Oduu Haaraya

HIN CALLISINAA!

Birbirsa Gooroo irraa

“Oggaa ormi qabeenya abbaa keetii saame, atis waliin saami.” mammaaksi jedhu kan Oromooti: warri jettan as bahaatii ibsa kennaa mee!

Affeertoonni fi affeerramtoonni jila kanaa bahaatii dubbadhaa mee!

Warri kalee wayyaaneen akkana nu gootee,akkas nu gootee,lubbuun baqannee biyyaa baane, jechuudhaan himannaa biyyoota addaa addaatti dhiyeeffatanii dahata argatan, hardha wayyaanetu dimokiraasii fi mirga sialaa ni dhabane,argamuu qaba jedhanii isaan hawwan fideef moo,Oromiyaatu bilisoome moo laata isaantu waan garaa isaanii argatanii?

“wanti jedhan baduu mannaa, dhalli gudeedaa baduu wayya.” jedha Oromoon yoo mammaaku.
Waggoota kurnan darban kanneen keessa dhugaatti baatuu hin jirretu nurraan bahaa ture, wanti Oromoo keessatti guyyuma guyyaan as babahaa jiran waanuma raajiti. “Karaa hangafni baase quxusuun marmaara.” n waanuma jiraati,ammoo hangafni qileetti badeef qileee waliin seenun gowwummaa daangaa darbeedha.

Dhugaa dubbachuuf,qaamonni hedduun dhokatanii harka wayaa jalaatin biyyoota alaarraa dachee Oromoo diina waliin qircachaa akka turaniiifi ammas itti jiran hedduu tahuusaa Oromoon beeka,qaamota lafa jalaan kana godhanis tahee kanneen ifa bahuudhaan haamilee uummata Oromoo gamtaadhaan maqaaayyaana Diasporaa” jedhuun caccabsuuf deeman kunneen isaanumaaf salphina malee Oromoon waan isaaf tahu sirriitti qulqulleessee beeka.Isaan nhafanis galanis,dhaqanis dhiisanis,sirbanis,boohanis,egereen Oromoo ifaa deema malee hin dukkanaahu.

Misooma sabni keeenya irraa hin fayyadamne,kan murni warra Tigree fi sirni gita bittuu Habashootaa olaantummaan keessatti sooramaa jiran,faana dhaqanii saba keenyarratti fooni isaanii yommuu nyaachuufi duula saamichaa dachee fi qabeenyaa gaggeessu,sammuun namoota kanneeni fayyaa qabuun nama shakkisiisa.

Odoo sammmuu qulqulluu fi nagaa qabaatani aarii fi xiiqiidhaan booreef bobbahu turan:dhaabbilee Oromoo bakka adda addaatti wal hiree wal nyaatu kanneen dadhabbii tokko malee tokko taasisuuf murannoo jabaan,odoo abdii hin kutin bobbahu turan. Yaa kana dadhaban galgala keessa salphachuu fi seenaasaanii cilee dibuurraa adabatanii taahuutu irra wayyaaf ture. Ofii abdii kutanii saba keenya haamilee cabsuuf deemun isaanumaaf salphina jabaa taha.

Dhugumatti, Oromoon dantaa isaa gatee dhiittamuu,gabroomuu fi salphachuun saba isaa biyyaa isaarraa baase,hardha maaltu guuttameet,Wayyaanee warra hirmii waliin dhiichisuufi cooma sangoota Oromoo gabbisee,cooma irraa hin qooddanne sanneen nyaachuf biyyatti galuuf kurkuruu?
Dhuguma namoonni kunneen hiikkan gabrummaa,nama gadi tahuu,tuffatamuu fi abbaa biyyummaa dhabuun galeerafii laata? Keessuma warri mirgi namaa maal akka fakkaatu biyyoota lixaa keessa jiraachaafi argaa turan kunneen,

Hamilee akkamiitin galanii dhiiga ijoollee keenyaa irratti dhiichisuuf qophaayaa jiruu ayyaana DIASPORA kabajna jechuun? “Maraatuma guyyaa keessaa nama haa baraaru, Sabni keenya ilmaan isaa adddunyaarratti faca’ee jiraatu akk yaaduu fi akka abdiillee irraa qabu hoo ni wallaalanii laata?
\”Yaa saree,utuu waan siin jedhan beektee,kan siif kennan hin nyaattu.\” Jedha Oromoon. Hunda caalaa immoo Weellistoonni keenya,dhuguma sagalee kaleessa ilmaan Oromoo ittiin warraaqsaa turan sanaan, jechoota isaan ittiin kaan bohaarsaa,kaan boochisaa fi onnee ittti horaa turan sanii haamilee kamiin diina biyyaa isaan baase,isaan madeessee fi dhiigse,saba keenya hanga hardhaan tanaatti dhoraa jiru fuullee dhaabbatanii,dachee Oromiyaa… dhuguma achi dhaqanii diina faarsuufi boo’icha ijoollee keenyaaf deemu laata?

Yeroo hardhaan tana mirgoonni dhala namaa guutumaa guututti Oromoorraa mulqamaa jirutti,yeroo maqaa misoomaatin Oromoo waan qotatuu mitii bakka ciisu dhabee daandirratti bahee kadhataan Oromoo dhaa baayyachaa jiru kana keessatti, yeroo maqaa MASTER PLAN jedhuun Oromiyaa bakka lamatti ciranii giddu galeessa Oromiyaa immoo guutumaa guututti “AADDEE SAABAA” Ykn Finfinnee Oromoo jibbitee of irraa dhiibaa fi dhiitaa jirtu jalatti qirca habashaan godhachaa jirtu kanatti, dhuguma maaltu isaanif guutet Oromoon inni kaan Baaleen bahee hardha xayyaaraa dhiiga Ilmaan keenyarraa hursaa fi fixaa tureen ..yeroo sabni keenya mataan gadi cabee gadda hamtuurra jiru kanatti “DIASPORA..moo diina moraa’ tahee itti deemaa namni ala jiru kuni?

” salphoo soqalatte soqola gargaaru.” jedha Oromoon yoo mammaaku .Namoonni ,yeroo hammaattuu akkanaa kanaan hojii diinummaa fi gadigalummaa kanaaf shurshuraa jiru hunduu salphattoota warra hadrha malee waan kalee dagatte,kan boruuf dhimma hin qabaanne tahuu beekkamuu qaba.
“odeeffannoon Oromoon biyya alaa taahee,waayee biyyasaa jaarraa b21 ffaatti quba hin qabaanne” jedhame afarfamu,Oromoo dhaabbiin du’een jedhamuu qaba.
Maalimee wanti Oromoon biyyya baqaa jiraatu waayee biyya isaa hin beekne ajaayibni wayyaanee.OPDO’n itti agarsiisuuf jirtu kuni?

Manneen kattaarraatti ijaartee Oromoo sobuuf ona dhadhaabbatan sanneenii gaaffiin Oromoo dhaa? mana ijaaranii deebii abbaa biyyummaa kan Oromoon hundeetti gaafatuuf deebii akkamii tahaafii?
Moo laata guddina muraasni warra habashootaa fi murni kashalabbee wayyaanee wal gahee handhuura keenya finfinnee keessatti gamoo dhadhaabanii hiyyeessa waan nyaatee bulu hin qabne buqqisanii as buutee wallaalchisan kana malalfachuuf kaatee laata warri salphoon saba keenya haamilee cabsuuf darsa walitti qabachaa jirtu tunneen?

Dhuagaadha,bu’urri waan kanaa hundi rakkinoota haayyoonni keenya siyaasa keenya keessatti dantaa Oromoof dhabuurra fedha isaanii qofa laaluu irraa akka maddee fi nammoonni kunneen karaa kanaan ulaan banamtee akka as yaa’anis jiraachuun nhin shakkisiisu. Haa tahu malee dhugumatti namni Oromoorraa dhalatee,sabasaaf biyyaasaaf jedhee durumaanuu qe’eesaarraa baqateera tahe yakka seenaa kana keessatti abadan hin hirmaatu. Kuni yakka dhalootaa dhalootatti yaadatamuu dha. Hunduu daawwitii seenaa keessatti dhalootan laallama,seenaa qofas miti Oromoonis gaafa tokko gaafachuuf taa’a jarattii kana.

Oromoon lafaafi lafee waliin akeeka,qixatti laalas,duuba warra lafee nu cabsaa:lafa keenya qirca qooddachaa,waarooo salphinaa nutti uwwisaa tarsimoo dacheerraa nu dhabamsiisuu nurratti baafachaa jiru,kan qe’ee keenya deebiseetuma diinni akka kennaatti isaanif kennuuf abbalachuun kuni maaluma jedhama laata? Warra salphina akkasii jaarraa 21ffaan fudhachuuf wal ijaaraa jiran kunneen mee maaluma jedhamu laata?

Oromoon handhuuraa fi dachee abbaa isaarratti du’a malee diina waliin qe’ee abbaa isaa hin saamu,hin saamsisus. Namoonni kana godhan seenaa keessatti dhalootan abaarramaa jiraatu.

Oromoon bilisoomuun,Oromiyaan walaboomtee,Orombiyyaan birmadummaa ishee argachuun turrus waan killeedha.Gaafas garuu namoonni kunneen fiixaa fi diina waliin Xaddacha Oromoo irratti dhiyaatu.
Murtiin diinaaf laatamus isaanif ni kennama. Kunimmoo yakka adabbii Saglan diinaa waan taheef!!!

Galatooma!

Birbirsa Gooroo ti.

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …