Oduu Haaraya

Kennata Habashaa hedduu hodeefamaafii jiru 2015

Wayyaaneen erga kennata parlamaan barcuma tokkoof malee hunda moo’atee waggaa shan guutuuf adeema. Mormitooti bilisaa fi tolaa hin turre jedhanii balaleffafatanii .Garuu homaa jijjiiruu hin dandeenye. Fakii kennata sobaa duubaan finqilcha aangoo gaggeeffame malee kennati hin turre. Akaataa isaan hobbaatii kennatichaa itt ilaalan irraa aanga’ooti akka gocha TPLF deggeran heduun ni dandahama. “Demokraasiin hin jiru taanaan gamtaan hin jiraatu” kan jedhamaa ture jecha konkaa tahuun ni saaxilame.

Wayyaaneen jalqaba irratt dhiibbaa alaan sirna golahedduu fakkeessaa fudhachuun nama hin dhibu. Sanatt dabalamee heera barruun jirun kan kenname utuu wayitt hin hedin, akka gola olhantummaa qabu qoteebulaa irratt hundaawe ijaaru waabeekaa Dhihaan gorfame. Gorsichi yaada malbulchaa Habashaan wan walitt tahuuf ni fudhatame; kennati 2015, Caamsaa keessa gaggeeffamuu sanaani walitt ilaaluu dha. Firaa fi hamajaajii bulchichaan waa’een kennata 2015 qaata naannaa addunyaatt ballinaan hodeeffamuu eegale. Waan biraa fakkeessuu haa yaalu malee kennatich kennata gola tokkooti. Kanaaf hobbaatiin saa dursee kan murtaawee. Komee fi gadoodi mormituu “lafa duwwaatt wacabbara” isa jedhani.Biyyooti demokratawoon seeraan bulmaata kan fudhatan erga qabsoon morma hedduu galaafatee booda. Sirna Grikii keessa tuqaalee argatan tokko tokko gabbisuun kan isaaniif tahu guddifatanii. Demokrasiin Greeekii dhiirota bilisa Ateenaa gidduutt shakalamaa ture malee halagaa, dubaroo fi garboota kan walitt qabaan wayyaba tahan hin dabalatu ture. Qacceen kanaa shaakala demokrasii Dhihaa keessatt ni mullata. Seeraan hundi walqixeedha garuu mirkaniin tokko tokko kaan caalaa walqixxee dha. Kun dhaadhessa kennataa kan waa hin qabne keessatt dorgomuu hin dandeenye caalaa bakki inni itt mullatu hin jiru. Kan humnaan haa tahu kennataan angoo irra bahe utuu barabaraan itt hafee ni jibba hin jedhamu. Garuu Dhihi heera hirmannaa aangoo uumuun madalaa kan to’atu itt tolchee, sun akka hin taane doomsee. Amerikanooti caalaattuu akka Presidantiin tibba lama caalaa kennataaf hin dhihaanne dangahanii. Biyyooti sirna akkasii hin guddifanne akka gurguddoon saani godhan tahuutt hafani. Empayerri Itophiyaa shakala malbulchaan ammayyuu bara Magna Kaartaa Inglizii (1215) duraa keessa jiraa.Oromoon bulcha sirna Demokraasii Gadaa kan bu’uursan qabsoo hadhaawaa booda tahuun hin oolu. Hawaasi golla (gogeessa) shan duraan murtaawett hiramee waggaa saddeeti duwwaa akka aboo irra turu yeroo tumamu itt deebi’uuf hogganoota haaraa waliin waggaa afurtama booda mullata. Tartiibi saa dhalootaan waan qindaaweef waggaa saddeeti irra darbuun hin dandahamu; waajjirichi amaa fi ammatt gaddhiifamuu qaba. Dudhaan malbulchaa kabajamuu mirkaneessuuf kan too’atan golli bulchoota duraa ni jiru. Dhalooota sadii, Raabaa Doorii, Luba fi Yubi akka madaalli aangoo fi ulfinni seeraan bulmmaataa fi dudhaa eegamu to’achuu irratt wal gargaaru. Akkasitt Oromdur biqiluu abbaa hirree quummansanii. Dhalooti Oromoo si’anaa barbaadnaan sirna itt garagalee jabeeffatu qaba.

Wayyaaneen danbii ittiin masakamu fi kan addunyaan akka heeraatt heduufii barbaadu qopheeffateera. Sun barrunqab ummata irra buuse malee heera ummati tumate mitii. Hojiirra oolchuu tahee furuun saa akka suukannii wayyaaneen keessa jiruutt taha. Addunyaan mootummaa demokratawaatt beekamuuf barreeffame malee mirga ummatoota empayerittii eegsisuuf jedhamee miti. Akka barrunqab kanaatt caasaa bulchaa Federeeshinaa diriirseera. Kan fedha saa guutu Boordii Kennataa fi Poolisa Federeeshinaa, hirreen saa dheeraa naannaaa fi aangoon saa hin daanga’ane uummate. Seera hacuucoo hedduus labseera; isaan keessaa hamaan kan waa’ee gooltuu irrati bahe. Dhaaboti heera saa fudhachuu didan hundi gooltuu jedhee gubaa itt baase. Dhihi, fedha ofii jechuun waan kaayyoo dudhaa saa faallesu barattuun saa, gooltuutti jijjiirame tolchu callisee irra darbaa jira.

Nammi wayyaaneen “hallu ija jibbe, kan akka jara gooltuu jedhamaniitt milla fuudhu, dubbatu yk haxxiffatu biliqfama, tasa butama, nama hin fedhamne tahu, yk hidhamuutu isa eegata. Fixa qaccee ni gaggeessa. ABOn gooltuu dha kan jedhe yoo tahu, qabata saan Oromoo jibbu hunda at ABO jedhee gaaga’aa jira. Wayyaanee waan isa bara baraan angoo irra tursu se’u hunda gochuuf qophii dha. Sun uumaa aangoo fi humna qabeessa luugama hin qabneeti. Mana saanii soneeffachuun dhimma ummata Habashaatii, kan hoogganoota saaniitt lookoo kaa’uu qabanis isaanuma. Akki itt empayerri bulfamaa dhufe itt fufuu hin dandahuu. Addunyaan Jaarraa 19faa yk 20faa keessa utuu hin tahin 21faa bara teknolojiin iyyaatii hedduu guddate keessa jira. Sunimmoo ummatootaaf ofbara malbulchaa dagaagaa jiru irratt si’aayina hedduu akka mirga seeraan qabu gaafatu dabaleeraafii ji.

Ummati gad qabame hundi walabaa fi bilisa tahuu fehda. Kana beekuun kan darbe caalaa dhiigi akka hin lolaane itt bahisaa maal tahuu akka dandahu qayyabachuu barbaachisa. Akka malletteessaa Chartara fi konvenshinoota mirga ilmaan namaa ST irratt bahaniitt Mootummooti Habashaa dirqama bilisooma ummataa bakka hallee gargaaruu irraa eegama. Yeroo dubbiin Empayera saanii kan ilaalu tahu miltoo seerawaa qaama addunyaa sana tahanii itt fufuuf kan isaan jalaa gad dhiisuufi dirqama caalaa qabu. Oromoon kana qayyabachuu fi birmadummaan ajaja uumaa tahuu fudhachuuni kan walabummaa Oromiyaa gaafataa jiru malee kennata bilisaa fi tola bulchoota empayeraaf miti. Kennatichi dhimma keessaa Habashaatii.

Gollii hedduun kan “heera” Wayyaanee fudhatan kennata Caamsaa dhufu irratt qooda fudhachuuf deemu. Maqaa nagaa fi tasgabii godinaaf haalli akka jirutt itt fufuu aanga’oon lallabanis jiru. Garuu nagaa fi tasgabiin kan jiraachuu dandahu yoo godinichi atoomma keessaa qabaate. Kun kan alaa namatt fe’amu mitii. Haalli jiru haa turu jechuun maaliifuu furmaata hin tahu. Gochi gad dhiisaan Wayyaanee calcala hin qabne, kaka’a qoochoo mirgaa faashisti Amaaraa, badii inni uumuu deemu kan saa caaluu maluuf kaasaa taha jira. Gara biraan Oromoon waan hunda caalaa Nagaa fi Araaraa nafii guddaa kennaa. Sabaawoo Oromoo keessa kan birbadummaa jaallatan malee kan dubbii dhisan hin jiranii. Gadoodi Wayyaanee “Gooltuu!” jedhu Hawaasa subgidduu ittiin sodaachisuuf kan karoorfame. Waaqeffannaa, Musilmummaa, Kiristanummaa haa tahu kanneen biraa Oromoon dhugeeffatan yero dubbiin mirga ilmaan namaa kahu miira sabaawaa walfaktaa fi safuu sadarkkaa tokkoo qabu. Nama hin hidhatin midhuu fi kan birmadummaa saanii dhabamsiisuuf hin dhufne tuquun safuu dha. Oromoon kan itt roorisan akka afuufan utuu hin tahin ummata hangammeessa kamiinuu akeeka hamilee olhaanaa qabanii. Kanaaf kanneen dhiibbaa wayyeeneef michootaan ciga’aa turan dhaabbatanii qorachuun, ejjennoo qabaniif keessa deebi’anii ilaaluun barbaachisaa dha.

Golli kennaticha dabsate kamuu gaafii Oromoon walabummaaf qabu deebisuutu isa eega. Sun Wayyaanee, golota Habashaa kan biraa yk galtuu yoo tahes homaa mitiYayyabaan kennaticha Wayyaaneetu moha. Ajaja saanduqa irbaatt of kennuun of hin ajjeesuu. Seerri yakkaa Dhaddachi Qajeeltuu subgidduu hojiirra oolchaa jiru isaaf kan tolfame fakkaata. Gurguddoon Amaaraa Oromiyaa fi ummata kibbaa irratt holola ibidda qabsiisuu dandahu jalqabaniiru. Kolonoota sanii bakka bakka keessaa Amaarri duguugamaa jira jedhanii wowwaataa jiru. Ummatoota gidduu walitt bu’i empayeratii keessa bakka hallett tahaa jira. Kun imaammata Habashaa gargar baasii bulchi jedhu dhaalmaan kan dhufe irratt kan hundaawe kan isaan taatota kootama itt tahan waan taheef keessaa hin qabnu jedhanii harka dhiqachuu hin dandahani. Dubbiin akkasii yoo kahu, qaccefixiisi Oromoo irra gahe, kanneen akka bara Dargii naannaa Gujiitt tahan, ummataa sulula Dhiddheessaa irra kan gahe fi dhiheenya duulli qotee bulaa Oromiyaa Bahaa qeyee saatii buqisee fi lubbuu hedduu gagahe hedamuu qaba. Yeroo ummati sababa kamiinuu gidiraa argaa jiru callisanii ilaaluun yk beekaa irra darbuun waan fokkuu dha. Ta’isa akkasii holola waliigalaaf dhimma itt bahuu yaaluun yakka sanaa gadii hin taanee fi eenyuunuu hin gargaarre akka tahe beekamuutu irra jira. Kennati Habashaa 2015 gara isaan itt deemaa jiran baruuf yoo hin taane Oromoof dhimma saanii mitii. Kan qabsoofnus kan dhoofsinuunis kan empayra hogganuuf dhihate waliin taha. Qabsoon walabummaa it fufa!!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Gurandhala 2015

Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *