Oduu Haaraya

Guyyaa gootota Oromoo Ilaalchisuun, Dhaamsa ABO Irraa Kenname.

Danbaliin Jijjirama ABO, Imaanaa Jaallan Keenya Wareegamniif Galmaan Gaha!
Uummati Oromoo maraa fi qabsa’otiin adda bilisummaa Oromoo guyyaa gootota keenyaa kan yaadannu, imaanaa isaanii galmaan gahuuf yeroo irra deebinee waadaa keenya haaromsinuu dha. wareegamtoonni keenya guca bilisummaa qabsisanii sadarkkaa amma qabsoon keenya irra jiruun nu gahanii jiru. Seenaa qabsoo Oromoo keessatti wareegamtoonni keenya yeroo maraa kabajaa fi ulfinaan yaadatamu. Qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan gahuuuf wareegama qabsoon gaafattu keessaa, lubbuu isaanii itti kaffalanii jiru. Kanaaf lubbuun nubira jiraachuu baatanis, imaanaa fi gootummaan isaan nuuf dabarsan qabsa’ota bilisummaa Oromoof masakama isaanii ti.
Wareegamtoota qabsoo Oromoo yeroo yaadannu, kaayyoo isaan wareegamaniif galmaan gahuuf waltajjii fi haala guddina siyaasa Oromoo giddugalaasse taasifannee ti. Goototi keenya bilisummaa, mirgi dimokraasii, walqixxummaa fi walabummaan Oromoo akka dhugoomuuf jecha gatii qaalii itti kaffalan. Dhaloonni amma jirru kun galii fi kaayyoo jaallan keenya itti wareegaman galmaan gahuuf, dirqamni yerootu nurra jira. galfatni jaallan wareegamniif mana ilmaan Oromoo maraa jira. goototi keenya kan wareegamniif nama dhuunfaa, garee fi dhaaba siyaasaa tokkoof jecha otoo hin taane, Oromoo maraaf. Kanaaf wareegamtoonni keenya hundee tokkummaa Oromoo ti . dhalli Oromoo ilaalcha siyaasaa kamuu haa qabaatuu ykn hojii dhimma gara garaa keessa haajiraatuu, garuu guyyaa gootota keenyaa tokkummaan yaadata. Maddi tokkummaa keenyaa wareegamtoota keenya. Gatii isaan itti kaffalan galmaan gahuuf ammoo yeroo kamuu caala dirqama oromummaa fi lammummaa bahuudhaan dhugoomsuu qabna.
Addi bilisummaa Oromoos guyyaa gootota keenyaa yeroo kabaju, faaruu gootota keenyaa waltajjii tokko irratti dhaadhessuun kan bara dhuftu itti eeggatu otoo hin taane, dirqama haarawaa ofitti fudhachuu fi QBO gara waltajjii harawaatti ceesisuuf dhimmoota malan hunda fudhachuuf guyyaa waadaa itti seenuu dha. kallattii fi muldhata adda bilisummaa Oromoo galmaan gahuuf yeroo kamuu caala, guyyaa waadaa keenya haaromsinuu dha. guyyaa ciminaa fi hanqinoota qabsoon qabdu xiinxallee gara waltajjii haarawaatti ceesifnuu dha. qabsoon keenya yeroo hunda guddachaa fi waltajjii yeroo wajjin gabbachaa kan deemuu dha. addi bilisummaa Oromoos haaluma kana xiinxaluudhaan QBO gara waltajjii harawaatti ceesisuuf daandii haaromsaa fi danbalii jijjiramaa qabatee injifannoo fi milkii guddaa argamsiisee jira.
keessumaa kallattii fi muldhata haarawaa qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan gahuu danda’an, bilchinaa fi gadi fageenyaan qoratee uummata Oromoof labsee jira. ABOn Amajjii 1, bara 2012 eega muldhata haarawaa qabsoo Oromoo gara fuunduraatti furgaasuuf labsee asi, injifannoon gurguddaan yeroo waggaa tokko hin caalle keessatti galma’anii jiru. QBO danbalii jijjiramaa fi injifannoo qabatee jira. guyyaa gootota keenyaa yeroo yaadannu danbalii jijjiramaa fi injifannoo ABOn jalqabe galmaan gahuuf cimanaa fi dadhabbina qabsoon keenya kaleessa keessa turtee fi amma keessa jiru, bilchinaan xiinxallee, cimina keenya gabbifachuun waltajjii harawaa qabsoon keenya qabatee jiru daran jabeessuu fi danbalii jijjiramaa mooraa qabsoo Oromoo keessatti ABOn uume galmaan gahuu qabna.
ABOn danbaliin jijjiramaa fi injifannoo mooraan qabsoo Oromoo goonfatee jiru galmaan gahuuf, dhaamsa armaan gadii uummata Oromoo fi qabsa’ota ABOf dhaama.
1 Danbaliin jijjiramaa Amajjii 1 bara 2012 labsame, mooraa qabsoo Oromoo haqaa fi dhugaa irratti akka ijaaramu taasisuu keessatti injifannoo guddaatu argame. Yeroo dheeraaf mooraa qabsoo Oromoo keessatti yaadi wal dhahaa fi burjaajjiin guutaman wareegama ilamaan Oromoo gara injifannootti deemsisuu irra, qabsoo quucarsaa deeman. ABOn muldha haarawaa fi kallattii QBO bilchinaa fi qorannaa irratti hutubame labsuun isaa, maqaa qabsootiin murnootaa fi garee daldaalaa turan ogongolee eenyummaa isaanii isa dhugaa saaxilee jira. akkuma kana dura irra deddebi’amee ifa godhame, keessumaa waggaa 20mman darban kana mornooti maqaa ABOn sagantaa siyaasaa Arrabbi-lamee maxxanfatanii qabsoo burjaajessaa turan, akka uummata Oromoo fuunduratti saaxilaman ta’ee jira. murnooti kun mooraa qabsoo oromoo irratti diina baayyisuun akka qabsoon oromoo qophxooftu taasisanii jiru. Kana gochuu isaaniitiin uummati oromoo injifannoo hawwaa ture hongeessanii jiru. muldhati ABO bara 2012 labsame murnoota maqaa ABO himachaa sagantaa siyaasaa arrab-lamee qabatanii turan otoo hin jaalatiin dirqamanii gara tokkotti akka qabsoo Oromoo jalaa goran taasifamee jira.
 Sagantaa siyaasaa arrab-lamee qabatanii turaniin, gaga’amnii fi ookkarri mooraa qabsoo oromoo keessatti bara 2001 dhalchan, qabsa’oti bilisummaa oromoof jecha qabsootti makaman dhibbootan lakka’aman lubbuu walgalaafachiisanii jiru. Gochaa isaanii kana irra dibanii otoo oromoo fi qabsa’ota dhiifama hin gaafatiin, yeroo ammammoo projeektii haarawaa qabatanii ololaa guddaatti jiru. Oromoo fi qabsa’oti ABO gochaa isaanii kana kan dagate itti fakkaate. Yoomiyyuu yakki murnooti kun mooraa qabsoo oromoo keessatti dhalchan oromoon hin dagatu. bakka rafanii dammaqanii kan kaleessa waakkataa turanii fi akka madda garaa garummaatti afaan faajjii ittiin uumaa turan dirqamanii akka mooraa tokkotti walitti qabaman taasifamee jira. kun injifannoo ABOn murannoodhaan mooraa qabsoo Oromoo qulqulleessuu fi humneessuuf fudhateen argameedha. Mornootiin kun wareegama gootota Oromoon dhaadachuu fi ololuu malee, daandii fi bakka jaallan itti wareegaman irraa of fageessanii maqaa qabsoo Oromootiin daldaala dhuunfaa murna gaggeeffachuu aadeffate, yeroo dhumaaf mooraa qabsoo Oromoo keessaa akka qulqula’an ta’ee jira.
2 Bifuma wal fakkaatuun waggoota 20mman darban kana mooraa QBO keessa riphuudhaan murnootii fi namootiin qabsoo Oromoo dhoraa turan sacca’amanii gara eenyummaa isaanii isa dhugaatti akka galatan taasifamee jira. mooraa qabsoo keessa taa’inii qabsoo dhoruu fi mujuchuun ala bu’aan murnootiin kun fidan hin jiru. Murnootiin sagantaa arrab-lamee qabatanii fi mooraa qabsoo keessa riphanii qabsoo dhoraa turan bu’aani isaan fidan yoo jiraate, qabsoo Oromoo biyya keessaa buqisanii kooluu galtummaa galchuu dha. Ilmaan Oromoo miliyoonaan dhaaba keenya ABO wajjin biyya keessatti yeroo diinaan morma wal qabaa jiranniitti, hadhaa qabsoon qabdu irraa fagaatanii qabsoo boconcorasaa yoona gahan. Kanaaf miseensonnii fi qondaalonni dhaaba keenyaa murnootaa fi namoota bifa kanaan qabsoo quucarsan, yeroon akka daandii qabatuu fi dadhabbinni qabsoo keenyaa xiinxalamee muldhati haarawaan waltajjii haarawan akka gaggeeffamu kadhatanii dadhaban. Dhuma irratti garuu murtee siyaasaa fudhachuun, dhaaba keenya ABO gara waltajjii haarawaatti, muldhata fi kallattii qabsoo haarawaan ceesisuun danda’anii jiru. Kanaaf galatni qabsa’ota murannoon dhaaba keenya daandii qajeeltuu qabsiisaniif haa ta’u. imalli keenya dhaamsaa fi wareegama jaallan keenyaa, galmaan gahuuf, ABOn muldhataa fi kallattii qabsoo haarawaan qabsoo isaa itti fufa.
3 Muldhataa fi kallattii qabsoo bilisummaa oromoo ABOn amajjii 2012 labsame, gaaffii miseensaa fi dhaloota haarawaa kan giddu galeessa taasifatee dha. dhaloota harawaa ABOn kan barbaaduuf ololaa fi kijibaan joonjessuuf otoo hin taane, abbaa qabsoo akka itti ta’uufi. Qabsoon jaallan keenya itti wareegaman galmaan gahuuf dhalooti haarawaan, waltajjii harawaa keessatti qabsoo bilisummaa Oromoo hoogganuu qabu kan jedhu murtee duuba hin deebinee dha. bifuma wal fakkaatuun qabsoon ABOn gaggeeffamu kooluu galtummaa irraa gara dachee oromiyaatti deebi’uu qaba. kana gochuuf itti gaafatamni guutummaatti dhaloota haarawaatti kennamuu qaba. kanaaf ABOn dhaamsi ilaaman Oromoof dabarsu, jaallan wareegamanii qabsoo keenya sadarkkaa kanaan gahan seenaa hojatanii jiru. Seenaan isaanii bara baraab ni jiraata. Dhalooti haarawaan amma jirru kun seenaa mataa keenyaa hojachuu qabna. Dhaloota seenaa himaa jiraatu otoo hin taane, seenaa mataa keenyaa hojachuu qabna. Kanaaf ABOn ilmaan Oromoo bakka hunda jiraniif keessumaa dhaloota harawaan Oromoo akkuma amma qabsoo ofitti fuudhuu jalqabe jabeessee akka itti fufu roga hundaan jajabeessa.
4 Muldhati ABO mooraa qabsoo Oromoo irraa diina haphisuu fi fira qabsoo baayyifachuudhaan fedhaa fi hawwii Oromoo galmaan gahuu dha. akka sagantaa siyaasaa isaa keessatti ifatti lafa kaheetti “muldhati ABO “Biyya ummaanni Oromoo itti fufiinsaan badhaadhaa, qaroomaa fi bilisummaa wayyabummaan isaa keessaatti mirkanawe, mirgi dhala nama, murnaa, sabaa fi sab-lammoota wal qixa itti dhugoomaa deemu arguudha.” Kan jedhuu dha. Galiin ABO ammoo “Itoophiyaa, fedha Oromoo fi sabaa fi sab-lammoota biroon ijaaramtee mirgi siyaasaa, diingdee fi hawaasummaa Oromoo sadarkaa hundatti keessatti kabajaamu ijaaruu.” Jedha.
Muldhatii fi galiin dhaaba keenyaa kun ilaalchota kana dura dhaaba keenya keessatti irra dibaa gara garaattiin ibsamaa turan ifatti kan lafa kaahee dha. muldhatii fi galiin dhaaba keenyaa bifa kanaan lafa ka’amuu dhabuun isaa, qabsoo keenya sadarkaa addunyaattis ta’ee, sadarkkaa biyyaatti uurrii gara garaa keessa akka jiraatu taasisee jira. gaaffilee miseensaa fi deegaraa dhaaba keenya biraa ka’uuf, deebii quubsaa kennuu dadhabuudhaan dhaabni keenya akka itita dhabu taasisee jira. ABOn kana bilchinaan xiinxaluudhaan mooraan qabsoo Oromoo akka xaliilu taasisee jira. kun ta’uun isaa diinaa fi murnoota maqaa qabsoon daldaaluu barbaadan eddu rifachiisee jira. daandii fi muldhati dhaaba keenyaa kun dhaloota harawaa biratti bifa nama diinqisiisuun maxxanfatamee jira. kun injifannoo guddaa dha. diinni keenya Wayyaaneen kan ittiin Oromoo sodaachisaa fi diina itti baayyisaa ture, harkaa fudhatamee jira. kana booddee Oromoo irratti karaa diina baayyisan cufamee jira. kun injifannoo mooraa qabsoo keessatti argaman keessaa isa guddaa dha.
5 Oromoon biyya Itoophiyaa keessatti karaa hundaan hutubaa sibiilaa ti. Ga’een Oromoon Itoophiyaa gadi dhaabuu keesstti qabu murteessa dha. Haata’uutii uummati Oromoo biyyattii jiraachisuu malee, keessa hin jiraanne. Kennuu malee, irraa hin arganne. Kabachiisuu malee, kabajaa irraa hin arganne. Itoophiyaan amma yoonaa jirtu uummata oromotiif mana hidhaa dha. Haalli kun jijjiiramuu qaba. Kana kan jijjiiru Oromoo mataa isaa ta’uutu irra jiraata. Oromoon Itoophiyaa jiraachisuuf ga’ee murteessaa taphachaa akkuma jiru, Itoophiyaa Oromiyaaf taatu fiduu keessattis ga’ee murteessaa taphachuu qaba.
Oromoon Itoophiyaa isaaf taatu hutubuu kan qabu nama biraaf dhimmee otoo hin taane egeree Oromiyaaf dhimmamee ta’uu qaba. Mana ofii abbaatu ofiif akka ta’utti ijaarrachuu qaba. Mana citaan irratti haphatee dhimsu, kan ajjeerrachuu qabu abbaadhuma. Kanaafi Oromoonis Itoophiyaa isaa fi saba biraafis taatu ijaaruu qaba. Oromoon amma yoonaa Itoophiyaa jedhamtu kana kan ijaaraa ture, cunqursitoota malee Oromoof faayidaan argamsiise hin jiru. Amma kan keenya taasifachuun barbaachisaa dha. Kana gochuuf Oromoon amilees ta’ee dandeetti itti qaba. Itoophiyaa karaa ciisicha Oromootiin citaan itti haphatee, itti dhimsaa jiru ajjeerrachuu qaba. Alagaan akka Oromoof tolutti akka nuuf ajjeeruu hin dandeenye, waggaa dhibbaa ol arginee jirra. Itti gaafatamummaa ofitti fudhannee Itoophiyaa Oromoof taatu hutubachuu qabna. Waanta hunda dura Itoophiyaa Oromoof taatu Oromootu ijaarrachuu qaba, amilee jedhu of keesstti horachuun barbaachisaa dha. Seenaa kaleessa tureen takaalamnee dhaloota keenya boruus takaaluu hin qabnu. Karaan bilisummaa Itoophiyaa, kan Oromoo gochuudhaan kan dhugoomuu dha. Kanaan alatti filannoo jiran namuu hordofuu danda’a. Garuu filannoon sun deemsa dheeraa nama gaafata. Karaa dheeraa fi walxaxaa eddu ofitti fudhatanii galii ofii bira gahuun mataa isaatiin gaaffii keessa kan jiruu dha. Hamilee, Qorqalbii fi aadaa Oromoon jaarraa 16ffaa keessaa qabaachaa turee deebisuu qabna. Jaarraan 16ffaan yeroo Oromoon kan barbaade muudee kan isaaf hin taane buusaa turee dha.
Baayyinni Oromoo fi egereen Itoophiyaa tasa kan gargar bahan miti. Baayyinni Oromoo kun Itoophiyaa keessatti murteessaa ta’uu isaa Oromoon itti amanuu qaba. Sabni biraa murteessummaa baayyina keenyaa kana akka hin muldhanne yeroo hunda dhama’u. Kana jechuun baayyinni keenya faayidaa akka hin qabnetti akka Oromoon mataa isaatiin of amansiisu irratti hojatu. Kana keessaa tooftaan isaanii inni guddaan, tokkummaa saba kanaa dadhabsiisuu dha. Baayyinni isaa akka gosaa fi lagaan faca’u irratti hojatu. Adeemsa kanaan itti milkawaan jiru. Kana Oromoon beekee diduu qaba. Tooftaan inni lamataa diinni keenya hordofu, Oromoon yeroo hunda Itoophiyaa abbummaan akka itti hin dhaga’amne gochuu dha. Oromoon abbummaan Itoophiyaan kan kooti yoo jedhe, seenaan asossomaa isaan Itoophiyaaf kennan akka fixeensa ganamaa kan yeroo aduun bilisumaa as kalofte kan badu ta’a. Itoophiyaa kan ijaaree fi amma yoonaa jiraachisaa jiru Oromoo ta’uun otoo beekamuu seenaa Itoophiyaa kana keessaa Oromoo baasuuf seena hin jirreen of waamu. Kana nutis akka Oromootti diina keenya gargaarree jirra. Adeemsi kun jijjiiramuu qaba. Seenaan Itoophiyaa seenaa dhugaatti jijjiiramuu qaba. Seenaan dhugaan Oromoo harka jira.
Kanaaf baayyinni Oromoon Itoophiyaa keessatti qabu egeree Itophiyaaf murteessa ta’uu hojiin muldhisuutu Oromoo irraa eegama. Akkuma irra deddeebi’amee jedhame Oromoon Itoophiyaaf eega hutubaa sibiilaa ta’ee, hutubaa kana qabatee gara waantota isaaf malaniitti ce’uu qaba. Baayyina Oromoo kana egree Itoophiyaaf murteessaa ta’uu diinni keenyas beekuu qaba. Humna ta’uu keenya firris alagaanis bifa ragaa ta’u danda’uun dhimma itti bahuu qabna. Kallttii qabsoo keenyaa bifa kanaan irratti xichinee Oromoo humneessuu qabna. Wareegama jaallan keenyaas bu’a qabseessa kan ta’u qabsoo miiraan hoogganamu otoo hin taane, qabsoo beekumsaa fi muldhata dhugaan dhaabni keenya qabatee jiru galmaan gahuun ta’a.
6 Wareegama jaallan keenyaa galmaan gahuuf hojiin keenya inni guddaan, ijaaramuu dha. Sabni ijaarame galii isaa ni qaqaba. Ijaarsi hunda dursuu qaba. Baayyina keenya gara humnaatti jijjiruuf ijaarsi murteessaa dha. ABOn muldhat haarawaa yeroo maddisuu kan adda durummaan labse keessaa ijaarsa uummataa ti. Kallattii qabsoo keenyaa ijaarsa irratti xiyyeefata. Kanaaf ilmaan Oromoo bakka jiran hundatti wal ijaaruu fi muldhataa fi galii ABO galmaan gahuuf waadaa waliif galuu qabna. Diinni keenya guddaa fakkaatee of muldhisuu barbaadu kun, dadhabbina ijaarsa keenyaa irraa dhufe. Kanaaf ijaaramuun keenya bittaa sirna bicuu jalaa bilisa nubaasa. ABOn irra deddebi’ee ilamaan Oromoof dhaamsi inni dabarsu hunda dura ijaaramuu fardeessuu qabna.
7 Oromoon sirnoota darban kamuu caala yeroo itti dhiibamee fi qabeenyaan isaa itti saamamaa jiruu dha. Sirni bicuu Wayyaanee ilmaan Oromoo qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa buqqisuun, ajjeesuun, mana barumsaa hari’uun, tuffachuu fi itti roorrisuun bifa suukanneessan jabaatee itti fufee jira. TPLf Oromootti kan roorrisuuf ijaaramuu dhabuu keenyaa irraa dhufe. Maqaadhumaaf illee, sirna fakkeessaa Federaalaa keessaa gahee Oromoo bifa ta’ee hin beeknee haqee jira. Tuffiin kana caalu hin jiru. Kanaaf ilamaan Oromoo diina keessa jirtan yeroo kamuu Wayyaaneen akka isin hin amanne waanta hubattan fakkaata. Hubachuun duwwaan garuu gatii hin qabu. Kanaaf tuffii fi roorroo Wayyaanee jalaa of bilisoomsuuf dhaaba kallacha qabsoo Oromoo ta’e, ABO cinaa hiriiruu qabdu. Akkuma amma argaa jirtan Wayyaaneen namummaa keessan otoo hin taane, beekumsaa fi humna keessan eega dhimma itti bahee booda, raasaa irratti isan gataa jira. Mirga oromoof yoo qabsa’uu hanqattan, wayyaanee biraa tuffii fi roorroo dabalachuun ala oromoo birattis kafajaa fi ulfina dhabdu. Kanaaf waamicha Oromoo fi ABOf deebii quubsaa kennuu qabdu.
8 Deeggartoonni, Miseensonnii fi qondaalonni ABO akkuma dhaaba keenya danbalii jijjiramaa fi daandii injifannoorra buuftan, injifannoolee afan goonfachuuf xichoominaa fi gamnummaan qabsoo keenya fiiniinsuun murteessaa dha. Murnoota abdii kutatanii fi danbaliin jijjiramaa ABO, ogongolee mooraa qabsoo keessaa baase, ammas olola diiggaa fi dhara oomishuu irraa of qusachaa hin jiran. Kanaaf yeroo hunda mornootiin danbaliin jijjiramaa qabsoo keessaa isaan baase, summii facaasuu irraa of hin qusanne. Atakaaroo fi mooraa isaaniitti akka gadi deebinee olola rakashaa oofnu barbaadu. Nuti hojii dhaabaa fi imaanaa sabaa qabna. Olola rakashaa fi summii isaan dharaan facaasaa jiran, gatii dhoowwannee hojii keenya haa hojjannu. Akkuma kana duraa yeroo isaan daangaa darbanii qabsoo quucarsuuf aggaammatan saaxila baasaa deemuun dirqama qabsoo ti.
Diinni keenya guddaan Wayyaanee dha. Wayyaaneen humnoota booddessitootaa fi murnoota danbaliin jijjiramaa gatee bira darbe, dhimma itti bahuudhaan qabsoo keenyatti duulaa jira. Kanaaf gochaa diinaa kana beeknee roga hundaan dhaabaa fi qabsoo saba keenyaa tifkachuuf murannoon haa hojjannu. Dhuma irratti imaanaa jaallan keenya wareegamaniif galmaan gahuuf muldhataa fi kallattii ABO irratti xichinee waadaa keenya haa aromsinu.
Kabajaan Bara Baraa Wareegamtoota QBOf Haa Ta’u!
Injifannoon Uummata Oromoof

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

The Pathognomonic Syndrome of Settler-Colonial Abyssinia’s Psychology

Part 1 Odaa Hora  Most of the accomplishments of human activities in daily life, ideas: …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *