Oduu Haaraya
galaasaa dilboo 2016

JAAL GALAASAA DILBOO; YEROO LAMMAFFAAF RAAJII AKKA HOJJATAN ABDANNA!

 

(Saphaloo Kadiir’iin)

ABO-Qaama Cehuumsaa Jaal Galaasaa Dilboo dura bu’aa godhatee shuumuun isaa waan gaariidha. Jaal Galaasaan qabsaa’ootaafi guddiftoota qabsoo Oromootiifi beektoota lafa buleeyyii keessaa tokkoofi hangafa. Jaal Galaasaan, bara 1970’moota keessa ABO itti kan makame yoo tahu lafa buleeyyii dhaaba kana daaddeen ol kaasaniifi guddisanii asiin gahuu keessatti shoora guddaa taphatan, qabsaa’ootaa hangafaafi ijoo tahan akkasuma kan muuxannoon guddaa jaarmaya keessatti horatan keessaa tokko akka tahan ni beekkama. Sochiifi jijjiirama dhaabicha keessatti fidaa fi hojii gaarii hojjatuun Oromoo biratti yeroo mara ni kaafama. Akkuma ABO’tti makameen bu’aa boonsaa kan argamsiise, nama murannoofi kutannoo sirantuu qabuu dha. Akkaatuma isaa kana irraa kan ka’e itti amantummaan mudamaaf qaadhimamee jalqaba bara 1980’moota gara hoggansa ol aanaa dhaabbichaatti fidame. Yeroon inni gara qaama hoggansa ol aanaa jaarmaya kanatti dhufu dhaabni ABO sadarkaa yaaddeessaafi abdi kutachiisaa keessa jira ture. Bara 1978 sababa wareegamuu hoggansa ol aanaa Jaal Baaroo Tumsaatiin dhaabni ABO fi IFLO tahuun bakka lamatti gargar caphe ture. IFLO’n kan Jaal Jaarraa Abbaa Gadaatiin hogganamu yoo tahu dhaabni kun naannoo Baha Oromiyaatti ‘Oromoo Jaarraa’ ykn gabaabumatti ‘Jaarraa’ jedhamuun beekkama ture. Sababa dhaabni lamatti caphe kanarraa yeroon isaa san dhaaba qabsoof kanaaf baayyee hamaa ture. Ilaalchoonni wal dhaboon yeroo itti dhaaba keessatti finiinaa ture waan taheef shoorarkaafi hokkora addaatu mooraa qabsoo Oromoo keessa ture. Akkasumaas Ebla, 1980 keessa osoo Galaasaan hoganummaa isaatiinuu muuxannoo hin cimsatin rakkoon addaa hamaan biraa dhaabicha mudate. Ji’a Bitooteessaa 1980 keessa hoggantoonni dhaabichaa sadarkaa adda addaa irra jiran walitti dhufuun haala itti jaarmaya kana cimsan irratti yoo mari’atan biyyoota ollaa waliin firummaa uumuufi mooraa qabsoo Oromoos babal’isuun murteessaa akka tahe irratti waliif galame. Kana milkeessuuf jilli tokko gara biyya Soomaaliyaa, Maqdashotti ergamee osoo imalanii gammoojjii Shinnigatti shiftoota Ogaadeeniin galaafataman ture. Jilli gara Soomaaliyaa deemu kun guututti qaama hoggansa dhaabichaa yoo tahan hayyu duree ABO, Magarsaa Barii fi Itti Aanaa isaa dabalatee waliigalatti namoota 11 guutuu irratti murruqiin hamaan raawwatamee ture. Yaadannoo murruqii hoggantoota kana arrallee ‘Guyyaa Goototaa Oromoo’ jedhamuun Ebla 15 bara baraan akka kabajamuuf ABO’n moggaafamee hanga arraa ni yaadatama. Kana malees mootummaan dargii yeroo biraa caalaa wayta ABO lafarraa dhababsiisuuf waranaa isaa lafaafi qilleensaan labsuun duula irratti bane akka tahe ni yaadatama.

Galaasaan wayta fottoquu, wareegamuu hoggantootaafi labsii duula Dergii dabalatee haaloota biroo baayyeen rakkoon dacha dachaan dhaaba mudatee turetti, wayta ABO’n sadarkaa yaaddeessaafi eewaluuf illee rakkisaa tahe jiru kanatti ture gara gaggeessaa dhaabichaatti kan dhufe. Rakkoolee olitti tuqneefi kan biraa baayyeen wal gubbaan mudachuu irraa kan ka’e mooraan waraanaa haphattee, wal dhahiinsi keessoo dhaabaa hammaatee, miseensoonni dhaabichaas harca’ee, diinni alaa itti duuluus baayyachaa dhufuun wayta qaawni diigamiinsaa hamaan dhaabichatti baname tahuu daran jaarmayni du’uuf afaan qilee wayta gahee fi deebi’ee jiraachuu rabbiitu beeka hanga jedhamu takka gahee akka ture ni beekkama. Wayta sanitti dafanii dhaabicha humneessuufi ijaaranii qaawa kana duuchuun balaa irraa dandamachiisuun, mooraa qabsoo humneessanii bayyanachiisuun ulfaataa tahuus Jaal Galaasaaf garuu kan abdii kutachiisu hin turre. Yeroo gabaabatti mooraa waraanaa goguuf aaggatte guutanii, waraana baayyinni isaa dhibbootatti gad bu’e kuma dhibbootaan guddisanii, wal dhabdee, hamiifi nyaara walitti butuu dhaaba keessatti uumame araarsanii, miseensoota, deeggartootaafi dabballoota dhaabichaa kuma kumaan horatanii ABO hanga liphuutti akka dhiiratti gootoomsanii diinaa waliin qabsoo wal qabdee akka moohattu taasisan. Baroota kana keessa ture Addi Bilisummaa Oromoo sabaaf abdii, diinaaf yaaddoo tahuun injifannoo danuu kan galmeessees. Rakkoolee siyaas-diinagdee dhaabicha sakaalaan furuun, ilaalchoota walitti bu’iinsa keessoo mooraa qabsoo Oromootti mudachaa turun qulqulleessuun, rakkoo dhaabicha keessatti cawwee tahuuf hiixattu wal’aanuufi hanqinoota biroo danuu dhaabicha keessaa xaharuun hojii itti fufan. Mooraa waraanaa zoonii Bahaa tan rushooytee turte cimsuun dabalata zoonii dhihaa haarawatti ijaaruun humna waraanaa hidhannoo fi meeshaa waraanaa danuu waliin sadarkaa boonsaa irraan gahan. Ajajoota waraanaa jaalatamoofi sabboonummaan faayaman kan akka Jaal Guutamaa Hawaas, Jaal Nadhii Gammadaa, Jaal Buruuysoo Boruufi kan biroo baayyee horachuun gama danuun itti duulu injifachuun danda’amee ture.

Wayta san akka ammaatti ummanni keenya bayyanoota qabsoo sirnaan hin qaban ture. Mirqaanaafi hubannoo gahaa akka ammaa qabaachaas hin turre. Wayta ummanni Oromoo gabrummaa oowwifateefi diriirfatee ta’aa ture tahuu daran bahaafi dhihatti, kaabaaf kibbatti akka ambaatti wal mil’achaa turan. Miira tokkummaatiin qabsotti hirmaachuus tahee mi’aa bilisummaa kan wal qixa hubataniis hin turre. Waytiin dura Galaasaan gara hoggansa dhaabaatti dhufe akkuma baroota dhihoo dabran kanatti Oromoon gara jaarmaya qabsootiin bilisummaa dhuftu hawwuu irraa soomanuuf yaaduu jalqabaniifi warraaqsa qabsoo irraa abdii kutachuuf fittee irra jiran tahuu daran yeroo adeemsi qabsoo Oromoo dhibameefi dhaabni qabsoos du’aaf sakaraatu ture. Eega dhaabichi Galaasaan hogganamuu jalqabe irraa immoo dabballoonni baayy’een mana manatti deemuun maalummaa ABO hawaasa barsiisaa turan. Qabsaa’oonniis jecha dabbalootaa san gochaan mul’isuun qabsoo Oromoo dhiiga warqiitiin cululqsaa, injifannoo danuus galmeessuun mirkaneessaa turan. Akeekaafi kaayyoon ABO fooniifi lafee ummata Oromoo keessatti dhiigaan kan galmooytees barootuma san keessa ture. Rakkoolee wal xaxoofi wal qasoo baayyeen dhaabicha keessatti uumamuun gufuu imala qabsoo sakaaltu tahuuf yoo yaaltu tooftaafi tarsiimoo bilchaattuun fayyadamanii furaa turan. Qoodamiinsa aangoo qaama siyaasaa, ajajoota waraanaa, dippiloomaasoota, hoji raawwattoota, ogeessoota, hojjattoota dabalatee caaseffamma dhaabichaa barbaachisoo tahan mara haala danda’amuun kutaalee Oromiyaa wal qixxummaafi ifaaf bilisaan ilmaan Oromoo keessatti hirmaachisuun qabsoon Oromoo Oromummaa qofa wiirtuu akka godhattu taasisaa turan. Ilaalchoonni yaraan arra qaamuma hoggansa dhaaba qabsoo Oromootiin uumamee hidda gandummaa, gosummaa, amantaa, lagummaafi k.k.f saarfattee qabsoo diigaa jirtu tun wayta san akka ammaa kanatti qabsoo Oromoo sakaaluu hin dandeenye. Inumaatuu ilmaan Oromoo Oromiyaa kallatti maraan wal jaalalaafi tokkummaan akka bishaan laga tokkootti walitti dhangala’anii imimmaan dhugaatiin irbuu Oromummaa bara itti haaroomfachaa turanii dha. Yoo akka tasaa wanti qabsoo Oromoo qancarsuufi walitti bu’iinsa mooraa qabsoo Oromoo keessatti uumu argame tooftaafi maloota gaariin osoo hin finiinne akka namuu garaa gahutti furama ture. Qabsaa’oonni marti diina irratti malee wal irratti qabsaa’uufi adeemsa qabsoo danquun akka ammaa kun hin mul’atu ture. Yaadaafi komiin marti gaafas akka mi’aa dheedhiitti fudhatamanii irratti hojjachuun rakkoo hundee irraa gogsuuf yaalu malee akka arraa kana waan ilmi oromoo quuqama qabsoof qabu irraa yaada kaaseefi komii dhiheesseef diinoomsuufi balaalleeffatamuun, lukkee diinaa jedhamee farrajamuun kun hin mul’atu ture. Dhaaba diina irratti xiyyeeffatee qabsoo finiinsuun dheebuu bilisummaa ummata baasuuf warraaqu, kan hadhaa gabrummaa waggaa dhibbaa fonqolchee Oromoo mara mi’aa bilisummaa dhandhamsiisuuf carraaqu, jaarmaya gabrummaa jaarraa tokkoo hundeen buqqisee biiftuu bilisummaa Oromoof ibsuuf qabsaa’u malee ABO’n akka arraa xiyyeeffannaan isaa ilmaan sabaa irratti tahee hin turre. Dhaaba of ijaaraa, Oromoo haqaaraa deemu malee dhaaba torbaaniin diigamu, kan guyyaan miseensa harcaasu hin turre, ABO bara san. Guutumatti hoggansa Galaasaa jalatti ABO’n dhaaba guddaa sabaan jaalatamuufi diinaa sodaatamuufi xiiba Oromummaa Oromoo jiddutti firfirsu malee dhaaba cuqun dibee Oromoo walitti ajeessuufi diinoomsee duugdaaf garaa godhu hin turre.

Walumaagalatti Jaal Galaasaa Dilboo nama tooftaafi adeemsa sirnaawaa qabu, Oromticha jaalala Oromummaa malee qadhabaa gandummaafi naannummaa hin qabne, kun keenyaa malee kun kiyyaa nama hin beekne, gamna namaa abbaa qabsoo Oromooti. Gamni kun waytii murteessaa kanatti gara geengoo qabsootti deebi’uu isaaf baga nagayaan dhufte jenne simachaa imala qabsoo fuul-dura akka tarkaanfachiisan abdii qabna. Kanumaan wal qabatee jaal Galaasaan muuxannoo isaanii cimsuun arraas injifannoo addaa dabaluun kan kaleessaa caalaa mooraa qabsoo Oromoo baroota dheeraaf shilimsite tana akka dammaqsan ni abdanna. Akeekaaf kaayyoo ABO tan kaleessaa san galmaan ga’uuf gootichi tarsiimoo adda addaatiin qabsoo utaalchisaa ture kun arraas daran hojjatanii injifannoo dachaan akka dabalan abdanna. Ilaacha yaraafi yaadoota gogaa qabsoo Oromoo keessatti calaqqisaa turan san darbuun dhaaboolee qabsoo Oromoo ABO jalaa damaawanii walirraa qoorrifachaa turan akka walitti araarsanii moora takka keessatti deebisuun waliin diina haleelaniis ni abdanna. Keessattuu qabsoon yeroo ammaa waraana humna fi hidhannoo qabeessa barbaaddi waan taheef akkuma dur mooraa qabsoo Oromoo waraana quuqama sabaa qabuun guutan san arraas humna waraanaa irratti akka xiyyeeffatu abdii qabna. Ajajootaafi leenjiftoota waraanaa kaleessa ABO keessatti hogganummaa isaatiin horatan kan arra namni isaan mil’atu dhabame baayyee gara qabsoo afeeruun qeerroo harka duwwaa diina dura dhaabbatanii dhumaa jiran kana akka leenjisaniifi hidhachiisan shakkii hin qabnu. Jaal Galaasaan hawwiifi fedhii Oromoo gurra dhageeffatuufi sammuu dhahannaa onnee Oromoo sagalee faayda qabeessatti jijjiiruu dandeessu akka qaban ni beekna. Kanarraa ka’uun caaseffama dhaabbichaa sirnaan gad diriirsuun dhaloota qubee akka rasaasaa furga’uufi kaayyoo galmaan ga’uuf harka duwwaa diina dura dhaabbatan kana ujummoo aangoo keessaas galchuun gubbaa hanga gadiitti akka mudaniis ni abdanna. Dhaloota qubeetiifi hayyoota qaroo tahan ofirraa dhiibuun qabsoo keessatti akka bu’aa hin qabne Jaal Galaasaas tahee Oromoon ni beekan. Qabsoon kallattii takkaan qofa deemtuufi geengoo takka qofa keessatti daangooyte sossoo’uu akka hin dandeenye seenaa kaleessaa irraa beekna. Daran immoo qabsoo baroota kurna lamaan dabran kana gaggeeffame keessatti sirnaan mirkaneeffannee jirra. Kanaaf yeroo gabaabaatti adeemsa qabsoo xuraawe kana qulqulleessanii, kan maqe karatti deebisaa galma kaleessa Oromoon baateef sanitti akka geessan abdii guddaa qabna. Dimshaashumatti gootichi kun seenaa qabsoo Oromoo keessatti raajii lammaffaa hojjachuun abdii teenya karatti qancarte akka biqilchan abdanna. Goolabe. Horaa Bulaa!!

“Oromiyaan ni bilisoomti! Gadaan gadaa walabummaati!”

#Saphaloo_Kadiir
Mudde, 2016

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …