Harka muraafi shalabbii harmaa kan habaleen raawatame rasaasatti jijjiiree murrriqii Saba Oromoof diinni haareysoomsuuf dhaadate oolchuun duursinee gumaa kalleessaa kafaluuf irroomuun Sabaa dirqama sardaadha.
dhawwaaqni, dhaaddannoon diinaa Oromiyaa dhunfate jiru wayyaane seena harma muraafi harka shalabbii Aanolee akkasuma murruqii lafee tuule kan Calii Calanqoo Abbootii gabroomsaa arraan taate haarayoomsuu tahuun dhugaa mamii tokko hin qabne tahuu Sabni Oromoo hubachuu qaba.
Ajjeechaan, hidhaafi gidiraan Saba Oromoo irratti tahaa turtee tan haala dhokataan mooraalee waraana wayyaanee keessatti tahaa turte arra garuu karaa dhokataan deemsifamte fi deemaa jirtu falmaa bilisummaa dhaabuu waan dadhabdeef wayyaaneen arra Guyyaa saafaa ija Daa’imman fi haawaan Oromoo duratti godhan Saba Oromoo naasuu itti buusuun sodaachise gabrummaa tursiifachuudha.
Oromiyaa keessaa Finfinnee kutuun biyyaa Abisiiniyaa godhuun imaamata wayyaneen diriirfame falmatuuf mormii ummataa Oromoo sadarkaa hundaan kaate irratti wayyaaneen rasaasan hegeree boruu Saba kanaa kaa’imman fi manguddoo dhiiraa fi durbartiis dabaleetee Daa’imman osoo hin ji’in rasaasan harcaasuun Oromiyaa guutuu keessatti dhiiga hin qoorini. Kumaantamaan ichibuutee taasisuu fi kumaantamaan hidhaa keessatti gidiraa jirachuun ragaa shanyi gabaabsa Saba Oromoo tahuun beekama. Torbaan lameen darbe keessatti gocha farrummaa dhala namaa kan tahe qotee bultoota Oromoo lama eega ajjeessee booda hujii gabroomsaan Saba tokko ittiin jiilchu hojachuuf Wayyaaneen Du’aa/reefka ilmaan Oromoo lamaan kanaa fannisee dirqiin haati deesse fi Abbaan akka bahanii daawatan godhuun diinnummaa Saba Oromoo akka dhala namaattii laaluudhabuuti dirree baase muldhisa.
Duguuggiin hidhattoota Wayyaaneen hidhatan addatti Oromoo itti gabaabsuuf akkumma kan kalee jiraa,arra du’aa Mallas Oromoo Sab-bicutti deebisuun akka dandayamu dhaadate, Abbaay Xaayyees irra deebi’ee hujitti hiikuuf dhaadatee hujjittiis hiika jiran. Diinummaan murruqqii Saba irratti tahaa jiru rogoota 4n Oromiyaa keessatti humna addaa (Liyyuu bolis) Baha Oromiyaa fi Kibba Baha Oromiyaa keessatti ifa bahee muldhata.
Sabni Oromoo irree gabroomfataa Adii fi Gurraachaanis sodaatamaa turte san deebisuun falmaa Oromiyaa bilisa jaarrachuuf qabsoo godhuun dirqama filmaanni biraa hin jirre tahuu hubachuu qaba. Gabroomsaan sodaafi hilaan bultii halkan tokkoo siif kennuus boru akka sibulchine beekuun akka Sabaatti dirqama taha, gadi jettuus, du’a akka hin oollee waan taheef bilsiummaaf falmannee wareegamuun kabajaafi bilisummaa Waaqni/Rabbiin itti nu uume taati.
Dhalti Oromoo Caasaa Diinaa keessa bifa adda addaatiin jirtan seenaa gootummaa Abbootii teenya yeroon itti haarayoomsitan amma, Guyyaan kabajaa Sabaa keenyaa itti tiksitan amma. Murruqii Saba Oromoo irratti deemaa jiru fi bifa haarayaan saganteefame yeroon oolchitan amma jechuun Addi Bilisummaa Oromiyaa lallaba Sabummaa dabarsa.
Ummanni Oromoo goflaa diinaa jala hin jirre wareega qabsoo bilisummaa Oromiyaa gaafattu kamuu kennuuf dirmachuu Sabummaaf akka hiriirtan Addi Bilisummaa Oromiyaa iyyata .Galaa fi rasaasa Loltuu Bilisummaa Oromiyaa (LBO) dirqama lammummaa kan warra goblaa diinaa jala hin jirreeti. Furga’a qabsoo mul’ataan akka taasifamu ABOn irbuu Sabummaa seena, furgaasa qabsoos hujiin mul’isa.
Ilmaan Oromoo Kaa’imman hegeree kan roorroo diinaa dheeysee dhihana Biineensa gammoojjii biyyaa ambaa fi dhihana Qurxummii tahaa jirtan, qa’ee keessan irratti falmadhaa wareega kabajaa qabu kafala, duutaniis aalii keessan keessatti du’a keessan beekee garaa hidhate isin awwaala, kaayyoo keessaniis fiixa baasa.
Qabsaawonni bilisummaa Oromiyaa bifa adda addaatti qabsoo Sabaa godhuuf gurmooytan hundi mooraa fi amala deemsa qabsoo mudate murnaan Qabsaawota hire san ifduubatti dhiifnee aadaa fi amala siyaasaa Oromummaa hundee godhachuun Mooraa qabsoo Qabsaawonni bilisummaa boru Oromiyaa irra geessinu if irratti arkan waloon uumnee irroomsuun dirqama sardaa tahuu hubannee gabrummaa Sabaa fi Biyyaa xumura itti godhuuf akka dirmannu jenna. Addi Bilisummaa Oromiyaa kana dhugoomsuuf wareega kamuu ni kafala.
Oromiyaan Ni Bilisoomti!!!
02/18/2015
Dhaamsa sirrii fi yeroo kanatti barbaachisu. Osoo gara ONM fi social media dhaan ummata oromo akka dhaqabu sirritti hojjatamee. Gara kamittu baqachuun filmaata miti, Oromoon biyya isaa walijaaree falmatuu qofa kan rakkoo oromoof furmaata ta’u. Kana irratti dhaabni siyyaa fi midiyaan oromo, hoggantoota fi hayyoonni oromo sirriitti irratti hojjaachuun murteessa dha.
Numa rakkattan, QBO akkanumatti ganda keessa deemani waa waliin dhahuu isinitti fakkaatee? Haasaa namuu numa haasawa, afaan qabaniifiis numa dubbatu, dubbiin bakka dandeetii, hujjii fi qabeenya irra jirti. Akkanuma Adda maarri adda maaree jattani nama lamaa sadiin wal gurratani isba baasuu dhiisaa. Hunda keessan oromoon ni beeyti. Gariin kashlabbee, garii wahuma dhaabu malee faa’ida Oromoof fidan takkaa hin agarre.
Gariin manuma keessani baatani deeb’uunu waan guddaa dha. oriinu/Beeladaanu kana ni beeyti isin garuu sanumaa kan beeutan hin fakkaatu. Amma warra akka C faatu oromoo bilisoomsaa? salphina.