Oduu Haaraya

Hooggannii QBO akka ofii yaadutti kan biraas akka yaadu tolchuu otoo hin taane, kan ofii yaadu namni biraas akka gabbisuu danda’u of amansiisuu qaba.

Qabsoon yeroo hunda gabbachaa fi danboobaa deemuu qaba. kana gochuuf garuu hooggana jijjiramaa fi hooromsa qabsootti amanu horachuun murteessaa dha. hoogganni jijjiramaa fi haaromsa qabsootti hin amanne, yeroo hunda miseensaa fi hooggana isa jala jiru kan qaru (uumu) akka ofii yaadutti akka yaadan gochuun ta’a. Hoogganni jijjiramaa fi haaromsa qabsootti hin amanne, waanta hunda kan beekuu fi kan murteessu isa malee, qabsa’otiin biraa kaan gahee qaban tahuu isaa yeroo tokkaaf illee hin yaadu. Mooraa qabsoo keessatti namootiin sababaan yaadanii fi of irratti amantaa qaban akka biqilan tasa hin eeyyaman. Kana irraa kan ka’e, yeroo hunda qabsa’ota QBO gabbisuuf haala xiinxalanii fi hubatan dhiibanii qabsoo keessaa baasu. Qabsa’ota egeree qabsoof muladhata gaarii qaban, garee dursanii of cinaa tuullataniin olola maqa balleessii fi hinjirreedhaan duula baldhaa irratti banu. Kun amala hooggana sababaan hin amannee fi jijjiramaa fi haaromsa qabsoon gaafatu tasa dhagahuu hin barbaannee ti.
Hoogganni amala kanaan guddatee fi qabsoo gaggeessu yeroo hunda, ajandaa injifannoo qabsoo of harkaa hin qabu. hawwii fi fedhiin isaa yeroo hunda qabsa’ota egeree qabsoof muldhata gaarii qaban qabsoo keessaa dhiibuu fi olola dharaan maqaa balleessuu dha. kun ammoo bu’aan isaa qabsoo akka daandii injiffannoo hin qabanne maseensuu dha.
Dhaabbilee siyaasaa QBO gaggeessan keessaa angaftii fi inni guddichi ABO dha. ABOn deeggarsaa fi jaalala ummata oromoo wayyabaa qaba. maqaa dhaaba kanaan ilmaan oromoo kumaatamooti wareegamanii jiru. Qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqa’anii jiru. Biyya itti dhalatan gadhiisanii godaananii jiru. Kun hundi mirgaa fi dhugaan oromoon qabu falmachuu fi hooggana qabsoo isaa kan ta’e ABO wajjin hidhata waanta qabuuf. Jaalalaa fi kabajaa dhaaba isaa ABOf qabu irraa ka’ee haarsaa qaqalii kaffalaa ture, ammas itti jira. haata’u malee ummati oromoo yeroo dhaaba isaa kabajuu fi jaalatu, adeemsaa fi sirreessa dhaabni isaa fudhachuu qabu yeroon fudhachuu dhabuun isaa quuqama of keessatti ni qaba. yeroo dheeraa gorsaa fi gargaarsa wal irraa hin cinne godhaafii jira. ummata irraa kan eegamu inni guddaan deeggarsa ABOf qabu roga hundaan jabeessuu dha. deeggarsa ummati oromoo dhaaba isaaf qabu gara humnaa fi injifannootti jijjiruu kan qabu, hooggana itti gaafatama fudhatee dha. hoogganii adeemsa qabsoo yeroo gara yerootti qorachaa fi xiinxalaa deemuun dirqama isaa ti. Hoogganni sadarkaa dhaabnii fi qabsoon irra jirtu haqummaan hin xiinxalle hooggana aangoof bakka olaanaa kennuu dha. hoogganni yeroo hunda aangoof dhiphatu dhimma qabsoo irra aangoo dhaaba keessatti qabu tifkachuuf dursa kenna. Kun ta’uun isaa ammoo dhimmi qabsoo xiinxalanii ykn gilgaalanii haalaa fi waltajjii qabsoon keessa jirtu wajjin wal simsiisuun bakka hin qabaatu. Rakkoo mooraa qabsoo oromoo keessa jiran keessaa inni kun isa guddaa dha.
ABO keessatti laafinii fi kufaatiin gara garaa yeroo mudachaa deemu, madda rakkoo ilaaluu irra gara nama dhuunfaatti quba qabuutu aadaa ta’e. kun ammoo jeequmsa irratti jeequmsa dhalchaa deeme. Laafinnii fi rakkoon dhaaba qabatee otoo jiruu, ciminaa fi jabina hin jirre ololaa fi ololchiisaa deemuun ammuma bubbulu rakkoon olaka’aa fi guddachaa deeme. Hoogganni ABO yeroo gara yerootti xiinxala bilchaataa fi gamaaggama ijaaraa gochuu dhabuu isaatiin QBO gara kooluu galtummaatti galchee jira. dhugaa kana hadhahus ofitti himuu qabna. Dhugaa kana oromoon yeroo baayyee irra deddeebi’ee dhaaba keenya ABO gorse jira. gargaarsa isa irraa eegamus nuffii tokko malee amma yoonaa ittuma jira. garuu hoogganni waanta ummati oromoo jedhuu fi namooti bilchaatoon akeekaa jiran fudhachuu irra yeroo hunda akka ofii sirrii ta’etti of amansiisee jira. kun ammoo aadaan akka ofii yaaddutti namni biraas akka yaadu tolfachuuf dham’uu dha. hoogganni bilchaataan kan ofii yaadu namni biraa akka gabbisu haala mijeessuu dha. aadaan akkanaa kun gabbachuu dhabuun rakkoon qabsoon qabdu akka ija banannee hin ilaalle nutolchee jira.
Rakkoo qabsoo mudatee jiru hundeen ilaalanii fala itti kennuu irra nama dhuunfaatti quba qabuun aadeffatamee jira. aadaan nama dhuunfaa balaaleffachuu fi quba walitti qabuu kun kan madde, fedhii fi aangoo dhuma hin qabne irraa madda. Aadaa akka ofii yaadaanitti namni biraas daangaa sana keessatti akka yaadu gochuu irraa dhufa. Aadaan yaada namaa gabbisuu mooraa qabsoo keessatti akka maseenu ta’ee jira. haalli kun ammoo qabsoo keenya haalaan miidhee jira.
Jaalalaa fi kabajaa ummati oromoo ABOf qabu gara humnaatti akka jijjiramu yoo barbaadame, dhimma nama dhuunfaa fi garee keessaa bahamee, jijjiramaa fi haaromsa qabsoon gaafatutti of makuu dha. jijjiramaa fi haaromsa qabsoon gaafatutti of makuun gootummaa fi beekumsa gaafata. Jijjiramaa fi haaromsa qabsoon gaafachaa jiru gurra dhoowwachuun rakkoo nama dhuunfaa ykn garee godhanii olola irraa marachuun kufaatii irratti kufaatii dabalachaa deemuu dha. kabajaa fi ulfina ummati oromoo dhaaba isaaf qabu gara dhimma dhuunfaatti geeddarachuu ta’a. qabsoo kooluu galtummaa irraa gara dachee oromiyaatti fiduu irra, baruma baraan hooggana harka nama biraan abidda qabachuu hawwu oomishaa deemna. Kan amma argaa jirrus kanuma. Tarii yeroon akkas jedhee barreessu namoota tokko tokko mataa dhukkubsuu fi haarsuu mala, haqni lafa jiru garuu kanuma. Kanaaf haqa jiru fudhannee falaaf wal tumsuu fi wal akeekuu dha.
Olollii fi maqa balleessiin dhuma hin qabne walirratti oofuun dhaaba keenya keessatti baratamee jira. kun aadaa badduu fi ongaahuu qabduu dha. muldhatii fi kallattiin qabsoo oromoo keessumaa kan ABOn gaggeeffamu ifatti gara injifannootti kan nugeessuu ta’uu qaba. muldhataa fi kallattii qabsoo miiraan ykn hawwii duwwaan jiran ykn lafa ka’aman otoo hin taane, kan hojiitti hiikamuu danda’an ta’uu qaba. yeroo tokko tokko haala qabsoon keenya irra jiru, wal mooksuuf fakkeenya qabsoo biraa wajjin wal fakkeessuu yaalla. Amallii fi haalli waltajjiin qabsoo oromoo irra jiru kan biraa wajjin wal fakkeessuuf yaaluun ammeenya qabaachuu baatus garuu, waanta nubira hin jirre ni jira jedhanii yaaduun garuu ammas rakkoo qabsoon keenya keessa jirtu sirnaan of amasiisuuf fedha dhabuu dha. hoogganni rakkoon qabsoon qabdu ofi amansiisuuf fedha hin qabne aangahaa dha melee hoogganaa miti.
Olola rakasha fedhaa fi dandeettii dhabiinsa hoogganaa irraa madden yeroo gareen wal qoonnee wal irratti oofnu bilchina qabsoo keenyaa fi dadhabbina hoogganni keenya ammas keessa jiru muldhisa. Yeroo tokko tokko burqaa fi madda rakkoo dhiifnee, damee isaa irratti yeroo dheeraa fudhanna. Fakkeenya gaarii kan ta’u, rakkoon qabsoo keenyaa: tokkummaa dhabuu, wal jala deemuu diduu, kaayyoo ganamaa ganuu, naannummaa, wal beekumsa, naamusa dhaabaa eeguu dhabuu, heeraa fi seera cabsuu, haarsaaf qophii ta’uu dhabuu, oromummaan dadhabuu, sabboonummaan dhibuu, rakkoo dinagdee, rakkoo geo-politics fi……………. Kkf kumaatama kaafnee madda falmii goona. Kana irraas darbee nama dhuunfaa akka rakkootti yeroo imatamu ykn yakkamu argaa jirra. Dhugaadha isaan kun hunduu rokkoo mooraa qabsoo keenya keessa jiranii dha. gahee mataa isaanii qabu malee, dadhabbana dhaaba keenyaaf murteessoo miti. Namni bilchinaan ilaaluu dadhabe calaqqisa rakkoolee kana akka hundeetti fudhata. Dhuma irratti fala argachuuf hin deeman. Isaan kun hunduu maddaaa fi burqaa rakkoo otoo hin taane, calaqisaa fi damee rakkoo ijoo ti.
Maddi rakkoo keenyaa hooggana jijjiramaa fi haaromsa qabsoon gaafatu yeroon xiinxalee fi hubatee malaa fi tasiimoo isaaf malu maddisiisuu dadhabuu dha. tokkummaan wal jala deemuun heeraa fi seera dhaabaa cabsuu fi kabajuu dhabuun kan dhufu, hoogganni haala waltajjiin qabsoo keessa jirtu sirnaan xiinxalee hubachuun yeroon fala itti kennuu irraa madda. Hoogganni yeroon gaaffii waltajjiin yeroo gaafatuuf deebii bilchataaa hin kennu taanaan, hunduu akka isaaf ta’etti gara yaaduutti ceha. hoogganan kan barbaachiseef namuu akka isaaf ta’utti yaaduu irra waloon yaada gabbisuuf akka gargaaruuf kallattii fi muldhata qabsoo yeroo gara yerootti gabbisaa deemuu dha. hoogganni kana hin godhu taanaan maqaa malee, hooggana haqaa of harkaa akka hin qabne beekuu qaba. qabsoo siyaasaa dhiisaatii jireenyi nama dhuunfaatuu rakkoo gara garaan kan marfamee dha. garuu bilchinaa fi beekumsaan mala itti barbaaduun garuu gahee hoogganaa ta’a. hoogganni qabsoo ammoo kan ittiin masakamuu qabu, akka ofii yaadutti qabsa’aan biraas akka yaadutti ijaaruu otoo hin taane, kan ofii yaade, qabsa’aan biraas gabbisee qabsoo furgaasuu ni danda’a kan jedhu of irratti amantaa horachuu qaba. hoogganni of irratti amantaa hin qabne yeroo hunda namoota isaa gadi yaadan malee, egeree qabsoof ta’an dhaaba keessatti akka guddatan ykn hirmaatan carraa hin kennuuf.
ABOn jaalalaa fi kabajaa ummata keenyaa gara humnaatti jijjiruuf ammas hoogganni isaa ololaa fi waanta madda rakkoo hin taane, irratti yeroo dabarsuu irra madda rakkoo of amansiisuu dha. hooggana jijjiramaa fi haaromsa qabsoon gaafatu ofitti fudhachuuf qophii ta’e uummachuu dha. akka amma ilaalaa jirrutti kaayyoo ganamaa fi galgalaa jechuudhaan olala dhuma hin qabnee fi rakkoo harkaa nuqabduuf xiqqoo illee kan fala hin taane irratti yeroo balleessuun barbaachisaa miti. Kan kaleessaa kabajuun, gabbisuun, faarsuun, ittiin dhaadachuun barbaachisaa dha. kan kaleessaan dhaadachuu fi faarsuun garuu waltajjii amma keessa jirruuf akka isaaf ta’utti yoo dhimma itti hin bane gatii hin qabu. tarii yeroof waliin walitti wacuuf ajandaa ta’uu mala. Rakkoo qabsoon qabdu fala kennuu keessatti garuu bu’aa tokko iyyuu hin qabu.
Jijjiramaa fi haaromsa qabsoon keenya gaafatu ija banannee ilaaluu danda’uu qabna. Miiranis qabsoo masakuun fafa irratti fafa dhalchaa deemuun ala oromoof gargaarsa hin qabu. guddinnii fi bilchinni siyaasaa oromoo amma irra jiru haalaan guddateera. Yeroo waanta namni tokko duwwaan jedhu dhaggeefatan otoo hin taane, kan waloodhaan qaban yeroo itti qindeessanii dha. murni ykn hoogganni tokko qaama biraa oromummaa fi qabsa’umaa yeroo itti kennuu fi irraa mulqu irra hin jirru. Hoogganni ykn qaamni akka ofii yaadutti namni biraas akka yaadu kajeelu, oromummaa, qabsa’ummaa, sabboonummaa, amanamummaa, gootummaa fi kaayyoo qabsoo namaaf kennuu fi nama irraa mulquu yaala. Kun dhaloota amma jiru biratti bakka hin qabu duwwaa otoo hin taane, murnootaa fi hoogganoota bifa kanaan yaadan, badii amma yoonaa qabsoo keessatti dhataniif ammam akka madda rakkoo ta’an hubata. Diinni keenya wayyaaneen tarsiimoo fi toftaa ittiin qabsoo keenya dadhabsiiftuu fi aangoo bittaa ishee itti fufsiitu al eddu jijjirtee jirti. Diinni keenya toftaa isaa yeroo gara yerootti jijjiraa kan deemu bara bittaa isaa dheeressuuf. Mooraan qabsoo oromoos yoo malaa fi jijjirama mooraa diinaa keessatti ta’aa deemu hubatee, qabsoo isaa daandii haaromsaa fi jijjiramaa hin qabsiifne, injifannoo akkuma hawwinetti afna. Kanaaf kun yeroon kan kennamuuf ta’uu hin qabu. Yeroo dheeraa balleessinee jirra.Kanaaf hoogganni QBO keessumaa kan ABO damee rakkoo irratti yeroo fixuu irra gootummaadhaan madda rakkoo hubachuuf gurra ummata oromoof ergisuun gaaffii yeroo ti.
Camadaa Hundee
camadaa@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *