Oduu Haaraya

Kan baraanaa baasaa..

Abbaa Morkaa

Walaloo

Kan baranaa raaja
Yoon taa’ee ilaalu.

Bona barbadeessee
Ganni galuun’oolu.

Maseennis foolatee
Lakkuu dhaluun oolu.

Bara wanni dabe
Hundinuu qajeelu.

Bara abbaan biyyaa
Mooye mirgaan galu.

Bara dharaaf cubbuun
Ufii walsakaalu.

Bara warri dharaa
Ufii wal wallaalu.

Bara keessummaan
Gara biyyaa galu.

Jaalatuuf jibbullee
Mala ufii malu.

Bara sabni bal’aan
Rakkoo isaa falu.

Waan fedhe argatee
Kan feene awwaalu.

Yaabarattii kana
Rabbi sitti haatolu.

Barootni siduraa
Tokkoyyuu sin caalu.

Alagaan gabroomuun
Barana hinmalu.

Nutu eennuu gadii
Kan gabrummaa dhaallu2.

Inni kan baranaa
Kan hundumaa caalu.

Ummatni filatee
Qe’etti hingalu.

Sagalee saamamtu
Taa’ee hin’ ilaalu.

Xiqqaa guddaan bayee
Wardiyyaa dhaabbata.

Hundaan lafaa ka’ee
Mirgasaa eeggata.

Kaayoo manaa bayeef
Akkasiin gonfata.

Bilisummaa isaas
Akkasiin argata2.

Xumure Nagayatti !!!
13/05/2015

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …