Oduu Haaraya

Irbuu Gootota Keenya Shinniggaa: Furmaata Hookkara Maqaa Amantiitiin Deemuutti Jiruu

Lammiileen Kiristiyaanaa Itoophiyaa irraa tahan 28 Liibiyaa geessatti bulguuwwan ISISiin gorra’amuun hunda keenya rifaasise. Torbaan lamaan tokko duras Keeniyaa Yuniversiitii Garrisaa keessatti tarkaanfii wal fakkaataatu obboleeyyan Kirsitiyaanaa irratti humna Al Shabaab jedhee of waamuun fudhatame. Ummata amantiidhaan gargar qoodanii Islaamummaaf waan dhaabbatan of fakkeessanii obboleeyyaan Kiristaanaa irratti tarkaangii gara jabinaa kana fakkaatu fudhachuun, humnoonni sun hunda caalaa nyaapha amantii Islaamaa tahuu isaanii agarsiisa.

Yeroo lammiilee Kiristaana akkasitti gara jabinaan gorra’an, isaaniif hin galle malee amantii Islaamaa gorra’aa jiru. Maqaa Islaamaa najasaa jiru. Amantii Islaamaa amantii warra doofaa fi bulguu fakkeessanii addunyaa garsiisuuf tattaafachaa jiru. Kaansarii amantii Islaamaa nyaatee addunyaa kana irraa dhabamsiisu itti ta’aa jiru. Musliimni tokko akka muslimummaa isaatiin hin boonne fi obboleeyyan isaa amantii biroo hordofan waliin jaalalaan hin jiraanne godhanii kophxeessanii jibbamsiisaa jiru. Namni amantiin isaa Islaama hin tahin akka amantiin kun amantii nama nyaataa fi kan amantoota biroof obsa hin qabne tahetti akka fudhatu barsiisaa jiru. Warri keessa amantichaa hin beeyne Musliimoota hunda walitti qabanii akka bulguutti akka laalanitti dirqisiisaa jiru. Kan duraan amantii kana fudhachuuf yaada qabu illee akka inni irraa baqatuu taasisaa jirani. Kanaaf jecha jarri kun, warra ciifsanii akka hoolaatti gorra’aa jiran caalaa warra maqaa isaatiin gorra’aa jiran, amanticha Islaamaaf diinummaa qabantu caala jenna.

Dhugaan olitti kaase kun hordoftoota amantaa Islaamaa maraaf ifa tahuu qaba. Mormi Kiristiyaana tokkoo yeroo humnoota maqaa Islaamummaa dhahatan akkasiitiin gorra’amu, akka mormi Musliima 1000 gorra’ametti beekanii garaa guutuudhaan gochaa bulgummaa kana balaaleffachuu feesisa. Kan gorra’amee du’e san caalaa kan gorra’aa jirutu dhaabiitti du’e. Amantiin Islaamaa akka seenaa fi kitaabota amantichaa irraa hubatamutti ajjeechaa gara jabinaa akkasii kana hin deeggaru. Humnaan amantii koo fudhattu malee jedhanii nama ajjeesuun seera amantichaas miti; bara keessa jirru kana waliinis gonkumaa hin deemu.

Odoo seerri humnaan amantii ofii nama fudhachiisuu kun seera Qur’aanaa tahee, silaa har’a Kiristaanonni miliyoononni dhaloota amantii Islaamaa booda addunyaa Arabaa keessa nagaadhaan hin jiraatan ture. Har’ayyuu biyyoota Arabaa akka Syria, Lebanon, Iraq, Jordan, Egypt, Palestine fi Isreal keessa Kiristiyaanota Arabaa miliyoonotatu obboleeyyan isaanii Muslima Arabaa waliin jaalalaa fi wal mararfannoodhaan wajjin jiraatu. Odoo seerri Islmaamaa seera koo fudhattu malee na waliin hin jiraattu kan jedhu tahee amantoonni Kirsitiyaanaa kun waggoota 1,400 caalaaf bahaara Musliimaa keessatti nagaa fi badhaadhinaan hanga har’aatti hin jiraatan ture. Odoo seerri Islmaamaa hambaalee seenaa barbadeessuu kan ajaju tahee, silaa har’a piiraamidoonni, Sphinx fi hambaaleen waggoota kuma shan jahaa duraa biyyoota akka Egypt, Iraq, Iraan, Sooriyaa fi biyyoota Muslimni wayyaba itti tahe biroo keessatti waggaa 1400 dura, yeroo amantiin Islaamummaa babal’ataa ture sanitti barbadeeffamanii daaraa tahu ture.

Barsiisaa amantii Islaamaa kan tahan Nabi Muhammad, bara jireenya isaaniitti amantoota akka Yuhudaa fi Kirstaanaa waliin hariiroo qaroominaa fi wal dandeettii irratti hundaawe akka qabaachaa turan seenaatu hima. Quraana keessattis kan dubbatame amantii kee humnaan fudhaciisi, yoo fudhachuu didan ajjees kan jedhu mti. Ragaadhaaf Boqonnaa 109 keessatti akkas jedha.

“O you who do not believe! I worship not what you worship, and you are not worshipping what I worship; nor am I worshipping what you worship. Therefore, to you your religion; and to me my religion!” (chap. 109)

Jechi kun Qur’aana keessaa fuudhame. Warri har’a ‘’Qur’aanaan bulla’’ ofiin jedhan kan akka ISIS fi Al Shabab garuu Kirsitaanaan garana gori, Muslimaan garas gori jedhanii badii tokkoon maleetti obboleeyyan Kiristaanaa ciibsanii gara jabinaan gorra’aa jiru. Obboleeyyan gorra’aman kun ammoo hidhannoo hidhatanii amantii Islaamummaa loluuf kan bobba’an osoo hin taane, namoota jireenya mataa isaanii moohachuuf fiiganii dha.

Ilaalchi amantii-hedattee akkasii kun hunda caalaa saba akka Oromoo kan amantiilee adda addaa of keessaa qabu miidha. Kaayyoon abaaramaan ummata amantiidhaan gargar baasanii isa tokkoof waan dhaabbatan fakkaatanii isa kaan gara jabinaan ajjeesan kun, eenyuyyuu caalaa ummata keenya ummata Oromoo biratti balaaleffatamuu qaba. Obboleeyyan Kiristaanaa Liibiyaatti gorra’aman keessa ilmaan Oromoo jiraachuu fi jiraachuu dhiisuu malu. Jiraachuu dhabuu isaaniitiin ‘namni keenya waa hin taane, ilmaan Habashaatu ajjeefame’ jennee gammaduun dogoggora. Habashaas taatu ilmoo namaa ti. Karaa malee ilmoon namaa tokko yoo akkasitti akka hoolaatti gorra’amtu nu dhukkubuu qaba. Yoo har’a kan gorra’ame Oromoo tahuu baates boru kan nuuf oolu hin tahu. Jarri bineensi kun Oromoo, Habashaa, Faranjii… waan jedhamu irraa miti haajaan isaanii. Ati Kirsitaana moo Musliimaa dha gaaffiin jaraa guddaan. Gaaffiin kun ammoo nu Oromoof hin tahu.

Waggaa 35 dura hangafti qabsaayota keenyaa osoo bobbaa qabsoo irra jiranii gammoojjii Soomaalii keessatti wanni isaan mudate as irratti jabeeffamee yaadatamuu qaba. Har’a waggaa 35ffaa wareegama isaanii sana osoo yaadachaa jirruu kunoo ilmi namaa gaaffiin wal fakkaataan dhiheeffamaafii jira. Deebiin gaafas gootonni keenya diinota saniif kennanii waliin wareegaman yeroo kamuu caalaa har’a irratti nu barbaachisa. Gaafas shiftoonni Soomaalii sun gammoojjii Shinnigga jedhamu keessatti hogganoota qabsoo keenyaa marsani. Qawwee itti dagalfatanii billawa itti luqqufatanii Muslimni gara kana, Kiristaanni gama sana goraa hiriiraa jedhaniin.

Gootonni keenya garuu qawwee itti qiyyaafatamee fi billawa itti luqqifatame sodaatanii akka ajajaman hin goone. Oromummaa isaanii malee garaagarummaa amantii gidduu isaanii tures yaadatanii hin beekan waan taheef, sa’aatii fokkattuu san irratti yaadachuu hin feene. Keessumattuu isaan keessaa warri Musliima ture shiftoota maqaa Islaamaa dhahattu san gammachiisanii jaallan isaanii Kiristaana gananii lubbuu mataa isaanii oolfachuu hin barbaanne. Deebiin isaanii ifaa ture.‘’Nuti amantiidhaan gargar baanee hin beeynu, hin baanus. Nuti Oromoo dha. Oromummaaf qabsootti jirra. Duunus jiraannus hireen teenya takka. Kanaafuu du’a ooluuf jecha amantiidhaan gargar hin baanuutii, akka feetan nu godhaa’’ jedhaniin. Akkasitti bulguuwwan sun bakka tokkotti isaan fixani.

Irbuun gootonni keenya Shinnigga irratti walii seenan sun laphee tokko tokkoon ilmaan Oromoo keessa bara baraan jiraachuu qaba. Faajjiin tokkummaa isaan gaafas achitti dhaabanii ofii dabran bara baraan dhaloota dhufuun ol qabamee faarfamuu fi hordofamuutu irra jiraata. Addunyaa keenya wal dhibdee ilma namaatiin manca’aa deemaa jirtu keessatti ummanni Oromoo haleellaa bifa amantiitiin isatti aggaamamu kamuu irree tokkummaatiin of irraa qolatu malee biyya isaa irratti abbaa mirgaa tahuu hin danda’u. Nuti ummanni Oromoo guddinni keenya kan maddu garaagarummaa amantii qabnu akka gaariitti dhiphifnee wal dandeessifnee, amantii keenya laphee laphee keenya keessatti qabannee eenyummaa dhiiga kenyaa kan tahe Oromummaa irratti yoo waliin dhaabbanne qofa.

Har’a diinota tokkummaa keenya gaaga’uuf socho’aa jiran hedduu qabna. Humnoonni Habashaas, duula dhimma amantiin wal qabatee addunyaa irratti deemaa jiru kanatti dhimma bahuun, hunda caalaa tokkummaa Oromoo gargar facaasuuf akka rafanii hin bulle beekamuu qaba. Haleellaa Kirsitiyaanota irratti raaw’atamee fi raaw’atamaa jiru sababfachuun akka Oromoon Kiristaanni obboleeyyan isaa Oromoo Musliima irraa qoollifatee gara isaanii cillaanfatu gochuufis dhagaa hin buqqifne hin qabaatani. Kana hunda kan irra aanuu dandeenyu, nuti Oromoon Musliimnis Kiristaannis, eenyuyyuu caalaa addunyaa kana irratti wal malee fira homaatuu akka hin qabne hubannee yoo jabeessinee harka wal qabanne qofa.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *