Oduu Haaraya

INTIFAADAA Ummata OROMOO

 

Bitooteessa,05, 2016

Abbaa Urjii tiin:

 

abbaa urjiiIntifaadaan jecha afaan Arabaa ti. Hikkaan, sossooha waa ifirraa hurgufuu jechuu dha. Sossoohinsi kuniis, kan akka sareen bishaan ifirraa qoorsuuf gootuu ykn dhukkee irraa hurgufuuf duubbee da’asaa waliin dhawuu ti. Jechi kuni, dhuma bara 1987-rraa kaasee, maqaa Fincila ummanii Falasxiin diddaa bulchiinsa gabrummaa mootummaa Israa’el irratti godhaniin irra beekkama.  

Finicilli kuni kan ka’e, yaroo mootummaan Israa’el sossooha qabsoo bilisummaa Falasxiin irra aanuun, ummata bulchiinsa waraanaa jala naqattee, siidaa ol-aantummaa baroota diiydamiif irratti dhaabbatte. Baroota kana keessa, Israa’el, ummata Falasxiin bilisummaa mulquu malees, kan nyaara itti guure ajjeesuu, hidhuu fii cafaquu karoora godhatte. Kanirratti, Falasxiinota mirga abbaa biyyummaa irraa fuutee, lafa isaaniirraa buqqaasaa, dachii isaanii, Yahuudota biyyoota alaarraa fidduuf mana irratti jaartee qubsiifachaa turte. Gaafa Falasxiinoonni biyyuma isaanii keessatti jiruu salphinaa fii gad-aantummaa tana keessa liman kana, hoogganoonni dhaabota qabsoo bilisummaa isaanii, qe’eerraa gugatanii, naannoorraa kiiloo-meetira 2,400 fagaatanii, biyya Tuniiziyaa qubsuma godhatanii ture.

Haala kana keessa, ji’a Abraashaa/Muddee 08, bara 1987, Yahuudaan tokko keellaa sakattaatti, tahe je’ee makiinaa irra oofeen, Falasxiinoota afur ajjeese. Kanarraan kan ka’e, borumtaa, ummanni naannoo sanii hiriira nagayaa bahan. Foolisoonni Israa’el, hiriira guyyaa kanaa tiis akkuma yaroo biraatti bittinneessuuf dhukaasa ummatarratti bananiin, intala dubraa tan amata kudha torbaa ajjeesan. Gochi isaanii kuni, hawaasa keessatti haala duriin addaa uume. Ummata Falasxiin “jiruun gabrummaa nuuf gaya!” jechisiisee, hiriira diddaa bulchiinsa gabrummaa tiif bakkayyuu kakaase. Ajjeechaan namoota afranii fii intalaa, qaanqee fincilaa haa qabsiiftu malee, sababni guddaan, roorroo bulchiinsa alagaa tan waggaa diiyadaamiif walitti kuufamte, tan hawaasa abbaa biyyummaa mulqitee, mirga qabeenya biyyaa, walabummaa hawaasummaa fii siyaasaa waakkattee, hegeree itti dukkaneessite.

Hegereen dukkanooytuun, ummata Falasxiin intifaadfaa diddaa bulchiinsa gabrummaatti onnachiiftee, hiriira walitti dhaabsifte. Kaa’immanii fii joolleen waraana xiyyitii itti dhukaasutti dhagaa harutti seenan. Daldaloonni gibira kennuu didan. Haawwan ilmaan isaanii kan wareegamniif booya dhiisanii ililchuu jalqaban. Walumaa galatti, ummanni bulchiinsa gabrummaa tiif oggoluu didanii Intifaadaa walitti dhaaban. Mootumman Israa’eliis fincila humnaan ugguruuf ijibbata cimaa gooteen miidhaa fii gaaga’ama guddaa biyyaa fii ummatarraan geesse. Lubbuu Falasxiinota 1,284 galaafatte. Xiqqaa fii guddaa, dhalaa fii dhiira jidduu, namoota 60,706 ulee fii rasaasaan madeeysite. 120,000 ol hiite. Manneen qabsaawotaa, 2,532 barbadeessite. Kana hunda gootee, fincila ummataa irra aanuu dadhabde.

Intifaadaan, murannoo ummanni Falasxiin diddaa gabrummaa tiif qaban diina agarsiise. Roorroo dhooysatti irratti hojjatamaa turte ifa baasee, mootummaa Israa’e adunyaa maratti saaxileesse. Maayyiirratti, irree mootummaa Israa’el, tan gargaarsa horii Yahuudota biyyoota ambaa keessa jiranirraa itti dhangala’uu fii, tin’isa siyaasaa kan mootummaa Ameerikaa-rraa arkarttuun qooyxe injifatee, waraana isii lafa isaanii keessaa akka baaftu dirqe.  

Haalli armaa olii, akkaataa ummanni Oromiyaa waggoota diiydamii shanan dabran keessa jiraniin wal-fakkii heddu qaba. Wayyaaneen tan bara diiydamii shan dura, Goobanoota if dura oofaa, mataa gadi qabachaa biyya seente, gadaa sadeen (8×3) dabran, quuftee, qooyxee, gaaga’ama himanaa olii lammii Oromiyaa-rraan geesse. Ummata Oromoo kan timjii isii keessatti haqaarratteen “isin Tigroota” jettee afaanii fii aadaa Tigree fudhachiisaa, gama kaaniin, seenaa ummata Oromoo haatee, garii lammii Oromiyaa tiin “isin Oromoon adda. Mirga ifiif if bulchuu arkachuu qabdan!” jechuun, Oromoota adda qoqqooduuf ijibbaata adda hin-citin godhaa baate. San malees, Oromoota waliin dhawuuf gosa-gosarratti, qomoo-qomoorratti kakaasuu fii alagaa fii Oromoo jidduttiis wal-dhabbii uumuuf shirri xaxaa baate kan himamee dhumuu miti.

Wayyaaneen, tuunni saba bicuu ummata biyya Xoophiyaa ja’amtu keessa jiran keessaa harka dhibbarraa sadii (3%) hin geenyerraa haqaaramte, akka aangoo qabatteeen, albudaa biyyaa tii fii qabeenya ummataa zarafuu jalqabde. Saamuun quubsuu didee, akka Minilikitti, heera lafa Oromiyaa kan mootummaa isii godhu tumattee, Tigroota abbootii masnoo fii qalaaddanii goote. Lafa qircaa namoota isiirraa hafe alagatti gurgurachutti seente. Kana bira taruun, akkuma Yahuudotaatti, qotee buloota lafa isaanii-rraa kaaftee nama isii irra qubsiisutti seente. Kun hundi isii hanqatee, akka mootummaan Israa’el biyya Falasxiin iddoo lamatti qoodetti, Oromiyaa, tan magaalota isii tiin adda baafte, tan daangaa hundaan lafa irraa cicciqqooytee sq. km 600,000-rraa 284,538 km² qofatti hambifte, bakka lamatti ciqqaawuuf karoora baafatte.

Haala armaa olii kanaan, Wayyaaneen, ol-aantummaa Tigree biyya keessatti unkurtee, Jaarrotaaf (baroota 40-taaf) ummata bulchuuf sirna (Addiis Raa’iy) baafattee, kanneen abjuu isii tana dura dhaabbatan hila malee cafaqaa, ajjeessaa, kumaatamaan mana hidhatti guuraa baate.  Duuba, isii haala kanaan, siyaasaa fii qabeenya biyyaa dhunfattee, aangoo fii sadoon machooytee, “Rabbiin Aboo!” jechaa jirtu, Sadaasa 12, bara 2015, Gincitti, fincilli ammaa kuni itti dhoohe. Fincilli kuni, diddaa Master Pilaanii haa dhaadeeyfatu malee, akkuma kan warra Falasxiinitti, kuufama gadadoo baroota diiydamii shanan dabaranii ti. Kanaaf, yaroo gabaaduu keessatti, akka ibidda citaa goggogaa arkatetti, hawaasa Oromoo kan bahaa-dhihaa, kaabaa-kibbaa keessa loohe.

Fincila kanaan, hawaasni Oromoo dhalaa fii dhiiraan, xiqqaa-guuddaan, harka qullaa qoma banatanii, waraana Wayyaanee dura dhaabbachuun, “Oromiyaan teenya!” jechutti seenan. Walliftoonni Oromoo, ijaa fii gurra diinaa duratti, Finfinnee keessaa, “Oromiyaan ni bilisoomti!” ja’anii itti geeraraa lammii kakaasan. Haati ilmaan isii tiif fidaa bahuuf qophaawuu beeysifte. Kaa’imman sodaa malee, ifatti, irbuu jaallummaa walii seenan.

Fincilli diddaa gabrummaa kuni, yaroo gabaaduu keessatti, manneen barnoota ol-aanoo, jiddu-galaa fii kanneen gadii bira dabree, magaalotaa fii baadiyyoota Oromiyaa mara dhunfatee, bulchiinsa Wayyaanee qe’ee gugachiise.

Qaanqee diddaa bulchiinsa gabrummaa kan iddoo hundaa itti bobahaa jiru kana dhaamsuuf, Wayyaaneen, waraana isii (Agaazii) biyya keessa facaafte. Daa’ima bara saddeetii irraa kaaftee, manguddoo ganna torbaatamaa wareeyde. Kan boru fuudhaaf deemu qaxara cabsitte. Dubartii garaan guutuu galaafatte. Ilma haadha duratti, haadha ilma fuulletti ajjeefte. San malees, kumaatama hidhatti guurte. Haa tahu malee, galaafanni isii, qabsoo daran finiinsuu malee, waaroo sodaa tan ummata Oromoo-rraa kaate irratti deebisuu hin dandeenye.

Fincilli kuni, akkuma Intifaadaa Falasxiinitti, yaroo qabsoon bilisummaa ummata Oromiyaa haalaan dadhabde; yaroo caphinsi hamilee mooraa qabsoo weerare; yaroo kaayoon bilisummaa akkaa gara dhabde; yaroo ayyaan-laallatoottaa fii gantoonni mooraa qabsoo keessatti baallii suuqqatan; yaroo mooraan qabsoo tan wareegama qabsoo bilisummaa biyya keessaa tiif itti wal-qaadhiman tahuun isii hafee, tan qircaa aangoo biyya ambaa keessaa tiif dargaa itti baayyifatanii fii yaroo muudama aangoo tiif adaa-bahuu fii walitti-deebi’uun hujii mooraa qabsoo taate keessatti dhoohe. Yoom tana qofa, fincilli kuni, yaroo warri hawaasni if duratti laalaa ture, qabsoo bilisummaa gananii, ol-aantummaa Wayyaanee fudhatanii, biyyatti nu galchiif harki diinatti hiixatan simataa dhabee, if malees, hawaasa Oromoo salphina keessa galchan keessatti ka’e.

Fincilli haala mooraa qabsoo tan armaa olii keessatti dhoohe kuni, qabsoo bilisummaa boojihama haallan armaa olii keessaa baasee, ummata Oromootti kabajaa godhe. Oromoo fii Oromiyaa adunyaa beeysise. Roorroo Wayyaaneen ummata Oromoo-rratti hajjachaa jirtu ifa baasee, mootumman isii tan kijibaaf farra-dimokraasii tahuu adunyaaf mul’ise. Hunda caalaa, irree ummata Oromoo tii fii murannoo bilisummaaf qaban firaa fii diinaaf if godhe. Daboollatti, qabsoo bilisummaatti hafuura lubbuu deebise.

Fincilli kuni, yaroo gabaabduu keessatti, bu’ura mootummaa Wayyaanee sossoosee, waan qabattuu fii lakkiftu wallaalchisaa jira. Haalli ji’oota afranii, Karoora Sirna Bulchiinsa Tigree (Tigre Dynasty) kan baroota dhibbaaf saganteeffatte harshif duraa naqee, aangoo baroota diiydamii shanan dabraniillee manaama guyyaa itti fakkeessaa jira. Kana waan taheef, Oromiyaa waraanaan weerartee, akka saree maraattetti wixxifachaa jirti. Olola isii malee dhugaa jirtu akka hin dhageenye godhuuf, ijaa-gurra ummataa sab-qunnamtoota ammayaarraa dahuurratti horii biyyaa qisaasaa jirti. Ajjeechaa, tumaa fii hidhatti nama guuruu biratti, helikooptaroota, taankota, madaafaa fii miyoota lolaa gurguddaa biyya keessa olii-gad o-oofuun ummata sodaachifti. Karaa ifa taheen kana godhaa, dhooysatti ammoo, kan du’eef gumaa, kan miidhameef hadhaadhiyyaan kenna jechuun, karaa huddeellaa kooraa isii, OPDO-n, fincila ifirraa dhaabuuf hawaasa kadhachaa jirti. Gunaa kanaa fiis, horii hammana hin-ja’amne manguddoota Oromoo irratti dhangalaasaa jirti. Garuu, akkuma araarfni ummatarraan gayaa jirtu fincila irraa hin dhaabinitti, manguddummaa fii gunaa niis aangorra isii tursiisuuf hin jiraatu.

Qabsoon xiqqaa fii guddaan Oromoo lubbuu isaanii wareegaafii jiran milkiin as bahuun, waan shakkiin biraa kutte. Haalli fincilaa mootummaa Wayyaanee malees bu’ura Xoophiyaa sossoosee jira. Kanarraa kan ka’e warri baaragan heddu. Akkuma Wayyaaneen namoota dantaa isii tiiysan manguddoota jettee ummataan sobdutti, warri kuniis, ummata Oromiyaa amna galii qabsoo isaaniirraa ittiin dabsuuf warra qaadhimataniin as bahuun isaanii olee-bulee in-hafu. Ummanni, haala kanaaf if qopheessuuf, tarkaanfii hiree isaaniirratti isaan abboomsitu amaan fudhachuu jalqabuu qabu. Tarkaanfiin tuniis, akkuma naannoo gariitti godhaa jiranitti, magaalotaa fii baadiyyoota Oromiyaa hunda keessatti, warra isaan hoogganuu fii bakka bu’u filatanii, deeggarsaan duukaa bu’uu dha. Ummanni naannoo isaaniitti, bakka bu’oota if keessaa filataniin hoogganamuu jalqabuun, bakka bu’oota Wayyaanee, Kaabinoota, iddoo dhoorkuu malees, milkii hamma yoonaa fincilarraa arkamtetti iggitii godhee, bilisummaa fiis karaa haxaawa. San malees, warra ala taa’anii hoogganummaa qabsoo himatanii fii kanneen kaayoo dantaa bobaa jala kaayatanii dooyaarraa dhawwaaqaa jiranitti karra hiree ummataarratti aboomuu itti cufa.

 

Oromiyaan ni bilisoomti!

 

Yaadaaf: abbaaurjii@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Jijjiiramni Oromoon kumaatamaan itti warageeme kana fakkaata

Ajandaa Mana Marii Nageenya Biyyolessaa (National Security Council/ NSC) Roobii Darbee:Roobii darbe jechuun gaafa Qaammee …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *