Haa ta’uu malee nuti hogganootaa fi qondaalotiin akkasumas miseensotiin dhaaba kanaa yeroo maqaa,alaabaa fi asxaa dhaabaa kaleessa jaallan qaqqaaliin lubbuu jijjiirraa hin qabne itti kitiman,barattoonni kumootaan lakkaayaman itti wareegaman fi woliigalatti murni qaamoolee hawaasa Oromoo hundi jumlaadhaan ajjeefamanii,qabeenyaa saamamanii,biyyaa ari’amanii isaan kana jalaa hafan baqatanii biyya abbaa isaanii dhiisanii miliyoonni hedduu jireenya baqattummaa geegessaa kan jiran maqaa fi alaabaa ABOf jecha ta’uun odoo beekkamu Oromoo adha siyaasaa tokko jennee jalqaba irraa barsiifna jechuun, lubbuu hanga har’aa kaayyoo qaalii kanaaf wareegamee fi miidhaa maqaa kanaan ilmaan saba Oromoo irra gayee fi gayaa jiru gatii dhabsiisuu qofa osoo hin ta’in tarkaarfii kana duubaan harki diinaa ykn gita bittuu waayyaannee jiraachuu hubanna. Waan kana ta’eef nuti Hogganootni,qondaalotni akkasumas miseensotiin dhaaba kanaa Afrikaa kibbaa adda durummaan gocha kana kan balaaleffanu yoo ta’u gonkumaa ibsi ijjannoo Hagayya 2/2015 baye kun nu hin ilaallatu. Dhuma irratti gocha ibsa ijjannaa maqaa dhaaba kanaatiin labsame kana akka balaaleffattanii fi dura dhaabbattan akkasumas tokkummaa qabsaawotaa fi saba Oromoof irratti ciminaan hojjannee salphina akkanaa keessaa akka baanu waamicha Oromummaa fi Jaallummaa kan isiniif dhiyeessinu;Jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo hunda,beektotaa fi hayyoota Oromoo,qabsaawota maqaa dhaaba kanaatiin miidhaan isin irra gaye hundi,kanneen mana hidhaa waayyaanneetti gidirfamaa jirtan hundi,barattoota Oromoo bilbisummaa saba kanaaf qabsoo hadhaayaa godhaa jirtan,akaasumas dhiiraa fi dubartoonni Oromoo gabrummaa keessa jiraachuun saba kanaa isin quuqu hundaaf waamicha isiniif dhiyeessinee jirra.
Yoomiyyuu ADDI BILISUMMAA OROMOO /ABOn kallacha qabsoo ummata Oromooti!
Oromiyaan dhiiga ilmaan isiitiin ni bilisoomti!
Koree dandamachiiftuu ABO Jijjiiramaa Afrikaa Kibbaa
I U Of!!!