Oduu Haaraya

#OromoProtests – Continued, March 15, 2016

‪#‎OromoProtests‬ Wayyaaneen tarii interneetii addaan kutuu dandeessi. Rakkoo tanarra aanuuf application “FireChat” jedhamu kana buufadhaa. Gara bluetooth waan hojjatuuf internet malee ergaa waliif dabarsuu dandeessan. Namni Oromiyaa keessa jiru cufti waan kana buufanneen osoo internet Wayyaaneen hin haajamne ergaa laayyotti waliif dabarsuu dandeessan jechuudha. NO INTERNET REQUIRED


Oduu Amma Arganne/Breaking News
(SBO/VOL – Bitootessa 15,2016) Fincilli Xumura Garbummaa Bitootessa 15/03/2016 yeroo ammaa kana ganama irraa eegaluun mana barumsaa Biiftuu Naqamtee fi guutummaa Magaalaa Naqamtee keessatti itti fuffee jira.
Humni waraanaas barattoota hedduu reebuudhaan miidhaa irraan geessisaa, kaan immoo gara mana adabaatti guuraa jiraachuu maddeen keenya achirraa eeraniiru.
Baratoonni fi hawaasi magaalichaas gamtaadhaan wal ijaaruun yeroo ammaa kana poolisoota ari’anii gara bosonaatti naqaa jiru.


#‎oromoProtests‬ Oduu Tarkaanfii Amma Nu Gaheen
============================Ona Ebantuutti Itti Gaafatamaa Dhimma Tikaa fi Nageenyaa Wayyaanee Kan Ture Ajjeefame.

Godina Baha Wallaggaa Ona Ebantuutti yeroo dheeraadhaaf itti gaafatamaa dhimma tikaa fi nageenyaa Onichaa ta’uun hojjechaa fi ummata irraan dararaa ulfaataa ga’aa kan ture namni Geetaachoo Xilahun jedhamu Bitootessa 13,2016 Dilbata kaleessaa tarkaanfii irratti fudhatameen ajjeefame.

Farra ummataa fi gufuu QBO kan ta’e lukkee Geetaachoo Xilahun magaalaa Hindee maadheffatuun barattoota Oromoo fi sabboontota ilmaan Oromoo basaasaa, hiisisaa fi dararaan gara garaa akka Oromoota irra gahuuf yakka dhiifama hin qabne hanga guyyaa ajjeefamuutti raawwataa akka ture oduun SBO dhaqqabe ifa godha.

Namni kun gochaa isaa diinummaa fi farra ummataa ta’e kana irraa akka dhaabbatuuf dhaamsi isa dhaqqabus irraa dhaabbatuu waan dideef tarkaanfiin xumuraa irratti fudhatamee jira.

Tarkaanfii lukkee diinaa irratti fudhatame kanatti ummatni Oromoo Ona Ebantuu gammachuu isaa ibsataa jira jechuun oduun nu dhaqqabe ifa godhee jira.

Kanneen lukkee diinaa ta’uun warraaqsa ummata Oromoo FXG dura dhaabbatanii gufuu ta’uuf abbalaa jiran hundi akka karaa irraa maqanii fi warraaqsa ummataatti makaman irra deddeebiin dhaamsi darbaafii jira.


‪#‎BilisummaaOromoo‬-(15.03.2016, ‪#‎XumuraGarbummaa‬, Oromiyaa) Fincilli xumura gabrummaa Wallaggaa Bahaa magaalaa Naqamtee keessatti kan argamu mana barumsaa Biiftuu Naqamtee keessatti har’a ganama irraa eegalee itti fufeera. Diddaan kun guutummaa magaalaa Naqamtee keessattis itti fufee jira.
Humni federaalaas diddaa kana dhaabuuf barattoota hedduu hidhaa jira. Barattooti garuu karaa addaddaa of gurmeessuun diddaa fi falmaa guddaa gaggeessaa jiru.


‪#‎OromoProtests‬ Tolay Military Camp, located in Jimma, is the new destination for mass incarceration of peaceful protesters. According to sources yesterday alone 1140 political prisoners mostly from Hararge and South West Shawa have been taken there. Among these are 16 women from Hararge and 3 from Waliso. Our sources also indicate the notorious and malaria infested Dhidhessa military camp in West Oromia is being prepared to serve as another gulag. We urge the International Committee of the Red Cross and other concerned international organization to visit these camps.
================
Oromoonni osoo mirga isaaniif falmanii hidhamaan kumaatamaan gara mooraan Waraanaa Xoollaay kan Jimmatti argamu geeffamaa jiraachuu ragaan nu gahe ni addeessa. Haaluma kanaan kaleessa qofa hidhamtoonni 1140 ta’an irra jireessi isaanii Harargeefi Kibba Lixa Shawaa irraa garas geeffamanii jiru. Isaan keessaa dubartoonni 16 Harargee irraa 3 ammoo Waliso irraayi. Buufanni Waraanaa Dhidheessaa bookee busaatin beekamus hidhamtoota ittin hiraarsuuf qopheeffamaa akka jiru ragaan gamasii dhufe ni agarsiisa. Jaarmayaaleen dhimma hidhamtootaa irratti hojjatan dhimma akana akka hordofan gama hundaa itti duuluu feesisa.


Oduu FXG; Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Hurrumuutti Baratootin mana Barumsaa Qophaahina sadarkaa 2ffaa fi Ummatin naannoo Bitootessaa 14 Bara 2016 hiriira bahuun ajeechaan ilmaan oromoo irraa haa dhaabbatu,OPDOn nu bulchuuf dhaadanoollee gara garaa dhageessisaa oolaniiru.akkuma aadaa jara humni goolessituu wayyaanee reebbicha jarri geggeesuu eegalaniin kan aaran goototin baratoota oromoo tarkaanfii of ittisuu fudhataniiru.baratootin heduunis hidhaati gurmaniiru jedha oduu argadhe.bifuma wal fakaatuun Aanaa Mattuu Ganda Burruusaattis mormiin wal faakaataan akka gegeeffamaa oole beekameera.


#‎BilisummaaOromoo‬-(15.03.2016, ‪#‎XumuraGarbummaa‬, Oromiyaa) Diddaa fi mormiin bifa adda addaan itti fufee jira. Duulli qeerroon bilisummaa Oromoo namoota hedduu humneessaa jira. Oromoon sodaa waggootaaf itti bulaa ture caabsanii dallaa bilisummaa ijaarrataa jira. Guyyaan bilisummmaa Oromoos fagoo miti.
Kan sodaatamus du’a kan hin oolles isa jedhe oromoon gaafa mammaku!
1653404_10207822066901331_8667963790266809200_n


Sakatta’insi mooraa Guddicha Main Campus Yuunibarsiitii Jimmaatti Jaabaate
Bitootessa 15,2016
Waan qabee gadi dhiisu kan dhabe humni diinaa Agaaziin guutummaa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Kutaa lamaa wal qoodee qubsuma bakka lama taasifachuun kan jiru dararaa barattootaa itti fifee jira.Akkasuma Komaandara Moorichaa kan ta’e Kaalid Abbaa Tamaam wayiita kana icciita barataa dhabuun dhukkubbii kan itti ta’e haala barataa ittiin qabatu yoo dhabu shirrii sobaan yeroo barattootarratti Ragaa funaannachaa jiru kanatti haala mooraa of sodaachurraan guutummaa Doormiirra deemsisee sakataasisaa jirachuu gabaasi Qeerroo ibsa


Umanni Konso eenyuu?


Hawaasaatti Barattootii Oromoo Hiriira Bahanii Hidhaman,Aanaa Liiban,Nageellee Booranaa Keessalleetti Nama Hedduu Hidhan Jedhan


0A57FCCE-BC12-4EFA-9E6C-766FCFE3E0C6_cx3_cy13_cw94_w1000_r1_s_r1Barattootii Oromoo yuniversitii Hawaasaa kalee galgala hiriira mormii bahanii namii hedduun hidhame jedhan.

Barattootii tun yoo dorgommiin Ispoortii Guutuu Itoophiyaa kalee magaalaa Awaasaatti jalqabde istaadiyoomii keessa oolanii dallaa yuniversitiitti deebihanii hiriira mormii bahan.

“Reebichii ilmaan Oromoo irratti taasifamaa jiru, dararaan haa hafuu fi gaafii gara garaa gaafatanii,”jedha barataan yuniversitii sun baratu tokko.

“Achiin duubatti poolisoonni haala nu hin beekneen gibbii seenanii nu marsani odeeffannoo qamnuun nama 26 hidhaa jira.”

Pirezidaantin yuniveristii Hawaasaa Porofeeser Yoosef Maammoo ammoo “Kanneen hidhaman dhiisii kanneen hiriiraniiyyuu 20 hin caalan,”jedhaee,“ galgala yeroo ani saatii sadii irratti arge yoo baayyate,nama hiriira bahe 35 hin caalan…kaa dhaamanee fi hidhamelleen hin jiru,”jedha.

Gama kaaniin ammoo akka jiraattotii godina Gujii aanaa Liiban jedhanitti guyyaa lamaa fi sadeen dabran keessaa nama hedduun hiriira dhiyoo keessa jiran jedhanii hidhuutti jiran jedhan.

“Nama hedduu hidhanii dhaanan,” jedha namii maqaa ufii himachuu hin fedhin tokko aanaa Liiban irraa

Fulaa namii keessaa hidhan jedhan;Bulbul, Dhakaa-Qallaa, Simmintoo, Hadheessa, Qoraattii, Nageellee Booranaa fa jedhan.

“Wannii mirkanaa ani arge ganda sunitti poolisii aanaa Liibanii fi Federaalaa buusanii poolisiin sun nama dhaantee nama qaqqabdee ijoolleen mana barumsaatii baqattee.”

“Namii amma hidhaa jiru akka jedhanitti 30 tahaa 19 hardha gadi dhiisanii jara cufaa hirira baatan jedhanii hidhan,” jedhan.

Qorataan poolsii aanaa Liiban,obboo Teshoomee Qaallichaa, ”Wannii ani dhagahee hin jiruu namii qabamee nu gahe hin jiru, namii 19 fulaa teennatti hidhani ardha gadi dhhisanilleen hin jiru,”jedha.

Obboo Kadir Jibboo,Poolisii magalaaa Nageellee Booranaati“Womaa quba hin qamnuu namii nu biratti hidhame hin jiru,”jedha.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …