Oduu Haaraya

JEEYNUMMAA JEEYNUMMAA OLII

Birraa 30, 2017

 

Abbaa Urjii tiin

 

Bara dabre, yaroo akkanaa, kabajaa Ayyaana Irreechaa irratti, sab-boononni murannoo haala armaa oliitti arkamuun, mootummaa shiftootaa tan irreen aangoo qabatte, tan lubbuu namaa tiif kabajaa hin qabne dura dhaabbatanii bilisummaa ummataa tiif falman arra haala akkam keessa akka jiran kan beeku Rabbuma. Dhukaasa diinni kaa’imman, nagayaan, mirga sabaa tiif falman irratti baneen gaaga’amani mude, galmee qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa keessatti, seenaa boqannaa guddoo dhunfatu.

Wayyaanneen gaafa tarkaanfii san fudhattu, kaa’imman gatuu qofaaf odoo hin taane, dhaadannoo ija isii dura dhaabbatanii itti dhawwaqan ukkaamsuuf ture. Haala sanii fiis, lubbuun achitti galaafatte isii hanqatee, san booda baddaa fii gammoojjii Oromiyaa keessatti, warra lakkooysa Rabbiin qofti beeku ajjeefte. Achirraa kaatee, biyya guutuu Shiftoota abbootii waraanaa muudde jala nayxee, kanaa sanii malee, kumaatama mana hidhaatti guurtee, cafaquu, gudeeduu fii gatutti bobbaate.

Gama biraa tiin, lammii Oromiyaa sukukkula biraa jala naquuf, goobanoota lammiilee alagaa keessaa kannene gunaan bitatte jihaa hundaan itti bobbaafte. Warra akka Abdii Illee, kashlabbii garaan bakka sammuu bu’e, daangaalee hundaan ummata Oromootti jaas jatte. Saroonni dantaa Wayyaanee eeguuf eegee wix-wixaniis, akkuma gooftoolee isaaniitti, karaa hundaan lubbuu lammii Oromiyaatti bobbahan. Ummata magaalaa bira kutanii, kanneen baadiyaa gandootarraa buqqaasutti seenan. Haalli kuni, bara guutuu deemee, quubsuu dhabee, kunoo, dhiheenya kana, Oromoota naannoo isaaniiraa fagaatanii qubatan, warra lakkooysi hin beekkamne, alagaan gurraasisee, kumaatama buqqisee qe’etti ol yaase.

Akkanumaa waliin, duuba, duulli Wayyaaneen keessaa fii daangaan ummata Oromiyaatti bante, kan fedhii isii if dura tarkaanfachiisuu tahuu dide. Shirri waggaa guutuu xaxaa baate  hundi, sossooha qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa tiif beenziila tahaa dhufee, arra kaa’imman bira taree hawaasa guutuu itti kaase. Ummanni warra diinni qawwee hidhachiisee qe’etti itti ergu mancaa fii uleen ifirraa qolaa, kan wareegame awwaallachaa, kan madaawe wal’aannachaa, kan baqaa fii halaala buqqaafamee itti ol yaa’u, akka ilmi bade deebi’eefitti qoma banatee fudhachaa jira. San bira kutee, shira Wayyaaneen dhandhaartu hundatti dammaqee, amba isa jiddu jiran hawaasarraa odoo hin taane, ergamtoota Wayyaaneerraa eegaa jira. Haalli kuni, gara-bal’ina Oromoo kan ittiin mammaakamu dhugatti fassare. Warra laata boru akkam taane jachaa bahanii fiis mirkanii nagayaa labsee, kabajaarratti kabajaa gonfachiise.

Haalli guddina Oromoo malees, bilisummaaf qophaawuu firaa fii diinaa fiis ifa godhe. Haalli arra biyya keessatti deemaa jiru, lammiin Oromiyaa Hiddii-Lolaarraa hamma Asoosaatti, Diida Waaledi irraa hamma Gola Raayyaatti bilisummaaf murachuu qofa odoo hin taane abbaa biyyummaa isaanii hujiin mul’isaa jira. Oromiyaa guutuu hunda keessatti hoogganaa hiree isaanii tahuu mirkaneessaa jira. Kanaa fiis, akkuma bara dabreetti, diina lafaa fii samiin isaan doorsisu hashara shifuutti lakkaawuu dhiisanii miliyoonaan ayyaana isaanii kabajuuf karaa Hora Arsadee deemaa jiru. Kuni jeeynummaa jeeynummaa olii ti. Bilisummaan tana!

Lammii murannoo, haala fii amala olii kanaan harka wal qabate, shiftoota Wayyaanee tii mitii, abbaan fedhi galii isaanii irraa if duuba hin deebisu.

 

Haa offolan!

 

Oromiyaan Ni bilisoomti!

abbaaurjii@gmail.com

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …