Oduu Haaraya

Afaan Oromoo dhaa qilleensarraan dabarsuun – akkamitti jalqabee dagaage, eessa gahe, gram deemaa

ayyubT A Abdii tiin, Onkololeessa 7, 2015 (Barreeffamni kun yeroo duraatiif Oromiyaa Radio UK website’tti Inglishiin maxxanfame. Deebisaan afaan Oromo TA Youssoufi.)

Yeroo ammaa karaan qilleensarraan afaan kun itti dabru, raadiyoo, intenet fi televizyoonii saatelaytii dhaa hedduun waan jiruuf, warri afaan kana dubbatu filmaata bal’aa dha qaban.  Filmaata ba’aa kanaan kan nu gaye, tattaaffii sabboontonni gaggaariin, kan hedduu isaanii namni hin yaadanne, godhanii fi babal’ina teknolojii dhaa ti. Mee akkamitti bakka tana geenye?

Bu’aa-bahii tattaaffiin afaan Oromoo dhaa qilleensarraan dabarsuun lola addunyaa lamadaa (LA2), keessattuu waggaa shantama jaarraa 20ffaa  cinaa keessa dabarte, namoonni umriin saanii bara 30ii gadii hubachuu dhabuun ni mala. Barruun tun daandii irra as geenye, haala amma keessa jirru fi hegeree tilmaamuu dhaan, qaawa odeeffannoo dhabaa kana duuchuuf dhihaatte. Dabalees, aadaan Oromo dhaa dagaadee fi leellifamtee addunyaa keessatti bakka isiif malte qabaattuuf daandii dabree fi tattaaffii  gulanaa (hegefee) akeekuufi.

Gaafa-Xalyaan

Afaan Oromoo dhaa kan dura qilleensarraan dabre bara 1936 fi 1940 jidduu, yeroo Fashistiin Xalayaanii Impayera Itophyaa weeraran akka tahe dhageenya. Akkuma koloneeffattoota Awroppaa biraa (dhibii) Xalyaanoonninis duraan-dursanii aadaa, afaan fi sirna siyaasaa hawaasummaa dhaa kan ummata naannoo Gaafa Afrikaa jabo qoratan. Miidhama ummanni sirna impaayera Itophyaa jala jiru keessa ture qaceelloo dhatti hubatan. Sirna kolonefataa Xalyaan bulchiinsa Itphyaa Oromoonii fi ummatoonni Kibbaa kan hafan jala jiranirra akka wayyu himatan. Oduma bulchiinsi Xalyaan kan Itopyaa caaluun dhugaa taheellee, ummaanni miidhaa alagaa jalatti bule miidhaan akka hobbaatu malee cunqursaa tokko kaaniin jijjiirratuu dansa hintahu. Himannaan Faashistootaa adda qoodanii bulchuu dhaaf kan qiyaaffatame tahullee, gochi isaanii kan bulchistoota Itophyaarraa addaa isaan godhu tokko, afaan Oromoo dhaa qilleensarraan dabarsuu Xalyaanotaa ti. Sirni Itophyaa, eega Xalayaanonni injifatamanii deeman bara kudhanoota baayyeef Afaan Oromotiin radiyoorraa tajaajila akkasii kennuu ni waakkate. Yaada dhimma san akeeku marahuu mormaati ture.

Hogguu bulchiinsi Xalyaanii qabsoo mormitoota keessaa ti fi tumsa Ingliziin injifatame, meeshaa afaan Oromoo dhaa qilleensarraan itti dabarfamuu ture Inglizoonni achirraa buqqisanii Hargeessa, Somaliland Protectorate, tan isaan gaafas bulchaa dhaa turan, geeffatan. Inglizoonni meeshaa san akka boojuu qabeenya diinaatti fudhatanii waan barbaadaniif oolfachuu yaadanii tahuun ni mala. Bulchitoonni Itophyaa yeroo sanatti bu’aa waan sanii wallaalurraa itti dhiisuun isaanii ni mala. Haala saanii kan achi boodaarraa akka mul’atutti’mmoo, meeshaan san fuudhamuun isaaniif balachuu tahuun hinhane fakkaata. Bara 1960-oota keessa raadiyoonni Itophyaa sagantaa “Memhir Abraaraaw” (Hayyuu Mee Keessa Ibsi) jettu dabarsaati ture. Sagantaa torbaanii (bara 1968 ykn 1969) takka keessatti gaffii dhaggeeffataa tokkoo hogguu deebisu “Xalyaanonni adda nu qoqqooduuf afaan ‘Gaallaa’ qilleensarraan dabarsan” jedhee annannatee wanni akkasii san booda akka hin deebine akeekkachiise. Namni san osoo hin marihanne yaada saa achirratti waan hin dabarsineef[1] yaanni sun addeella imaammata gaafasii ti akeeka.

Yeroo sanitti, dammaqiinsi gita siyaasaa Oromotis quubsaa akka hintahin hubachuun ni dandayama. Jeynoottiin akka Garsuu Dhukii kanneen baroota shan weerartuu  Xalayaan dura dhaabates wallaalaan ykn humna itti dhaburraa meeshaa san achirraa buqqifamuu dura hin dhaabbanne. Hogganoonni faccisa weerara Xalyaan kan akka Garasuu Dhukii faan, erga injifannoon argamtee, hujii saanii boonsiftuu saniif tuufatamuu, itti qishuu dhaa fi Shaggarirraa fageeffamuu faa’itu itti murteffame. Baandotaa fi ergamtoota Xalyaanotaatu gulantaa aangoo marati muudame.[2]

Sochii Diidjiressotaa – Kaayroo

1950-oota  gara boodaa magaalaa muummittii Misraa, Kaayroorraa afaan Oromoo dhaa raadiyoonaan dabruun isaa ni himama. Jidduu san Kaayroon harintaa (harata) sossooha farra -kolonummaa Afrikaa keessaa ti turte. Barattoonni Oromo dhaa kan Yunivarsitii Azharitti barachaa turan sagantaa radiyoo san yo jalqabanillee, mootummaan Haylasillaasee hariiroo hogganoota amantoota Qibxii biyya sanii waliin qabutti dhimma bahuu dhaan bacancaruu mudatte[3].

1960-ootaa keessaa

Tarkaanfiin raadiyoorraa afaan Oromoo dhaa dabarsuu tan itti aantu 1960 bara Keenyaan bilisummaa argatte biyya sanitti mirkanoofte. Tajaajila ‘afaan Booranaa’ jedhamee dayaalektii Booranaa miidhadduu saniin sagantaalee oduu, barnoota fi aadaa, waan akka sirna seera-tumaa dhaa, ti fi waayee seera sanii ifsuu faatu raadiyoodhaan faca’aa ture. Warri raadiyoo qabuu fi sagantaa sana jiraachuu bare jabo irraa fayyadame. Sagantaa akka za’aa Itophyaatti dhaa za’aa 6:30 dabartu hiriyoota waliin dhaggeffannee hiree gaarii obbleeyyan keenya biyya sanii tif gammadaa dhaa turre. Jalqabarratti dambalii gabaabduurratti waan dabruuf sagantichi qulqullinaan dhagayamaa ture. Yeroo hanga tokko boora sagaleen biraa danbslii isaarra dhufuu waan jalqabeef dambalii hin aanjinetti jijjiiramuu dhaan dhagayamni isaa darrate. Harki qondaalota mootummaa Halylasillaasee kan hariiroo prezidentii biyya sanii Jomo Kenyatta walin qabutti dhimma bahuudhaan danqaa sana fiduutu dubbatama. Qondaalonni mootummaa Hayla Sillaasee hojii waanyummaa akkasii hiccitii fi faana dhoyfataan waan raaw’taniif, ragaa xalayaa tiin gocha isanii mirkansuun waan aanjawuu miti.

Walabumma Soomaalii dhaa kan bara 1960-ii booda raadiyoon afaan Oromoo dhaa Maqdishoo, magaalaa muummittii biyya saniirraa dabruu jalqabe. Dargaggeessi Oromo  gamni, Ayyuub Abuubakar, sagantaa daqiiqaa 15-ii “afaan Qottuu” jedhee jalqabe. (Yeroo sanatti Oromo Bahaa maqaa sanin yaamuutu ture). Dhageeffatooni hedduun tarkaanfii san gammachuun simatanii, maqaa  garmalee moggaasan dhiisanii maqaa Oromoo dhaa tin nuuf yaamaa jechaan yaada dhiheessota sagantaa saniitiif fi karaa isaaniitiin  qondaalota biyyasii gaafachaa dhaa ti turan. Dhiheessoni qophii dhaa tiis gaaffiin sagantaa san maqaa Oromotti jijjiiruu akka marihatamaadhaa jiru qilleensumarraan ibsaati turan. Hogguu qophiin sun gara za’aa takkaatti dheeratte haalli hundi waan nama abdachiisu fakkaate. Dhiheessitoonni qophii sanii, kan irra guddaan saanii baqattoota tahan, sagantaalee akka haala yeroo, waayee barnootaa tii fi odeessa gara biraa tiin bashannansiisan. Dhiheessitoonni kunis siaawoo fi hamiloo akka barsiisaa fi barreessaa Skeikh Mohammed Rashid Abdullee, Omar Usmail Malkaa, Abdo Moussa, Aishaa Ibrahim Usman Qal’ii, Abdussalaam Siiyyoo Bareentoo; alalaasootaa fi walaleessitoota akka Shantam Shubbisaa (Muhammad Ibrahim Wadaay), Bahsan, Mahmoud Sheikh Muhammad Bookee, Yoonis Abdullaahi, Abdullaahi Arsii, kanneen biraa tiisi. Qophiilee mumul’atoo keessaa “Mala naa dhawaa obbaleeyyan kiyya”, kan waayee rakkoolee fi barbaada firoota dhabamanii; gabaasoota, xinxala qabsoolee farra kolonummaa dhaa yeroo sana Afrikaa keessa babal’attee jirtuu, fi filmaata walleelee kan dhaggeeyfattootaa kan torabanitti dhihaatu faa dha.[4]

Biyyarraa karaa Maqdishoo xalyaa dhaan akka qophiin tun maqaa Oromoo dhaa qabaattu gaafachuun ittuma fufte. Dhiheessitoonni qophii dhaa tiis akka dubbiin tun sadarkaa oliitti irratti marihatamaa dhaa jirtu deddeebisanii mirkaneessuun abdii dhaggeeffatootaa jajjabeessite.[5]

Itophyaa keessatti yaanni afaan Oromootiin raadiyoon tajaajila kennuudhaa imaammata mootummaa dhaa kan afaan Amaaraa qofa leellisuu dhaa waanntaheef, dhimma kana dubbachuun ni sodaachisa, akka badii guddoo fimfarrumaatti ilaalamaati ture. Amaararraa kan hafe, ummaani Oromo fi ummanni  biroo harki hedduu guddaa Amaariffaa kanuma hinbeekne,barsiisni hundumaa  Amaarinya malee afaan biraatiin akka hinkennamne dhoorgame.

Qaawa abbaa-irrummaa Impaayaraa

Dhuma bara 1960-ootaa tii fi jalqaba 1970-ootaa qaanqeen tajaajila raadiyoo afaan Oromoo dhaa Itphyumatti mul’atte. Miseensa parlamaa gaafasii magaalaa Adaree Biyyooraa kan ture Abdulaziiz Muhammad Gaatuur  gamnummaa dhaan mirga miseensummaa parlamaa dahoo godhatee, tajaajilli radiyoo afaan Oromo haajaqabuu yaada dhiheeyse. Ummata isa file raadiyoo afaan Oromo biyya ormaarraa dabru waan caqasuuf, qophii Somaliarraa dabartu tanarraa ummata inni wakkalu duroomsuuf, tajaajilli afaan Oromo dhaa raadiyoo biyyaarraa dabru feesisa jechaan cimsee gaafate. Mootichi Waaqaatu na fooyate jechaa ture, bulchitoota isa dura dabran fi kan isa booda aangoo fudhatan caalaa, bufa murtaawaanisntahu, parlamaa dhaaf aangoo dabarsee kennuun wal hinfalmisiisu. Heerri bara 1955 bahe boqonnaa 116 baajanni mootummaa dhaa baatii takka dura parlamaan yo irratti marihatee mootichatti dabarse malee akka hujiirra hin oolle hima. Qondaalonni mootummaa dhaa hundinuu yeroon baajataa akka hindsbarre haalaan if eeggatu aadeffatan.

Akkaataan kun Abdulaziizif haala anjaa uume. Innis marii waayee bajataa ittiin qabatee dhimma raadiyoo afaan Oromoo dhaa kana keessa butate.[6] Ummata isa filee bakka buufate raadiyoo biyya alagaarraa dabrurraa guusuu dhaaf tajaajilli afaan Oromoo dhaa jalqabuun fardii dhaa fi dantaa biyyaa tiis tahuu gad jabeesse falme. Kabajaa dhaa fi beekaminsa hojiirratti  horateen  Abdulaziiz barayyuu yeroo bajataa san wan kana deddeebisee dhiheesse. Deddeebi’ii keessa qondaalonni yaada kana akka qoratan ballama seenaniif. Sababaa dhimma kanaatiin baajatni ministeera Beessisaa boodatti harkifamaa argamuun qondaalotatti dhibdee tahuun yaachiftuu taate. Dhumarratti ministeerri kun waan ballama seene kana guutuun dirqii itti taatee studiyoo Adaree Biyyoo dhaa (Harar) keessa jirturraa dambalii jidduu dhaa tin dabarsuu jalqabe. Haa tahu malee dambaliin tun dadhabduu waan taateef, qophiin achii dabartu lafootuma gad-buutuu malee lafa ol-kaatuurratti hin dhagayamtu. Kunis akka ummanni afaan kana dubbatu alaa-alatti hin dhaggeeffannee dhaaf waan beekaa dhaa dalagame.

Barri 60-ootaa bara dammaqiinsi Oromummaa dhaa lafa jala, bakka garii ammo dirree dhatti, boorachaa dhaa ture. Bulchitootaa gaafasii raadiyoon afaan Oromoo biyya guutuu yoo dhaqqaba tahe qaanqee gaaffii demokrasii biyya guutuu dhatti qabsiiftu, tan mootummaa unkutaawaa jirtu sarditu fi mancaaftu, taha  jedhanii yaaddawuu hin dhaban fakkaata.[7]

Torbaatamoota

Itti aansee raadiyon afaan Oromoo dhaa kan bal’inaan qilleensarraan balaliye jalqaba warraaqsa bara 1974-ii kan waan mootummaan impayerummaa dhaa tan duraanii firraa faccisaa dhaa turte hedduu as baaftee waliini. Akka “warraaqsi lafarra harkifatu” san ka’een Raadiyoon Itophyaa studiyoo isaa tan Finfinnee jirturraa sagantaa za’aa takkaa dabarsuu jalqabe. Sanuma faana Raadyoonni Sagalee Gospel, tan mataskaanonni adda addaa tin’isan, studiyoo isii dhaa jabduu Finfinne qarqara jirturraa sagantaa za’aa takkaa dabaarsuu eegalan. Inni boodaa kun hogguu Dargiin angoo isii cimsattee Raadiyoo san dhunfatte raaw’ate.

Gufaatii Maqdishoo keessaa

Jidduma tana baallamni sagantaa Raadiyoo Maqdishoo dhaa kan qmaqaa Oromooqdhaatti moggaasuu dhaaf sename danqaa siyaasaa dhaa fokkattuu keessa lixe. Toora bara 1975 mootummaan Ziyaad Barree dhaa qophii lolaan lafoota Hallayyaa Guddoo Baha Afrikaa dhaa tirraa gara bahaa jirtu, tan ummata Somali qofa osoo hin tahin ummanni Oromoolleen irra qubatu, Itophyaa-rraa buufachuu dhaa fixachuun mirkanaawe.  Qabsaawonni Oromo karaa Somalia sochoohan  hamuuna kanaan akka wal fudhatutti yaada ifii akka sirreessanii fi, Adda Bilsummaa Somali Dhihaa (WSLF) fi Adda Bilsummaa Somali-Abboo (SALF) jechaan dhaaba moggasan keessatti qofaa akka sossoohan itti himame. Qabsaawotni gariin diddaa gocha kanaatiif Somalyaarraa hogguu deeman warri gariin ammo maqaa kanaan hidhannee biyya teenya seennee galii ummataa keenyaaf oolfanna jechuu dhan walin hiriiruu filatan.

Gaafa SALF jaaramtu Raadiyoon duraanuu ‘Faraqaa afaan Gaallaa’ jedhamu kan Oromo’tti jijjiiruu dhaaf ballamame hafee “Somali-Abbo” tahe. Kun jalqaba odeessa karaa raadiyoo 70-oota gara duraatti jalqabe ni hantaaqe. Waan moggaasa kanaa laalachisee mudanni fokkataan tokko tahee ti ture. Kolonelli dargaa WSLF tokko (Abdurrahim) kitaaba ‘Fura Afaan Oromo’oo’ jedhanii Sheikh Mohammad Rashaad (fi Abdushakur Mohammed) barreessanii raabsamuu dhaaf qophaawe tokko arka. Maqaan kitaaba kanaa akeeka lolaa kan mootummaan Ziyad Barree qabdu waan falleessu tahuun itti mul’atee akka hin raabsamne ykn maqaan kun akka jijjiiramu gaafate. Hogganoota Oromo dhaa kanneen hamma sanitti achi keessa jiran keessaa guddaa tokko mataa biyyattii dhaa duratti akka waan kana mirkaneessuuf dhiheesse. Prezident Ziyaad maqaa kitaabichaa geedderuu abbaa barreesse qofaa tu dendeyaa jedhee. Koloneelichi si’uma san barrissitoota teessuma sanitti dhiheessinaan, dubbiin achi gayuun isaan sodaachisee, maqaan kitaabichaa akka jijjiiramu sarman.  Katabbiin qolola gubbaarra jirtu “Fura afaan Somali-Abbo”tti jijjiiramtullee isiin fuula keessaarra jirtu, “Fura Afaan Oromo’oo” hin-jijjiiramin hafte. Dabballoonni jaarmayoota sanii sardamaan fuula isa gubbaa malee kankeessaa  jijjiiruu waan dagataniif, kitaabni akkasumatti raabsame![8]

Haala Abdachiisaa Haaraya

Billiqiin itti aantu tan raadiyoo afaan Oromoo, Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) bara 1988 Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) dabarsuu-dhaan jalqabde . SBOn tajaajila addaan hin cinne kennaati jirti, hundeedhaan dantaa saba Oromo tarkaanfachiisuudhaaf dhaabbatte, ijoon dubbii isii  ABOn qophaawa.

Akkaataa kanaan bara 1990-ootaa, yeroo raadiyoonni afaan Oromoo dhaa dasee babal’atetti tarkaanfanna. Kufaatii Dargii-dhaa kan bara 1991 booda televiziyoonni Itophyaa afaan Oromootti sagantaa za’aa takkaa jalqabe. Bara 1995 Raadiyoon Sagalee Ameerikaa (VOA) afaan Oromootiin tamsaasa isaa eegale. Saniin booda sabbotonni biyya ambaa jiraatan hedduun bal’inaan itti bobbahanii tamsaasni afaan Oromo haalaan babal’atee, raadiyoo fi TV internetinis tajaajila hedduutu kennamaa  jira.  Yeroo  ammaa magaalota USA akka Chicago, Atlanta, Minneapolis fi kanneen biraa, akkasuma Toronto, Canada, Melbourne Australia fi London, UK, irraa tamsaasni fakkaataan dabra. Hedduun isaanii ‘dijiitaalawoo’ waan tahaniif kompyutara fi telfoonnan, akkasumas Apple fi Androidiin ni dhagayamu. Biyya keessatti Oromiyaa-TV fi TV Oromoo Naannoo Hararii tajaajiloota dhiheenya dabalame keessaa hi. Websaytonni akka Gadaa, Bilsummaa, Ayyaantuu, OPride fi OromoTV Minneapolis beekkamoo jiraatuun fi tajaajilli seena qabeessa isaanii bifa dhaabbataan fi hamilee guutuun itti fufaa ademuun guddoo hamilchiisaa fi abdachiidaadha.

Dhihoo tana Oromo Media Network (OMN) Minnesota, USA keessatti banamuun boqonnaa haaraya galmeesse. OMN  TV Satelaytii tokkooffaa, miseensotaa fi deeggertootaan utubamee biyya keessaa fi alattis fudhatama guddaa arkate. Oromo Broadcasting Service (OBS), TV satelaytii kan biyya keessatti hundeeffamee qophiilee aadaa jireenya ummtaa irratti hundaawe dabarsaa jiru daballii haaraya dhihoo argame.

Dagaagina midiyaa isa durii ti fi ammayyaa kanaas itti badhaadhuu dandayuun guddina tokko. Tahus haalli jiru quubsaa miti. Humnoonni tamsaasa afaan Oromo dandii adda-addaatiin dabsrsan  caalaa jabaatanii tajaajila aynaadhaan dabraa tahe dhaggeeffatoota lakkooysaan guddachaa dhaa deeman kanaaf kennuutu irraa eeggama. Tajaajilli raadiyoo fi TV kun hedduun za’aa 24/7 kan tamsa’an tahullee sagantaan haarayni qaban wahuma jibiri. Wanti tamsaasan  harki caalu muziquma qofa waan taheef haala kana wayyeessuutu barbaachisa.

Karaa fuulduraa

Warri waan midiyaa kana hojjatan bara hamma tokko dura tajaajila raadiyoo fi TV Amerikaa Kaabaa keessa jiru  walitti qindeessuu dhaaf mariin ni turte. Akeekni duraa yeroo qaban sonaan dhimma itti bahuu dhaaf qophiilee waliif daddabarsuu faa akka ture hubanne. Mariin san, warra Amerikaa Kaabaarraa ala jiranillee dabalatee, mooyxannoo fi qophiilee  wal jijjiiruu  faa akka dandeessisutti haarayoomee itti fufuun fardiidha jenna.  TV, raadiyoo fi midiyaalee biraa tis, akkasuma moyxannoo joornalistummaa dhaa walitti qindeessuun dudhaa fuulduraa irra aanuu dhaaf bu’ura irraa ka’anu guddaa taha. Hojiin eebbifamtuun jalqabamte itti fufutee akka abdi ummataa guuttu abdanna.


 

[1]Odeeffannoo 1960-oota keessa manguddoo addaaddaarraa: Alisho Askar, Dadar, Harargee, daldalaa akkasuma nama seeraa; Ali Baysaa dhaa, nama ollaa fi hiriyyaa aabbaa, (bandaa) loltuu Xalyaan kan ture; fi Baqqalaa Mekonnen (Onk. 5, 2015). 

[2]Hujiin jabduun Garasuu Dhukii, kitaaba “Abbaa Booraa” jedhamu kan Taaboor Waamii afaan Amaaraa tin, akka lakkoofsa Habashaa, ALH (1986) barreesse keessatti arkamti.

[3]Qaabata odeeffannoo bareessaa bara 1980-1982 jidduu magaalaa Maqdishootti SheekMuhammad Aadam, Sheik Muhammad Saalih fi Sheik Muhammad Rashaad-faarraa hi.

[4]Bu’ureessaan yaada kanaa Ayyuub Aboubakar, Liidoo, iddoo Maqdishoo dhatti bahar itti daakanitti bitamtoota mootummaa Itophyaatiin galaafatame. Ragaa barruu argacuun hindandamne malee, qormaanni miseensota mootummaa Soomalyaa fi Oromoota achi turan baayyeerraa arganne kanuma mirkaneessa.

[5]Bareessaan warra maqaan saganticha Oromo akka moggaafamu gaafatan keessa tokko. Walaloos ergee Yoonis Abdullaahii itti sirbaaf akka dhimma itti bahu dandeessise!

[6]Heera keessatti bakka afaan Amaaraa tif kennamte Ajaja bara 1964 (ALH) lakkoossa 79 kan G. Dilebo kitaaba Ye Etopyaa ye Gebbar Sir’atena Jimir Kapitaalism, 1983 (ALH) wabeeffate fi Heera Gilgaalamaa bara 1955-ii boqonnaa 125 laali. 

[7]Abdulaziz namoota hedduu walin dhimma kanarratti marii qaba. Barreessaa kana waliinis bara inni dura university seenerraa eegale, dudubbisaati ture. Jarri lachuuyuu miseensota Waldaya Maccaa fi Tuulamaa turan. Adeemsa bobbaa Abdul’aziz kanas karaa Muhammad Yuusuf Muhandisa telekoomunicashan kan dhimma tekniika sagantaa tanaa keessaa qooda qaburraa hordofaa dhaa ture. Rakkoolee sagantaa tanaa tis odeessa isa kanarraa jalqaba 70-ootaa arkaterraa hubata. Kan nama gaddisiisu Abdul’aziz Daargiin lafumaa kaatee qabdee ti April 28, 1979 mooraa waraanaa 7-eessaa tan naannoo Dirree Dhawaa  jirtu keessatti galaafatte.

[8]Haasawa Haaji Muhammad Qunxaa waliin barreessaan bara 1980/81 haasawerraa hi. Inni kun nama waayee amantii dhaa baratee osoo miseensa Koree Jidduu SALF tahee jiruu barnoota sadarkaa lammaafaa xumurate.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

JECHOOTA GAMNAA

Amaan Tolaa Hamdaa irraa Amajjii 2020GC NA QUUNNAMUU YOO BARBAADDAN Amaan Tolaa Hamdaa Ethiopia, Oromiya; …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *