Oduu Haaraya

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Duullii Mootummaan Faashistii Wayyanee Ummata Oromo irratti labsitee falmii Bilisumaa irraa hin ugguru Ergamaan wayyaanee Hayilamariyam Dassaaleny fooddaa televiziyoona Itoophiyaa irratti bayee tarkaanfii cimtuu isin irratti fudhaanna jechuun lola diinummaa Ummata oromoo irratti labsee jira. Ummanni Oromoo lola mootummaan shoororkeessituun wayyanee irratti labsite kana ufirraa ittisuu duwwaa osoo hin taane mootummaa sab-bicuu tana hiddaan isii buqqisuu qaba.

Mootummaan bicuun wayyaanee masaraa mootummaa Itoophiyaa erga qabatee yakka dhala namoomaa ummata Oromoo irratti hojjataa turte, ammallee itti jirti. Ijoollee, dubartii, manguddoo, barataa, qotee bulaa, hojjatee bulaa, dubrattii ulfaa osoo hinjjenne haga mana jireenyaatti dhaxxee ajjeesaa jirti. Kuni yakka sanyii duguuggaati. Ji’a afran darbe mootummaan woyyanee ilmaan Oromoo dhibba sadii oli ajjeestee, kuma kudhaanii olii hiitee jirti. Kumni kudhanii oli bakki isaan bu’an hin beekkamu.

Walumaa gala yakkii mootummaan wayyanee ilmaan Oromoo irratti hojjataa jirtu kun yakka duguuggaa sanyiiti. Oromoo akka sabaatti lafa irraa balleessudha karoorfatte. Yakkamtoonni kuni mana murtii yakka addunyaa irratti dhiyaatanii yakka dalaganiif itti gaafatamu qaban. Yakka kana saaxiluufii seeratti dhaleeysuuf ABOn waan isaa danda’amee hunda ni goodha. Mootummaan nama nyaataan wayyaanee kuni ilmaan Oromoo mirga isaaniitiif karaa nagayaatiin falmaa jiran harka keennisiisuuf jecha meeshaan isaan itti hinfayyadamin hinjiru. Yakka Oromoo lafarraa duguugu itti jiran kana wayyaanee fi jala deemtonni isii hundi itti gaafatama jalaa hin bayan. Lolli Wayyaaneen oromoo irratti labsitee shoorarkeessaa jirtu kun jibbansa wayyaaneen ummata Oromoo irraa qabdu mudhisa. Kuni kanaan ta’ee osoo jiruu gootonni ilmaan Oromoo sodaa tokkoo malee mootummaa haga funyaaniitti hidhaatte kana afoo dhaabbataanii mirga abbaa biyyumaa isaaniitiif falmaa godhaa jiran kana hedduu diinqisiifataa haga Oromiyaan bilisoomtutti falmiin abbaa biyyummaa kun ka itti fufu ta’uu firaa fi diinallee beeksifna.

Addi Bilisummaa Oromoo gochaa suukanneessaa fi shoorarkeessaa mootummaa Wayyanee jabeessee balaaleffata. Furmaanni ciniinnatanii, mudhii hidhatanii, jabaatanii waan danda’ame hundaan diina amala bineessaa qabuu kana ofirraa buqqisu akka tahe dhaammanna. Qabsoon ummanni Oromoo mirga eenyummaatiif geggeeysaa jiru mirga sabaafii sablammootaa maraaf bu’a qabeeyyii waan taateef sabaa fi sab-lammiin Itoophiyaa keessa jiraatan hundi qabsoo ummanni oromoo mootummaa faashisti wayyaanee irratti godhaa jiru waliin akka hiriiran waamicha goonaaf. Dhaabbonni Oromoo hundi roorroo hamtuu amma Oromoorra gahaa jirtu tana hubatuun hatattamaan tokkummaa mooraa qabsoo oromoo utubanii cimsuun sossooha ummataa kana akka finiinsan maqaa Oromummaatiin kadhanna. ADDA BILISUMMAA OROMOO TOKKUMMAAN HUMNA!!! INJIFANNOO UMMATA OROMOOf!!! Guraandhaala 26, 2016 Dubbataa Dhaabaa: Obboo Qaasim Abbaa Nashaa Phone:651-808-8771 Web page: www.oromo-liberationfront.org

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …