Oduu Haaraya

Ibsa dhaaba ULFO/THBO irraa kenname.

Bilisummaa Ummataa fii Walabbummaa Oromiyaatiif kan Qabsaawu Hogganni dhaaba ULFO/THBO haarayni, jiddu galeeysa hoggana qabsoo biyya Ambaa hin godhatu.
Falmaan abbaa biyyummaa oromiyaa jiddu galeeysa hoggana qabsooAwrooppaa ykn Ameerikaa(USA) godhatee kan jalqabame hin turre.Garuu yeroo as dhihoo kanatti kan mul\’ataa dhufe faallaa isa kanaati.Qabsoo bilismmaa Oromoo kan lubbuu gootota meeqaatiin bosona oromiyaa keeysatti biqilte biyya ambaatti galchanii Saarukha intarneetaa game (tapha) joollee fakkeeysuun hin danda\’amu.
Kabajamaan ummatnni Oromiyaatiis qabsoo akkasii hin barbaadu.Yaroon ammaa yaroo ajandaan dhooysaa kan QBO keeysatti dhokatee qabsoo qancarsaa ture ifa if baasee saaxilamaa jiruudha. Kanaaf yeroon kun yaroo biyya ambaa keeysaa waan qaamni tokko hojjate himachaa cubbuu xibaaranii hawaasa dogoggorsiisanii miti.Yaroo roga hundaan gara biyyaatti fuulleffannee diinarratti qabsooynuudha. Dhaabbilee siyaasaa oromoo ilaalchisee waahedduun dubbatamuu daran waa hedduun hubatamee jira.Ijoon dubbii ibsa kanaa eenyummaa hoggana dhaaba ULFO Oromiyaa keeysaa qabsoo hidhannoo finiinsaa jiru hawaasa Oromoo hubachiisuu irratti fulleffata.
ULFOn Uumama isa irraa kaasee hanga ammaatti bu\’aa bahii gara garaa keessa qaxxaamuruun sadarkaa sadaffaa irra jira. Isaaniis :-
1, ULFO bara 2000 keeysa labsamee ture. Kuniis dhaabbiilee siyaasa oromoo ilaalcha gara garaa qaban walitti fiduun bifa Agoobaraatiin magaalaa Asmaraatti ijaaramee ture. Yeroo sanitti Ummanni oromoo hedduu gammaduus turtii ji\’a afuriitiin booda hawwiin ummataa abjuu tahee hafe.Kanaaf sababa kan tahan warreen iftuultummaan shiraa foon isaanii keeysatti margeen (mayreen) sakaalamee labsamuu fii diigamuun wal faana tahee ture.
2, ULFO bara 2010 ti, kuniis Namoota harcaatuu dhaaba tokko ykn lama irra walitti dhufanii nuti ULFO ifiin jechaa turaniidha. Baay\’inni namoota kanaa lakkoofsaan kudhan(10) kan hin geenyeedha. Namoonni kun yeroo takkaafillee bifa qabsoo kamiinuu if dura sossoosanii hin beekan. Dhaaba itti dabalamanii yeroo gabaabaaf waliin turan keeusattiis taanaan irratti hojjatanii dhaaba san guddisuu irra, diiganii hiddaan buqqusuun dhaabaas dhabamsiisanii ifiifiis harca\’anii dirretti hafuun isaanii. Eenyuufille ifaadha.
Eegaa namoonni kun yeroo ammaa biyya Ameerikaa (USA) keeysaa nuutu ULFO dha, jechaa jiran kun << harka hanna bare dooluutu sossooha ykn Afaan dubbii bare mooqaa alanfata >> Akkuma ja\’amu san tahee hawaasa oromoo biyya ambaa keeysa jiraatu dogoggorsuuf yo tahe malee wanti isaan hoggonaa jiran tokkolleenuu hin jiru.
3, Dhaaba ULFO/THBO kan bara 2012 irratti heeraa fii seera guutuun labsame, Dhaabni kun yeroo QBOn laafee gara diigamutti deemuun haalli tokko tokko mul\’ataa dhufetti hudeeyfamuun isaa kan addaa isa taasisa. Kuniis qabsoo lubbuu fii qabeenyi ummata oromiyaa hedduun itti bade kana dhabama irraa hanbisuuf itti yaadamee kan bifa haarayaan hundeeyfameedha. Dhimma kana irratti marii yeroo dheera godhameen booda Hangafaticha QBO kan tahe Sooreysa Jeeneraal Jaarraa Abba Gadaa waliin tahuudhaan U.L.F.On dhaaba siyaasa guutuu tahee QBOtiif kan qabsaawu tahuu 20/02/2012tti labsamee ture.
Hangaftichi QBO Sooreysi Jeeneraal Jaarraa Abbaa Gadaa akuma dargaggummaa umrii isaanitti QBO biqilchanii turan du\’a isaaniitiin durattiis Moggaasa Maqaa ULFO/THBO kan harcaatuu murna shiraatiinillee qaadhimamuu jalqabe gara Dhaaba guutuutti jijjiiranii turan. Akkuma dhaaba kana hundeeysaniin Eeybisanii dhaloota haarayaaf dabrsuudhaan boqonnaa QBO haaraya bananii Wareegaman. Dhaabni kun hujii bara tokkoo keeysatti human waraanaa bifa, tooftaa fii tarsimoo haarayaan kutaalee oromiyaa hedduu keeysatti ijaaruudhaan diina (Nyaapha) oromiyaa haleeluu itti fufee jira.
Hogganni dhaaba kanaatiis Gooticha Humna waraana ULFO wajjiin lafa oromiyaa keeysa warraaqaa jira. Biyya ambaa keeysatti kan maadheyfatuuf sababni tokkolleen hin jiru. Namoonni Ameerikka (USA) keeysa taa\’anii nuutu ULFO dha, jechaa jiran kun hoggana dhaaba ULFO haaraya kana waliin hariiroo tokkollee kan hin qabne tahuu,lammiilee keenya kan bilisummaafii walabummaa biyya oromiyaatiif quuqaman hudaaf dabarsina.
Nuduukaa buutanii sochii keenya hordofuuf kan barbaaddaniif gara bakka bu’oota koonyaalee dhaaba ULFO/THBO kan naannoo keeysantti argamurraan nuhordofuu kan dandeeysan tahuu kabajaan isin hubachiifna
Tokkummaan Human !!
Oromiyaan Ni Walboomti !!
Odeeffannoo dabalataa:-
M/KHR ULFO/THBO J/Lellisaa Tuujii Bilbila:- +967-712117233 E-mail:bakakaa12@yahoo.com or ULFO/THBO
E-mail:- ulfo2012@yahoo.ca or Info.ulfo2012@gmail.com
Caamsaa 10 – 04 – 2013.

Check Also

toophiyaa31

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do …