Oduu Haaraya

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 6FFAA

 

 

Mucaa Gamnaa fi Ilma Nugusaa

Ilmi nugusaa mucaa hiyyeessa gamna wayii qore. Innis mucaa hiyyeessa garuu gamna akka tahe hin beeku ture. Garuu mucichi gamnummaa fi cimina isaa mirkaneesse! Mucichis badii nugusichi uummata irraan gayu dalgaan ibsuu qofa osoo hin taane dhumarratti itti hime. Mucaan nugusaas akkas jedheen:- Beekumsa moo duniyatu caala? Jedheen!

Ilma nugusaa:- Beekumsa moo duniyatu caala?

Mucaa gamna:- Adda isiniif baasaa hin dheekkaminaa jedheen.

Ilma nugusaa:- Akkamitti? Duniyaatu waa hundaa dhiyeessaa; duniyaatu irra jabduu; duniyaatu caala jedheen!

Mucaa gamna:- Mallaqa beekumsatu eega. Beekumsi maallaqa qofa osoo hin taane mataa keennas kan eegu isa; kallattii nuttI kan agarsiisu isaa. Maallaqni namootaaf ajajamaadha. Beekumsi ammo hogganaa; barsiisaa; ajajaadhas! Maallaqni dhaabbatumatti qisaasamee dhumata. Kanaaf beekumsa duniyaa caala!

Dabalees

-Beekumsi waan waa sirreessaa/qulqulleessaatii duniyaan miti

-Beekumsi eennufuu hiramaa duniyaan hin hiramtu

-Beekumsi waa sirreessoo nagaa buusoo duniyaan miti

Jedhi yoo jette inumaa; yakkamaan yakkamaa olii duniyaadha!!

“Duniyaa yakkamtuu

Abbaa feete soortuu

Garii dureessa gootee

Garii hiyyummaan gooltee

Yakkamaan akka kee inuma jirree

Beekumsaan karaa sirrii osoo sararree!”

Kanumatti dabalee gamnoonni waa’ee duniyaa yakkamtuu ta’uu isii yoo raga bayan:-

–          Duniyaan sagalimaa kudhan guuttee hin beektuu

–          Gaafa maallaqni haasayuu jalqabu dhugaan ni callifti

–          Bunni kama jalqabaati; 2ffaa fi 3ffaan haafaa duniyaati

–          Duniyaan fixeensa ganamaati; yoo tahe muldhattee deebitee ka baddu

–          Duniyaa booddeen isii waa qaba!

Kanaaf duniyaan shakkamtuu; yakkamtuudha! Jedhee rakkoo duniyaa nugusichaan wal qabsiisee nugusicha qoccoluu kajeele; dhugaas dubbachuu yaale.

Ani garuu beekumsaan

–          Gamna na taasisaa gamna ittiin ta’a

–          Onnetti qalbii guutaa ittiin milkaaya

–          Milkii ittiin hoffola

–          Qabeenna hin hatamnee abbaa isaa ta’a

–          Ulee kaazaraatii ittiin of irkisa

–          Ibsituu dukkanaatii nan ibsadha

–          Qajeelchituu daba uumameetii ittiin wa qajeelcha

–          Humnaa ittiin goonfadha

–          Hiixata ittiin waa bira gaya

–          Furtuu balbala heddu bantuu ittiin banadhee seena

–          Bokkuu seera ittiin muranii seera ittiin mura

Itti dablees mucaan gamin akkas jedhee ilma nugusaatti raage!!!

“Duniyaatu didee jallata

Hiyyeessatu lafa guuta

Baratu farrisaa

Falli dhugaa akkaan barbaachisaa

Ta’uu baannaan hallayyaa si buusaa!”

Ilmi nugusaas aaree” Maal jetta!” jedheen

Mucaan amnis sodaa tokko malee akkas jedheen” Kan jedhe hin jenne jedhu; ka jedhin jedhe jedhu; fidaa hin jenne jedhaanii kan jette naan jedhu!”

Ilmi nugusaas mucaa gamnicha hidhatti darbate.

(Haasawa ilma nugusaa booda waa baayyee osoo hin turree waggama muraasatti hiyyeessonni ka’anii falmatanii nugusicha aangoo irraa darbatan. “Hiyyeessi waan nyaatu yoo dhabe nugusa nyaata” jedhanii geerraran.

Kana boodas mucichi akkas jedhe

“Duniyaatu didee jallata

Hiyyeessatu lafa guuta

Baratu farrisaa

Falli dhugaa akkaan barbaachisaa

Ta’uu baannaan hallayyaa waa buusaa!”

“Beekaan duraa himee

Sirrii kan nuuf dhaame

Rakoo sabaa furaa

Isinis akkanumatti kufurraa!”

Mucaan gamnis akkas jedhee ilma nugusaa fi nugusaan

“Hin boone moo hin oodee

Hin mooge moo hin hoodee

Dubbadha jedhu sirrii osoo dubbatee

Aangoo irraa bu’us osoo ima fudhatee

Kana didee; ofumaa ajjeesee hallayyaa of gatee!!”

Uummannis akkas jedhe

“Qabeenya koo saamaa

Bara hamaan deemaa

Ammaa achi argatuu; kan an qabu 430

Kanas kan jedhe sabni bar hundumaa!!”

Ilmi amnaas akkas jedhee mammaake!

“Gaafa badii deemtu narra gorii; gaafa badii galtu narra gorin”

“Ijji gamnaa dura boossi”

 

“Yoo haasayanii fi deeman; dhugaaf tulluun hin dhokatti malee baddu”

“AAK JEDHAN WAA TUFAN MAMMAAKAN WAA HIMAN” jedhee haasawa ofii xumure.

***

Gubaatii waa lamaa abbatu eeggata/abbatu malaan itti fayyadama:-

1ffaa gubaatii ibiddaa

2ffaa gubaatii haasawa gowwaa

***

Waa sadi waan arfii addeennaati:-

1ffaa warqee

2ffaa arfii waraanaa

3ffaa daaraa ibiddaa

***

Waa sadi wal miliqxe

1ffaa Harreen damma nyaaphaa baattii ofii hin nyaattuu jala miliqe

2ffaa leenci ala gala; asheeta yeroo biratti beelayaa; jala miliqe

3ffaa wallaalaan beekaa jiruu wallaalee; jala miliqe

***

Ilma jechuun:-

Maqaa abbaa kan yaamsise;

Kan lammii abdachiise;

Kan abbaa ajajame;

Kan lammii abboomame;

Kan gaachana qabate;

Kan lammii dhaabbate!!!

Itti fufa…

GAMTEESSAA SABAA

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …