRA SEENAA OROMOO JENNUUNII????
Mee yoo beeytan natty himaa!!. Gareen ykn dhaabbanni ykn yuuniversitiin ummata oromootii sartafikeetii oromummaa kennu kun garee kami laata? Maqaa oromoo qabaachuun ormoo nama taasisa jettuu? Yoo akkas taate miniteerri itti biyyaa Siraaj FAGEESSAA oromoodhakaa!!kkkkkkkkk!
Tasfaayee gabra aab bishooftutti dhalate.abbaa fi haati isaallee lammii eertiraati.garuu ani bishooftutti dhaladhe,ilaalchaa fi aadaa oromootiin guddadhe kanaafuu ani oromoodha jedhee dhimma oromoorratti kitaabota hedduu barreessuun amaara bowwaasisaa jira.akka garee kanaatti TASFAAYEEN oromoo miti kaa!!.Haaji Alibaa YA’aqoom dhalootaan paakistaanii,hintala oromoo fuudhee lammii biiya toophiyaa argatee SABA OROMOO filate bakka jiraataa jiru calanqotti gosa oromoo filatee sirna moggaasaatiin murtii buusanii oromoo tahanii jiru.H/Alibaa Yaa’aqoob Nama gaaffilee miidiyaalee itoophiyaa irratti gaafataman hedduu deebisuu fi badhaasa hedduu fudhachuun beekamanii fi afaanota a/oromoo,a/amaaraa,a/tigriffaa,a/hararii,a/paakistaanii,a/arabaa,a/ingiliffaa,a/somaalee fikkfa dubataniidha.Namaa ummanni niyyattii hedduun beekuudha.akka garee kanaatti H/Aliibaay oromoo miti.
Walumaa galatti wanni ani jechuu barbaadu oromummaan maqaan qofaan osoo hin tahin oromiyaa keessatti ykn haadha ykn abbaa oromoo irraa dhalchuun hintala oromoo fuudhuun afaan oromoo dubbatee dandeettii qabuun bakka jirutti oromummaa isaa yoo hojitti jijjiire anaaf OROMOO jechuun sani!.WALLAGGA dhufee;WALLOO dhufee;BAALEE dhufee;BOORANAA dhufee ,SAAKKISOO dhufee,SHAWAA dhufee maaliif ABBAA FI HAADHA kiyya hin taane yoo yaada ummata oromootii bu’aa buusu qabate hojitti hinjijjiirin anaaf oromoo MITI!
Kanaafuu gareen kun garee ummata oromoo dadhabsiisuuf wayyaaneen raabsite tahuu hubachuu akka ummata oromootti SHORORKEESSITUU jedhuunii qabna!.maqaa qofaan oromoo isa godhuun ,akka artistii jaalatamaan oromoo umar suleeyman jedhe hiikkaa hin qabu.
(“ KAN JEDHUU MITII KAN JEDHAMU LAALAA,KAN JEDHAMUU MITII KAN JEDHU LAALAA”-artisti-umar suleeyman). 
“ANI GAREE KANAAN SHORORKEESSAA JEDHEE, ISINOO GAREE KANAAN EENNU JETTU?”

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …