Oduu Haaraya

IBSA WALGAHII KHR-ABO

Koreen Hoji-raawwachiiftuu Adda Bilisummaa Oromoo Guraandhala 19 – 23, 2015tti  teessuma qabaate. Erga ABOn tokkoomee walgahiin akkasii tahuuf kun kan duraa tahuun walgahicha seensa-qabeessa taasisa.

Shaneen Gumii ABO, Qaamni Cehumsaa ABO fi Koreen Yeroo ABO guutuutti tokkoomanii gaaddisa tokkicha jalatti walmarihachuun murtiilee qabsoo keenya jarjarsaa dabarsuu danda’uu fi waliin hojiitti hiikuuf waliifgaluun mooraa qabsichaa keessatti danboobaa fi seexaa eda’eera.

Wanneen yammuu tokkoomne fuula duratti raawwachuuf murteeffannee turres hojiitti hiikuuf walgahiin kun haala aanjesseera. Tokkummaan humnoota qabsoo bilisummaa Oromoo daran akka dagaaguf qajeelfamni Gumiin Sabaa ABO lafa kaa’e itti fufee kan hojiitti hiikamuuf dalagamu tahuunis irratti waliifgalame.

Walgahii kana irratti gabaasaan WHD kan haala yeroo waliigalaa fi adeemsa qabsoo keenyaa ibsu dhihaate. Akkasumas gabaasaan KQKS fi dameeleen hojii isaan ilaalu irratti gabaasaa manaaf dhiheese. Gabaasaaleen hundinuu gadi-fageenyaan gamaaggamaman.

Haalli Itiyoophiyaa, gaafa Afrikaa fi Addunyaa bal’inaan xiinxalaman. Haallan gaggaarii jiranitti dhimma bahuu fi gufuulee jiranis irra aanuun qabsoo keenya finiinsuuf qajeelfamoonni gargaaran tolfamaniiru. Sadarkaa hundattuu qabsoo keenyaaf firaa fi tumsa horuun yoomiyyuu caalaa fardeeffamee kan irratti hojjetamuu qabu tahuun murtaaweera.

Haalli jaarmaa ABO waliigalattii fi haalli hooggana ABO yeroo ammaa addatti ilaalameera. Jaarmaan keenya jajjabeeffamee waldhuunfannoon qabsoon keenya diina haadhoo irratti aggaammatee socho’aa jiraachuun hubatame. Hir’inaa fi laafina mul’atan guuttannee fi sirreeffannee caasaan Dhaabaa martinuu dirqama ofii shaffisaa fi gahummaan akka fiixa- baasan qindoominni barbaachisu godhame.

Walgahiin KHR ABO gochaa gara-jabinaa mootummaan EPRDF/TPLF ummata keenya irratti walitti fufiinsaa fi bakkayyuutti raawwataa jiru irra deebi’ee qaabateera.

Isaan keessaa hangi yaroonis: ummata keenya sababaa xixinnoo adda addaa uumuun hiraarsuu fi hidhaatti guuruu, lafa isaa fudhatuu fi gurguratuuf beenyaa malee qe’ee isaa irraa buqqisuun ummanni akka godaanee biyyaa bahu ykn karaa irra bulu gochuu, master plan Finfinneef yaade hojii irra oolchuutti gamuu fi miidhama dinaggee fi siyaasaa ummata Oromoo irraan gahuu bira kutee eenyummaa fi aadaa sabichaa balleessuu fi Oromiyaa cicciruu, ummataa fi barattoota mirga isaanii falmachuuf nagaan hiriiran rasaasaan fixuu fi hidhuu, barattoota Oromoo Yunvarsitootaa fi Koollejjoota adda addaa keessaa arihuu, Oromoo fi ummatoota biraa walitti buusuun diinummaan akka gidduu isaanitti babal’atu beenzina itti firfirsuu, warra keessa hin beeknetti dimokraatawaa of fakkeessuuf akkuma baretti aangoo irra of tursuuf filmaata shiraan guutamee fi farra-dimokiraasii tahe geggeessuuf jaarmota siyaasaa biyyattii biroo fi ummata sodaachisuu fi jeequutti bobbahuu faa dha.

Kun ummanni beelaan, hiraariin fi ajjeechaan akka lafa irraa duguugamu gochuun jal’ina hiriyaa hin qabne raawwachuu dha.Gochaaleen kanneen hatattamatti ummata keenya irraa dhaabachuu qabu.ABOn gochaalee nyaaphaa kanneen iggituu fi tuuta of-tuultota qabeenyi Oromiyaa quubsee fi macheesse adabachiisuuf wareega barbaachisu hunda baasuuf qophii tahuu mirkaneessa.

WAAMINSA:

Miseensota ABOf,

Har’a roorroon daangaa dabarte ummata keenya irratti raawwatamaa jiraachuu irraa kan ka’e keessaa fi alaa filmaanni diina qabsoon of irraa dhaabuu akka tahe hubatee ummanni keenya diddaa fi fincilaan diina muddee argama.Socho’iinsa ummata keenyaa kana milkeessuu, qarriffaa diinaa irraa buqqisuuf yoomillee caalaa tarree duraa irra hiriiruun saba keef fakkii gaarii tahi.

Hafuurri tokkummaa fi hamileen qabsoo Dhaaba keenya keessatti mul’achaa jiru

waltajjiilee fi dirreelee falmaa hunda irratti hojiitti jijjiiramee akka argamu bakkayyuu of-kenninsaa fi murannoon warraaqi. Heera/seera, qajeelfamaa fi karoora bahe hojiitti hiikuu fi kabajuun haalaan barbaachisaa dha. Wanneen hir’atan qabsoon guuttachaa malaa fi qaroominaan diinaa fi jaleelee diinaa jilbeenfachiisuuf jabaannee qabsaawuu dha.

Ummata Oromoof,

Yaa ummata keenya, roorroon haga jiraatetti of irraa fonqolchuuf falmachuun dirqama seenaa tahuu beektee fincila geggeessaa jirtu ni dinqisiifanna. Utuu wal irraa hin kutinii fi wal irraa hin hafin harka walqabadhuu itti fufi. Hangam illee hidhatu gabroomfattuun ummata bal’aa mootee waan hin beekneef wacabbaraa fi heddummina hidhannoo diinaa ilaaluun hin sodaatin.

Gabrummaan jiraachuu waggoota hedduu irra bilisummaa guyyaa tokkoo wayya isa jedhu yaadadhuu walyaadachiisi. Dhaabaa fi walii kee qabdaa hin sodaatin.

Diinni keenya duula ifatti nu irratti geggeessu malee harka lafa jalaa fi tooftaa gara garaan tokkummaa ummata keenyaa diiguu,ololaa fi dantaa yeroon namoota keenya hawwatee of bira dhaabuun gurmuu keenya haphisuuf hirriba dhaba. Kanatti bayyanachuun akeeka diinaa hongeesuun barbaachisaa dha. Akkasumas humnoonni eenyummaa fi akeekni isaanii sichi adda bahu maqaa amantiin ummata keenya hiriirsanii kaan irraa adda baasuuf socho’uun ni mul’ata. Kanneen akkasittis dammaqi. Kan tokkummaa kee diigu kamiifuu gurra kennuu fi duukaa bu’uu irraa of eeggadhu.

Filmaata dharaa Wayyaaneen umrii bittaa isee dheereffachuuf goochaa jirtu irraa hirmaattee hayyama gurmuu kee irra turuu hin kenniniif. Hirmaachuuf yoo dirqamtemmoo Wayyaanee fi jaleelee iseef sagalee kee hin kennin.

Ilmaan Oromoo haala jiruun dirqamtanii bulchiinsa diinaa jalatti hojjechaa jirtan roorroo diinni saba keenya irraan gahaa jiru liqimsitanii taa’uu dadhabdanii dura dhaabbannoof sochiin isin fuula jirtan maraan gootan ummata keenya biratti dhageettii fi galata isiniif argamsiisaa jira.

Mana hojii, jaarmaa waraanaa fi paartiin utuu adda hin bahin bakka jirtan maraa walgurmeessuun nafa isaa kan taatan ummata keenya bira dhaabbachuu keesan akka itti fuftanii fi falmaa geggeeffamaa jiru keessatti qooda keessan akka ol kaaftan yaaminsa isiniif goona.

Ummatoota Ollaaf:

ABOn hundeeffama isaa irraa jalqabuun ummatoota ollaa Oromoo cunqursaa alagaa jalatti argaman waliin hariiroo fi tumsa qabsoo uummatee gabrummaa fi cunqursaa dhabamsiisuuf tattaafataa har’a gahe. Kanaanis milkiin hin tuffatamne galmaa’ee jira.

Kana caalaatti jabeessuu fi fuula dura furgaasuun barbaachisaa waan taheef, diina waloo irratti waloon akka qabsoofnu ABOn waamicha isaa irra deebi’ee dhiheessaa, kanneen mootummaa gabroomfataan sobamanii ummata olla isaanitti duulan gochaan isaanii diina malee isaan kan hin fayyadne tahuu ABOn yaadachiisuu fedha.

Ambaaf,

Haqa ofii tikfachuu malee mirga ummatoota biroo sarbuun aadaa isaa kan hin taane saba Oromoo keessaa kan dhalate ABOn kan qabsaawu sirna roorroo alagaan ummata keenya irratti diriirse ciruu fi balleessuufi. Kun mirga uumaan hundinuu qabu waan taheef irratti gargaaramuu fi jajjabeeffamuun haqa.Diinni qabsoo itti jirru ukkaamsuuf tarkaanfiilee boodessoo mara, doorsisaa hanga duguuggii sanyiitti dhimma bahaa jira.

Ummattoonni, jaarmoleeni fi mootummoonni olloota keenyaa fi idil addunyaa kanneen gochaa ummata keenya irratti raawwatamu hordoftanii mararfannoo fi tinnisa nu agarsiiftan galateeffataa kanneen dhageessanii fi argitan hunduu bittaan miidhaa fi saamichaa EPRDF/TPLFn ummata keenya irratti fe’ame akka iggitamu dhiibbaa akka gootan waamicha goona. Roorrifamuun tokkoo kan hundaan adda bahamee ilaalamuu hin qabu.

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Adda Bilisummaa Oromoo

Gurraandhala 28, 2015

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …