Oduu Haaraya

Mootummaan Wayyaanee maaster pilaanii duraan dhaabe jedhe maaster pilaanii irra hamaadhaan bakka buusuu isaa labsaa jira

 

Boruu Barraaqaatiin

Oduun gidduu kana gaazexaa biyya keessaa Reporter jedhamu irratti bahe ‘አዲስ አበባና ኦሮሚያ ለልማት ለሚነሱ አርሶ አደሮች የተሻለ ካሳ ለመክፈል በተናጠል ሕግ እያዘጋጁ ነው’ jedha. Qabiyyeen seera gama mootummaa Oromiyaatiin tumamaa jiruu maal akka fakkaatu ammatti kan hin beekamin tahu illee, kan gama Finfinnee garuu gabaasa kana keessatti addeeffameera. Mootummaan hattootaa kun gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoon kaasaa jiru dhahee of irraa cabsuuf tarkaanfii irra hamaa fudhachaa jiraachuu isaa agarra. Master pilaaniin duraa sun mormii jabaa Oromiyaa keessatti qabsiisee beekaa fi wallaalaa saba keenyaa hunda dammaqse. Xiyyeeffannoo miidiyaalee addunyaas hawatee kan sirnicha saaxiluu danda’e sababa cimaa tokkoof jedhamee amanamee ture. Sunis ‘Oromoon beenyaa gahaa malee lafa isaa irraa buqqifame, buqqifamaas jira’ kan jedhu.

Sirni Wayyaanee imaammata saamicha lafaa Oromiyaa keessumattuu kan naannawa Finfinnee jabeessee itti fufuuf tarsiimoon baafate kun hamaa dha. Kunis qonnaan bultoota sababa misoomaatiin lafa isaanii irraa kaafamaniif ‘beenyaa wayyaa’dhaan gowwoomsanii akka hin fincilleef afaan isaa cuqqaaluu kan jedhuu dha. Kana hojii irra oolchuuf jechas bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi kan Oromiyaa seera dhimma kanaaf yaadame mata mataatti tumachaa jiran jedhameera. Kana irraa kan hubannu, sirni Wayyaanee har’as gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoon kaasee wareegama qaaliis itti kafalaa jiru fudhachuu diduu isaa ti. Fudhachuu diduu qofa osoo hin taane, inumaa daranuu Oromoo qubsuma abaabilii fi akaakilii isaa irraa buqqesee halagaa dhaalchisuuf xiiqeffatee hidhatee kahuu isaa agarra. Ummata guddaa walakkaa lakkoofsa ummata biyyattii walii galaa tahu kanaaf tuffii gadi fagoo qabus kanumaan agarsiifachaa jira.

Gaaffiin Oromoo dhimma lafa Finfinneetiin wal qabatee guutuu Oromiyaatti ibidda fincilaa qabsiise gaaffii beenyaa miti. Gaaffiin ummanni keenya baatii afran shanan dabraniif wareegama qaalii itti kafalaa har’a gahe beenyaa gahaa nuu kennaatii bakka biraatti godaannee jiraannaa kan jedhuuf miti. Gaaffiin Oromoo bu’uurri qabsoo bilisummaa dhalchee abbootii kaleessaa irraa gara dhaloota haaraya ammaatti darbuu danda’e gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo ti. Dhaadannoon ummata keenya fincila guutuu Oromiyaa keessatti geggeesseedhaa guddaan ‘Oromiyaan kan Oromoo ti !’ kan jedhu dha. Dhaadannoon kun maallaqaan hin jijjiiramu. Gatii ‘beenyaa wayyaa’ jedhamuun hin gurguramu. Oromoon mirga abbaa biyyummaa isaa maallaqatti gurguree of salphisee biyya isaa alagaaf gadhiisee hin godaanu. Sababni isaas, gaaffii sabichaatu gaaffii beenyaa miti. Gaaffii Oromootu lafa handhuurri keenya itti owwaalame gadhiifnee hin godaannu kan jedhu. Akkuma kaleessa gosti Oromoo Gullallee fi Ekkaan faa Finfinnee keessaa buqqifamanii dhabamsiifaman har’as tartiibumaan Oromoo horiidhaan gowwoomsanii biyya dhabilee taasisuutu hojii irra oolaa jira.

Diinni karoora haarawa ittiin as bahaa jiru kana yeroo baasu sababa gurguddaa sadiin injifannoo nuu argamsiisa jedhee yaaduu irraa akka tahe tilmaamuun nama hin dhibu. Kunis:

1. Ummanni Oromoo, keessattuu kan ollaa magaalaa Finfinnee jireenya hiyyummaa fi gadadoo keessa bara dheeraaf akka jiraate wal hin gaafachiisu. Waan taheefis, maallaqa maqaa ‘beenyaa gahaa’ jedhuun itti kennamuu fi ‘qubsuma haaraa isinii tottolchina’ jedhuun akka gowwoomfamuu malutu tilmaamame. Guutummaattis yoo tahuu baate illee gariin hawaasa kanaa rakkoo hamtuu har’a harkaa isa qabdu keessaa humna maallaqaatiin bahuuf hawwuu irraa tooftaa kanatti harka kennachuu mala.
2. Dubbiin maallaqaan gowwoomsanii Oromoo biyyaa fi qabiyyee lafa isaa irraa buqqisuu kun hawaasicha keessatti yaada wal dura dhaabbatu lama dhalacha jedhamee tilmaamame. Yaada karoora haaraa kana ni fudhanna fi hin fudhannu jedhu dhalchee gurmuu diddaa Oromoo gargar nuuf qoqqoodaa dha. Sadarkaa dammaqiinsa hawaasa keenyaa irratti hundaawuun gariin dubbii mirga abbaa biyyummaa hegeree laalee toftaa diinaa kana yoo itti dammaqee didu, gariin ammoo har’uma waan argataniin gammadanii jiraachuu filachuu irraa karoora diinaa kana wallaalumaan eebbisee fudhachuu ni mala. Diinni kan barbaadus yaadaan wal qoqqooduu hawaasa keenyaa dhalchuu dha waan taheef kana daranuu hammeessuuf halkanii guyyaa irratti hojjeta.
3. Iyyanni ummanni Oromoo lafa keenya irraa hin buqqaanu jedhu tumsa ummata ollaas tahee kan idil addunyaa horachuu irratti kana booda akka rakkoo mudatu gochuun hawwii diinaa isa sadaffaa dha. Karoora duraan hojii irra oolaa ture keessatti Oromoon lafa isaas dhabaatu beenyaa ittiin of utubus dhabuu ture. Kan ammaa kana keessatti garuu rakkoo kee siif hubannee kunoo gatii lafa keetii sii laanneerra jechuuf qophaahame. Beenyaa gahaa argannaan maal barbaadan ree gaaffii jedhu alagoota silaa nu tumsan biratti maddisiisuutu yaadame. Lafa fudhatameef beenyaa gahaa argachaa didanii falmachuun farra misoomummaa ti, farra biyyoolessummaa (Itoophiyummaa) ti jedhamnee akka halagaa silaa haqa keenya tumsuun abaaramnu barbaadame. Keessumattuu warra Oromoon Oromummaadhaan jaaramee socho’uu irraa rakkoo qaban biratti ‘rakkoo dhiphummaa’ jedhamee akka harka lafa jalaatiin Wayyaaneee deeggaran sossobuu kajeeluunis as keessatti calaqqisa. Kanaan qabanii Oromoo tumsa-dhabeessa godhanii kophaatti baasanii rukutuu dha.

Haa tahu malee, galanni qabsoo Oromoo kan sabboonummaa sabichaa qaree sadarkaa kanaan gaheef haa tahuutii, hawwiin diinaa kun sadanuu gonkumaa hin milkaahu. Ummanni keenya wayyabatti dantaa har’aan sobamee mirga abbaa biyyummaa isaa dabarsee maallaqatti gugura jedhamee hin sodaatamu. Gaaffiin Oromoo durattis taanaan gaaffii mirga abbaa biyyummaa ti jenneerra. Dhaadannoo fincila keenyaa guddaanis ‘Oromiyaan kan Oromoo ti’ dha. Kanaafuu dachiin Oromoos miliyoonni dhiisii tiriiliyoonaan gurguramee harka Oromootii bahuu kan eehamu hin jiru. Maallaqni hangamuu kafalamu qilleensa irra afamee lafa ofii fudhatame san bakka namaaf hin bu’u.

Amma imaammanni Wayyaaneen Oromoo irratti qabattee jirtu imaammata xiiqii diinummaa akka tahe ifatti mul’achaa jira. Waan Oromoo irratti gochuu yaadne humnaan yoo goochuu dadhabne irree maallaqaatiin raaw’annee isin agarsiifna kan jedhu fakkaata. Humna maallaqaatiin Oromoo yaadaan qoqqoodanii, tumsa halagaa irraa ciranii kophxeessanii akka hawwanitti jilbeenfachiisanii itti fufuu barbaadu. Dugda Oromoo irraa bu’uuf gonkumaa qophaahanii hin jirani. Shira isaan yaaduu danda’an kana Oromoon kan yaaduu hin dandeenye itti fakkaata. Oromoon maallaqaa biyya isaa irraa kuntaalaan fe’amee godaanaa jiiu irraa rabxaa tokko baasanii itti kenninaan akka afaan qabatee bitamu godhanii yaaduu keessaa hin dammaqne diinonni keenya. Odoo qalbii qabaatanii dhugaa tokko qofa yaadachuutu isaan gaha ture. Guyyaa gaafa karoora maaster pilaanii san dhaabnee jirra jedhanii labsanii qabee silaa fincilli Oromiyaa keessaa guutuutti dhaabbata ture. Garuu sana boodas hin dhaabbane, inumaa daranuu jabaatee itti fufe. Sababni isaas, gaaffii Oromootu gaaffii dhimma master pilaanii qofaan kan murtaawe osoo hin taane gaaffii mirga abbaa biyyummaa walii galaa ti.

Kanaafuu dhaammannoon qabnu ifaa fi gabaabaa dha. Akkuma Wayyaaneen xiiqeffattee waan nurratti karoorfatte raaw’achuuf ciniinnataa jirtu, nus xiiqeffannee mirga keenyaaf cichinee ciniinnannee falmachuu malee fala hin qabnu. Wareegama gootota keenya fincila deemaa iiru kana irrattis tahe qabsoo sana duraa keessatti wareegamaniitti gatii gochuuf falli jiru sirna kana waan dandeenyu maraan loluu jabeessinee itti fufuu qofa. Dhaadannoo keenya ‘Oromiyaan kan Oromoo ti’ jedhu irra deddeebinee kaabaa hanga kibbaatti, bahaa hanga dhihaatti sagalee guddaa fi sodaachisaadhaan dhageessisuu dha. Kabajaan ummata Oromoo fi biyya isaa Oromiyaa maallaqaan akka hin jijjiiramne diddaa jagnummaatiin diinatti agarsiisuu itti fufuu dha.

Kana mirkaneessuuf ammoo qoodni hayyoota keenya biyya keessaa fi alaa jabaa tahuutu irraa eegama. Ummata keenya keessaa warra hanqina dammaqiinsaatiin salphaadhumatti kiyyoo diinaa kana keessatti kufuu malan barsiisuu fi dammaqsuu feesisa. Shira diinni karoorfate saaxilanii itti garsiisuun akka inni maallaqa diinaa lagatee kabajaa isaaf dhaabbatee falmatu barsiisuu fi dammaqasuun qooda warra dammaqee ti. Dubbiin lafaa dubbii lafee ti malee dubbii farankaadhaan jijjiiramu miti. Akkuma diinni xiiqeffatee nu salphisuu filate nus xiiqeffannee finiinnee falmachuu qofatu nu baasa.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …