Oduu Haaraya

(Ibsa ABO duula diinaan Oromoo irratti baname ilaalchisee)

Gurraandhala 13, 2015 (Oromo Liberation Front) — Mootummaan Wayyaanee ummatoota irraan gama dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaan miidhaa ol aanaa dhaqqabsiisaa jiru kufaatiin isaa kan hin hafne tahuu caalaatti wayta mirkanaa’ee jiru kanatti abdii kutannaa irraa shira gara garaa hojjatuun bittaa isaa itti fufsiisuuf yaalii ijibbaataa gaggeessaa jira. Ummatoota bittaan nu gahe! Sirni Cunqursaan nurraa haa ka’u! jechuun bifa gara garaan qabsoo adeemsisan kolaasuu fi kan ummatoota irraa deggersa qabu fakkaatee mul’atuuf wixxifannaan adeemsifamaa jirus lammiiwwan Itophiyaa gara garaa addatti ammo lammiilee Oromoo sirnicha baqatuun biyya alaatti argaman irratti kan xiyyeeffate tahuu sochii diinni gochaa jiru irraa hubatama.

 

Lukkeelee diinaa bittoota murna bicuuf riqicha tahanii ummata Oromoo saamuu fi saamsisuu, ajjeesuu fi ajjeesisuu, biyyaa baqachiisuu fi hiisisuu keessatti shoora ol aanaa qaban, ergaa diinaa kana qabatanii biyyoota alaa keessa oggaa laban kan arge isaan taajjabuu irra dabree akka namaatti yaaduu isaanii shakka. Ergamtootni osoo ummatni Oromoo bakka bu’ummaan hin filatiin humnaan bakka bu’aa of taasisan kunneen hin galleef malee kanneen har’a maqaa guddinaa fi misoomaan isa hawwatuuf itti bobba’an kanneenuma kaleessa miidhaa isaanii baqa biyyoota adda addaatti baqatani dha. Kanneen Abbaa fi Haadha, Obbolaa fi firoottan, ilmaan, akkasumas hiriyootni isaanii jalaa ajjeefaman, mana hidhaatti guuramani hiraaraa jirani dha.

Wayyaanee dantaa murna bicuuguutuuf jecha ijaaruu irra diiguu, haqa lagatuun kijibaaf dhaabbatu , mirga dimokraasii dhugoomsuu irra bittaa abbaa irrummaa jireessuu, biyya misoomsuu irra deegsuun beekame, mootummaa guddinaa fi misoomaa ti jechuun duulli ergamtoota sirnichaan biyyoota alatti eegalame fudhatama fi deggeraa dhabee bakka dhaqan maratti mormii ol aanaa fi salphina guddaan akka deebi’an taasifameera. Haa tahu malee salphifamaa fi xiqqeeffamaa harca’aa funaannatuu akka aadaa fi kabajaatti fudhatan lukkeeleen diinaa kunneen, garaa itti nyaatan malee sammuun ittiin yaadan waanitti hin uumamneef mormii irra gahaa jiru danda’aa fi obsaa ergaa diinaa baqataa Oromoon akka gahaniif karoora itti kenname itti fufuuf murteeffatanii jiran.

Lukkeeleen diinaa raata’oo kunneen ummatni Oromoos akkuma isaanii akka raata’uuf hojjatan. Akkuma isaanii har’a nyaadhee bullaan ana gaha! jechuun ulfina isaa gurguree akka jiraatu barbaadan. Akkuma isaanii ashkara alagaa tahee biyya isaa irratti alageeffamee jireenya gadadoo fi salphinaa akka jiraatu barbaadu. Waggoota 24 boodallee fedhiin ummataa maal akka tahe hubatuu dadhabu/diduu irraa mirga isaaf falmatuu dhaabee akka harka kennatuuf irratti bobba’uun isaan taajjabsiisa malee ummata ejjannoo isaa hin jijjiirsisu. Kanneen of xiqqeessanii ummata xiqqeessuuf yaalan hin galleef malee ummatni guyyaa irratti of irroomsanii eegalee kan isaan hin deggerre, waliinis hin dhaabbanne tahuu ifatti itti himeera. Mormuun dura dhaabbatee walabummaa fi bilisummaa isaaf falmateera, falmaas jira.

Jilli gara garaa muddama qabsoon ummatootaa gooftolii isaanii irraan gahaa jiru jalaa baraaruuf dhiheenya kana dirqama Wayyaanee fudhatuun Awrooppaa, Ameerikaa, Kanadaa fi Austraaliaatti bobba’uun Oromoota biyyoota kanneen keessa qubatan gowwoomsuuf yaalanii taasisaniin salphifamaa akka turan midiyaaleen gabaasaa turan. Jilootni bakka gahan hundatti salphifamaa turan kanneen kan dhagahu hin argatiin malee, lafti mana irratti ijaarratan magaala Finfinneetii isiniif kennama, qabeenya qabdan investment/misooma irra akka oolchitaniif deggersi addaa fi barbaachisu isiniif kennama jechuun waadaa kijibaa tarrisuun hawwataa akka turanis gabaafamaa ture. Biyyi misoomaa fi guddataa akka jirtu, wal qixxummaan ummatootaa mirkaneeffamuu fi mirgi dimokraasii dagaaguu qaanii malee haa dubbatan malee haalli empaayera Itoophiyaa fi kan ummataa addaan fagoo tahuun hubannaa ummataan ala hin turre.

Mootummaa abbaa irreef aangoo isaa turfatuun alatti kan itti mul’atu waan hin jirreef hanga kufutti tikfatuuf dhidhiitatuu hin dhaabu. Waan taheef Wayyaaneen salphina ergamtoota isaa Awrooppaa fi Ameerikaa itti bobbaafate irra gahe irraa barachuu hanqatee baqattoota Oromoo Afriikaa biyyoota gara garaa keessatti argaman irratti karoora bal’aa baasuun akka sossobanii biyyatti deebisaniif, dadhabame ammoo mootummoota of gargaarsisuun biyyatti deebisuu irratti akka hojjataniif ergamtoota isaa bobbaasee jira.

Baqattoota Oromoo, Sudaan Kaabaa fi Kibbaa, Kenyaa, Ugaandaa, Jibuutii fi biyyoota birootti argaman kanneeniinis waadaa kijibaa:

  1. Lafa mana irratti ijaarratan magaala Finfinneetii argattu;
  2. Manni koondominemii isiniif kennama;
  3. Garee business “ jedhuun embaasii jalattii yo ijaaramtan embaasiin deeggarsa addaa isiniif godha kan jedhanutu argamu.

Haqni bobbaa diinaa kanaan duuba jiru garuu, waldaalee maqaa baqattoota Oromoon ijaaraman diiguun waldaa Itophiyaa jala galchuu, suuraa fi vidiyoolee baqattootaa midiyaa isaanii irratti agarsiifatuun hamilee ummataa biyya keessaa qabsoo irratti finiinsaa jiru cabsuu, baqataa gowwoomsuun biyyatti akka deebi’u taasisuun kanneen hafan galuu danda’u, rakkoon homaatuu irra hin gahu, jechuun golgaa UNHCR irraa argatan akka dhaban taasisuu, Sochii baqattoota Oromoo hordoffii fi to’annoo embaasii Itoophiyaa jala galchuu; hidhaa fi ajjeechaa isaanii jalaa kanneen baafatan biyyatti deebisuun mana hidhaatti darbuu kan akeekkate dha.

Sirni heeraa fi seera ofiif tume cabsuun lammiilee seeraa fi murtiin alatti ajjeesu, badiin alatti raga kijibaan hidhaa waggaa dheeraa itti murteessee manneen hidhaa keessatti dararuu fi humna tikaa fi poolisaa amanamoo isaa tahaniin tumsiisaa jiru, misoomaa fi Sirni heeraa fi seera ofiif tume cabsuun lammiilee seeraa fi murtiin alatti ajjeesu, badiin alatti raga kijibaan hidhaa waggaa dheeraa itti murteessee manneen hidhaa keessatti dararuu fi humna tikaa fi poolisaa amanamoo isaa tahaniin tumsiisaa jiru, misoomaa fi guddina, mirga dimokraasii fi namoomaa ilaalchisee ololli adeemsisu kan madaala kaasu miti. Qabiinsi mirga namoomaa fi mirgi dimokraasii biyyattii maal akka fakkaatu ummatoota biyyattii irra dabree kan alagaan iyyuu kijiba tahuu hubatee dura dhaabbataa jiru tahee jira.

Ummatni Oromoo biyya keessaas haa tahu biyya alaa kijiba Wayyaaneen kan hin dagamne tahuu ifatti agarsiisaa jira. Addatti ammo lammiileen Oromoo biyyoota alaa adda addaa keessa jiran ergama diinaa fashalsuun qoodni gumaachan kan Oromoo hunda boonse, ergamtoota diina rifaasise dha. Bobbaa’an jiilota Wayyaaneen baqattoota Oromoo Afriikaa jiran irratti xiyyeeffates akkasuma akka fashalu shakkiin hin jiru. Haa tahu malee haalli biyyoota Afriikaa, akka biyyoota Awroppaa fi Ameerikaa aanjaa kan hin qabne taahuun beekamaa dha. Waan taheef , hawaasni Oromoo biyyoota adda addaa keessatti argamtan obboleeyyaan keenya diinni itti xiyyeeffatuun shira irratti raawwatuuf abuurratee jiru hordofuun miidhaa diinaa akka qolatuu danda’aniif tokkummaan akka cinaa dhaabbattan ABOn yaadachiisa. Midiyaaleen Oromoo fi kanneen haqaaf dhaabbatan kan biros gochaa diinummaa fi farra namoomaa baqattoota Oromoo irratti xiyyeeffate kana saaxiluun garee haqaaf dhaabbatan tahuu akka mirkaneessitan ABOn waamicha isaa isiniif dabarsa. Akkasumas jarmiyaaleen kabajaa mirga namaaf dhaabattan duula mirga baqattoota Oromoo ukkaamsu Wayyaaneen itti jiru akka hin milkoofne taasisuuf tumsa barbaachisu akka gootan waamicha isaa dabarsa.

Shirri diinaan Qabsoo bilisummaa Oromoo irratti raawwatamu qabsoo caalaatti finiinsa malee hin laaffisu. Kanaaf lammiileen Oromoo biyya keessaaf alaa bittaa Wayyaanee gateettii ummataa irraa buusuuf qabsoo bilisummaa caalaatti finiinsuun gaaffii yeroo tahuu hubannee tokkummaan haa kaanu.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala, 13, 2015

 

Source: Oromo Liberation Front

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …