Oduu Haaraya

Jaarmayootni siyaasaa Oromoo sochii “Oromo First” jedhutti fayyadamuu danda’uu?

 

 

Abdii Boruutiin

 

Akkuma beekamu, bu’aalee qabsoon bilisummaa Oromoo (QBOn) argamsiise keessaa inni tokko fi guddaan Oromummaa badiirraa dandamachiisee cimsuu fi Sabboonummaa Oromoo guddisuu dha. Gabaabumatti ibsuuf, Sabboonummaan Oromoo Oromummaadhaan bilchaachuu dha. Oromummaan guddachuu fi dagaaguun isaa ammoo deebisee qabsoo kana cimsee galii hawwamutti geessa. Kanaaf, Oromummaa fi QBOn harka lamaan qaama tokkoo ti jechuun ni danda’ama. Dhibdeeleen mooraa QBO keessatti uumamani fi sababa kanaan heddoomuun jaarmayoota keenyaa, keessumaayuu ABOrraa fottoqanii gareelee adda addaa ijaaruun, hawaasota Oromoo keessattillee walqoqqooduu fi walitti gaarrefachuun akka uumaman taasise. Kun dhugaa lafarra jiruu dha. Haalli akkanatti uumame kun ammoo tokkummaa Oromoo laaffisee; akka alagaa fi diinni nu tuffatan taasise jechuu dha.

 

Alagaa fi diinni maaliif akka nu tuffatan irra deddeebi’amee waan ibsameef, waayee kana asitti kaasuu hin barbaadu. Haa ta’u malee, tuffiin isaan nuuf qaban kun akka hirribarraa dammaqnu fi maaliif tuffatamne jennee akka of gaafannu nu taasise ykn taasisa. “Oromummaa keessan dhiisaatii Itoophiyummaaf dursa kennaa…” nuun jechuun isaanii xiiqii nu qabsiisa. Maaliif eenyummaa keessan ibsitan jedhanii nurratti duuluun isaanii yoomiyyuu caalaa nu kakaasa. Isa kanatu sochiiOromoo First” jedhu dhalche. Sochiin kun ammoo akka dubbiiDhagaa tokkoon simbira lama…” jedhuu ti. Maal jechuu kooti? Sochiin kun karaa tokkoon duula alagaa fi diinaan nurratti godhamaa ture fi jiru ofirraa qolachuuf yoo ta’u; karaa biraatiin ammoo hawaasota Oromoo kan sababoota adda addaatiin gargar faca’anii, tokkummaa dhaban deebisee cimsuudhaaf akka tokkummaan ilmaan Oromoo jabaatu taasisa. Walumaagalatti, akka Oromummaan dursa argatu godha.

 

Oromummaan dursa argachuun ammoo, Oromoon gandaan, naanoo fi amantiidhaan akka wal hin qoqqoodne gargaara. Oromootni hunduu akka fedhii uummata ykn saba isaaniitiif waliin dhaabbatan taasisa. Akka dhimma waloo hubatan godha. Kun hunduu hojiiraa yoo oolan tokkummaan ilmaan Oromoo jabachuu fi cimuu danda’a. Tokkummaan keenya cimuun isaa ammoo akka diinaaf/diinaan hin gowwoomne; akka isaan jala hin kaanne; akka isaaniif meeshaa hin taane; akka olola isaaniitiin mooraan keenya hin laafne; sababa kanaan akka qabsoon bilisummaa keenyaa hin dadhabne taasisa. Kana birallee dabree, tokkummaan keenya cimuun humni mooraa keenyaa akka jabaatu taasisa. Humna cimaa fi abdachiisaa qabaachuun ammoo injjifannootti nama geessa. Injifannoon galii barbaadan ykn hawwan sana akka gahan nama taasisa. Kanaaf, Oromummaan dursa argachuun; ani ykn nuyi dura Oromoo dha jedhanii ofitti amanuun, bu’ura tokkummaa keenyaa ti. Tokkummaan keenya humna keenya. Humni diina sodaachisu fi injifachuus danda’u tokkummaa qofaarraa madda jechuu dha.

 

Gara mata-duree barruu kanaatti deebi’uudhaaf, jaarmayootni siyaasaa Oromoo, kan walaba ta’anii socha’an; kan diina jala kaatanii isaaniif meeshaa hin taane; kan kaayyoon isaanii bilisummaa fi abbaabiyummaa Oromoo mirkaneessuu ta’e; sochiiOromo First” jedhurraa bu’aa maal argachuu danda’u? Yookaanis ammoo akkamitti sochii kanatti fayyadamuu danda’u jennee yoo gaafii kaasne, waa baay’ee tilmaamuun ni danda’ama. Tokkoffaa fi inni hangafti ykn guddaan, hawaasota Oromoo keessatti, kan walitti mufatee ture deebi’ee walitti araaramuu fi waljaalchuun; afuura gaarii waliif qabaachuun; fedhii saba ofiitiif waliin dhaabbachuun; eenyummaa ofii “Oromummaa” yoomiyyuu caalaa cimsuu fi diina waloo dura dhaabbachuun; walirratti duuluu dhiisanii diinatti garagaluun… kun hunduu akka nagaa fi tasgabbiin mooraa keenya keessatti uumaman taasisu. Nagaa fi tasgabbiin yoo jiraate ammoo, hawaasota keenya kan dur caalaa ijaaruu fi cimsuun ni danda’ama. Howaasota ciminaan ijaaraman keessatti, jaarmayootni siyaasaas waliin cimanii qabsoo kana sadarkaa biraatti ceesisuu danda’u. Tokkoomuun hawaasota keenyaa, tokkummaan qabsaa’otaa fi jaarmayoota keenyaas akka uumamu hundee ta’uu danda’a. Hundee ta’uu qofaa otuu hin taane, jaarmayootni keenya, kan kaayyoo tokko ykn walfakkaata qaban, akka tokkooman dhiibbaa isaanirratti godhuu danda’a. Karaa kanaan jaarmayootni keenya sochii kanarraa bu’aa guddaa argatu jechuu dha.

 

Lammaffaa, sababa fedheenuu haa ta’u, kana booda, jaarmayaan Oromoo kan fedhii diinaa fi alagaa guutuudhaaf dhaabbate ykn dhaabbatu, kan isaaniif meeshaa ta’u, “Oromoo First” waan faallessuuf, afaanfaajjii uumuudhaan mooraa keenya keessatti, uummata keenyarraa gargaarsa takkallee argachuu hin danda’u. Beekumsi, dandeettii fi qabeenyi jaarmayaa akkanaarra oolu dhaabbatee; gara jaarmayaa fedhii Oromoo guutuutti waan deebi’uuf ykn deebi’uu danda’uuf, jaarmayootni Oromummaarratti hundaa’an qabeenya (resource) kanatti fayyadamuu danda’u. Jaarmayaan ykn jaarmayootni Oromoo beekaniis ta’ee otuu hin beekin; tooftaafis ta’ee fedhii dhuunfaa guuttachuuf jedhanii; Oromummaa faallessaa jiranis akka deebi’anii ofxiinxalan isaan godhuu danda’a. Sochiin Oromummaarratti hin hundoofne fi kaayyoon Oromummaa faallessu eessayuu gayuu akka hin dandeenye hubachuu danda’u jechuu dha. Yoo kana hin goone xumurri isaanii kisaaraa akka ta’u waan nama mamsiisuu miti.

 

Sadaffaa, akkuma sochiiOromo first” jedhu kanarratti ibsamaa jiru fi dhugaa waliigalaas ta’e, Oromoon bilisummaa fi abbaabiyyummaa isaa goonfachuu kan danda’u yoo humna cimaa, keessumaayuu humna waraanaa abdachiisaa qabaate qofaa dha. Yoo hawaasotni Oromoo dhugaa kanatti amananii fi yaada kana deeggaran, jaarmayaan ykn jaarmayootni siyaasaa Oromoo kan qabsoo hidhannootti amananii fi isa kanas gaggeessaa jiran hawaasota Oromoorraa deeggarsa fi gargaarsa guddaa argachuu danda’u.

 

Afraffaa, akkuma beekamu, Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) yeroo ijaaramu fi qabsoo kana hogganee geggeessu miidiyaa gahaa ta’e otuu hin qabaatin garuu uummata keenya dammaqsee, barsiisee fi kakaasee; injifannoolee hamma kana hin jedhamne argamsiise. Akka sochiin “Oromo First” kun karoorfatetti (akka ibsamaa jirutti) miidiyaa Oromoo guddaa, kan uummata keenya biyya jiranillee bira gahuu danda’u ijaaruuf natti fakkaata. Yoo karoorri kun hojiirra oole fi milkiidhaan xumurame, karaa kanaan uummata keenya dhimma isaatiif (dhimma Oromummaatiif) caalaatti kakaasuun ni danda’ama. Yoo uummatni keenya hunduu dhimma isaa fi kaayyoo qabsoo isaa hubatee ka’e, jaarmayaa ykn jaarmayoota fedhii uummata Oromootiif dhaabbatan deeggaruu fi gargaarsa barbaachisaa kennuufii danda’a. Jaarmayootni Oromummaarratti hundaa’an, karaa kanaanis sochiiOromo First” jedhutti fayyadamuu danda’u jechuu dha.

 

Egaa, faayidaan jaarmayootni Oromoo sochiiOromo First” jedhurraa argachuu danda’an kan asitti tuqaman kana qofaa miti. Bu’aalee baay’eetu sochii kanarraa argamuu danda’u. Murteessaan garuu sochii fi carraa kanatti fayyadamuu danda’uu dha. Akkamitti fayyadamuu danda’u? Gabaabumatti ibsuuf, jaarmayootni keenya kan kaayyoos ta’ee galii booddee tokko ykn walfakkaataa qaban, kan bilisummaa Oromoo fi abbaabiyyummaa isaa mirkaneessuuf qabsaa’an hunduu, yeroo afuurri tokkummaa hawaasota Oromoo jidduutti mula’chaa jiru kanatti, garaagarummaa isaanii dhiphisanii gara tokkummaa ykn tumsa qabsaa’otaa fi jaarmayoota Oromootti dhufuu qabu. Keessumayuu gareeleen maqaa ABO qabatanii bakka bakkatti hiramanii jiran walitti deebi’anii ABO cimaa tokko uumuu qabu. Warri walhubannoo labsanii jiranis, waayee kana yeroo dheeraaf lafarra harkisuu dhiisanii daddaffiidhaan tokkummaa dhugaa ijaaruu qabu. Yoo tokkummaan kun karaa lamaan (karaa hawaasota Oromoo fi karaa jaarmayoota keenyaatiin) walbukkee uumamaa deeme, humna cimaa fi abdachiisaatu mooraa keenya keessatti uumamuu danda’a.

 

Dhumarratti, akkuman yeroo tokko barruu mata-duree “Qubeen Afaan Oromoo mallattoo bilisummaa ti, dhalootni qubee ammoo abdii egeree ti” jedhu keessatti http://gadaa.com/oduu/11224/2011/10/15/qubeen-afaan-oromoo-mallattoo-bilisummaa-ti-dhalootni-qubee-ammoo-abdii-egeree-ti/  ibsuu yaale, sochi “Oromo First” jedhu keessatti kunoo dhalootni qubee abdii egeree saba keenyaa akka ta’an firattis diinattis agarsiisaa waan jiraniif, sochiin isaanii kun Oromoota hundaanuu deeggaramuu fi gargaarsa barbaachisaas argachuu akka qabu carraa kanaan, akka ilma Oromoo tokkootti, dhaamsa koo dabarsuun barbaada. Dargaggoota fi shamarran keenyaanis jabaadhaa Waaqni/Rabbi Ayyaanni Oromoo ija hamtuu isinirraa qabee; fedhiin keessanis akka guutamu isin haa gargaaru. Nuti har’as, borus, yoomiyyuu “Dura Oromoo” dha. Oromoo taanee dhalanne, Oromoo taanee jiraanna, Oromoo taanee duuna.

 

Galatoomaa!

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …