Oduu Haaraya

Ibsa ejjennoo Jaarmaya Hawaasa Baqattoota Oromoo Adan Yaman Kibbaa!

JAARMAYA HAWAASAA BAQATTOOTA OROMOO ADAN YAMAN

OROMO REFUGEES COMMUNITY ADEN IN YEMEN ـــ الیم عــدن في الأورومــو اللاجئــین مجتمع Ibsa Ejjennoo:

Jaarmaya Hawaasa Baqattoota Oromoo

Adan-Yaman irraa kenname:

Mootummaan Abbaa irree ABUT/TPLF erga gaafa aangootti dhufee kaasee

ilmaan oromoo dararuun ajjeesuu, Hidhuu,Gara dabarsuu,Qabeenya isaa

saamuu, Qotee bulaa Oromoo lafa abbaa isaa irraa beenyaa tokkoon maletti

buqqisee kadhataa taasisuun ofii ittiin doroomaa jira. Akkuma hundi keenya

quba qabnu waggaa dabre dhimma mormii Master Plan Finfinneetiin wal

qabatee lubbuun barattoota 80 dabruun fi dhimma kanaan walqabatee

barattoonni hedduun hidhamuu fi barumsa isaanii irraa arihamuun ni

yaadatama.Kun kanaan osoo jiruu Caffeen Oromiyaati kan ofiin jedhu qaamni

ergamtoota diinaa maqaa Master Plan Finfinnee maqaa misooma guddina

waliinii magaalaalee Oromiyaa jedhuun golguun/haguuguun raggaasise.Akka

labsiin kun baheen Qaamni Federalaa Master Plan Finfinnee hujii irra

oolchu,Federal Land Bank and City Develoment Corporation jedhamu

hundeeffamee hujii jalqabuuf qophiin akka xumurame labsame.

Dhimmi kun dhimma Eenyummaa keenya balleessu (jiraachuu fi dhabamuu

Oromoo) waan taheef,Mormiin Maaster Pilaanii Barattoota Oromoon Mana

Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Gincii irraa qabatee gara Wallaggaa Magaalaa

Mandiitti tarkaanfatee yeroo gabaabaa keessatti ummata bal’aa Oromoo irraa

deeggarsa guddaa argatee akka Ibidda Saafaa boba’uun guutummaa Oromiyaa

waliin gahuun wayyaanee qaanyessee sal-phina haguuggachiisee jira

Wayyaanee TPLF dallansuun kaatee tarkaafii humnaa fudhatteen barattootaa fi

ummata nagaa hiriira irraa qooda fudhatan 85 ol ajjeeftee hedduu

madeessuun,ummataa fi barattoota irraa 37000 ol akka hidhatti darbatte

odeeffannoo sabaa himaalee ummataa fi ibsa jaarmayaaleen mirga nomoomaaf

dhaabbatan adda addaa baasan irraa argaa jirra.

Jaarmayaan Hawaasaa Baqattoota Oromoo Adan Yaman (J.H.B.O.A-Y) kana

irraa ka’uudhaan dura dhaabbannoo Master Plan Finfinnee fi Deggarsa

barattootaa Oromoof qabnu mul’isuuf, Hiriira mormii fi marii hawaasaa

geggeessuuuf Galma/Qaa’aa Bilqiisitti Muddee 25/2015tti waame!

Akkuma saganteeffametti Hawaasni Oromoo Aden Yemen haala ulfaataa

biyyattiin kun keessa jirtuu fi rakkoon nuti qabnu lammii keenya kan biyya

keessaa waraana Wayyaanee Agaazii fi Federaalaatiin ajjeefamaa fi hidhamaa

jiru irraa nu hin hambsu jechuudhaan dhaadannoo qabannee yaalii hiriira nagaa

P a g e 1 | 3

dirree irratti geggeessuu goone hin milkoofne.Kunis haala rakkoo nageenyaa

Magaalaa Adeniin walqabatee sagantaa hiriiraa keenya haquuf diraqamuu

keenyatti ni gaddina!Sanas ta’ee garuu akeeka qabannee kaaneef irraa of

duuba nu hin deebisne.Itti fufuun,…. Sagantaa Marii bakka hawaasni keenya

Xiqqaa,Guddaan,Dardaraa, Shamarran,Hawwan fi Manguddoonni Oromoo

argaman Galma/Qaa’aa Bilqiisitti haala bareedaan gaggeeffanne!

1.Wal gahiin keenya akka Aadaa Oromootti Eebba Manguddoon jalqabe!

2.Itti aansuun D/Ta’aan Community Oromoo Aden-Yemen,Obbo/Abdulbaasix

Mahammad Boruu,Itti Gaafatamtuun Dhimma Dubartootaa Aadde Fooziyaan

fi Itti Gaafatamaan Koree Hawaasaa Ob/Qawweettii Manaa haasaa baniinsaa

fi akeeka walgahii hirmaattootaf ibsa kennanii jiru!

3.Manguddoota oromoon dhimma Master Planii Finfinnee Midhaa Qotee Bulaa

Oromoo naannawa Finfinnee irrattii qabuu fi walii gala Oromoo fi Oromiyaa

irratti qabu ibsi bal’aan kennamee hirmaattonni walgahii hubannoo akka

argatan taasifamee jira! Akkasumas Walaloon Hamilee nama kakaasan fi

bashannansiisan Sab-boontota Oromoo Ob/Abdii Abdurrahmaan,

Sh/Abdulqaadir, Ob/Mahammad Nyaamoo fi Ob/Faamiin dhihaatanii jiru!

4. Buusiin Battalaa,Barattootaa fi Ummata keenya biyya keessaa dhumaa jiran

deeggeruuf waltajjiin baname.Akka kanaan haala rakkisaa kana keessatti

hawaasni Oromoo bal’aan naanoo Adan jiraatan gargaarsa Barattoota Oromoo

Madaa’an, Hiidhaman, Barumsa irraa arihaman fi ummata keenya miidhaman

cinaa dhaabbachuuf kan oolu gumaachi Dinagdee Kuma Dhibba Sadi fi Kuma

Digdamii fi Torbaa fi Dhibba Ja’a. (327.600RY) walitti buufame.Ji’atti fiduuf kan waadaa

galame Kuma Shantamii fi Torba(57000RY) Walii Gala/TOTAL=Kuma Dhibba Afurii fi

Kuma Lamaa fi Dhibba Ja’a (402.600RY) Walitti qabuun,Ibsaa ejjennoo qabxii sagalii

(9) asii gadii baafachuun walgahii keenya milkii fi injifannoon xumuranne!

1.Maaster Pilaanii Finfinnee ilaalchisee Fincilaa fi diddaan barattoonni

Oromoo qabsiisan fi ummata bal’aa Oromoo hirmaachise kun hujii

eebbifamaa fi seena qabeessa!Waan taheef waan barbaachisu hundaan ni

deeggarra;cinaas dhaabbanna!

2. Ummatni Oromoo biyya keessaa barattoota ilmaan isaa cinaa dhaabbachuu

qofa osoo hin taane adda duree tahuun diina eenyummaa isaa balleessuu fi

lafa Akaakilee fi Abaabilee isa eege irraa buqqisaa jiru EPRDF/TPLF

kutannoo fi murannoon hamma dhumaatti dura dhaabbachuu akka qabu

yaadachiifna!

3.Baqattoonni Oromoo Adan-Yemen,Gumaachi goone kan jalqabaati malee

kan xumuraa miti! Nuti karaa keenyaan waan nurraa barbaaddamu hundaa

gumaachuuf hanga wareegama lubbuutti saba keenya cinaa dhaabbachuf

qophii tahuu mirkaneessina!

P a g e 2 | 3

4. Ummtni Oromoo biyya alaa/biyya baqa keessa jiraannu harka walqabannee

keessumaa warren biyya Dimkraatawaa mirgi dhala namaa keessatti

kabajamu keessa jirtan Qabeenyaan, Yaadaan walitti fufiinsaan Barattoota

keenya abdii hegeree biyyaa fi sabaa ta’an cinaa akka dhaabbannuu fi

sagalee taanuuf isin yaadachiifna!

5. Gochaa gara jabeenyaa fi suukanneessaa ABUT/TPLFn Ummata Oromoo

irratti raaw’achaa jirtu saaxiluu fi gargaarsa mootummaa nama nyaataa

kanaaf godhaa jiran hatattamatti akka dhaabaniif Jaarmayaalee mirga

namoomaaf dhaabbatan fi Mootummoota Adduunyaatti beeksisuu akka

hojjatamu dhaamsa dabarfanna!

6. Sababaa kanaan walqabatee warren hidhaman fi walumaa gala

hidhamtoonni siyaasaa oromoo akka hiikaman gaafanna?

7. Dhaabbileen siyaasaa faffaca’anii maqaa Oromoon socho’aa jiran yoom

iyyuu caalaa miidhaa diinni ummata keenya irraan gahaa jiru hubachuun

yeroo osoon hin fudhanne humnaa fi qabeenya qaban gara mooraa tokkootti

deebisan gaafachaa? Haala aanjaa uumametti fayyamuun qabsoo

bilisummaa finiinsan gaafanna!

8.J.H.B.O.A-Y rakkoo hamaan biyya keessa jirruu osoo nu hin daangessine

hanga mirgi abbaa biyyummaa Oromoo dhugoomu fi Oromoon abbaa

biyyaa fi mirgaa tahutti dirqama QBO nu gaafattu bahachuu fi deeggarsa

Barattoota keenyaaf goodhamu cimsinee itti fufna!

9. Xumura:-Akeekni eebbifamaan walitti dhufneef kun akka galma isaa ga’uuf

jalqaba irraa kaasanii,Yaadaan, Ogummaa fi Qabeenyaan kanneen nu bira

dhaabbatan hundaa galateeffachaa, Hawaasa Oromoo Adan naannawa Adan

jiraatu waamicha keenya kabajanuun argamaniiniif J.H.B.O.A-Y galatni

keessan bilisummaa Oromoo fi Oromiyaa haa ta’u jedha!

Tokkummaan Humna !!!

Oromiyaan Ni Bilisoomti !!

Injifannoo Ummta Oromoof !!

*JAARMAYA HAWAASA BAQATTOOTA OROMOO ADAN-YAMAN!

Muddee 25/2015

QUNNAMTIIF/CONTACT: OROMO REFUGEES COMMUNITY IN ADEN-YEMEN

E-MAIL:oromoyemen2000@gmail.com, Mobile: +967-8070710 (+967-771605410)

P a g e 3 | 3

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …