Oduu Haaraya

Manni hidhaa tokko yoo diigame malee deebi’anii keessatti hidhamuun hin hafu

 

 

Abdii Boruutiin

 

Dubbiin akka mata dureetti dhiyaate kun hiikni isaa mormisiisaa ta’uu mala. Maaliif yoo jedhame, manni hidhaa amma jiru tokko yoo diigame, kan biraa haaraan ijaaramuus waan danda’uuf, isa haaraa kana keessattis hidhamuun waan ooluu miti; kanaaf kun hiikkaa hin qabu kan jedhutti waan nama geessuufi. Dhugaa dhas; dubbiin akkuma namni ilaalu fi hubatutti hiikamuu danda’a. Kan ijaaramee jiru keessattis ta’ee kan gara fuulduraatti haaraa ijaaramu keessatti warra hidhamuuf garaagarummaa hin qabu. Bareedee ijaaramullee manni hidhaa manuma hidhaati. Haa ta’u malee, wantan dhimma kana kaaseef sababan qaba. Yeroo baay’ee warri bilisummaa sabootaatiif ykn uummatootaatiif qabsoofna jedhan, “Impaayarri Itoophiyaa tun mana hidhaa sabootaa ti” jedhu. Akkuman dursee ibsuu yaale, imaayarittiin mana hidhaa sabootaa taate tun, hanga diigamtee sabootni achi keessatti hidhamanis walaba hin taanetti; deebitee haaromtee kan ijaaramtullee yoo taate, manni hidhaa manuma hidhaa waan ta’uuf uummatootnis deebi’anii keessatti hidhamuun isaanii hin oolu. Dhugaa kanatu akkan mata duree kana kaasu na taasise.

 

Maarree, namni waayee mana hidhaa tokkoo beeku, manni hidhaa kan biraa tokko fooyya’ees kan ijaaramu yoo ta’e, warra hidhamuuf jijjiirama akka hin qabne akkamitti hubachuu dagata? Ani akkan ilaalu fi yaadutti, impaayarri Itoophiyaa tun sirna ishii diiguu qofaa otuu hin taane, sirnas ta’ee teessoodhumti ishiituu hundeedhaan yoo diigame malee sabootni achi keessa jiran bilisummaa dhugaa waan argatan natti hin fakkaatu. Uummatni biyya ofii keessatti tuffatamaa; qabeenyi isaa saamamaa; ijoolleen isaa hidhamaa, dararamaa, ajjeefamaa waggaa dhibba tokkoo ol gadi-aantummaa keessa jiraachaa ture fi jirus, akkamitti lammii biyyattii dhiigaan ijaaramte tanaa ta’ee jiraachuu danda’a? Akkamitti eenyummaa ofii dhiisee kan namni biraa ittimaxxansuuf deemu fudhata? Uummatni Oromoo kan har’allee jaarraa 21ffaa keessatti biyya ofii keessatti dararamaa jiru waan irra gaye fi gayaa jirus hundaa hirraanfatee; Oromummaa dhiisee Itoophiyummaa ni fudhata jedhanii yaaduun gamnummaa dha moo ofis uummatas gowwoomsuu dhaa? Har’a yeroo Oromummaa fi Sabboonummaan guddachaa dhufan kanatti uummata keenyaan kana sii wayya jchuun booddeen isa maala akka ta’u hubatuu?

 

Warri bilisummaa sabootaatiif qabsoofna jedhanii asii fi achi fiigan, beekaniituma xiiqiidhaan yookaanis aangoo qabachuuf hojii sabootaaf jijjiirama hin fidne kan dalagan yoo ta’e malee, dhugumatti manni hidhaa kun otuu hin diigamne sabootni achi keessa jiran bilisa bayuu hin danda’an. Karaa tokkoon, natu sii beeka fi si bulchaan algaa uummata Oromoorraa hafuu qaba jechaa; karaa biraatiin garuu kan siif ta’u nutu beeka; kana siif wayyaa isa fudhadhu jechuun waan walfaallessuu dha. Hiree ofii kan murteeffatu uummaticha bal’aa dha malee, namni tokkooyyuu murteessufii hin danda’u. Ana kan naaf hin galle, warri Itoophiyaa diimookraatessinee; achi keessatti mirgi uummata Oromoo kabajamuu danda’a jedhan, filannoo kana uummata bal’aa Oromoo gaafataniiti moo akkuman duraan jedhe nutu siif murteessa jechuufii? Oromummaa yookaanis lammii Oromiyaa dhiisiitii Itoophiyummaa fudhadhu jechuun isaanii dammaqinsa uummata keenyaa tuffachuu hin fakkaatuu? Sadarkaa bilchinni Oromummaa fi Sabboonummaa har’a irra gaye wallaalaniiti moo numatu beekaa dha, numatu waa siif godhuu danda’a jechuudhaan oftulummaa agarsiisuu dhaa?

 

Jaarmayootni Oromoo, kan duraan ijaaramanii jiranis ta’ee kan yeroo ammaa haaraa labsame, kan impaayarittii tana diimookraatessinee bilisummaa Oromoo fidna jedhan, hunduu sadarkaa Sabboonummaa uummata keenyaa keessumaayuu kan dhaloota haaraa (dhaloota Qubee) waan hubatan natti hin fakkaatu. Keessumaayuu warri biyya alaa jiran hammuma uummata bal’aa Oromoorraa fagaatanii jiran sana, sammuudhuma bar-kurnee lama duraatiin waan yaadan fakkaatu. Dammaqinsi uummata keenyaa fi guddinni Oromummaa achuma dhaabbatee baakkeedhuma dur sanatti hin hafne. Yaadni fi ilaalchi uummatni keenya qabu kan biraa ti. Har’a warri baratan hafanii kan barumsa hin qabnellee, qonnaan bultootni Oromoollee waan isaan yaadani fi dubbatan baay’ee nama dinqa. Jaarmayaa amma haaraa labsame Adda Diimookraatawa Oromoo (ADO) ilaalchisee, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, kun har’a otuu hin taane otuu bara 1991 dura ijaaramee turee, tarii sammuu namootaa jijjiiruu danda’a ture. Har’a laafullee kan sammuu fi onnee Oromoo keessa jiru ABO qofaa dha jedheen amana. Har’a uummatni keenya kan barbaadus akka mooraan QBO cimu malee jaarmayaa haaraan akka ijaaramuu miti.

 

Akkuman kanaan duras irra deddeebi’ee ibsaa ture, abbaan fedhe karaa itti amanuu fi danda’uun qabsaayee uummata keenya gabrummaa jalaa baasuu kan danda’u yoo ta’e ani akka ilma Oromoo tokkootti kanarraa rakkoo hin qabu. Karaa itti amanuun yoon jedhu garuu tooftaa fi tarsiimoo barbaadutti fayyadamee qabsoo kana cimsuu ni danda’a jechuu kooti malee kaayyoon gootonni keenya itti wareegamaniif dagatamee projektiin hin milkoofne haa yaalamu jechuu kiyyaa miti. Itoophiyaa diimookraatessuu jechuun mana hidhaa jiru diiganii kan biraa haaraa ijaaruu jechuu dha. Hidhamtootaaf (sabootaaf) garuu, hanga walaba ta’anii, waan ofiif barbaadan sana hiree ofii ofumaan murteeffachuu hin dandeenyetti; hanga waan siif ta’u nutu siif beeka jedhanii isaaniif murteessuun yaalamutti; wanti jijjiiramu waan argamu natti hin fakkaatu. Kun ilaalcha fi amantaa kiyya dha. Haa ta’u malee, ammas gaafiin kiyya: Warri Itoophiyaa diimookraatessinee bilisummaa Oromoo argamsiisuu dandeenya jedhan, kaayyoo kana walsaamuu dhiisanii; erga maqaa Oromootiin ijaaramanii fi socha’anitti humna, qabeenya fi dandeettii gara gara hiruurra;  humnootni Oromoo ilaacha tokko qaban akka jabaatan maaliif tokkummaa kaayyoo hin ijaarre? kan jedhu dha.

 

Gaafii walfgakkaataan kun warra walabummaa Oromiyaatiif qabsoofna jedhanis ni ilaala. Isaaniis taanan akkasuma gara garatti hiramanii humna ofii dadhabsiisuurra maaliif tokkummaa kaayyoo hin uumne? Maqaadhuma bareedaa uummatni Oromoo jaalatu qabatanii jijjiirama tokko otuu hin fidin taa’uun isaaniifis ta’ee uummata keenyaaf bu’aan argamu hin jiru. Kanaaf, tokkummaan kaayyoo gama hundaanuu barbaachisaa dha. Yoo kun hin taane; yoo jijjiiramni tokko hin mul’ane, ammasa gara fuulduraatti gareeleen ykn jaarmayootni haaraan uumamuun isaanii waan dhaabbatuu miti. Kun ammoo uummata keenyaaf afaanfaajjii guddaa uuma. Jaarmayaan tokko hojiidhaan kan biraa caalee argamuun barbaachisaa dha; garuu akkuma makmaaksi Oromoo “Namni mana tokko ijaaru citaa wal hin saamu” jedhu, kaayyoo qabanis walsaamuun bu’aa hin qabu. Waan waliin ijaaruu barbaadan sana yoo tumsa waliif ta’anii walumaan ijaaran xumuruu danda’u.

 

Dhumarratti, jaarmayaa haaraa ijaarame ADO ilaalchisee, gaafii fi deebii Radio Marii Obboo Leencoo Lataa waliin godhe dhaggeeffadheen wanti tokko na dinqe. Akka ilaalcha kiyyaatitti, deebii Obboo Leencoon gaafiilee dhiyaataniif kennan dhugumatti quubsaa miti. Kan nama dinqu dubbii waliin dhayuu isaanii ti. Walabummaan Oromiyaa barbaachisaa miti jechuuf aggaamanii; deebi’anii ofqusachuudhaan “dirqii miti” jechuun ejjannoo sirrii ta’e hin agarsiisu. Erga hin oollee, erga Itoophiyaa diimookraatessuun kaayyoo ifaa isaanii ta’ee, maaliif guutumaa guututti barbaachisaa miti jechuu sodaatan? Ofqusachuu maaltu fide? Warra har’a miseensota Koree Hojii Raawwachiistuu jedhamanii ramadaman keessa warri kanaan dura Adda Walabummaa Oromiyaa (AWO) jedhanii jaarmayaa ofii dhaabbatanii turan, ilaacha fi kaayyoo sana hundaa dhiisaniiti walabummaan Oromiyaa hin barbaachisu ykn dirqii miti jedhuu? “Buddeenni gaariin eeleerratti beekama” jedha Oromoon. Walabummaan Oromiyaa haa hafuu, mee uummata keenyaa gabrummaa jalaa baasuu kan danda’an yoo ta’e, jabaadhaa Waaqni isin haa gargaaru jechuun barbaada. Garuu manni hidhaa tokko akkuma jiruitti yoo diigame malee, haaromees yoo ijaarame deebi’anii keessatti hidhamuun waan oolu natti hin fakkaatu.

 

Galatoomaa!

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

PP and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

By Dr. B. K. DERESSA Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *