Oduu Haaraya

Korri Miseensota ABO Irroomsa Gadaa Oromoo fi Torban Dachee Iyyaafate

KORRI MISEENSOTA ABO IRROOMSA GADAA OROMOO FI TORBAN DACHEE IYYAAFATE.

(Oduu Caayaa Oromoo, 17 January  2014) Miseensoti ABO kutaa Australia kora waggaa miseensotaa fi hawaasa  Victoria magaalaa Melbourne keessatti  gaggeeffatan milkiin xumuran; ibsa ejjannoo murtiilee isaanii beeksisa illee baafatan.

SONY DSCKora miseensota ABO kutaa Australia Amajjii 10, 2014 waaree booda eegalame irratti akka ibsametti akeekni korichaa hojii jaarmiyaa kan waggaa darbee gamaggamuun kan bara dhufuf immoo karoora baafachuu dha.

Baniinsa Koraa kana irratti akka ibsametti ,miseensoti ABO konyaalee Perth, Adelaide fi Victoria irraa afeeraman argaman akka walbaran kan godhame  yoo ta’u, miseensoti haaromsa fudhatanis waadaa haaromsaa seenuun jaarmiyaatti dabalamanii jiru.

SONY DSCKora miseensota ABO Kutaa Australia Amajjii 11, 2014 guyyaa tokkoof gaggeeffame irratti hojiin waggaa darbee akkamiin akka raawwatame gabaasti mul’isu kutaa irraa dhiyaatee jira.  Gabaasicha irrattis mariin bal’aa fi gadfagoo gaggeeffamee jira.

Gabaasa dhiyaate irraa akka hubachuun danda’amutti, karaa madda dinadgee, hojii dipilomaasii fi karaa SONY DSCjaarmiyaa hojiin hojjatame hedduu jajjabeessa dha. Akkaataan gabaasti itti dhiyaates, ifaa fi qulqulluu dha.

Gama seeraa fi to’annoos haala qabiinsa maallaqaa fi adeemsa hojii irratti gabaasti dhiyaatee jira. Gabaasa sana keessattis akki itti hojiin hojjatamaa jiru kan darbe irra fooyya’iinsa agarsiisaa akka jiru eeramee jira.

Marii bal’aa booda gabaasti dhiyaate yaada mana keessaa itti dabalame waliin sagalee guutuun raggaasifamee jira.

SONY DSCKora Miseensota ABO kutaa Australia kana irratti J/Gaashuu Lammeessaa, MGS ABO fi Gaafatamaan Damee Odeessii fi Beeksisii ALaa, haala qabsoon bilisummaa Oromoo keessaa fi alaan itti jiru miseesnotaaf ibsanii jiran.

Jaal Gaashuun ibsa kennan keessatti ABO karaa hundaan qabsoon Oromoo jabeessee furgaasuuf hojii jabaatti akka jiru eeranii, keessayyuu miidhaa fi roorroo diinni ummata Oromoo irraan gahaa jiru hundee SONY DSCfuruuf ABO gama maraan qiyyaafatee hojjachaa akak jiru hubachiisanii jiran.

Marii bal’aa fi dheeraa booda miseensoti ABO kutaa Australia kunneen ibsa ejjannoo gamtaan baafatan keessatti qabsoo oromoo karaa hundaan akka jabeessanii furgaasan eeruun, dhibdee karaa addaddaa ummata Oromoo fi baiyyaa Oromiyaa mudachaa jiru xiqqeessuuf ABO seera Irroomsa Gadaa fi Torban Dachee ifatti akka labsu gaafatanii jiru.

Guutummaa Ibsa Ejjannoo: Ibsa Ejjannoo Kora Miseensota ABO Australia bara 2014Pdf

SONY DSCKorri miseeonsota ABO kutaa Australia kun Amajjii 12 immoo miseensotaa fi deeggartoota ABO naannoo Victoria jiran waliin gaggaeeffamee jira.

Kora hawaasaa kana kan banan J/Umar Osmaan, gaafatamaan ABO Kutaa Australia, ABO hojii kamiyyuu ummata waliin akkakhojjatu ibsanii, akeekni kora hawaasaas  dhmma dantaa ummata Oromoo irratti waan dhaabni hojjachaa jiru hawaasaaf ibsuu fi gaaffilee hawaasaaf immoo deebii malchiisu kennuu, akaksumas hawaasti damamqinaan qabsoo keessatti akak hirmaatee qooda isaa gumaachu jajjabeessuuf ta’uu akeekan.

SONY DSCSONY DSCKora kana irratti hojii ABOn itti jiru ilaalchisuun J/Gaashuu Lammeessaa, MGS ABO fi gaafatamaan Damee Odeessii fi Beeksisii Alaa” ibsa bal’aa kan kennan  keessatti ABOn yeroo qabsoo eegale irraa kaasee waan faayidaa fi dantaa ummata Oromoo  miidhu kamiyyuu qabsoodhaan irra aanaa jiraachuu ibsanii, yeroo ammas  qabsoon kun daran jabaatee akka jiru addeessaniiru.

“ABOn qawwee kan lafaa kaase dirqamee ti,”  kan jedhan J/Gaashuun, ” qaawwee kanas kan deebisu, yoo gaaffiin ummata Oromoo deebiia rgate qofaa dha, jechuun ejjannoo ABOn mirga ummta Oromoo karaa hundaan eegsisuuf qabu ifatti mirkaneessanii jiran.

SONY DSCAkka Jaal Gaashuun ibsanitti, ABO mirgaa fi faayidaa ummata Oromoo eegsisuuf karaa hundaan qabsoon gaggeessaa jiru  hariiroo fi kallattii ABO kan masakuu dha. “Mootummaa Itoophiyaa waliin hariiroon jiru, hariiroo qabsoo ti. ABOn haga mirgi ummata keenyaa hin kabajamnetti sirna garboomsaa kamiyyuu waliin araara uumuuf hin deemu; araarri kan dhufu, mirgii fi dantaan ummata Oromoo yeroo kabajame qofaa dha; Bilisummaan Oromoo yeroo dhiibbaa tokko malee murtii ummataan furmaata argatuu dha.”

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …