Oduu Haaraya

Karoora Waajjira Kominiitii TBHOY

Karoora Waajjira Kominiitii TBHOY

Koreeleen Waajjirra Kominiitiin T.H.B.O.Y, Hawaasa Baqattoota Oromoo Yaman, KAROORA tumachuudhaan tajaajila fooyya’aa tahe hawaasa baqattoota Oromoo yaman hundaaf khannuuf, akka armaangadiitti ibsina.

1, hawaasa baqattoota oromoo tii fi ilmaan Oromoo biyya yemen keessa jiraatan ija tokkoon tajaajiluu.

2,baqattoota oromoo kan carraa baruumsaa biyya isaati hin argatinii fi kan biyya ambbaati dhalataniis tajaajila barnootaa hamma scolar ship ti akka argatan godhuu.

3,Aadaa teenya hawaasa baqataa oromoo barsiisuu- guddisuu-eeguu-

4,jaarmaya hawaasaa tii fii dargaggeeyyii isportiin jaaruu.

5,dhaabootii gargaarsaa NGO kan baqataa gargaaran hundaa rakkina hawaasni keenya qabuu hunda raga dhugaa waliin dhiheesuun akka hawaasa keenya gargaaran godhuu.

6,ilmaan oromoo nagaya barbaada biyya ambbaa seenan ,karaa odoo deemanii shiftoota biyya ambbaatiin, dhiirti ajjeefamtee, dubartiin teenya taaniis gudeedamtee, taaniis gurguramtu,gara Qaamoolee mirga dhala namaatiif dhaabbataniti iyyachuun hawaasni keenya eeguumsa akka argatan taasisuu.

7, mirga baqattootaa kan sabni biraa argatee jiru, sabni oromootiis akka guutuu guututti argatee walqixummaan jiraatu godhuu.

8,websaaytii kheenya banuudhaan, Rakkina ummata kheenyaa kan biyya kheesaa tii fi kan biyya ambbaa kheesa jiraatan,
Addunyatti iyyachuudhaan furmaata barbaaduu Fi k.k.f
,,,,,,,,,,,
Dhumaratti:
hawaasni baqattoota oromoo yaman,
Akkuma Amaanaa fii dirqama ulfaataa nuharka keesan kanatti,
Dirqamni isin’irraa, eeggamu, Deeggarsa Fi Hamilee-Gorsaa fi Yaada gaggaarii Nuulaachuudhaan Akka nuuwaliin dhaabbattan maqaa kominiitii TBHOY, Kabajaan isin gaafanna!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …