Oduu Haaraya
mayyuu

Mayyuu fii Qumbii Keeysattii Wayyaanee Gochaan isii Saaxil bahuun hedduu aarse

10/6/2013
Duula shanyii duguugisa farra ilma namaa kan Qumbii fii Mayyu keeysatti geggeessaa turte kan saaxilamu hin seene. maaliif ? Naannoon tun Magaalota gurguddaa fii karaalee gurguddaa makiinaa irraa fagoo waan taateef oduun Oromoota biyya alaa jiraniifii warra addunyallee ni geessi ja’anii hin yaadan.Kun ammoo tahuun: Gochaa faashistummaa kan isiin guyyaa guyyatti ummata naannoo tanaatiifii qabeenya isaa irratti raawwataa turte,media gara garaa irratti dabruunii fii haala san laalchisee ibsi ammaa amma kennamuun hedduu rifachiise,ni aarseesi.
Kan biraa Ummanni keenya gootichi qawwee fii rasaasa hin qabne, qawwee takka takkaa qabutti firii bitatee humna Diinaa ka waa hundaan qophii guuttate, jeeynummaa daangaa hin qabneen yeroo dheeraaf dura dhaabbatee ifirraa ittisuun,Wayyaanee baayyee ajaa’ibsiise. Kanarraa kan ka’e humana isii cimaa-Ittisa Biyyaa jettuun fiddee achitti kad nayxe.Humni kun eega achi dhufee maal godhe? wanni godhe akka armaa gadii kana:
1,Liyuu Police fii waraana Killilii shanii (5) tiin asii badaa je’eenii ifii bakka sun bu’e. osoo oolee hin bulin, ummataan qawwee hiikkaadhaa nagayaan jiraadha je’eeni. Ummanni kun gurra nu-n seenu je’eenii jalaa callise. Xiqqo bubulee Hayyoota,Manguddootaa fii Dargaggoota walumaa galatti namoota 37 hidhatti guure. Namoota garii mataa matatti Birrii Et 15000. irraa guurratee gad-dhiise. warri hin kenninin hidhatti hafan.2, Maallaqa ummanni naannoo Magaalaa Huusee walitti buusii buufatee kaayyate, Birri ET 100,000 dirqiin irraa fudhate. 3.Amma-ammo nama oduu teenya alatti erguudhaan nu saaxilee nu qaaneyse ( salphise) fidaa je’ee (jedhee) Ummata hiraarsaa jira. Halkaniifii Guyyaa ganda keeysa deemee, nama Abalu (ibalu) jedhamu fidaa yookaa bakka inni jiru himaa, isaatuu saaxil nu baasee je’ee namoota fira isaa uleen tumee hidhatti guuraa jira

4.Karaa biraatiin warri bulchinsaa, bulchaa Ona Mayyuu nama Soomaliiti godhaniifi.Namni kun Gosa Hawwiyyaa tan amma Mayyu keeysatti ummata keenya, liyuu policefii Waraana Killilii Shanii (5) wajjiin Gorra’aa, Ibiddaan gubaa Ona (Biyya) isarraa buqqiftee Mayyu qabatuu barbaaddurraahi.Gosa tana maqaan isii waraarjeelle je’ama.
Oduu nama gaddisiisuufii nama aarsu.
Dargaggoo Umriin isaa bara 28tii Ali Nuur Abdullaa Gajaa ja’amu baatii july 12-15,2013 GOBEELLE keeysatti dhabame. gurbaa kana Ellaan(edaan) Liyuu Police fii warana killilii shanii (naannoo Soomalii)tuu yeroo Mayyu Weeraraa jiran san Gobeelle ooyruu isaa keessaa ukkaamsanii fuudhanii Jijjiga geeysanii hidhan. Amma-ammoo MANNI Murtii Killilii shanii hidhaa bara torbaa (7) itti murteeysee jira. Yaa dhiiroo Muchaa kana Yakki saa maali? maal balleeyse? Muchaan kun Biyya isaa Oromiyaa,Lafa isaa fii Ooyruu Saa , Abbaa saa, Akaakilee fii Abaabilee isaa keessa jira. Daangaa biyya takkallee Seera cabsee hin seenne. Ka silaa murtiin haqaa itti muramuu qabdu, warra Daangaa Oromiyaa caphsee Yakka gurguddaa Ummata Oromoo fii qabeenya isarratti raawwataa turerratti muramuu qabdi.

 

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …