Obsan maleen
Oromiyaan gaarreen dhedheeroo, badda-rogeelee (plateaus), ija laggeenii (gorges) nama maalachiisan, diida ijji ilaalee hin kutne (rolling plains) fi laggeen gurguddoo hedduu qaba. Qarqara galaanaa irraa olka’iinsi Oromiyaa meetira 500 kaasee haga muummee gaara Baatuu meetira 4,607 dhaqqaba. Gaarreen gurguddoo Oromiyaa keessaa warri bebbeekamoon: Baale keessatti kan argamu gaara Baatuu (m. 4,607), Arsi keessatti kan argaman gaara Karraa (m. 4,340), Enkello (m. 4,300), Harargee keessatti kan argamu gaara Mul’ataa (m. 3,392), Shawaa keessatti kan argamu Baddaa Roggee (m. 3,350) fi Wallagga keessatti kan argamu Tullu Walal (m……) faa dha. Irra guddaan Oromiyaa olka’iinsa meetira 1,500 irratti argama.Akkaataan teessuma lafa Oromiyaa qilleensaa jireenya dhala namaaf mijjataa tahee fi badhaadhina uumamaan kan guutame. Haalli qilleensa Oromiyaa: baddaa, badda-daree fi gammoojjiitti qoodama. Lafti qilleensa gammoojjii mukkeen muraasaa fi ho’ina qilleensaa giddu-galeesatti digirii sent gireed 27 – 39 fi waggaatti rooba giddu-galeessatti mm 450 kan qabuu dha. Lafti badda-daree tahe ammoo waggaatti rooba giddu-galeessatti mm 450- 810 fi ho’ina giddu-galeessatti digirii sent gireed 18 – 27 kan qabuu dha. Baddaan Oromiyaa ho’ina qilleensaa digirii sent gireed18 fi waggaattirooba mm 1200 – 2000 kan qabuu dha.Oromiyaan laggeen fi harawwan hedduu qaba.
Laggeen Oromiyaa baay’een gara dhihaatti yaa’anii Abbayya ykn Abbaya – adiitti galu. Laggeen kaan gar bahaatti yaa’inii lafa Somaliyaa fi Affaritti galu. Laggeen gurguddaa keessaa garii: Abbayya (Nile), Baaroo, Soor, Gabbaa, Birbir, Hawaas, Gannaale, Waabee, Dhidheessa, Gibe, Gudar, Daabbus fi Finca’aa faa dha. Laggeen Oromiyaa keessaa yaa’an bishaan laga Abbayyaa keessaa harka 70 gumaachu.Laggeen kun hidda jireenya ummatoota Sudan, Masr fi Somaliyaa ti. Wagga waggaan biyyee toonii miliyoonatti lakkaawamu guuranii ummata biyyoota kanaaf geessu. Jireenyi Somaliyaa laggeen Oromiyaa keessaa maddan Waabee (Shaballee) fi Gannaalee (Juba) irratti irkata. Maddi humna eliktirika Itophiyaan har’a qonnaa fi warshaaf dhimma baatu laggeen Oromiyaa kan akka Gibe, Hawaas, Finca’aa fi Gabbaa irraa argama.Harawwan Oromiyaa keessaa garii maqaa dhawuuf: Hara Magariisa, Bushooftuu, Kurruftuu, Bushooftuu-guddoo, Haro-kilolee, Haro Arsadee fi malkaa cittuu (rift valley) keessaaa ammoo Zuwaay, Abjataa, Abbayyaa, Shaallaa, fi Langannoo faatu argamu. Haroowwan kun qurxummii (kal’uuna) gosa adda addaa of keessaa qabu. Naannoo isaaniittis shimbirroo akaakuu adda addaatu argamu. Harawwan kun biyya daawwattoota harkisuu duwwaa osoo hin taane warshaa qurxummii dagagaasuuf carraa guddaatu jira.Oromiyaan mudhii lafaatti (equator) dhihoo tahu illee, gaarren dhedheeroo fi lafa ol ka’aa hedduu waan qabuuf mukkeen hedduu fi qilleensa jireenya namaaf mijjataa tahe qaba. Gubbeen gaara Baatuu fi Karraa cabbii qaba.
Lafti badda-daree tahe (m 1800- 2500) qilleensi isaa waggaa guutuu hin gubu hin qabannaawu; jireenyaaf baayye mijjataa dha. Ummata Oromiyaa keessaa harki 80 lafa badda-daree kana jiraata. Ummatni Oromoo fardeen waan qabanii fi dhimma itti bahaniif lafa badda-roggee fi marga gahaa qabu irra qubatanii argamu. Lafa bosona, gubbee gaaraa fi sulula lagaa keessa hin qubatan. Ummatni Oromoo hundeen tikfattee dha.Lafti olka’iinsi isaa m1500 gad tahe gara dhihaa, kibbaa fi bahaatti argaman qillensi isaanii hoo’aa waan taheef tikfatanii fi gaagura hidhatanii deebi’u malee ummatni keessa hin qubatu.Oromiyaan biyya mukkeen fi biqiltuuleen gosa adda addaa irratti marganii dha. Mukkeen bosona Oromiyaa keessatti argaman baqassuun dhimma adda addaa irra oola. Bosona haga xiqqaa kibba-bahaa fi kibba-dhihaatti argaman malee bosonni Oromiyaa harki guddaan erga gabroomfatooti qabatanii ciramee manca’ee jira. Yeroo ammaa immoo bosonni hafte imaammata mootummaan Wayyaanee lafa Oromiyaa investarootaaf kennu hordofuun bosonni hafe gara dhumutti deemaa jira. Osoo Oromiyan hin koloneeffatamin lafti Oromiyaa dhibba keessaa harki 70 bosona ture. Har’a bosonni Oromiyaa dhibba keessa harka lama duwwaatu hafee jira. Oromiyaa keessa muki qumbii, ixaanaa fi qorichummaan kan gargaaran hedduutu argamu.UmmataMaddaSeenaa ummatoota gaanfa Afrikaa keessa qubatan yoo ilaalle madda ummata Oromoo hubachuu dandeenya.
Ummatni Oromoo ummatoota Kuush-bahaa keessaa isa tokko. Ummatni Kuush baha Afrikaa keessa bara dheeraaf akka qubatan seenaan ragaa baha. Lafti ummatni Kuush ykn Nuubaa ykn Itophiyaa durii qubatan laga Naayil gara gadii fi giddu galeessa keessa ture. Ummatni Kuush akka wal irraa fagaataa deemaniin bara 5000 Dh. K. D. irraa kaasee afaanota Kuush Kaabaa, Kuush Giddu-galeessa, Kuush Kibbaa fi Kuush Bahaa jedhamanii adda bahan. Kuush-bahaas akkasuma bara 3500 fi 2000 Dh.K. D damee adda addaatti bahuu jalqaban. Ummatni Oromoo bara 3500 irraa kaasee akka sabaatti Kuush-bahaa irraa adda bahuu isaa seenaatu dubbata. Ummatni Oromo gara kibbaa, bahaa fi dhihaatti babal’achuun irra guddaa Gaanfa Afrikaa keessa qubatee argama. Ummatni Oromoo bara kuma hedduuf akka Gaanfa Afrikaa keessa jiraate, ummata hundee dur-durii tahuu isaa seenaa barreessitoonni ragaa bahanii jiru (Prouty at al, 1981). Seenaa barreessaan Bates jedhamu ammoo Oromoon ummata durii fi hundee kan ummatooti kaan illee isa irraa maddanii dha jedha.
Seenaa barreessituun Perham (1948) jedhamtu ammoo “yeroo warri Seem gara Kaaba-baha Afrikaa dhufan, ummatni Kuush dursee naannoo sana qubatee ture” jetti. Paulitschke (1889) kan jedhamu ammoo ummatni Oromoo bara Aksum dura naannoo baha Afrikaa keessaa jiraataa ture jedha. Namtichi GreenField jedhamus ummatni Oromoo akka namooti garii jedhan kan alaa dhufee miti. Maanguddooti Raayyaa fi Azeebuu Oromoon alaa dhufe yaada jedhu hin fudhatan. Argaa dhageettin warra Habashaa iyyuu Oromoon Raayya keessa bara dheeraaf akka jiraate dubbatu jechuun ragaa baha. Namtichi Beke jedhamus himamsa afaanii warra Lasta tuqee “Minilik, ilmi Solomon, biyya Raayyaa fi Azebuu irraa gamasiin Abasiiniyaa gara bahaa irraan seene” jedha. Jaarraa 9ffaa fi 10ffaa keessa Oromoon walakkeessa Oromiyaa (Shawaa) akka ture ragaa danuutu jira (Greenfield et al, 1980) . Jaarraa 14ffaa keessa ammoo Oromoon naannoo Hora Xaanaa qubate ture. Qorannoo Lynch fi Robbins (1978) kaaba Keniyaa keessatti godhaniin dhaabaa –dhagaa (pillars) kan umrii 300 Dh. K. D arganii jiru. Dhaabaan-dhagaa kun akka Oromoon bara dheeraaf Kaaba-baha Afrikaa keessa ture ragaa baha.Madda ummata Oromoo namooti adda addaa bakka adda addaatti akeeku.
Namooti garii maddi ummata Oromoo kibba-baha Oromiyaa Baale naannoo Madda-walaabuu ti jedhu. Namtichi Ingiliziin biyya daawwatu James Bruce jedhamu ammoo Oromoon naannoo Sinnaar turee achii iraa babal’ate jedha.Baha Afrikaa keessatti kan argaman ummatootni Kuush Oromoo wajjin walitti dhiheenya guddaa qabu. Fakkeenyaaf ummatni Somalee bifaa fi afaaniin ummata Oromootti baayyee dhihaata. Afaan Oromoo fi Somaalee jechoota dhibba keessa harka 30 haga 40 tokko qabu. Kun kan agarsiisu ummatooti kun lamaan dhihoo akka adda bahanii ummata lama tahanii dha. Ummatoota akka Affar, Koonsoo, Sidaamaa, Kambaataa, Geeda’o, Agaw, Saahoo fi Beejjaa wajjin ummatni Oromoo walitti dhiheenya guddaa qaba. Afaan Konsoo fi Oromoo dhibbatti 50 wal keessaa qabu.Haga yeroo dhihootti Oromoon maqaa ‘Gaallaa’ jedhamuun waamama. Maqaan kun kan gita bittootni Habashaa kennaniif, maqaa arrabaa ti. Oromoon ‘Gaallaa’ jedhamee waamamuu hin fedhu. Maqaan kun eenyummaa Oromo balleessuuf kan itti moggaafamee dha.Qubsumti Oromoo Kutaa Gojjam, Gondar fi kaaba Itophiyaa Tigiray keessa bal’inaan ni ture. Seenaa bara moototni kun bulchaa turan qeesotni fi bulchitootni Habashaa dhugaa dhoksanii the era of the princess jedhaani turan. Ummatni Oromoo ummatoota ollaa isaa jiran kan akka Amaaraa fi Tigiree wajjin wal makuun isaa hin oolle. Kanaaf maqaan Oromoo dabree dabree seenaa warra Habashaa keessatti argama. Oromoonis ummatoota ollaa jiran keessaa baayyee akka moggaasee gosa galche mamiin hin jiru. Haalli kun aadaan ummatootaa akka wal maku dandeesisee jira.
Wan hafees naa hordofuu hindagatina.