Oduu Haaraya

KULKULFATA – ASOOSAMA

Barreessaa:- Saphaloo Kadiir

KUTAA LAMMAAFFAA(2)

Mooraan koollejjichaa yeroo dheeraaf faanaa fi hafuura namaa dheebottee turte, torbaan kana namoota umrii garagaraa kan kutaa Oromiyaa keessaa walitti dhufaniin guutamtee jirti. Kottee fi hafuura namaa kan dharra’aa turteefiis dharraa bahaa waan jirtu fakkaatti. Mukkeen magariisni mooraa keessatti argaman humna qilleensaatiin bitaa mirgaa yoo raafaman, madigummaa irraa bahani michuu baayyee argachuu isaanitti gammadanii shaggooyyee shanii galanii, waan barattoota simachaa jiran qofa osoon taane barattoota Harargee kan shaggooyyeef haareya hin tahin bashannansiisaa, kan godinoota biraa irraa dhufan ammo aadaa harargee waan barsiisaa jiran fakkaatu.

Keessattuu, waddeessi guddaan kutaa mana galmee fuulletti argamu san dirqama isaa qixa sirriin bahaati jira. Gaaddisa isaa qabbanaawaa marga caffeetiin afamee jiru sanitti caayaa isaa bal’ifate qilleensa dada harganaa ilmaan oromoo keessummessaa, waliis barsiisaa jira. Barattootni kaaba, kibba, bahaa, dhiha Oromiyaa irraa dhufan gaaddisa isaa jalatti wal gahanii yoo waliin haasawaa tatta’an abboottii gadaa odaa jalatti baallii wal harkaa fuudha jiran fakkaatu. Inumaatu odaa quxisuu seena qabeessaa, ummata oromoo biratti kabajaa guddaa qabu, godinuma lixa harargee keessatti argamu fi kiloometira muraasa magaalaa Ciroo irraa fagaatu ‘Odaa Bultum’ kan nama yaadachisuu dha. Barattootni hundi kallattii garagaraatii haa dhufan malee ilmaan abbaa tokkooti. Hundi isaanii afaan oromootiin haasawuun isaanii salphatti akka walii galan taasisuu qofa osoon taane, guyyuma tokkoo fi lamatti walitti dhiheenyaa fi walii galtee isaani kan ture fakkeessee jira. “Oromoo wal garsiisan malee, walin barsiisan..” makmaaksa ja’u laaftumatti namaaf hiika, qabatamaan namaafiis mirkaneessa.

Guutu guututti dhoorka tokko malee tahuu baatulle, hanga tokko seenaan, aadaan, afaanii fi maqaan saba bal’aa jaarraa meeqaaf awwaalamee, ukkaamamee, bittinnaa’ee sadarkaa du’aa gahee ture deebi’e dirretti bahuuf muuxachaa jiraachuu isaa kan calaqqisaa jiru tahuu wanni mul’isu tokko tokko hin dhabamu.

“Waaqayyo galanni isa haa gahuu! Mooraan foolii oromo, oromoo urgoofteetti.” Ja’e kan haala kana mara halaala dhaabbatee taajjabaa ture Barsiisaa Gammachuu Daadhii. Seenaa abbaa isaanii irraa gaafa daa’imummaa isaa dhagayaa turee san yaadatee.
“Manguddoonni, hayyoonni, gootoonni oromoo osoo hangana illee calaqisa ifa jijjiirama hin argin akkuma hawwaniin garaa dachee galan yeruma tokko deebi’ani haganuma’illee osoo arganii gammachuun isaani hagam taha laata? Ja’ee, ifumaaf if gaafate, akkuma mukatti irkatee dhaabbachaa jirutti.
“ Lakkii! … lakkii!” jatteen sammuun isaa gam tokkeen yaada mormii fiddee.
“Iihh…!” ja’e akka waan sagalee wahii dhagahee.
“ Kuni wanta nama gammachiisu hin qabu. Inumaayyuu isaan gaddisiisuu dandaha. Yoona isaan bilisoomnee jirra sehu. Nuti garuu….. “ sammuun yaada mormii anaannattu yoo iilkaa tarreessuu jalqabdu,
“Eeyyee dhugaa! Amaanaa abbootiin nutti kennan nuti lafatti gannee hanga arraa irree alagaa jalatti gad qabamnee jiraachuu keenya yoo beekan baayyee nutti gaddu.” Ja’ee hidhii xuuxxachaa.

Gammachuun akkuma hojjattoota biraa barsiisummaadhaan baranuma koollejji BLTO Cirootti ramadame. Inniis akkuma barattootaa, mooraaf keessummaa dha. Mooraaniis isaaf haareya. Harka maratee muka bahar-gamoo tokkotti irkatee dhaabbatee haala mooraa keessaa cufa qalbiin hordofaa ture. Osuma yaada mormii sammuu isaa keessaa wal falmu jala deemuu dubbiin if duuba deebifte. Tasa yaadaan sokkee mooraa keessaa bahee fagate qe’ee warra isaaniitti gale. Geeyrarsa abbaan isaani obbo Daadhiin ganama ganama geeyraran yaadate.

“Boqqolloo qonnaan badee,.. yaa ijoollishee,
Garbuu qonnaan maseenee,
Yoggaas maa wallaaltanii,
Yoggaas maa wallaaltanii,
Akka waa nu aseenee,
Dambalii lamuu gadaa,…. yaa ijoollishee
Ganda yaa baabbii sayyoo,
Arganii dhabuu kana
Nu baraari waaqayyoo,
Nu baraari waaqayyoo…..” jachaa geyrarsaan aada.

Gaafa garii ammoo:-
“ Inxooxxoo dhaabbatanii,… yaa ijoollishee
Caffee gad ilaaluun hafee,
Finfinnee loon geeysanii,
Hora obaasuun hafee,
Tulluu daalattiirratti,…… yaa ijoollishee
Yaa’iin gullallee hafee,
Gafarsatti dabranii,
Qoraan cabsuun hafee,
Hurufa boombiirratti,
Jabbilee yaasuun hafee,
Bara jarri dhufani,…. yaa ijoollishee
Loon teenyaas dhumanii,
Idda masasaan dhufe,
Birmadummaanis hafe….” jachaati anaannata geeyrarsaan.

Obbo Daadhii Danboobaa geeyrarsi, maakmaaksi, seenaan keessaa hin dhumtu. Keessattuu geeyraruun isaaf soora. Geeyraree hin quufu. Ganama barii ka’ee gaabii isaa hoomacha fakkaattu san uffatee mooraa keessa barcuma irra ta’anii waytii geeyraru nama dhagahuuf manguddoo waggaa saddeettamaa osoon taane qeerroo ganna soddomaa fakkaatu. Sagaleen isaanii yeroo kaan haasawu dadhabdee hollattu yeroo geeyraranii fi seenaa isaanii haasawan humna addaa godhatti. Akka sagalee leencaatti bookkifti, akka qotiyyoo quufeetti barooddi. Yoo abbaan isaanii akkanatti geeyraru Gammachuun dhageeffachuu jaalata. Garuu maaliif akka geeyraru beekuullee baatu akkaataan abbaan isaanii itti geeyraran kun qalbii isaa hatee dhageeffata ture.

“Gatamaattin irkatanii… yaa ijoollishee,
Gatamaattin irkatanii,
Booyyeen laga galti,
Gantuudhaan mari’atanii,
Booddee namat malti,
Warri miila kabeelaa,….. yaa ijoollishee,
Biyya keenyat as adeemaa,
Warri taaytaa qabatee,
Warri aangoo ball’atee,
Ashkariif nu kajeela,
Du’i hin taanu ashkarii,
Biyyaallee baana malee,
Biyyoollee taana malee……” jachaa dhaadata, waan dabarsees yaadata ture, abbaan Gammachuu.
Bakkuma dhaabbatutti kana hunda yaadatee;

“Hayyuu akka isaanii osoo waa takka irraa hin barin dhabuun nama gaddisisa.” Ja’e, akkuma yeroo biraa yaadaan gaddaa garaa keessatti if komachaa, Gammachuun
“Osoon jalaa barreessee amma maal akka tahe sirrittiin hubadha ture.” Ja’ee ammaas sagalee baasee. Abbaa isaanii kan waggaa dheera dura du’an deebisee jiraachisee, jechoota mimmi’aawoo fi sagalee miidhagduu suura qabeessa saniin yoo waan baayyee seeneessuuf ija qalbiitiin fagotti laalee, akka waan ammatti gurra dhaabee yaadaan dhageeffata.
“Osoo hanga har’aa jiraatanii maal qaba?” ja’ee gaafii deebiin qabne if gaafata. Abjuu bara dheeraa hawwiin abjoota.

Obbo Daadhiin, ilma isaanii quxisuu kan tahe Gammachutti, seenaa baayyee himaa turan. Garuu inni yeroo san ijoollee waan taheef seenaawwan garii, oduu durii, sheekkoo fi kan kana fakkataan hanga tokko malee wanti abbaan isaani itti himan hin galuuf ture. Kanaaf irra baayyee seenaa sanii amma waan hin yaadanneef yeroo hunda “Osoo jalaa barreessee maal qaba..” ja’ee sheenawa.

“Biyyoon itti haa salphatu.” Ja’e callisa. Sagalee baasee dubbachuu haa baatu malee sammuu isaa keessatti yaada baayyee oliifi qabee, buusee baasaa ture.
“Har’a kophatti baatee maal yaadaarta ammoo, Gammee?” barsiisaa qal’aa, dheeraa wajjumaan ramadaman tokkootu dhufee Barsiisaa Gammachuu yaada keessaa dammaqse.
“Hey..! Badhee! Maalaan yaada jatteeti? Mooraa nuuf haarawaa kanaan ilaalaa jira kunoo..” ja’e gara Barsiisaa Badhaasaa fuulaan garagale.
“Akkamitti argiteree mooricha?” ja’e gaafii kaase Barsiisaa Badhaasaan.
‘Human jadhu dansaa dha. Garuu xinnooshee mooraa waraanaa wahii fakkaata malee.” ja’ee, Gammachuuniis.

Gammachuu fi Badhaasaan Universitii Haroomaayaatti ogummaa qonnaa kan baratan yoo tahu yeroon isaan baratan garuu garaagara. Waggaa shanan arraa jachuuniis, Gaafa Gammachuun universiticha galu Badhaasaan eebbifamee bahe. Badhaasaan waggaa shan kan hojjatee yoo tahu Gammachuun garuu amma reefu wagga tokko xumuruu isaati. Umriin hagas mara addaan hin fagaatan. Nama ijaan laaluuf garuu Gammachuun qaaman xiqqo irra furdaa waan taheef umriiniis hanga tokko waan caalu fakkaata. Hojii barsiisummaa isaan lamaanuu baranuma jalqabuu isaaniti.

Kan wal baran garuu eeguma koollejichatti ramadaman tahuulle nama wal barnoota yeroo dheeraa qabu fakkaatan. Gammachuun wallagatti, Badhaasaan shawaatti kan dhalatanii guddatan. Amma mooraa tokko keessa mana kireefatanii waan galaniif yeroo baayyee galgalaas waliin taphatuu. Wanni wal isaan fakkeessaa baayyee dha. Dhimmoota garagaraa irratti yoo waliin mari’atan yaadaa fi ilaalchi isaanii mul’ata wal fakkaataa qabaachuun daran hariiroo isaanii cimse. Yeroo garagaraa tahuus yaadannoo fi mudannoo lamaanuu iddoo wal fakkaatatti qaban mooraa universitichaa waan taheef mudannoo isaanii haasawanii koflan ture. Keessattuu Gammachuun yeroo dhihootti waan yaadatuuf isaatu haasawa waa’ee universitii kana kaasa.

“Jireenyi mooraa universitii baayyee kan na dinqisiisuu dha beetta?” ja’ee, galgala tokko osuma waa’ee mooraa univarsitii haasawaa jiranii, Gammachuun.
“Akkamitti?” yoo Badhaasaan ja’uun, itti fufe.

“Universitii keessatti jireenyi gaarii, hamaa, gammachiisaa, gaddisiisaa, mi’aa fi hadhaa kan makatee dha. Jiruu fi jireenyi moorichaa bosona bal’aa biqilootaa fi bineensoota addaa addaaatiin guutamee natti fakkaata beetta?”

“Yoo jattu?” ja’een Badhaasaan mooraa univarsitii bosonaa waliin wal fakkeessuun isaa ajaa’ibsiisee.

“Akkuma bosona keessa biqiloonni qorichaaf tahaniis tahee kan summii tahan jiran, bineensootaas yoo ilaalle kan nama fayyadanii fi kan nama miidhaniis jiruu, universitii keessaas wantootaa nama fayyadanii fi kan nama hin fayyadnees iddoo itti argamuu dha.” Ja’e, Gammachuun falaasama isaatiin deeggaree.

“Eeyyee dhugaadha!” ja’e Badhaasaa amma dubbiin galeefi. Itti fufe
“… Jireenyi universitii yaadannoo fi mudannoo baayyee qaba. Hundaafuu jireenyi keessa darban martinuu gaarii fi badaaniis daandii jireenya keessa as dhufte kan si yaadachisuu tahu qofaaf osoon tane mudannoo fi muuxannoo mataa isaa kan nama gonfachisuu dha” ja’ee, Badhaasaaniis yaaduma isaa cimseef.

Universitii Haroomayaa namni seene barnoota qalamaa fi ogummaa qofa osoon taane jimaa qama’uus kan itti baratuudha. Barataan moora universitii Haroomayaa seenee qamaatii osoo hin baratiin bahee ni jira jachuun nama hin fudhachiisu.jiraatuus muraasa. Kan duraan jimaa balfuu fi akka amala gadheetti hubatu hundi ‘fuqraayii’ taheeti kan eebbifamuu. Sababa malee miti. Yeroo qoruumsi gahu qo’annaan waan cimuuf barataan kamiyyuu hirriiban moohamuu diddaaf baala tokkoofi lamaan tuttuquu eegala. Achumaan muuxa isaa itti hambifata jimaaniis. Namni gariin eega eebbifamee bahe ni xiqqeessa, hangi tokko kan guutumatti dhaabuus hin dhabamu.
Yeroo jalqaba qamaa’uu eegalan namni san dura hin beeyne kan mudanno aja’iiba jimaa irratti hin qabne hin jiru. Badhaasaaniis waan jimaan guyyaa jalqaba qama’e jimaan isa mude yoo yaadatuu akka maraatattii kofla.
“Mudannoon yoomiyyuu hin daganne maali beetta?” ja’e. osoo hin eegalin kofla dursee.

“Maali inni?” ja’e,Gammachuunis sesseeqaa.

“San dura qaamee hin beeku ture. Ergan universiticha seenees waggaa tokkoffaa hin qaamne. Waggaa lammaffaa seemisteera boodaa jaalalli intala wahiirraa na qabee barnoota na jibbisiisee osoon hin qo’atin yeroon qoruumsaa yoo na jala gahu waantan godhuun wallaale. Hiriyaa tokkoon qaba mucaa harargeeti. Isaan mari’annaan caati yoon qaame waa mara dagadhee qo’annaa qofarratti akkan xiyyeeffachuu danda’uu natti himnaan isaa faana sa’aa booda gara magaalaa Baatee yaane. Caatii birrii digdamaa dhunfaa kootti bitadheen qaamuu eegalee kaa. Haga duraa natti toluu didee jannaan kooka fi loozaan akkaan qaamuu natti hime. Yoon caatii hangaan bitadhe xumuruu nafti koo guutuun akka malee na hollachuu jalqabee. Waantan godhuufi dhiisuu wallaaleen ka’ee isaan dhiisee bira bahee.…” yoo inni jadhu,

“Qis… qis…qis..!” Kofla.. “Eessatti deemuuf?” ja’ee gaafatee, Gammachuun. Inniniis mudannoo jimaa waan qabuuf baayyee kofle tan isaatiis yaadatee.

“Eessatti akkaan deemu waanin beeku hin qabu. Dafqa akka lolaatti nafa koo irra lola’u fuula koo irraa haxaa’aan bahee lixe. Ergaan takka gara magaalaa Haroomayaa qajeeleen of yaadadhee gara moora deebi’e. san booda doormii koo eenyu natti haa himuu. ani doormi koo dhiisi ofii kotuu wallaleen jira. Doormii dubartootaa seenuu koo dubartoota wacaniitu na yaadachiise. Yoon rifadhee achii deebi’uu gamoo warra dhiira kaniin hin seenin hin qabu. Namni martii haarawa natti tahee osoon oliif gadi jooru mucaa dormii waliin galluu tokko na argee qabee dormichatti na galchee. Ani garuu cal’isee hin teenne. Boorsaa koo qopheeffadheen yeruma san gara maatii kootii deemuuf qophaa’e beetta?” ja’e Badhaasaan jiddutti koflaa.

“qis..qis..qis….!! maaliif, gara maatii keeti deemta ammoo? Qorumsaa hoo? ammaas ni kofla, gammachuun.

“Maatii koo fi firri koo martii waan na jalaa dhumaan natti fakkaatee kaa! Yoo ijoolleen na qabanii eessatti deemta jadhanii na dhoorgan imimmaan ija koo guute boohuu jalqabe. San booda bishaan qoorraa natti naqanii achumaa hirriibni na fudhatee sokke. Ganama yoon dammaqu hiriyyoonni koo marti baayyee natti kolfu turan.” Ja’ee yoo inni xumuruu, gammachuun baayyee koflee gangalate.

Guyyaa boqonnaa isaan lamaanuu ni qama’an. Eega qama’an boodaas waan baayyee haasawu, niis mari’atu. Gaaffiin yeroo hunda kaasanii if gaafatan ammoo “Namni barate ja’amu tokko saba isaatiif maal maal hojjachuu dandaha? Akkamitti yoo hojjate deebii hawaasa isaa deebisuu dandaha?” kan jattu dha. Keessattuu Gammachuun wa’ee saba isaa Oromoo hedduu itti dhimmamee cillaayfatee haasawa. Gaafilee deebii dhabde baayyee keessa isaatti hammatee itti ittana. Haala itti hojiirra oolchuus tooftaa baasee hojiirra oolchuuf saksaaka. Namoota yaadaa fi ilaalcha akka isaa ulfaa’ee jiru yoo argate baasee itti haasawa, hadhaa keessa isaa jirtu diddigee firraa baleeysa. Wanni isaa fi Badhaasaa dafee walii galchee fi hariiroo gaarii qabaachisees kanuma. Badhaasaaniis yaada isarraan addaa qabaachuu baatullee garuu akeekaa Gammachuu kana baayyee dinqisiifata. Yoo Gammachuun wantoota mooraa Universitii keessattiis tahee waggaa tokkicha hojiirra ture kana hojjate taphachiisu waggaa shan guutuu hanga hojiirra ture kana akka nama humaa hin hojjatiniitti if laala Badhaasaan. Amma garuu waan waliin karoorfatanii fi wixineeyfatan hedduu qabaatanillee akkaataa itti hojiirra oolchan karoora baafachaa jiran. Karooraa fi wixaneen isaani maali laata?

==============ITTI FUFA=============

Hubachiisa:- Asoosamni kutaa 3ffaa kan itti fufu yoo ‘like’ fi ‘share’ 500 ol argameedha. Yoo like fi share 500 guyyaa tokkotti argamees hoggaasuma itti fufa. Yoo ji’a tokkotti argamees akkasuma. Galatoomaa.

Yaada, komii fi sirreeffama yoo qabaattan akkasuma odeeffannoo dabalataaf tessoo argaam gadii kanaan nu qunnamuu dandeessaan:-

Barreessaa :-
Saphaloo Kadiir (Abdulbaasix)

Teessoo:-
Email:- ak23873@gmail.com.
Lakk. Mobayila:- +254707482480
Skype:- firanboon

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa hin taane: Xiinxala seeraa

( Ogeessa irraa kan naaf ergame) A. Manni maree ministeerotaa har’a imaammata afaanii irratti marii’atee …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *