Oduu Haaraya

MANDAROOTA FI MAGAALAAWWAN OROMIYAA – OROMIAN TOWNS AND CITIES: Kutaa Torbaffaa

                                                                                      Taammanaa Bitimaa irraa
DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffa kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, baga nagaa fi nageenyaan naaf turtanii kutaa torbaffaa kana duukaa-buu’uuf dhuftani! Akkuma isin amma gara mandhee tanaa dhuftan mee nagaa fi nageenyi, bilisummaa fi walabummaan Oromiyaa teenyaaf haa dhufu!
Kunoo, erga magaalaa Muka Xurii kana bullee haara-baafannee, mee amma bultee faaran nyaannee gara magaalaa Ficheetti haa qajeellu! Ilaamee, Oromiyaa bareedduu tana gara mirgaa fi bitaa keessanii ilaalatii itti-gammadaa! Oromiyaan teenya wanneen biyya tokko daran miidhagaa dha, jechisiisan hundaan daran gonfamtee, daran jifaaramtee argamti. Taa’umsi lafaa: baddaa, baddadaree fi gammoojjiin, laggeeni fi gaarran dirra ishii buburreessan, koonnolee, haroolee, harawwan, urufoota, goodalee, dirreewwan, baddadirreewwan (“plateaus“), caakkaawwan, bosonoota faa maal himneetu maal dhiifna? Meeqa himneetu lakkaawaa oollaa mitii, Waaqni Oromiyaa sassarareetuma, buburreessetuma baldhisee, gabbisee uummata Oromoo badhaadhaa kana badhaase.
Kuunnoo, gara harka mirgaatiin ganda beekamaa fi eebbifamaa kan Seegamal(“Dabra-Libaanos“) jedhamu agartu. Seegamal “gadaama” hedduu beekamu. Isa kan hundeesse ayyaantuu warra Habashaa kan “Takla-Hayimaanot” jedhamu. Akka manguddooleen Oromoo tokko tokko kanneen seenaa beekan himanitti namni kun Oromoo ture. Dabalees ilma qaalluu Oromoo kan ture. Inni ganda Ittisaa jedhamu kan naannoo Mojoo fi Manjaar (“Minjaar“) jidduutti argamutti dhalate. Booda massaa (sababa) hin beekamneen: “biyyaa-bayee gara Biyya Sidaamaatti godaanee qubachuun, yeroon booda waayyuu (ayyaantuu) isaanii kan baay’ee beekamu taye“, jedhu manguddooleen kuni. Seegamal kun kunoo wiirtuu Biyya Oromoo isa naannoo Salaalee keessatti argama. Seegamal bira yoo dabartan goodaa (“plain; prairie“) fi caffee fardeen kumni sonaan hedduu keessaa imimsitu, naannoo Jidda jedhamu dhaqqabdu.
QAAMADUBBII
Bara “durii durii” Dr. Alii Birraa:
                                                       “Salaalettan gulufaa
                                                       Jimmatti na baasaa karaan kunii
                         Nu lachuu alagumaa
                                                       Maa walitti booya garaan kunii?
Kan jedhetoo sirbe sun kunoo, dubara baddaa Salaalee ishii ilmi Oromoo Xilahuun Gassasaa “lookoo morma warqii” jedhuun san argitu. Akkuma Aliin keenya hime san garaan keessan “boowuu/ booyuu” jalqabe mitii-ree? Biyya Oromoo Salaalee lafaa margi, sa’aa namni isaa midhagaa kana daawwachaa adeemsa keenya garuma ganamaan baaneef sana, gara magaalaa Ficheetti haa xuruurru! Silaa  jechi Oromoo inni “fiche” jedhamu kun hiikkoon isaa maal akka tahe beektuu? Kanneen Waaqni gara-laafinaan uummata Oromoo fi Oromiyaa badhaase keessaa bineeyyii daggalaa gosoolii addaddaatu argamu. Isaan keessaa gosa: bosonuu, borofa, tigrii fi kurupphee(kurupphoo) faa ni yaadattu. “Fiche” tun dubrii (durbii) kurupphee fayi. Waan bakka amma “Fiche” jedhamu kanatti bineeyyin gosa kurupphee kun heddumminaan turaniif maqaan kun kennameefi. Magaalaa Fichee irraa yoo xiqqooshii gara kaabaatti deemtan laga guddichaa fi beekamaa Jamma-a ceetu. Laga kana ceetanii naannoo Oromiyaa beekamaa Darraa seentu. Ammas garuma fuulduraatti yoo deemtan biyya naannoo Oromoo Tuulamaa keessa kutuun naannoo Oromoo Walloo keessaa isa Booranajedhamu seentu. Wallo keenya yeroo biraa, karaa biraatiin dhaqnaatii amma qalbii fi sammuun keenya Salaalee biyya jangoota hedduu, biyya Taaddasaa Birruu fi biyya Agarii Tulluu faatti haa xiyyeeffamu!
Amma kunoo magaalaa Fichee (5) seennee jirraa, manneen hoteelaa barbaaddaddhaatii meeshaa keessan konkolaataa keessaa baafaddhaa! Marqaa fi cuukkoon Salaalee akkuma marqaa fi cuukkoo Arsii sonaan dansaa ajajachuu hin dagatinaa-kaa! Caccabsaa, shoorbaa foon hoolota Salaalee, farsoo garbuu baddaa Salaalee, ee nyaataa fi dhugaatii aadaa Oromoo kanaan daddhabbii irraa of-furaa! Sirba Salaalee kan Wasanuu Diidoo fi kan Laggasaa Abdii-tiin bashannanaa, shabannanaa! Silaa namoota Oromoo keessaa  kan dursee raadiyoo keessatti/ irratti sirbe, Wasanuu Diidoo akka taye beektuu? Jarana mee waan tokko akka hin irraanfanne. Erga asitti haara-baafannee booda gara magaalaa Garba Gurraacha-a (6) deemnee, asumatti deebiyuun as bulla. Kaanafan siree qabaddhaa isiniin jeddhe-kaa!
Kunoo, erga faaraan haara-baafattani mee amma gara Garba Gurraachaatti haa qajeellu! Kanaan dura maqaan Salaale jedhamu kun maqaa gosa Oromoo otoo hin taane, maqaa gaaraa tahuu isaa akeekkaneeti ture. Kuunnoo, Gaarri Salaalee kun amma karaa harka-bitaanii sirriitti isinitti muldhachaa jira. Gosoliin Oromoo kanneen Salaale keessatti argaman marti hortee Sadeen Tuulamaa ti. Heddumminaan kan naannoo kanatti argaman gosoolii: Kuyyuu, Yaayyaa fi Jaarsoo ti. Kunoo amma gara Laga Abbayyaatti xuruuraa jirra. Magaalaawwan Gabra Gurraacha, Tulluu Milkii (7) fiJaarsoo (8) /”Gohaa-Tsiyoon“/ keessa dabarreeti, isaan keessattis xiqqoo haara-baafachuun Laga Abbayyaa isa karaa kanaan daangaa Oromiyaa fi Biyya Amaaraa (Goojjam) jidduutti argamu dhaqabna jechaa dha.
Lagni Abbayyaa kun seenaa Oromoo fi seenaa hortee Kuush hundaa keessatti kan hedduu beekamu. Dur, ee gara waggaalee 5 000 (kuma-shanii) dura ilmaan Kuush Misira (Gibxii) Kibbaa fi Nuubiyaa (Sudaan Kaabaa) irraa ka’uun naannoo Gaafa Afrikaa kana qubatani. Laguma kana isa Oromoon dur Laga Mormor jedhuun qabataniiti as dhaqqaban jechaa dha. Kan Oromoon keenya laga kanaaf Abbayya (“Abbaa Yaa’aa“) jedhee maqaa baaseef seenaa kana nutti agarsiisa. Kana jechuun: “abbaa lagaa” jechuu dha. Amma erga Abbaa Lagaa fi Salaale keessaa isa karaa kanaan jiru, sirriitti daawwannee, gara Ficheetti deebiyuun achi bulla.
Mee amma, daddhabbiin wayii akka nutti hin dhagayamneefan sirboota Oromoo Salaalee kanneenin dur ijoollummaa kiyyaan: Walisotti, Bachoo fi Shaggaritti dhagayaa, sirbaa guddaddhee keessaan hamma tokko isiniif qooda. Beekaan seenaa fi gamnichi Oromoo lubbuun isaa haa eebbifamtuutii, Dhinsaa Leepphisaa barreeffata isaa tokko keessatti sirboonni Oromoo kanneen Oromiyaa Waltajjii danuun naannoo Salaalee fi naannoo Afran Walisoo irraayyi maddu jedhee ture. Kanaaf, sirboonni Salaalee kun naannoodhuma Salaalee kana qofaatti sirbamu jechaa miti. Dhugaa dha; sirboonni Oromoo daangaa gosaa fi daangaa godinaa irra qaxxaamuruun kanneen sirbaman ni jiru. Sirbi daran beekamaan:
          “Yaa okkotee damfii
          Kanan daaken marqaa
          Yaa tulluu gajjedhii
Naman yaaden argaa
!”
Kan jedhamuu fi kan hedduu beekamaa tahe, baddaa Barentuu naannoo Afran Qalloo-tti baafamullee baadiyaa Oromiyaa Waltajjii dhaqqaabuun jaalaan, jaalatamee sirbama. Amma gara sirboota baddaa Salaaleetti ceenee, afran isaanii callaa ilaalla:
      1) “Yaa Salaale, yaa Salaalee
          Biyya xoosanyiin daraaree
Yaa magaallee, yaa magaallee
          Siif garaan na makkaraaree
          Gara mana keessan laalee!”
      2) “Salaaletti galanii
Shugguxii maalee maal hidhatanii?
Magaallee jaalatanii
Dhukkuba lapphee maal himatanii
?”
      3)  “Mogor-mee mannin jiruu
Maal kan Mogorii ibsaa ibsuu?
          Keessan warri akkamii?
          Keenya akka loonii nama tiksuu!”
      4) “Yaa Kabaa duriin galtaa
          Amma maa galuu didde Shaggarii
Yaa garaa durin raftaa
Hardha maa rafuu didde halkaanii
!”
Sirbi Oromoo Salaalee sirbamee hin quufamu; dhagayamee hin nuffamu. Shagginnii fi bareedinni walaloota kanas raajeffatamaa dha. Maarree, Waaqni tokkichi, gurraachi garaa garbaa, leemmoon garaa taliilaa kun gaafa Oromiyaa teenya uumu san ittuma yaaduun, haara sirriitti baafachuun: lafaa-nama, sa’aa-marga, sirbaa-dubbii, arjummaa-qalbii, gamnummaa-jagnummaa, safuu-safeeffata, obsaa-gaarummaa fayiin jijjifaaree, goggonfee badhaase. Badhaadhina keenya kanaaf, uummanni Oromoo marti hooqubajechuu qaba! Kunoo, otuma kana walitti himaa, biyya abbaa keenyaa isa karaa kanaan jiru daawwachaa deemnuu, deebinetoo magaalaa Fichee seenuutti jirra. Akkuma duraan jedhame san asuma bullee sirriitti bayyanachuun, ganama waaree keessa (gara sa’aa 10) Finfinneetti deebina. Finfinnees waa turuun booda gara Sandaafaa, Bakkee fi Shanoo faa deemna.
                                                                                    Itti-fufa —!
==============   //   =============

Barreeffata kana kutaalee dabran ilaaluuf mee as tuqaa:

1) Kutaa Duraa
2) Kutaa Lammaffaa
3) Kutaa Sadaffaa
4) Kutaa Afraffaa
5) Kutaa Shanaffaa
6) Kutaa Jahaffaa

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

OMN:Sirna Eebbaa fi Saaqiinsaa FIB (Amajji 26, 2020)

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *