Oduu Haaraya

Koree Hawaasa Musliimootaa irratti murtiin hidhaa waggoota dheeraa murteeffame.

OMN:Oduu Hagayya 04,2015 Koree fala barbaadduu
hawaasa Musliimaa hidhamanii turan irratti, mana murtii
ol’aanaa Federaalatti, dhaddachi yakkaa arfaffaan,
Hagayya 3 bara 2015 ooleen, namoota 18 yakkamtoota
jechuun, murtii hidhaa waggoota 22 haga 7 tti dabarsuu
isaa himame.
Himatamtoonni murtiin yakkaa itti dabarfame kun, ragaa
ittisaa dhiheeffachuuf gaafatanis, manni murtii iyyannaa
isaanii harkatti duduu isaa, abukaattoo duraanii Obbo
Tamaam Abbaa Bulguu OMN tti himan.
Mootummaan humnaan biyya bulchaa jiru, koree fala
barbaadduu musliima irratti yakka farra
shororkeessummaatiin himachuun, murtii adabaa dabarsee
akka jiru himamee jira.
Koreen fala barbaadduu kun humnoota tikaa
mootummaatiin qabamanii hidhamanii kan turan yoo ta’u,
murtii tokko malee waggoota sadiif mana hidhaa adda
addaa keessatti dararamaa akka turanillee ibsameera.
Mana murtii ol’aanaa Federaalatti, dhaddachi yakkaa
arfaffaan, Hagayya 3 bara 2015 ooleen, koree fala
barbaadduu musliimaa 18 irratti himata farra
shororkeessummaatiin yakkuudhaan, murtii hidhaa
waggoota 7 haga 22 tti dabarsuu isaa ibasme.
Himatamtoonni murtiin adabaa itti dabarfame kun, ragaa
ittisaa dhiheeffachuuf gaafatanis, manni murtii iyyannaa
isaanii dhorkachuu isaallee himame.
Manni murtii Federaalaa, akka seera farra
shororkeessummaatti, keeyyata afur jalatti himata
dhisseen, namoonni kun, sochii geggeessuun, jeequmsaaf
namoota kakaasuun yakkamtoota erga jedhee booda, murtii
adabaa kana kan dabarsee yoo ta’u, murtiin kun, murtii
haqa qabeessa akka hin taanellee himamaa jira.
Hidhamatoonni kun haga waggoota shanan dhufuu
keessatti, namoota kamiinuu wal qunnamuu fi, wal arguu
akka hin dandeenne, manni murtii kun murteessuu isaa
himame jira.
Murtii adabaa koree fala barbaaduurratti dabarfame
ilaalchisee, kanaan dura abukaatoo hidhamtoota kan turan
obbo Tamaam Abbaa Bulguu dubbifnee jirra.
Obbo Tamaam akka nuuf himanitti, manni murtii Federaalaa
yakka tokko malee koree hawaasni musliimaa filatee ture
irratti, murtii adabaa dabarsuun isaa, seera akka hin taanee
fi, murtiin dabarfame kun haqa qabeessa miti jedhan.
Namoonni murtiin adabaa itti dabrfame kun, mana hidhaa
irraa gara mana murtiitti wayta deddeibi’aa turanitti,
ragaalee ittisaa kuma jahaa ol dhiheeffatanii kan turan yoo
ta’u, mannni murtii ammoo fudhatama dhabsiisuu isaa obbo
Tamaam nutti himanii jiru.
Obbo Tamaam akka jedhanitti, Manni murtii kun,
himatamtoota kanneen sadarkaa afuritti adda qoodun,
murtii adaba kan dabarse yoo ta’u, Sadarkaa tokkofaa
irratti, himatamtoota galmee ustaaz Abubakar Ahmad jalatti
himataman, laakkofsa 1 haga 4 jalatti adabbii hidhaa
waggoota 22 dabarsee jira.
Ustaaz Abubakar Ahmad, ustaaz Ahmaddiin Jabal, ustaaz,
Yaasin Nuuru fi, ustaaz Kaamil Shamsuu irratti, hidhaan
waggoota 22 kan dabarfamee yoo ta’u, sadarkaa
lammaffaa jalatti ammoo, ustaaz Badruu Huseen, Saabir
Yirguu, Muhaammad Abaatee, Abubakar Alamuu fi, Muniir
Huseen irratti, hidhaa waggoota 18 tiin adabamuu isaanii
beekkamee jira.
Sadarkaa sadaffa irratti ammoo, hidhaa waggoota kudha
shaniin kan adabaman, Sh/ Maket Muhee, She Sa’id Alii,
Ustaaz Ahmad Musxafaa, Mubaarik Aadam fi, Kaalid
Ibraahim yoo ta’an, sadarkaa Afrafaa jalatti ammoo,
Muraad Shikuur, Ustaaz Nuuru Turkii, Ustaaz Bahaaru Umar
fi, Yuusuf Geetachewoo irratti, murtiin hidhaa waggoota
torbaa kan dabarfame ta’uu obbo Tamaam nutti himanii
jriu.
Obbo Tamaam itti dabaluun, koreen fala barbaadduu
hawaasa Musliimaa kun, hawaasa Musliima biyyattiitin
filamanii kan turan yoo ta’u, koree kanneen irratti murtii
adabaa dabrsuun, guutuu hawaasa Muslimaatti
murteessuudha jedhan.
Kan gabaase Usmaan Ukkumee ti.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …