Oduu Haaraya

Akkamitti gareen shanee ABO jaallawwan kaleessa waliin qabsaawan itti salphistu kunoo: BEEKUMSA “BOORUU BARRAAQAA” FI “FIXEENSA” GANAMAA !!!!!!

Mata duree barruu tiyyaa isiniif yaa ibsu. “Booruu Barraaqaa”kan wallaalu jira natti hin fakkaatu. Booruun, Naannoo bara 2002 qabsootti kan dabalameedha. Leenjii argatee SBO keessatti yeroo dheeraaf kan hojjate, cimiina isaa ilaalanii hogganummaaf kan kaadhidhameedha. Ciminni isaa silaa Hoggana keessaa Hoggana itti aanuuf kan isa qopheessuu malee, kan sadarkaa har’aan isa geesisu jennee gonkumaa yaannee hin beeknu. Ani waggaa 5 dura yeroon qabsoo keessaa alatti ba’ee Biyya alaatti ce’uuf socha’uu, komee hedduu of keessaa qaban ture. garuu komee kana diina sooruuf abbalee hin beeku. sababaan bu’aa tokkollee waan hin qabaanneef. Har’a waggaa lamaa asi garuu bakka kiyyattii deebi’een waan narraa eegamuun hojjachaa jira. Booruu duran bakka Sanaa ba’ee. Egan achi ba’ee, gurri kiyyaa bakka Sanaa fagaattee hin beektu. Ammuma qabsaa’oota achi jiraniin dhimma naannoo sanaan beeka. Har’a Booruun waa hedduu dubbataa fi katabaa jira. Ajaja dabarsuu irrallee ga’eera. Qaama maalii keessa jiraatee ajaja akka dabarsuu ani hin beeku. karaa fb dhaaba ajaja ta’ee, qeerroo ajaja ta’ee, Ummata kana ajaja ta’ee hin beekuu waa hedduu dubbataa jira. Tarii adeemsi isaa kun warra kaanis jallisuu waan danda’uuf dhugaa jiru waliif himuutu dansaadhaa jedheen deebii gababaa kennufii barbaade.

Booruun amaloota mataa isaa qaba. waan hundi akka isaaf dursee galutti fudhata. Waliigaltee namootaan qabu yeraadha. Kutaa isaa keessaa ba’ee qabsaa’oota akkasaan waliin haasa’uu fi ooluu hin fedhu. Dhugaadhaa kitaaba ni dubbisa. Hogganni har’a salphisu akka mucaa ushuu golatti macaafa adda addaa itti guuranii dubbisiisanii jiru. irra jireessi kitaaboota kanaa siyaasa. Seenaa Gootoota biyya isaanii Bilisoomsaniiti. Hogganni kana gochuun, nama tolfachaa turan. Hojiin isaa hundi dhoksaadha. Kkf qaba. amaloonni ittiin qeeqamaa turetu har’a isa saaxilaa jira. Jaallan isaa waliin wayita hojjatu akkam akka ture seenaatu dubbata. Waa hundaan ofii beekamuu barbaada.

Booruu fi Fixeensa ganamaa:—

Booruu Barraaqaan waggaa 4 fi 5 dura kitaabi Maxxansiisee Ummataaf dhiheesse, “FIXEENSA” jedhamti. Waan Booruun kitaaba isaa hanga fuula 300 qabu sana irratti katabee balaaleffate sana hundaa, har’aa ofii dalgaa jiraachuu isaatu na raajeen mata duree kana uummadhe. Ani namummaa fi Oromummaa booruu irraa dhimma hin qabu. Yaadaa fi adeemsa isaa irraan komee qaba. Booruun waa hedduu sobeera. Angoo fi beekumsa hin qabnee ofi kennee Ummata gawwamsuu yaaleera. Bara leenjii keessa waan nuuf himaa ture har’a cabsee ofii seenaatti of laatee jira. Tarii yoo inni iriibaa ka’ee maalan hojjadha ? jedhee of hubatee waan itti jiru irraa hin dhaabbannee, waan gadi fagoo kaafna.har’aaf garuu waanuma amma lallabaa jiru irratti waan gaggabaabduu kaafna.

Booruun , gaafa kitaaba “Fixeensa” jedhee baasuu waan irratti harkifatee baaseetu jira. Yeroo micciiramni dhaaba keessaa ba’uu, warra badii kana hojjatee balaaleffachuuf katabe.akkaataa inni itti katabee hedduu nama raaja ture. Kitaabni sun akka ba’een waa hedduu jedhameera. Namoota yaada itti kaasan keessaa nama tokkon beeka. Booruu, kitaaba kana eenyuuf katabdee jedhanii gaafatan ? inni duchaamatti ummataaf jedhe. Namni sun garuu dhalooti maal irraa hubataa ? jedhaniin. Deebii hin qabu ture . yaadeetu , badii kana irraa baratuu jedhe. Namni sun garuu kitaabni kun kan dubbisamee kan gatamu ta’aa jedhaniin. Har’a hin yaadatu ta’a. Kana jechuun kiyya jara ati balaaleffattee akka gandaatti itti katabdee kun, boruu deebi’anii yoo araaraman maal gootaa ? jedhaniin. Deebii isaa isatu beeka. Booruun garuu yeroositti waan sanaan aguugamu barbaade malee waan boruu fidu gonkumaa hin ilaalle. Fixeensi ganamaa har’a yoo dubbisan bu’aan irraa argamu, waan katabameef sanaaf atu hin taanee, badii booruun har’a keessa gangalatuuf madda ykn ragaa ta’a. Booruun kaleessa warra eessallee hin geessanii ABO ni injifataa jedhee bakka kumatti katabee itti himaa turee fi haala Booruu har’aa yennaa wal bira qabnuu, Fixeensa ganamaa isa keessatti mana ijaarratee odoo hin argiin, kan namaa argee sardamee , maa namni na dursaan katabuu hubata.

Akka walii galaatti kitaabni Fixeensaa itti dadhabame jedhamu yeroosuma dhumateef. Maaliif jennaan waan umurii hin qabnetti maxxanfamee katabame.kan nama raajuu hojiin booruu har’aas kanuma ta’uu isaatii.wanni hedduu nama raajuu yeroo warri micciiramaa ykn jijjiiramaa achi ba’anii yaadoota ji’a 6tti furmaata finna jedhan, Hogganni nu hojjachiisuu didee jedhan Booruun maal jedhee hojjachaa akka ture seenaatu gaaf tokko suuraa waliin dhiheessa. Yeroo ADOn achi ba’uus, kaleessa Bilisummaa jechaa Ummata dammaqisaa jiraatanii, har’aa tokkummaa Itoophiyaa jedhan hin qaanfatanii jedhee waan katabaa turee fi hojjachaa ture isumatu beeka. Dursaan qabsoo Ummatichaa eenyu akka ta’ee waggaa 4 fi 5 dura waan jedhee hojjachaa ture isumatu beeka. Har’awoo ?????ofi har’a gaafa galalgalu akkamiin ofitti kataba???

Booruun gidduu kana waan soba adii sobe keessaa :—

Waan Girmaa xurumaa, waan qeerroo, qabsoo Oromoo waa hedduu jechaa jira. Waan jedhu kanaaf ammoo sadarkaa tokkoffaatti yeroo ani SBO keessa hojjachaa turee fi Hoggana ture akkas godhee….. jedhee dhiheeffata. Kun gonkumaa sobadha.dhaabni adeemsa booruu dhaaba keessaa ibsuu ni danda’an. Garuu kan nama meeqaa ibsanii danda’u ? kan callisaniifis kanumaaf natti fakkaata.

Booruun SBO fi Gaaddisa Dhugaa  irra hojjachuu ega dhaabee, waggaa 4 ykn 5 ta’eera.  Gulaalaan ture kan jedhuuf, yeroo SBO irra hojjachaa turee gulaalaa afaan amaaraa ture. kan afaan Oromoo nama biraati. Ega hoggana ta’ee sbo dhaabee Afaanuma amaaraa amma ba’uutti gulaalaa ture.gulaalummaan sun ammoo akkam akka ture ijoollee akka dansaatti beektuuf haa dhiifnu. Egaa booruun waa’ee qeerroo inni gabaasaa fi gaafachaa ture isa bara kamiiti ? rakkoon jiraachuun ifa. Sochiin qeerroo kan ammaa dura kan turee kan bara 2014 ti. Yeroo kana Booruun odeeffannoo sbo kamiinu walitti dhufeenya hin qabu. Gulaalummaan Afaan Amaaraa , Odeeffannoo afaan Oromoon hojjataman Afaan amaaraatti hiikkuu, sagantaalee hojjataman afaan amaaraan sirrii ta’uu ilaaluu fi seeraa heera miidiyaa fi dhaabaa akka hin cabsinee eeguudha. Booruuf odeeffannoon bifa kamiitu dhuunfaatti isa ga’uu gonkumaa hin turre. Waanuma afaan Oromoo keessatti hojjatamu iyyuu hojiilee hiikaman yennaa argu hubata ykn wal ga’ii torbanii irratti dhaga’aa, irratti mari’ata . kanuma. Maarree sababaa akka waan guddaatti dhiheeffate eessaa ba’ee ? sochiin qeerroo ammaa qindaa’uu fi gaggeeffamuun booruuf waanuma haaraadha. Akkuma ummata kaanii dhaga’ee ykn arge. Yoo carraa argadhetti Fixeensa ganamaan of irratti hojjadhaa yoo hin ta’iin, gonkumaa odeeffannoo qeerroo hin qabu.warra qeerroo eenyullee waliif katabuu danda’ama. Garii waan ani jedhe malee yoo jedhan akkamiin ta’a ? xalayaa warra kaanaadaaf katabe argitanittu. Qeerroon arraata shaneeti jedhe. Kun ragaadha, adeemsa booruu nama baruu barbaadeef.

inni lammaffaa , Booruun, Hogganootu har’a isa kabajanii hogganumaaf isa kaadhiman gatee ega ba’ee, waggaa 2f deema. Yeroo isaan waliin ture wal ga’ii meeqa akka isaan waliin taa’ee isatu beeka. Murtoo meeqa akka waliin dabarsee isumatu beeka. Gaaffiilee inni gaafataa fi yaadi dhiheessaa ture maal akka ture ifatti warri gaafannee beeknu jirra. Waan waggaa lama dura isayyuu ega hoggana ta’ee waggaa hin guunnee keessatti gaaffiin booruun kaasuu danda’uu isa kami ? mee dhugaaf haa dubbannuu, namni bakka haaraa fi warra baayyee isa hangafan keessa dhufee yeroo ammamiitti gaaffilee kaasuu danda’a ? of tuuluun kun eessaan nu ga’aa ? warrumti waggaa 20 keessa taa’anii keessaa ba’aanu akkas dubbataniiruu laata ? Booruun har’aa Hooggana yennaa arrabsuu fi busheessuuf yennaa yaaluu hangam bilchina isaa tilmaamsiisaa akka jiru ni hubataa laata ? Hogganni inni itti bulgaafatu kun , kaleessa ummata Miliyoona 40 dursuu dandeessaa jedhee isa kaadhimee deebisee arrabsuun maal jechuu akka ta’ee ni hubataa ? Girmaa xurunaa yakka hojjachuun isaa ifa. Warri Girmaa saaxillee jedhanii iyyaa ykn caraanaa jiraniif gootummaan booruun kennu Fixeensa ganamaati. Akka kiyyatti, Ummataaf hojjachuudhaa ykn hadooduudhaa jedhee kan itti amanuu , Farra qabsoo midiyaa irratti saaxillee jedhanii gootummaa argachuuf guggufachuu ykn , isa kaan salphisuuf fiigu atu hin taanee, isa badii hamaa kana hojjate raga itti lakkaa’anii, beeksisanii fala yoo dhaban dhabamsiisuutu Gootummaadhaan jedha.kakuun hojii ykn qabsoo addunyaa kanaa hundi kanadha.

Booruun har’a namicha kana ajjeesuuf ABO itti waamaa jira. Karaa tokkon ammoo dadhaboodhaa hin jiranii jedha. Warri saaxillee jedhan kun , kakuu qabsoo jiruun wal adabuu maa dadhaban. ? kamtu qabsoo kana baraara ? afarfannaan har’aa namcihaaf maal dabarsaa jira. ? Booruun dhuma kana irra waan isa taajjabsiisuu kan baasee, dhaabaan mee ajjeesaa nu argisiisaa jechuu isaatii . Booruuf nama ajjeesuun waa guddaadha. Akkan dhaga’eetti nama dhiiga indaanqoo wayita arguu baqatu, akkamiin dhiiga namaa arguu hawwaa?qabsoo keessatti , nama qawwee baatee jiru biratti waan akka nama ajjeesuu salphatu hin jiru. Booruun sammuu kana hin hubanneen of jiraachisaa jira. Qabso keessatti lubbuu ba’uu hin qabnee baraaruutu bakka ol aanaa qaba waan ta’eef. Qabsaa’uutti aanee kan jiru diina ajjeesuudha.diina akkasii ajjeesuu qabnaan yaada bareedaadha. Mee ajjeesaa na argisiisaa jechuun , Filmii irraa ilaaluutu salphata. Jechii isaa mataan isaa hin ulfaatu ? maaltu Biyya ishee hin beekne dhaqixee maal naa godhaa jettii taate dubbiin.

BOORUU FI JECHA ARRAATAA :-

Booruun ergaa mataa isaatiif miidiyaa akka qeerroo, simbirtuu kkf isa dinnaan diina godhatee , diinummaa isaa illee Arrata shaneetti ramadeera. Dhugaa waaqaa Booruun fayyaatti hin jiru. kaleessa miidiyaan oromoo kumantamaan akka ta’uuf hojjannaa jechaa ture. har’a a ammoo ija jaamsuuf itti deelee jira. Namni kun dhuma isaa hin beeku. gama kanaan kan jiru niin bulfadha.

 

BOORUU FI MARAATUMMAA , SEER-DHABLUMMAA:

Booruun boruu Ummata miliyoona 40 dursuu danda’aa jedhamu seer-dhablummaa isaa illee ifa baafateera. Hogganni ABO seerumaan jecha “SHANEE” jettu of irraa kaasanii , KOREE HOJII RAAWWACHIIFTUU jedhanii of moggaasaniiru. Booruun garuu sammuu dhaaba lamallee keessummeessuu danda’uu atu keessatti hin umamiin, nama Ummataaf ykn qeerroof furmaata argamsiisuu ta’uuf abbaleera. Jibbi Booruu Barraaqaa hangam dhiiga isa seenee obbolaa isaatti dhukaasufillee qophaa’uu isaa kan argisiisu, jecha officialy kaafameen Hooganoota waamaa jira. Kana maal jedhu egaa. Wayyaanee ABO ni abaara. Booruunis ABO ni abaara. Maal garaagarummaan isaanii . Wayyaaneen ABO nii jibba. Jibba gadi fageenya qabuun. Booruunis kanuma nutti mul’isaa jira. Ani innis wayyaaneedhaa jechaa hin jiru. jibbi isaanii garaagarii ? kan wayyaanee ABO ajjeesuu ykn dhabamsiisuudha. Kan Booruwoo ? maal irraa hubanna ? akka jecha Booruutti, ABO yoo dulloomee ta’ee falli isaa maalii ? falli isaa dhaloota itti aanutti dabarsuudha qabaadhaa mitii ? booruun kan barbaadu. Atu nu harkaa fuutaa jedhanii si kaadhimanii, atimmoo harma haadha si deessee deebistee ciniinuun si hanqannaan dhiigsaa jirataa , eenyuttii kennuree ? kan akka kee dargaggoota haala kanaan kaadhimaman hanga 15 ni beekna. Kanneen keessaa kan har’a fagaatanillee waliin jiran 3 hin caalan.Hogganummaatti fiduuf Miseensa Gumii sabaa ta’uu qabdan. Kana godhan. Deebiin keessan maal ta’ee ? kaan maallaqa saamaa kkf . Hunduu achi ba’ee itti bulgaafate. Keezii ABOn ba’anii ABO abaaran. Booruu Barraaqaa of hin tuuliin !!!!!!!!sirra yoo guyyaa guutuu dubbatan irraa bareedu hedduutu jiraa.

BOORUU FI MIIDIYAA :-

Booruun Miidiyaa baayyee kan jaallatuudha. Baayyee . mee callisaatii miidiyaa irratti waanuma hojjachaa jiru callisaa hordofaa. Yeroo qeerroonn Biyya keessaa gootummaa innu hin yaannee hojjatan walaloo katabee fi seeneessuu katabee afarsaa ture. Xiinxalaa gola warra isa fakkaataniin muudamee ibsa itti kennaa ture. har’a ammoo kan biraati. Girmaan keessa waan jiraateef ykn diina waan ta’eef gootummaa qeerroo haquuf eenyutu mirga isaa kenneef. ? duraan eenyutu caraanii ittiin jedhe ? ammawoo eenyutu halaakii ittin jedhe ? Booruun mata duree hundaa irratti yaaduma laachuu , qeequu kkfn waan keessaa hafee hin qabu. Keessattu dhiheenya kana lammiilee keenya galaana irratti dhuman ilaalchisee namni atu nan dursiin jedhee waan katabee keessaa , “Diinni keenya tokkoffaan wayyaanee atu hin taanee, baqattummaadhaa ” jedhee kan katabeef deebiin laatamee maal akka ta’ee innu beeka. Waggaa 13 ol diinni innikkaa oromoo wayyaaneedhaa jedhee SBO keessaan lallabaa kan jiraatee har’a ga’ee baqattummaadhaa jedhe. Kana maal jettu ? kana kaasuun kiyya , eenyurrallee goruuf odoo hin taanee dhugaa baasuufi. Kaayyoo ani itti amanu keessaa ba’ee dubbachaa fi xibaaraa akka jiru waanan mirkaneeffadheefi. Kan isaatti hin bu’u.Booruun barnootaan sadarkaa Barsiisaa ta’uu irra hin dabarre. Barsiisaa sadarkaa 1ffaa . kanarra taree raga hin qabu. Beekumsi achumatti hin hafu qalbiin ballachuu danda’a. dubbisuun. Biyya alaatti namoonni siyaasaa adda addaa irratti yaada kennan beekumsi isaanii sadarkaa maal irra ga’ee akka ta’ee walitti hin himnu. Booruu fi kanneen akka isaa “Xiinxalaa” waliin jechaa gubbaatti of fannisanii jiran , maabara nama shanii ijaaranii of jalaa hin qaban.hiriyyaa illee hin qaban. Yaada lamaa fi sadii tarrisanii ilaalu illee hin danda’an. Garuu dhaabaa fi Hoggana Dadhabiina isaanii waliin qabsoo Oromoo Senaataroota mariif afeereen ga’aa arrbsan . kun hangam ija jabaatanii jennamoo, waan ija isaan baasisuutu jiraa jenna ?

Booruun murannoo isaa waggaa 15 bishaan itti naqee balleesseera. Ilma ykn Intala isaa hangafaa haalee ykn ganee ykn kan koo miti jedhee, mucaa isaa lammaaffaa hangafa taasifachuuf lafa ciraa jira. Kun wallaalummaa isaati malee, inni mataan isaa abbaa biraa qaba . seenaan kaleessa waggaa 50 fi isaa olitti herreegamtee sagantaan TV fi SBO irratti hojjatamaa turte haalamtee, Abbaan isaa eenyurraa kka dhufe wallaalee , Umamni isa irraa eegaluu nu lbsuuf wawwaata. Booruun ABO abbaa hundaa ta’ee, mucaan geeddaruu barbaada. Hoggana isa bakka buufachuuf ture salphisa. Hogganoota qabsoo dadhabiin isaanii waliin cichanii waggaa 70, 60 ta’anii, “waan irra gangalataa turtan “” ittin jedha. Waa hundaa gangalachuu fedhiisaa bakka hin filannee fi nama hin filannee sanaan wal fakkeessa.

Waa hedduu hanbifanne. Booruun boruu waa hundaa ilaalee qabsoo kanatti harka laachuuf jiru kun, gaabbii borii ofitti hin baayyisiin jenna. Akka seenaa fi muuxannoo waggoota 40 irraa baradheetti, Warri Dhaaba kanaa fi Hooggana kana abaaree fi tuffatee filannoon sirri lama qaban. inni 1ffaan, akkuma warra kaanii wayyaaneetti. galuudha. Inni lammaffaa , kan dabree waliin dhiifne jedhanii akka har’aa kana qabsoo qindeeffachuuf murteeffachuudha. Kana giddutti mana ijaaruun waan hin taane. Hin danda’amus. Kan jiru kanuma lamaanii. Obbo Baqqalaa Garbaan Booruun yoo faarsaman nah in dinqu. Nuus hin dinqu. Maaliif jennaan, dubbiin dubbii FIXEENSA ganamaati boru ammoo arrabsamuuf taa’an. Baqqalaa Garbaan Goota. Gootummaan isaa kun booruu irraa hin kennamuuf. Maaliif jennaan, Booruun Hundeessitoota qabsoo hundaa kan jiranii fi wareegaman gootootaa jechaa ture. har’a ammoo salphisaa jira . Baqqalaa Garbaa Boruu dabalee Goota jechuuf ragaan maalii ? Booruun warra funyaan diinaa jala taa’ee ,,,,,,,jedhee faarsuun isaa natti hin tolle. Waan waliin beeknu waan jiruuf.

BOORUU BARRAAQAA YKN YAAHIYYAA JAMAAL YKN YAYA BASHIIR dhiisi.!!!!!!

Warra barru fi yaada kee siif afarsan , gadi fageenyaan hordofi. Kanatu si miidhaa jiraa. Maqaa isaanii ilaalii . maqaa Oromoon baafatuun mee xiinxalii. Wayyaaneen qeerroo keessa seenuuf qabatamaan waan hojjanne beekna.  Qorichi Girmaa Xurunaa afarfannaa miidiyaa irraa mitiii dhiisii hojii kee jaalala ummataa siif horutti deebi’ii.sirraa fagoo hin jirru. Jarumatu narratti katabee jettees hin dhipahtiin. Namni akka gaaritti si beeku , anarra jechuudhaa, Biyyuma Awuroppaa ani jiru jira.barruu kana gama kamiinu hin shakkiin akka dhaabbattuf qofa .Girmaa xurunaa gantuudha. Gantuu balaaleffannaan gantummaas balaaleffachuu qabna.ilaalcha barbaaddee qabaadhu. Kaayyoo ABOs dhiisi. Kun rakkoo hin qabu. Garuu Hogganoota bifa barbaaddeen qeeqi. Yoo furmaata ta’eef. Qabsaa’ootaa fi kaayyoo keenya garuu irraa dhaabbadhu. Irraa dhabbadhu.!!!!!!!!!!!kana booda deebii tokkollee hin feenu.

 HUNDEE LAMMII tiin.(Gaashi Baarkaa, Naayirobii, Awu

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Abbaan Seeraa naaf haa jijjiiramu’ waan jedheef qofa adabbii qarshii 500 irratti murteessee jira..

Dabalataan manni murtii guyyaa har’aa Jawaar Mohaammad Abbaan Seeraa naaf haa jijjiiramu’ waan jedheef qofa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *